Kutaa 6fa
6. Moototaafi Aanga’oota Oromoo Bara Jiddugalaa
Yeroo baay’ee seenaan mootota Itoophiyaa yoo ka’u, kutaalee kaaba Itoophiyaa keessaa ka’uun namoota biyya bulchaa turan qofarratti akka xiyyeefatamaa ture ni beekama. Kunis mootota amantii Kiristaanaa keessaa ba’aniifi sanyiin dhalootasaaniis afoola mooticha Solomoon isa Yihudootaarra dhalachuun sanyiisaanii dhahatan ykn hedaniin wajjiin qofa walqabsiisuun ta’uusaaniin kunyaa ta’u malee, akka bal’ina biyyattii kanaatti moototni Isilaamaa wiirtuu ofii qaban Ifaatiifi Sulxaannoonni hedduu akka jiran seenaan ifa godha.
Mootonni kunneenis Ifaat, Dawwaaroo, Sherkaa, Harar, Darraa, Awusaafi Haragaay akka turan seenaa keessatti himamaa ture. Hubannoo kana erga argannee yeroo biraa hanga itti deebinutti kana asirratii dhiisnee, kanatti aansuun mootota Itoophiyaa bebbeekamoofi namoota seenaa keessatti cimaa ta’aniifi aanga’oota keessa dhalootasaaniin Oromoofi Oromootti maxxanuun kan aangoo biyya kana qabataniifi hanga dhuma jaarraa 17fa keessatti mootummaa Kiristaanaa wajjin tokko ta’uun hojjatan ykn jiraatan tokko tokko fudhanne yaa ilaalluu.
Inni duraa Mootii Yikunu Amlaak yoo ta’an, mootichi kun akkuma ifa ta’e, haatisaanii intala ‘Azzaazyi’ Caalaa kan taate Giiftii Hawwii Caalaati. Innis aangoo kan qabate bara 1270 keessa yoo ta’u, aangoo mootummaa kan qabachuu danda’e Oromoo Boorana (Walloo), Salaalee, Mogor /Meettaa, Ada’aa, torban Walloofi maatiisaa wajjin waraana Oromoofi Amaarinyaan jedhamuun gargaaramuun akka turee dubbatama. Akaakayyuusaa ‘Azaazyi’ Caalaan nama beekamaafi abbaa waraanaa ta’uunsaas kan isa gargaaree yoo ta’u, Yikunu Amlaak gara haadhaan akka Oromoo Booranaa /Walloo/ tureefi mootummaa dhuunfachuu akka danda’e dubbatama.
Kana malees gargaarsa luba beekamaa yeroo sanaa Abbaa Takleen muudamee gara aangootti akka dhufeefi gargaarsa Abbaa Takleen isaaf godhanis lafaafi qabeenya biyyattii keessaa siisoo (1/3) akka mana sagadaaf /Church/ kennamu waadaa galuun ture. Kunis hanga bara 1966tti seeraa biyya kanaa keessatti hojiirraa ooluun Manni Sagadaa Ortodooksii qabeenya guddaa biyyittii mootota wajjin qooddachaa turte. Yookiin kan qabeenya biyyaafi uummataa qooddachaafi gabbarsiisaa turte. (G.Taklaayimanoot.1954).
Gama biraatiin seenaa kanaan dura jaarraa 10fa keessa ture babal’ina amantichaa mormuun Oromoonni tokko tokko Abbaa Libaanoosiifi nama Hora jedhamuun kan walqabatuudha. Abbaa Libaanoos kan jedhamu Molokseen Kiristaanaa baroota 890 keessa gara lafa amma Dabra Libaanoos jedhamu dhufee amantii barsiisaafi babal’isaa turan. Abbaa Biyyaa kan ture Horaan akka barattootasaa ajjeeseefi isaaniis achii ari’ee ykn kaase seenaasaanii keessatti ifa ta’ee ture. Maqaan Hora jedhu kuniis Oromoonni akka naannawaa sana turan ifa kan godhuufi beekamuudha. Yaa ta’u malee walitti bu’iinsi kun maaliif akka ta’e ifaa miti. /Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16fa 1989/.
Seenaa Abbaa Taklaayimaanootifi Oromoo: Molokseen kun otoo hindhalatiin dura duula Mootii Lammii inni Daamoot bulchaa ture raawwateen kan walqabate yoo ta’u, haatisaa mootiin Kemaan booji’amtee akka namni kun ishee fuudhe seenaa dhaloota Abbaa Taklee keessatti kan beekamudha. Booda gara biyyaatti deebitee Abbaa Taklee akka deesse kan dubbatamuu yoo ta’u, Abbaa Takleen kan dhalatan bara 1198 yoo ta’u, kan du’an immoo bara 1297dha.
Namni kun otoo hindhalatiin dura Mootii Lammii kan jedhamu naannoo Daamoot (Gojjam, Shawaa Kaabaa, Walloofi Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa) walitti qabuun akka mootiitti kan bulchaa tureedha. Kunis ragaa ummanni Oromoo durumaa kaasee biyya kana keessatti jiraataa ta’uusaa malee iddoo baay’eetti qoodamee mootummaa sirna Gadaa, mootummaa abbaa aangoo tokkoofi Sulxaanootan of balchan kan jiraacha ture akka ta’e kan agariisuudha.
Daamoot iddoo baay’eetti Daa’imaat jechuun seenaa keessatti kan beekamuudha. Kana malee kuun sirna Gadaafi sadarkaa siyaasaa olaanaarra gahee, kuun immoo mootummaan bulaa (Monarchy) akka ture kan mul’isuudha. Kanaan walqabatee Abbaa Takleen guddatee luba olaanaa yoo ta’u, gara mootii Lammii deemuun akka abbeeraasaa mootichaafi ummatasaa amanticha fudhatan barsiisanii cuuphaa taasisaniif dubbatama. /Hojiifi Raajii Abbaa Taklee (1954)/.
Kan biraa mootii inni seenaa Oromootiin walqabatee ture Amda Tsiyoon yoo jedhamu, mootichi kun kan aangoorra turan bara 1314-44 ta’e dhalootaan naannawaa Walloo Kibbaa ta’ee akaakayyuu mootii Yikunu Amlaak nama tureedha. Namni kun akkuma akaakayyuusaa haati warraasaa intala Oromoo kan taateefi maqaan ishee Jaan Mogosaa “Daadhii” nama jedhamtuudha. Amda Tsiyoon nama Muslimootaafi Oromoota naannoo Walloo, Dawwaaroo, Raayyaafi Ifaatiirratti duula guddaa gaggeeessee dhumiinsaafi saamicha guddaarratti raawwateedha. Mootiin kun yeroosaatti nama kitaaboota hedduu barreesiiseefi rabsaa ture yoo ta’u, kanaaniis mana sagadaa kiristaanaan akka barreeffamu moormuun walitti bu’e ta’uu dubbatama.
Mooticha Amda Tsiyoon booda kan ka’emmoo mootii beekamaan Zarayaa’iqoob 1434-1468 keessa kan jirate yoo ta’u, innis nageenya ummata bulchaafi saboota biroo wajjin bulchuufi Oromoo wajjin firooma uumuuf jecha intala Oromoo kan taate, kan warra Garaad Mohaammad Maknoon nama jedhamtu Zaan Zeelaa jedhee moggaasuun fuudhe. Kunis gaa’ela siyaasaa akka ture kan ifa godhuudha. Maqaan mootummaa ishee Zaan Zeelaa jedhamusaa hanga lafa, ykn biyya Zeelaa ga’utti akka bulchan hawwii qaban ibsuuf fakkaata. Mootichi kun wanti biraa kan inni itti yaadatamu tokkoffaan fuulaafi qaama namootaarratti masqala tumataniifi humnaan akka kiristaana ta’aan gochuu yoo ta’u, lammaffaan immoo beekumsa qabuun kitaaba hedduu barreessaa akka ture dubbatama.
Mootiin ittaansuun bara 1468-1478 turemmoo Mootii Ba’iida Maariyaam kan jedhamuudha. Mootiin kun seenaa walitti dhufeenya Oromoo wajjin inni qabu iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, haatisaa Oromoo yoo taatu, haatii warraasaas intala Garaad Mohaammad Bantii; Illeenii Mogas kan jedhamtuudha. Mootichi kun nama baroota 1470 keessa biyya Itoophiyaa xinnittii ykn Abisiiniyaa /mo’aa/ turaniidha; (M.R. 1984:256 Adimaasuu Alamaayahu 2008).
Mootiin kunis gara tokkoon Oromoo akka ta’eefi saba Oromoo wajjin jiraachuuf hariiroo gaarii akka qabu mul’isa. Yaa ta’u malee rakkoo abbaan mooticha kun duraan uumaan yeroo tasgabbiin itti hinmul’annedha.
Ittaansuun kan Oromoorraa dhalatee mootichi bara jiddugalaa ilmii Ba’iida Maariyaam Naa’ood yoo ta’u, innis kan fuudhe intala Tulluu Baddeessaa Illeenii 2fa yoo taatuu maqaanshee kan Oromoo yeroof hinbeekamnee barrisaa 1490 keessa akka ture beekama. Dubartoonni kunneen iddoon dhalootasaanii naannawaa Kibba Walloo qabee hanga lafa Malkaa Hawaas ga’uutti /Dawwaaroo/ akka ta’e himama. /Takla Tsadiiq/ Marii Raas Balaay 1984 Admaasuu, Alamaayyoo, 2008); Taaddasaa Hundeessaafi Girmaa Alamaayyoo: A History of Ethiopia /1989/.
Mootiin Naa’ood erga du’ee booda ilmiisaa Libina Dingil bara 1500 aangoo qabate. Innis akkuma abbaasaa intala Oromoo Lelee Jaarraa nama jedhamtu fuudhe isheeniis mooticha kanaaf ilma Fiiqii Xoor jedhamu deesse. Mootittiin tun abbaan ishee nama beekamaafi masaraa moototaa keessatti ajajaa warana olaanaa kan tureedha; yeroodhuma kana mootiin Libina Dingil warra Awuroppaa /Poorchuugaaloota/ wajjin akka michooman waan dhaga’ameef walmorkii deggartoota garee Isilaamaafi Kiristaanaa jidduu ture masaraa mootichaa keessatti jabeessuun eegalame.
Haaluma kanaan gargaarsi biyya Turkiifi Arabaa waan dursee qaqqabeef humni warana muslimaa jabaachuun sochii guddaan eegalame; yeroo warana kanaa mootichis Oromoota duraan isa deggaraniin waan walitti bu’eef maatiinsaa walakkaa waranaan booji’aamanii inni ofiisaatiif baqate. Kana booda warana muslimotaan moo’amee gara kaabaatti Bahira Nagaash Dooriitti baqachuun gale.
Yeroo kana soddaan mooticha Bahira Nagaash Doorii Tulluun akka mootii naannoo Argiigoo bulchaa nama ture ta’uutu beekama. Biyyi kun Tigraayi Kaabaa dabalatee hanga Galaana Diimaa ga’uutti kan hammate yoo ta’u, Bahira Nagaash Doorii akka naannoo kana bulchaa turan seenaa bara 1470-1530 keessatti ni beekama; Eessumni nama kanaas Tulluu Baddeessaa ajaja waraana gara bahaa/Dawwaaroo akka ture beekama.
Gama biraatiin, Abbaan Duula Faanu’eel Tulluu namni jedhamuu Oromoo yeroo sana gara mooticha ta’anii waraanni musliimootaa akka gara kaabaatti hinfullaane naannawaa Dawwaaroo/Ituu ta’uun kan ittisaa ture akka ta’e seenaa keessatti ni beekama; yeroodhuma kana waraana Sulxaanoota keessa cimaafi dursaa kan turee Ahimad Giraanyi abbootii waraana kiristaanootaafi mootii Libna Dingil mo’achuun biyya dur Itoophiyaa jedhamuufi kan ammaa tanas dabalatee walitti qabuun bulchuuf kan ka’ee ta’u ibsee duula cimaa gaggeessu eegale.
Giraanyi Harargee kaasee hanga Sudaan Kaabaa ykn Nuubiyaafi bahaa, kibbaan Somaaliyaa walitti qabee waggoota 15fi kan mo’aa turee ta’uusaa malee namni kun waggoota dheeraa dura saboota hedduu dur kaabaafi Bahaa Afrikaa kan ummata tokko ture walitti fiduun siyaasaa tokko jalatti akka bulan nama godheedha. Kanaaf Somaaloonnis ta’e Itoophiyaanoonni heddu akka mootiisaaniitti akka ilaalaa turan dubbatama /saba kiristaana malee/. Ahimad Giraanyi haatii warraasaa Oromtitti Baatii Dili Wambaraa akka jedhamtu beekama. Kana malee humnoota Oromoos akka Raayyaa waraanaatti gargaaramaa akka ture himama. Kunis Sulxaanichi mataansaa Oromoodhaan walitti dhufeenya guddaa akka qabu kan ibsu yoo ta’u, kana malees Raayyaan waraanaasaa Oromoota akka turaniidha. (Mahammad Hassan 1990, maanguddoota Dabralibaanoos, 1989, Marii Ras 1984;)
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013