Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 5fa

Seenaa ardoota siyaasaa, daldalaafi amantii dur durii kan akka naannawa Malkaa Abbayyaa  kanneen akka Suuba, Saaba, Nappaata,  Marawweefi boodas Aksum magaalota saboota Kuushiin baroota adda addaa keessa, duraa duubaan hundeeffamaniidha.

Jijjiiramaafi kuufaatii wiirtuuwwan daldalaafi siyaasaa kanaaf dhimmi guddaan duula guddaa yeroodhaa gara yerootti godhamaa tureefi ummattoota naannawa  Arabiyaafi Galaana Meditraniyaanirraa buqqa’uun gara naannichaatti godananiin akka ture ragaan ni ibsa. Kana malee olaantummaa siyaasaafi daldalaa argachuuf walitti bu’iinsa jidduusaanii tureen kufaatiifi jijjiiramni yeroo boodaa kun dhimma akka ta’e dubbatama.

Duulli guddaan Peershiyaa, Girikotaafi Faarsi jidduutti gaggeeffame, humna namaafi Arboota (Elepant) waraanaaf ta’an barbaacha gara Itoophiyaafi Hinditti akka socho’aniifi ummatoota Afrikaa kaaba bahaas akka loltuutti itti fayyadamuuf gabroomssaafi akka jeeqaa turan seenaan ni ibsa.

Kana malees yeroo duullii Maqedooniyaafi Faarsi (Baabiloon) wajjin godhamaa turetti Saboonni naannawa Meditraniyaan jiran heddu biyyarraa buqqa’anii akka gara Itoophyaa seenaniifi mootichi Aksum Afalaasiis simannaa gaarii akka godhe himama. Kunis gurri mootichaafi haalli qubattoota kanneen itti simate hanga biyya jiddugala bahaatti beekamtii akka argatu isa godhe.

Sochiin kunis aadaa ummata naannawichaarratti keessumaa Kuushotarratti dhiibbaa guddaa akka gochaa tureefi wiirtuuwwan daldalaasaanii diigamuu qofa otoo hinta’in, irraa buqqa’uun wiirtuu haaraan gara kibbaatti akka hundaa’uu gochaa ture.

Dhaloota Kiristoos booda baroota 400-900tti yoo dhufnu immoo yeroo seenaa guddinaafi kuufaatii mootummaa Aksuum kan itti mul’ate ture. Kana booda mootummaan Laastaa (Agawoota) waan hundeeffameef aadaan saboota Kuush dhorkame dagaaguu yeroo itti eegaleedha.

Yeroo kana Oromoonis qaama mootummaa Daamoot(Oromoo)fi Agawootaa ta’uun nageenyaan akka wajjin jirachaa ture dubatama. Daamoot kan jedhamu kana beersitoonni hedduu “Daa’imat” jechuun barreessu. Yaa ta’u malee Daamoot jecha Oromoofi Maqaa Gosa Oromoo Gojjamiifi Wallaggaa akkasumas Shawaa Kaabaafi Lixaa keessa jiraataniidha.

4. Saba Oromoofi babal’ina amantaa baha jiddugalaa

Dhaloota Kiristoos booda bifa adda ta’een sochiin ummataafi buqqa’iinsi naannawaa Galaana Meditraaniyaaniirraa jabaachaa waan dhufeef, namoota duraan baha jiddugalarraa gara kaaba bahaa Afrikaatti seenan malee ammas gara biyoota naannawaa Meditraniiyaanirra’is gara Itoophiyaatti seenuu eegalan.

Namoonni kunis biyyoota yeeroo ammaa, Turki, Xaaliyanii, Sooriyaa, Misir, Giriik, Qophroos, Palistiiniyaa Arabiyaa, Yamaniifi Israa’eelirraa yoo ta’an, dhimmi sochiifi buqqa’iinsi kanaas hubannoofi baruumsa amantaa kiristaanaafi Islaamaa jidduutti garee uumameerraa kan ka’eedha.

Hayyoonni amantichaa Sababeeffachuun buqqa’aniifi isaan duukaa gara Marawwee, Itoophiyaa, Punti, Daahilaak, Misiriifi kkf dhufan kun yeroodha gara yerootti bay’achaa deemuun aadaafi amantiin naannawichaa akka jijjiramu taasisan.  Kunis naannawa kanatti jijjirama guddaa akka taphachaa turan ifa godha. Kana keessa seenaa mana sagadaa Kiristiyaanaa Itoophiyaa keessatti namoota saglan qulqulluuwwan kan jedhaman fudhachuu ni dandeenya. Isaaniis:

 1fa Abbaa Zamiikaalee (Abuna Aragaawii) Romirraa 2fa Phenxeleewoos, 3fa Yisichaa  (Roomirra), 4fa Abbaa Liiqaanoos (Qosxinxiiniyaa), 5fa Abbaa Yimtaa (Qeesariyaa Ixaaliyaa), 6fa Abbaa  Ihimiyaa (Atsookkiyaa Ixaaliya), 7fa  Abbaa Kaliiqiyaa (Griiki), 8fa Ofdeeyaa (Isiyaa), Turkiifi Ixaaliyaa 8fa Abbaa Afisee Isiyaarraa9fa Abbaa Aleef (Qeesaariyaarraa) akka dhufan beekama.

Jarreen kunniin jalqaba mootota yeroo sana Aksum turaniifi amanticha cimsuun waan lallabaniif Kiristaana warreen isaaniin dura biyya kana keessa turan jabeessuufi qindeessuurratti gahee guddaa akka taphatan seenaan mana sagadaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa warra qabaniidha.

Gama biraatiin babal’ina amantii kana keessatti namoota amanticha hinfudhanneefi isaan morman balleessuufi iddoo jiranirraa buqqisuun walitti bu’iinsi haaraan naannawichatti akka uumamu gochaa kan turan ta’uu nama hubachiisa.

Gama seenaa Oromootiin walqabatee kan jiru Dhaloota Kiristoos dura baroota 480 keessa faarfannaasaatiin kan beekamu Yaareed barumsasaa Aksum keessatti eegalee kan ture dhiisuun eessumasaa jalaa yoo baqatu gara biyya Mandabaayi (Oromootatti) baqate jedha. Kana booda garuu raajii itti mul’ateen gara eessumasaatti deebi’ee dhiifama gaafatee barumsasaa ittifufuun boodas baratee nama beekamaa akka ta’e dubatama.

Kunis bara eerame kana keessa gara lafa Oromoon jiru jedhee seenaa keessatti ibsamuunsaa naannawa Aksum akka sabni kun yeroo sanas ture ragaa gudda akka ta’e ifa godha. Itti dabaluunis namoota dhimma adda addaan rakkataniif Oromoon dawoo guddaa akka ta’e kan ifa godhuudha.

Gama biraatiin Dhaloota Kiristoosiin Dura baroota 623 keessa amantiin Islaamaa Arabiyaa keessatti yoo dhalatu, walitti bu’iinsa ka’een namoonni hedduun gara Itoophiyaa kaabaafi bahaatti kan baqatan yoo ta’u, kana keessaa Intala Mahammad Raajichaa (Nabiyyichaa) dabalatee gara biyya kanaa akka seenan beekama.

Yeroodhuma kana mootichi Itoophiyaa bulchaa ture mootii (Atsee) Al Nagaashii akka ture kan beekamu yoo ta’u, namni kun baqattoota kanneen yoo simatu jecha Oromoo “Ashamaa! Ashamaa! Ashamaa!” jedhutti akka gargaarame ragaan barreeffamaa ni ibsa.

Kunis Oromoon Itoophiyaa kaabaa, naannawa Aksum akka tureefi jirachuu malees ummata sadarkaa hoggansa mootummaarra jiru ta’uu kan mul’isuudha. Gama biraatiin immoo Ashamaa! Ashamaa! jechuun simachuunsaa Afaan Oromoo yeroo sanatti afaan ummataafi dippiloomaasii naannawichaa ta’uu kan ifa godhu yoo ta’u, seenaa kanarraa waa hedduu hubachuun ni danda’ama.

Kana malee maqaadhumti mootii kanaa Nagaashii otoo hinta’in “Nagaasee” akka ta’e barreeffama afaan Arabaarraa akka hubatan maanguddoonniifi sheekonni Sambatee ni dubbatu. (Hajii Hasan Basalee Maanguddoota Walloo Kibbaa Sambatee 1989). Yaadni kunis qorannoof banaadha jenna.

Walitti bu’iinsaafi mormii amantoota, Yihuudiin, Kiristaanaafi, Islaama, malee akkasumas amantoota durii (Waaqeffataa) jidduutti tureen mootummaan Aksum dadhabee yoo kufu, irra jireessi ummata naannawa sanaa hordoftoota Amantii Yihudotaa mootummaa Zaaguweetiin deggaramuun waltajjiitti dhufe. Yeroo kana tasgabbiin amansiisaan yeroodhaaf mul’atullee ittifufiinsaan yeroo dheeraaf turuu hindandeenye.

Mootonni Agawus booda kansaanii dhiisanii  amantii kiristaanaa waan  fudhataniif mormiin aangoof godhamu akka haaraatti ittifufe. Dhaloota Kiristoos Dura bara 919 mootichi Marhaa Taklaayimaanot yoo aangoo qabatu ummatoota muuda ykn harkafuuchaa fidaniif keessaa kan Mandabaayi (Oromoo) Azaloo, Raayyaafi Saboota Tigraay, Gaafaat, akkasumas Oromoota Daamootiifi kkf isaan beekamoodha.

Ragaan kunis Oromoon jireenyaafi hirmaannaa mootummaa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa akka qabaachaa ture kan ifa godhuudha. Mootummaan warra Zaaguwee Dhaloota Kiristoos dura bara 919 irra kaasee hanga bara 1270 ykn waggoota 361tti  mootumma Itoophiyaa kaaba erga hogganaa turee booda namni gara haadhasaatiin Oromoo ta’e ykn ilma Hawwii Caalaa, Yikunoo Amlaak mootii moototaa ta’e. Kunis aangoon gara Kuushotarraa gara sanyii mootii Salamoon ykn Seemotaatti yeroo ce’umsi itti godhameedha.

5. Mootota Itoophiyaafi Hariiroo Oromoo Waliin qaban

Mootota bara jiddugalaa keessatti aangoo olaanaa  qaban keessaa tokko mooticha Yikunoo Amlaak Dhaloota Kiristoos Dura bara 1270 irraa kaasee akka ta’eefi seenaan Oromoofi hariiroon mootota Itoophiyaa maal akka fakkaatu hubachuun nu dandeesisa. Mootummaan Zaaguwee sanyii mootii Salamoon angoorraa fonqolchee kan hundeesseefi boodas mootii Yikunoo Amlaak gara dhaloota haadhasaaniitiin Oromoo ta’uu ragaan ni ibsa.  

Seenaan akka ibsutti, haati Yikunoo Amlaak Oromoo yoo taatu,  gara abbaasaatiin sanyii Solomoon yaa jedhamu malee namni kun Oromoo ta’uusaa beekuun mootonni Laastaa akka mormaa turaniifi kanaanis walittibu’iinsi akka ture mul’isa. Gama biraatiin jaarraa kana keessa mo’achuuf Yikunoo Amlaak gargaarsa humna Oromootaatiin fala akka argate kan mul’isuudha.

Yaadni kunis Oromoon akkuma Dhaloota Kiristoosiin Dura aangoo biyyattii keessatti iddoo olaanaa qaban jaarraa 13fa keessa sadarkaa mootummaa biyyattii hogganuurra akka turan kan hubachiisuudha. Kana keessaa akaakayyuun mootii Yikunoo Amlaak Azaach Caalaan mootummaa Zaaguwee keessatti sadarkaa Azaachi ykn hayyuu olaanaa ta’uunsaanii ragaa guddaa ta’uu danda’aa. Kunis aangoo olaana qabaachuunsaa qubsumniifi maddi ummata Oromoo biyya kanaa ala ture warra jechaa tureef, madda odeeffannoofi ragaa ykn wabii gaarii ta’a.

Ittifufa...

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You