Kutaa 4fa
Bifuma kanaan walitti dhufeenyaafi walfakkii ummata Oromoofi Saboota damee Kuushirraa maddan saayinsii xinqooqaafi sanyaba (linguistics and Antroograpological evedens) fudhachuu ykn irratti hunda’anii qorachuun dhugaan kun akka ifa ta’e godhameera.
Ragaaleen qo’annoofi qormaata seenaa Oromoorratti mul’atan yeroodhaa gara yerootti baay’achaafi tooftaan qormataas bilchinaan waan itti fufeef seenaafi madda akkasumas qubsumni ummata kanaa eessa akka ture dhawaataan ifa ta’aa jira. Haaluma kanaan hojiilee qormaata barreeffamaan ifa ta’an malee afoolaafi hambaalee akkasumas argama Arkiiyooloojii akka wabiitti fudhachuun seenaan jireenya Oromoofi qubsumnisaa kaabaafi bahaa Afrikaa keessaa biyya amma Itoophiyaa jedhamtu dabalatee kaaba bahaa Suudaan, Eritraa, Somaalee, Keeniyaafi biyyoota haroowwan keessatti iddoo guddaa akka qabu beekamadha jedhu.
Kanaa ala Oromoon Aadaafi Amantaan walqabsiisee eenyummaafi biyyasaa Itoophiyaadhaa ala jedhee yeroon inni itti dubbate seenaa keessatti hinmul’atu. Dhugaan jiru garuu sochiifi babal’ina umamaan ilmi namaa godhurratti hundaa’ee maatiisaa daggala saaqee akka qubatu gochaa turuunsaa beekamaadha. Kun immoo ammas kan jiruufi gara fuulduraattis kan itti fufuudha.
3.Seenaa mootota Itoophiyaa bara jiddugalaa (1270-1632)fi Oromoo walitti makumuufi gaa’ela siyaasaa
Kitaabni Amantaa Kiristaanaafi seenaa mootoota Itoophiyaa durii “Matsihaafe Suubaa’ee, Matsihaafe Aksumaay Siiraak Za-Indeebeetifi Matsihaafe Taariika Nagasti” jedhaman keessatti ragaaleen saba Oromoo ibsan maqaa “Kuush, Mandabaay, Ormaa, Arman Gaalla, Oromo…” jechuun ibsa ture. Kana malees sabni Oromoo naannoo kana jiraachuusaa malee akka sadarkaa mootiifi hayyoota olaanaa ta’an ibsa. Kana malees ragaan kun Oromoon akka jiraataa durii ta’e ni mul’isaa. Iddoon jireenyasaa duriis akkuma Kuushoota maraa biyya marawee Suuba, Nuubiyaafi Aksuum ykn Itoophiyaa durii keessa akka tamsa’ee jirachaa ture kan ifa godhu ragaa guddaadha.
Kitaaba seenaa mootootaa ykn “Taarika Nagasti” jedhu keessatti seenaa mootii Asteer (Yoodiiti) qabee hanga mootii Iyyaasuu Adiyaam Sagad I /duraa/ kan jiruufi boodas hanga mootii isa dhuma Hayile Sillasee I kan hammate seenaa bara dheeraa kan keessatti hammatame yoo ta’u, inni Matsihaafe Suubaa’e jedhu immoo seenaa duriirraa kaasee hanga mootii Minilik I kan ifa gochuuf yaaluudha.
Kitaabni inni sadaffaan kan Aksumaay Sirak barreesse immoo seenaa Minilik I kaasee hanga Asteer ykn Yoodiiti kan himu yoo ta’u, kitaboleen kun isa dur Itoophiyaa keessatti argaman qofa otoo hinta’in biyya Suudaan keessa iddoo Merewwe jedhamu naannoo Jabal Obaafi, Jabal Kuraaraa jedhamu keessatti Onaafi holqoota naannicha keessaa qotamee kan argameedha. (Nuubiyaa hanga jaarraa 14fatti wiirtuu beekamaa Kiristaana Afriikaa keessatti argamtu tokko turte).
Ragaaleen kun seenaa Oromoo malee biyyi amma Itoophiyaa jedhamtuun dur hagam akka bal’aa turteefi biyyoonni naannoo Sudaan bahaa jiran kan akka Nuubiyaa, Naappata, Suuba, Suubiyaa, Siinaar akkasumas Aksuum kkf. gara kaabaa hanga kibba bahaa Afriikaatti maqaa Itoophiyaa jedhamuun beekamaa akka turan seenaarraa hubatamuu ni danda’a. (Ehret 1976). Barreestooni durii kun ragaalee kana otoo hinsakatta’in ykn beekaa bira dabruun hagam olola sobbaa seenaa Oromoorratti akka barreessaa turan nama hubahciisa.
Kan biraa dhiisnee Seenaa Oromoo qofarratti yoo xiyyeeffanne jireenyaafi qubsuma Oromoo durii kaasee akka Itoophiyaafi bahaafi kaaba Afriikaa keessa turan kan mul’isan mootii Iti’eel (Maakida) kan jedhamtuufi bara 4463 B.C. ykn dhaloota Kiristoos dura woggoota (1037 dura) akka ta’eefi, mootittiin kun iddoon dhalootashee lafa Raayyaafi Azaboo jedhamu keessatti akka tureefi achitti dhalatte eeramuun isa ni beekama.
Kunis Raayyaan achi jiraachuunsaa ragaa tokko yoo ta’u, iddoon ykn teessoon mootummaashees (wirtuu) Nappaata akka ture seenaan ni ibsa. Iddoon dhaloota mootittii kun kaayyoo keenya ta’uu baatullee maqaan Marawwaafi Raayyaa jedhu yeroo sanatti eeramuun isaa Oromoon akka achi ture ragaa guddaadha. Kunis akka Oromoon gosa Raayyaa durii qabee biyya kana keessa ture ibsuusaa malee mootummaa Itoophiyaa durii Suudaan kaaba bahaa akka dabalatu mul’isa. Kana malees Oromoon Maccaafi Tuulamaa hidda dhalootaasaanii dhahanii Raayyaa jechaan Marawwicha jedhu. Kunis hundee dhaloota Oromoo Kaabaa kan akka Raayyaafi Yejjuu akka dabalatu beekama.
Kana malees barreeffama Seenaa uummata Suubaa keessatti Oromoota murta’aniin Mandabay jechuun yaamuun kan ibsan yoo ta’u, yeroon mootummaan isaaniiaangoorra turu waggoota 40 (afurtama) ta’uun kun Sirna Gadaan kan walitti hidhame fakkaata. Fakkeenyaaf mootiin Maakidaan (Iti’eel) kan aangoo qabattee dhaloota Kiristoos dura bara 4463 B.C. yoo ta’u. Kunis (5500 – 4463 = 1037 B.C.) akka ta’uufi ilmishee Miniliik I immoo dhaloota Kiristoos dura bara 4514 akka mootittii dhaaluu danda’e ibsaa kana malee abbaa isaa mootii “Salamooniin” muudama akka argate dubbatama.
Booda gara biyya haadha isaatti dhufee yeroo isheen waggoota 40 (afurtama) angoorra turte sooroma baatu mootummaa ishee dhaalee biyya bulchuu qabe dubbatama. Yaa ta’u male sirni muudama mootummaa bifa Sirna Gadaan ykn Kuushiin raawwatu hafee akka Yihudotaatti akka muudamuufi biyya haadha isaa sirna haaraan akka bulu godhe dubbatama. Seenaan kanaan dura ture garuu walharkaa fuudhiinsi aangoo kan raawwatu waggaa afurtama (40) walirraa fagaachuufi Malkaa bu’uun, achitti “Waaqa” galateeffatanii dhagaa guddaa koruun seera lallabuun angoo keennuufi fudhachuun raacha ture.
Kunis Sirna Gadaa Oromoo wajjiin kan walitti hidhate fakkaata. Haala akkasiin waggoota afurtama turanii Angoo waliif dabarsuun kun hang Jaarraa 13fa ykn hang Ilama mootii Laallii Bekatti akka ture seenaarra ni hubatama. Jijjiirama Aadaafi wiirtuwwan beekamoo akka Suubiyaa, Naphataa, Suubaafi Marawwee kunis rakkina aadaa haaraafi jireenya uummata durii jidduutti uumameen jequmsa akka kaasaa ture hubatama. Kana malees Mootichi Minilik I Aadaa ummata Dashat kuush (Saabaa) kan ture dhaha ykn heda guyyaa kan urjiifi addeessan walitti hidhate hambisuufi mallatto isaani. Burkuteesseefi Gonfoo(Zawidii) isaa hambsee akka Aadaan Yihuudotaa kan (Leencaan) waltti hidhannoo qabuun akka bakka buuse himamaa.
Kana malee dhadannoon isaas akka jedhutti “Mootummaa Kuush irraa kan dhufe sirni mallattoo mootummaa urjiin, Bofaafi Jawween walatti hidhannoo qabu kufee (burkutaa’ee), urjiin Daashat (Kuush) harcaacee” jechuun labsii godhee aadaa saba Kuush ifatti dhorkuun mootumma Aksuum kan haadha isaa dhaaluun qabate aadaan isaa akka badu godhe. Kunis Aadaa ummata Kuush Oromoo dabalatee yeroo sanaa kaasee dhorkamuufi akka rukutamu gochuusaa kan ifa godhuudha. Akkuma beekamu dhaha guyyaa ykn ‘calendar’ Oromoo keessatti Urjiinfi walitti dhufeenyi Addeessaa iddoo guddaa kan qabuudha.
A. Oromoofi Mootumma Aksum
Oromoon qaama saba Kuush akka ta’eefi Qoodama Uumata Kuush waggoota kuma (8000-7000) dura godhamaa tureen eenuymmaasaa akka kophaatti bahuu qabe tilmaammama. Yeroo sana eegalee Oromoon eenyummasaa eeguun kan ture saba Kabaa Bahaa Afriikaa keessa isa tokkoodha. Kanarra ka’uun qaroomina naannoo kanatti mul’atan keessa’iis akka qooda guddaa qabu hubachuun ni danda’ama.
Seenaan hanga yeroo kanaatti ifa hinta’in, keessatti dhaloota Kiristoos dura bara 5179 B.C. ykn (5500-5174 = 321) mootichi Aksumirratti aangoorra ture maqaan (Angoon) mootummaa isaa kan Oromoo ture. Fakkeenyaaf mootii bara eerame kana keessa ture. Atsee Fantaallee akka ta’eef innis duunaan ilmisaa Atsee Cilaaloon akka mootii ta’uun biyya bulchaa ture seenaa keessatti ni mul’ata.
Ragaan akka ibsutti, maqaafi jecha Oromoo ibsuu isaa malee jireenyiifi qubsumni Oromoo durii kaasee akka biyya kana keessa ta’e mul’isa. Gama biraadhaan jabinaafi cimina ummataa ifa gochuuf jecha Oromoo akka gurra guddaatti itti gargaaramaa akka turan mul’isa. Kana bira dabrees Oromoon mootummoota biyyattii kana keessatti durii kaasee akka qooda guddaa qaban kan mul’isuudha.
Baroota eeraman kana keessaa bulchitoota naannoo keessaa akka (Mariiras 1984, 71) ibsutti lafa kaaba lixaa Itoophiya kan Bulachaan Mootii Morkaa Kittaniifi Saglan Magaal, Maqaa isaaniirra ka’uun Oromoo akka ta’an shakkii hinqabu. Kunis jireenya Oromoo biyya kana keessatti qubata duraafi saba hundeen isa biyya kana keessa ture ta’u isa kan ifa godhuudha.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013