Kutaa 6fafi isa xumuraa
Kanaafis Oromoon yeroo jalqaba jaarraa 16fa sochii gaggeesse giddugaleessa Itoophiyaaf keessummaa miti jedha. Akkuma olitti eerame biyyi Dawwaaroo jedhamu daangaan isaa Kaaba Baha Shawaa si’anaa akka of keessatti hammatuufi biyya gosa Oromoo Laaloo jedhamu akka ta’e himama. Naannoon sunis bara jalqaba jaarraa 13fa irraa eegalee hanga waraana Shumburaa Kureetti (1529) dirree waraanaa akka ture ragaaleen seenaa ni eeru.
Iddoon kun lafa magaalaa Bishooftuurraa gara kaabaa jiruufi Tulluu Ererirraa gara kibbaa jiruudha. Dirreen waraanaa sunis maqaa Afaan Oromoo yoo ta’u, biyya shumburaan itti biqiluudha. Kanaaf Oromoon utuu hinjaalatin dirqamaanis ta’e fedhiin gama lamaanuu keessaa qooda hindhabu. Ragaan dabalataa seenaa kana mul’isu kan biroo waraana jaarraa16fa keessa mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa gidduu turetti loltoonni Ahmad Giraany loltoota Libna Dingil dirree Shumburaa Kureerratti akka mo’atan ni yaadatama.
Sababa kanaafis waraanni Libna Dingil waraana Ahmad Giraany yoo dheessu dhimma kanatti kan rifate Mootichi Libna Dingil “Hulluum bifaraa Tulluu indeet farraa”(Hundi yoo sodaate Tulluun akkamitti sodaate) jedhee loltootasaa akka akeekkachiise himama.
Yoo seenaa dhugaaf ta’e Tulluun Oromoo ta’uunsaa nama hinshakkisiisu. Mootichis utuu hinbeekin gootummaa Tulluuf ragaa bahuunsaa hirmaannaa Oromoon waraanicha keessatti qabu ibsa. Mootichi kunis inumaayyuu haatisaa Oromoo akka turteefi haati warraasaas Leelee Jaarraa akka jedhamtee beekamtuudha.
Kana malees waraanaa Imaam Ahmad faana bu’uun waa’ee waraanichaa galmeessaa kan ture Shabaddiin “Imaam Ahmad” akkuma Yejjuu ga’een biyyi kun biyya Yejjuu waan ta’eef Afaan Yejjuutiin malee akka hinhaasofne jedhee loltotaasaa ajajeera jedha.
Kun kan nutti argisiisu damee saba Oromoo kan ta’e Yejjuun waraana Ahmad Giraany dura bakka Walloo har’aa jiraachaa turuusaati. Kamtu sirrii akka ta’e baruuf dhimmi kun qorannnoo cimaa barbaada. Haata’u malee, bara 1270 keessa Oromoon Shawaa Kaabaafi Walloo hundeeffama bulchiinsa Solomoon akka turaniif Yikunoo Amlaak ilma Hawwii Caalaa akka ture ibsama.
Akka ibsa Mariiditti, yeroo Bareentuun bara bulchiinsa Libna Dingil daangaa Baalii weeraru Baaliin biyya hawaasa Musliimaati jedha. Sunis milkaa’ina babal’ina Oromoorratti hanga bara 1545tti danqaa ture. Garuu bara bulchiinsa Galaawudiyoos yeroo waraanni garee mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa gidduutti cimu Oromoon carraa sana gargaaramee daangaa Baalii guutummaatti akka to’ate itti dabalee ibseera.
Sunis bara bulchiinsa Galaawudiyoos yeroo Amiir Nuur Dawwaaroo weeraruufi Galaawudiyoos ofirraa ittisaa tureedha. Haala kana keessatti Galaawudiyoos tarsiimoo lolaatiif jedhee Dawwaaroofi Faxagaar ykn Shawaa Bahaafi Arsii gadi lakkise. Haata’u malee, barreessaan kun eenyummaa hawaasa Musliimaa Baalii keessa jiraataa tureefi jaalala ykn jibba waraana bara sana ture ifatti baasee hinhimne. Barreessitoonni fedhii dhuunfaaf eenyummaa hawaasa Faxagaar, Dawwaaroo, Baaliifi Daamot keessa jiraataa ture akka hinbeekamne barbaadu.
Yoo beekamanis akka bara giddugaleessaa gabbartoota ykn michuu mootummaa Kiristaanaa turanitti ibsu. Bara waraana mootummoota lamaan gidduutti ture san Oromoon akka dhuunfaatti dirqamee yoo ta’e malee garee kamuu utuu hindeeggarin adeemsicha haalaan hordofaa ture. Injifatamuun Galaawudiyoos (1559) immoo olaantummaa mootummaa Kiristaanaa waggoota hedduuf ture kuffisee boqonnaa haaraa bane.
Akka waliigalaatti, barreeffamoonni bara bulchiinsa Giraany waggaa 15 booda baroota humni mootummoota Kiristaanaafi Islaamaa dadhabanitti milkaa’ina sochii Oromoo ibsu malee xiinxala hariiroo Oromoon mootummoota kana lamaan waliin qabaataa tureefi attamitti carraan kun jiraachuusaa akka hubatanii ittifayyadaman isa jedhuuf deebii hinqaban. Wanti seenaa kanarra hubatamu garuu falmii Oromoon eenyumaasaa kabachiisuufi biyyasaa weerara garee lamanirraa ittusuuf gochaa ture kan ibsuudha.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013