Qabsoo Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyummaa isaaf gochaa ture

Kutaa 5fafi isa xumuraa

Akka dokimentiin Kibre Nagasti ibsutti, mootummaa Abisiiniyaa kan aangoo dhaaluu danda’u nama sanyii Mootii Jiwuush Salamoon qabu qofa. Kanaafis Mootonni Abisiiniyaa “Nuti mootii Mootota Itoophiyaati” ofiin jedhu. Akka aadaa sanaatti mootiin tokkuma.

Innis Mootii Mootota Itoophiyaa (biyya gurraachotaa daangaan isaa bal’aa ta’eefi biyya Misiraa hanga Galaana Hindiitti bal’atudha. Sababa mootummaan Abisiiniyaa eenyummaa ergifatee saboota humnaan qabaterratti fe’uuf mootummaa ijaaramu keessatti imaammata kana kan simatu hinturre.

Kanaaf erga Oromoon waraana daangaafi amantii babal’ifannaa irraa kan ka’e wiirtuu bulchiinsa Gadaa giddugaleessa Itoophiyaarraa suuta suutaan gara Madda Walaabuutti kan jijjiirratan. Akka ragaan seenaa ibsutti, jaarraa 13fa keessa bara 1215-1312tti Abuna Takla Haymaanot Yaayyaafi Galaanirratti duula amantii babal’isuun akka milkaa’e himama. Yeroo sanatti Yaayyaafi Galaan ayyaana Qorkee jedhamuuf muka jalatti akka faarsatan ibseera.

Qorkee jechuun maqaa ayyaana mukaa gurguddaa, tulluuwwaniifi lageen keessa qubata jedhamee amanamudha. Akka ragaa kanaatti, gara Lixaafi Bahaatti ummata aadaa walfakkaatu akka isaan mudate warri amantii babal’isaa turan ibsaniiru. Yeroo sanatti erga Oromoon Yaayyaafi Galaan kun Odaa Nabee akka wiirtuu Gadaatti tajaajilamuun isaanii akka hinoolle shakkama.

Akka Baahireen barreessetti, Galaan akka gosa hangaftuutti ilaalama; Sirna Gadaafi amantii Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba. Yaayyaanis akkasuma Salaaleefi Oromoo Karrayyuu keessatti gosa beekamaadha. Kanaaf Galaaniifi Yaayyaan gosoota Oromoo yeroo sanattis ta’e amma giddugaleessa Itoophiyaa har’aa keessa jireenya dhaabbataa qonnaan bulan ta’uutu dubbatama.

Dhiibbaa kanarraa kan ka’e Abbaan Muudaa Odituu kan warra Marii Galaan akka ajjeefame sana boodas wiirtuun Gadaa Odaa Roobaa tilmaamaan bara 1316 akka hundeeffame himama. Dhiibbaan kallattii lamaan mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa irraan gahe Oromoon wiirtuu Gadaa Odaa Nabee irraa gara Odaa Roobaa darbees waggoota dhibba boodas rakkinuma walfakkaatuun gara Madda Walaabuutti akka jijjiirratu dirqisiiseera.

Akka ‘Christophor Ehret’ jaarraa 13fan yeroo raafama siyaasaafi itti walmorkiin aangoo gidduugaleessa Itoophiyaatti keessattuu Kaaba sulula Awaashitti garee sadii gidduutti cimeedha.Walmorkiin kunis irra caalaa daangaa babal’fachuufi daandii daldalaa to’achuu ture. Akka Nagaasoon eeretti, dhiibbaan kun bara bulchiinsa Amdatsiyoon cimeera. Innis seenaa yeroo sanaa akkasitti ibseera.

The religio-political center of the Oromo during the reign of Amdetsion (1314- 1344) is given as Katat. It was then transferred to Dawwaro during the same period; from Dawwaro the center moved to Odaa Nabee and remained there for a longer time. Dawwaaroon Kaaba Baha Shawaa akka ta’eefi biyya gosa Oromoo Laaloo ta’uun beekama.

Taaddasaa Taammiraat seena waraana mootummaa Kiristaanaafi Ifaat gidduu jaarraa 14fa keessa ture yeroo ibsu, yaada armaan gadii kaa’eera. “ln the Adaal region, the hot lowland plains were largely inhabited, it appears, by-the eastern Kushitic group of people represented today by the Soho, Afar, Somali, and {Oromo}.”

Kunis Kaaba Baha Shawaatii eegalee sululli Awaash biyya hortee Kuush isaanis Sahoo, Affaar, Somaaleefi Oromooti jechuu isaati. Sababa waraanni hammaateef mootich Ifaat Haqaddiin II (I363/4-I373/4) teessoo bulchiinsaa Ifaat irraa gara Kibba Bahaa Wahalitti akka jijjiire Taaddasaan dabalataan ibseera. Haaluma walfakkaatuun Nagaasoon qorannoo isaa keessatti dhiibbaan bara bulchiinsa Amdatsiyoon akka wiirtuu Gadaa Oromoo Dawwaaroo irraa gara Kibbaatti jijjiiramu sababa ta’eera.

Sababa kanaanis ijoolleen Laaloo torban wiirtuu Gadaa Kattaafi Dawwaaroo irraa akka buqqisan darbees akka baay’een isaanii booji’aman yookaan godaanan taasisameera. Karaa biraatiin jaarraa 13fa keessa mootummaa Kiristaanaa dhiibbaa geessisuu danda’u uumamuun isaa sochii ummataa Bahaa gara Lixaafi Kibbaa gara Kaabaa ittisuu danda’eera. Darbees walitti-bu’iinsi Allaabduu (Gujii) loltoota Zara Yaa’iqoob waliin walakkeessa jaarraa 15fa keessa naannoo haroo Laangaanootti taasisan fakkeenya guddaadha.

Egaa jaarraa 15fa keessa sababoonni haaromsa Sirna Gadaafi tokkummaa Oromoo barbaachise dhiibbaa jaarraa hedduuf Oromoo irratti aggaamame ta’uusaati. Kanaaf erga waraanni qabsoo Madda Walaabuu irraa buttaa buttaan kan gaggeeffame darbees Oromoon mootummaa Habashaa “Sidaama” (diina hamaa) jedhee kan itti moggaase. Kunis saba Sidaamaa otoo hinta’in waraana waggoota hedduuf isaan falmeedha.

Baahireen yeroo waa’ee Oromoo barreesse diinummaa Oromoofi mootummaa Habashaa toora duraarratti ibseera. Kaayyoon barreeffama isaa inni guddaan “Maaliif seenaa namoota yaraa barreessita yoon jedhame kitaaba hedduu keessatti seenaa baay’inaafi hangi hammeenya diinotaa barreeffameera jedheen deebisaaf” jechuun barreesseera.

Diinummaan kun immoo kan jaarraa 16fa keessa eegale utuu hinta’in irra caalaa hundeeffama bulchiinsa Salamoonawaa waliin erga aangoo qabachuun hortee Kuush akka cubbuutti ilaalamee yoo ta’u, irra caalaa immoo diinummaan kan cime duula daangaafi amantii babal’ifannaa mootummaa Abisiiniyaatiin jaarraa 13fa irraa eegalee raawwateeni.

Dhiibbaa kanatu egaa Oromoo Waraana Buttaatti galche. Fedhiin lafa babal’ifachuu Oromoo Maccaafi Tuulamaa inni guddaan lafa duraan abbootii isaanii irraa fudhatame deebifachuufi lafa haaraa qabachuun horii isaaf margaafi lafa caffee barbaachaa gaggeessaa ture. Sirni Gadaas, sirna ijaarsa waraana cimaa kan qabuufi lola Buttaa jedhamuun kan gaggeeffamu, keessumaa gareen umuriifi dhaloota sadarkaa Raaba irra jiru dirqama kan itti ta’e, Gadaa kudha lama waggaa (96) keessatti daangaa Oromiyaa har’aa kana akka qabachuu danda’etu amanama.

The Oromo began to participate in the extensive and intensive struggle in 1522, that crested in the Horn of Africa and tought twelve butta wars between 1522- 1618 that alternately established Oromia’s present boundaries … During the first two Gada-grades (Melba and Muudaana, 1522- 1538), the Oromo occupied Bali. The third and fourth, Kilole and Biftole (1588 -1554) brought the incorporation of Dawaro and Fatagar. During the fifth, Michile (1554- 1562), they reached Finfine and attacked the Muslim and Christian kingdoms of the sorrounding regions. In the sixth and seventh gada-grades. Harmufa and Robale (1562-1586) they continued to attack Dembiye and regions to Lake Tana. In the ninth grede, mulata (1586-1594), they concentrated their attack on Trgray, Goojjam and Damot.

Kun garuu sochii waraana diina baasuuti malee duruu Oromoon naannoo eerame kana hinjiru jechuu miti. Waraanni Buttaa Gadaa Raabaatiin gaggeessama. Raabni tokko waggaa saddeet keessatti dirqama isaa raawwatee qabannaa haaraaf immoo Raaba itti aanutti dabarsa. Haala kanaan lola Buttaa Gadaa kudha lama (12) keessatti taasisameen waggaa sagaltamii ja’a (96) keessatti ummanni Oromoo lafa duraan irraa fudhatameefi kan yeroo ammaa irra jiru dabalatee qabachuu danda’eera.

Sochiifi humna haaromsa Sirna Gadaa gaggeessaniin jaarraa kudha ja’affaa hanga Giddugaleessa kudha saddeettaffaatti lafa abbaa isaanii irraa fudhatame deebisatanii akkasumas lafoota qarqara daangaa jiran itti dabalatanii qabachuu danda’aniiru.

Oromoo bara waraana mootummoota Kirstaanaafi Islaamaa (1527-1559) Barreeffamni Abbaa Baahiree seenaa waraana Mootummaan Kiristaanaafi Islaamaa akkasumas bulchiinsa Ahmad Giraany waggoota kudha shanii (1527- 1543) irratti odeeffannoo hinqabu. Garuu waraanni Giraany erga waraanni Buttaa jalqabee Gadaa tokko booda eegale. Baahireen nama si’a sanaa utuu ta’ee yoo xinnaate diinummaa Oromoo qofa hinibsu.

Baahireen yoo ibsuu baates waraanni Mooticha Libna Dingiliifi Ahmad Giraany bu’aa walitti bu’insa Mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa yeroo dheeraa yoo xiqqaate jaarraa 16fa irraa eegaledha. Sunis barbadaa’uu mootummaa Ifaat booda caalmaatti akka ittifufeefi sababni waldhabdee inni guddaanis Kaaba Baha Shawaafi hulaa daladala Afrikaa Bahaa to’achuu akka ta’e himama.

Walitti bu’iinsa sana keessatti horteen Kuush keessattuu Oromoo, Agawu, Saahoo, Affaarifi Somaaleen miidhamoo akka turan seenaan ragaa baha. Marid Wode-Aragaay qorannoo isaa irra caalaa hariiroo Oromoofi mootummaa Kiristaaaarratti xiyyeeffate keessatti baroota bulchiinsa Amdatsiyoon booda Oromoo Dawwaaroo keessatti hacuuccaa jala akka turaniifi kunis sababa tamsa’uusaanii akka ture ibsa.

Ittifufa

 Obbo Alamaayyoo Hayilee

BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You