Qabsoo Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyummaa isaaf gochaa ture

Kutaa 4fa

Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti, Oromoon jaarraa 16faa naannoo lageen gurguddoo kanneen akka Mormor, Awaash, Gibeefi Gannaalee akka jiraachaa ture himama. Kun immoo daangaan yoo xinnaate Kaabaan Laga Abbayyaa gara Kibbaafi Bahaatti, karaa Bahaa naannoon Awaash, karaa Kibbaa naannoon laga Gannaaleefi Lixaan naannoon Gibee biyya Oromoo akka ta’e tilmaamuun hinulfaatu. 

Qubsumniifi qabiyyeen lafa Oromoo yeroo ammaa mul’atu seenaa haaromsaa Sirna Gadaa  jaarraa 15ffaa fi sochii konfedereshinii Booranaafi Bareentuu waliin wal haaqabatu malee sochii Booranaafi Bareentuu dura Oromoon dachee Oromoo daangaalee eeraman kanneen irra hinjiru jechuu miti. Qubsumni gosoota Oromoo gurguddoon keessattuu haala teessuma lafaafi lageen gurguddoo Oromiyaa kan akka Awaash, Gibee, Gudar, Gannaalee, Dawwaa, Dhidheessa, Daabus akkasumas Mormor waliin ta’uunsaa beekumsa Oromoon iddoowwan kanneeniif qabu mul’isa. Oromoon ummata yeroo dheeraaf beellada horsiisuufi midhaan oomishuun jiraataa ture waan ta’eef iddoon biyyeefi bishaaniin badhaadhe daran barbaachisaa ture.

3.Hariiroo Oromoofi Saboota Afrikaa Bahaa

Ardii Afrikaa keessatti hundeeffama mootummaa waliin walqabatee hariiroon saboota gidduu ture haala jijjiirrachaa deemuu isaa qorattoonni seenaa ni ibsu. Hariiroon saboota gidduu bara hundeeffama mootummootaa duraa ture amala jijjiirrachuun gareen gurmaa’inaafi humna qabu garee laafaafi gurmaa’ina hinqabne qabeenya irraa saamuuf sirna gabroomsuutti cehe. Kunis haalaafi iddoo adda addaatti amala garaagaraa haa qabaatu malee ardii Afrikaa guutuu keessatti mul’ateera.

Mootoleen Afrikaa keessatti hundeeffamuun beekamtii Awurooppaanotaa argataniifi meeshaa waraanaa harka galfatan garee laafaafi gurmaa’ina siyaasaa hinqabne salphaatti to’achuu danda’aniiru. Seenaa Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa yoo ilaallu seenaa waldorgommii daangaa babal’fachuufi hariiroo biyya alaa qabaachuu ture. Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa kan adda taasisu bulchiinsaafi ijaarsa mootummaa keessatti amantiin qooda guddaa qabaachuu isaati.

Amantiin Kiristaanaa qaama mootummaa Abisiiniyaa yoo ta’u, Amantiin Islaamaa bulchiinsa mootummoota Islaamaa Amiirota keessatti ulaagaa tokkummaafi daangaa babal’ifannaa ture. Yeroo sanatti hawaasni sirni walfakkaatuufi bulchiinsa tokkummaawaa hinqabaanne weerara garee amantiin qindaa’eef saaxilamaniiru. Kutaa kana keessatti hariiroo saboota Afrikaa Bahaa toora seenaa kana keessatti ilaalla.

Afrikaa Bahaa keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota kan biroo waliin qabaataa ture bifa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Kunis walitti dhufeenya nageenyaafi walitti bu’insa irratti hundaa’e. Aadaan ummata tokkoo akkaataa walitti dhufeenya ummanni sun ummata kan biroo waliin qabu murteessa. Haalli jireenya saba sanaa, qabeenyi, fedhiifi ijaarama hawaasummaa, seenaafi kan kana fakkaatan sabni tokko hariiroo nageenyaa yookaan diinummaa saboota ollaa waliin akka qabaatu taasisuu danda’u. Kutaa kana keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota Afrikaa Bahaa keessatti jala bultii waraana buttaa jaarraa 16ffaa fi isa booda qabaataa ture ilaalla.

Hariiroo yeroo adda addaafi haala adda addaa keessatti diinummaafi michummaa uumamuu hin oolu. Walitti dhufeenyi kunis seenaa siyaasa Afrikaa Bahaa keessatti iddoo olaanaa qaba. Bu’aa aadaan Oromoo ijaarama biyya Itoophiyaa ammayyaa keessatti qabu boqonnaa kan biroo keessatti ilaalla. Kutaa kana keessatti garuu baroota waraana buttaa jaarraa 16ffaa duraafi sanaan boodaa keessatti qabsoo Oromoon gaggeesseefi adeemsa haaromsuu irratti xiyyeeffanna.

Gareen Oromoo Sirna Gadaa Madda Walaabuutti haaromsate darbees gurmuu yookaan konfedereesii Booranaafi Bareentuutti wal ijaaree duula walabummaa eegale, yeroo sanarraa kaasee Sirna Gadaa keessatti olaantummaa bulchiinsaafi aadaa akka qabu himama. Olaantummaa aadaafi siyaasaa ilmaan konfedereesii Booranaafi Bareentuus bulchiinsa Sirna Gadaa jaarraa 16ffaa boodaa keessatti akka calaqqisaa ture ragaan seenaa ni ibsa. Booranni akka qulqulluuttiifi hangafaatti yoo ilaalamu kan Boorana hinta’in sadarkaan lammummaa isaafi gaheen Sirna Gadaa keessatti qabu gadi aanaadha. Kun immoo caalmaatti konfedereesii Booranaa keessatti ni mul’ata.

Akka qorannoon tokko tokko ibsutti, Saglan Booranaa naannoo Madda Walaabuutti tokkummaa qabaachuu irraa kan ka’e dandeettii waraanaan baay’ee cimoo turan. Kanaafis yeroo gabaabaa keessatti sirna Guddifachaafi Moggaasaan miseensa baay’ee horatan. Dandeettii kanaan immoo ummattoota naannoo isaanii yeroo gabaabaa keessatti to’achuufi gabbarsiisuu danda’an. Ummattoota ofitti dabalanis Boorana qulqulluu ykn warra  seeraafi heera qaban irraa addaan baasuuf maqaa Gabra jedhu itti moggaasan.

Gabra yookaan Gabaroon baay’ina akka qabu himama. Kanaaf ilmaan Maccaafi Tuulamaa biratti Saglan Booranaa, torban Baarentummaa, Sagaltama Garbaa yoo jedhamu Boorana Kibbaa biratti Saglan Booranaa, Soddoman Gabraa jedhama. Kunis baay’ina namoota Oroomsanii (Moggaasanii) ibsuu akka hinoolle dubbatama. Kunis adeemsa Oroomsuufi hariiroo ilmaan Booranaa Orom Duroo waliinis ta’e ummattoota kan biroo waliin qaban irratti dhiibbaa guddaa qaba.

Sirni kunis hawaasa Oromoo keessatti  hariiroo hawaasummaaf bu’uura ta’eera. Haata’u malee, ilmaan Gabraa (Gabaroo) hangafummaa dhabuurraa kan hafe akkuma ilmaan Booranaa mirga kamiyyuu qabu. Adeemsa Oroomsuu keessatti guddifachaa yookaan moggaasaan sirna tokko gooftaa kaan immoo garba taasisu miti. Miseensi guddifachaan hawaasa Oromootti makame mirgoota miseensummaa guutuu qaba. Gaheen Saglan Booranaa bulchiinsaafi aadaa hogganuu yoo ta’u, ilmaan Gabraa miseensummaa Gadaa keessatti qooda wal qixaa qabaatu.

Orom Duroofi Gabaroo kan jedhaman garuu irra caalaa Oromoo heeraan malee Seeraan yookaan murtii hinfeenu jedhanii mormaa turaniiudha. Saglan Booranaa boodas maqaa Oromoon Maccaafi Tuulamaa ittiin beekamu ta’e.  Milkaa’ina sochii Oromoo (1522-1618) barreessitoonni tokko tokko dandeettii guddifachaafi moggaasaati jedhu. Mahammad Hassan akka ibsetti, jaarraa 17ffaa keessa walakkaan Itoophiyaa gara Kibbaa Oromootiin jijjiirameera.

Jijjiiramni kunis karaa caasaa bulchiinsaa, hariiroo sirnoota bulchiinsaafi hariiroo Oromoon ummattoota biroo waliin qabudha. Garuu dandeettiin humna waraanaafi bakki itti Oromoon babal’ate duraanuu sabni Oromoo Orom Duroo akka ture dagataniiru. Oromoon nageenya mirkaneeffachuuf tooftaa addda addaa fayyadameeera. Tooftaawwan  kanneen keessaa inni guddaan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha. Kanaaf immoo Moggaasaafi Guddifachaa Sirna Gadaa keessatti hammachuun dhimma itti ba’aniiru.

Haalli kun immoo gosa Oromoo ala kan ta’an waliin hariiroo nageenya qabu akka uuman isaan taasiseera. Qorattoonni sirna moggaasaafi Oroomsuu kunis booda keessa Oromoo Maccaa keessatti bu’uura uumama garaagarummaa hawaasummaa akka uume ibsu. Asirratti kan hubatamuu qabu Oromoon jaarraa 16ffaa dura irraa eegalee aadaa ittiin orma simatu, simatees walqixxummaatiin waliin jiraatu qabaachuusaati. Aadaa guddifachaafi moggaasaa yeroo sanatti Oroomsuuf tooftaa addaa haa ta’an malee har’a sadarkaa addunyaarratti maloota mirgoonni namummaa ittiin kabajamanidha. Kunis bu’aa Oromooti yoo jechuu dadhabnillee Oromoon jaarraa hedduu dura mirga namummaa bulchiinsa ofii keessatti hojiirra oolchuu isaa ibsuu hindadhabnu.

Seenaan walitti dhufeenya Oromoofi saboota Afrikaa Bahaa bifa biroon yoo ilaalamus walitti bui’insa bifa garaagaraa kan qabuudha. Walitti dhufeenyi hawaasaa kamiyyuu seenaa wolmorkii qabeenyaa, olaantummaa hawaasummaafi siyaasaatiin calaqqisa. Humni ummattoota walitti buusu inni guddaan fedhii olaantummaa qabaachuu yoo ta’u, gareen tokko yoo weerara kaase gareen kan biroon immoo qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessa. Kallattii biraatiin yoo ilaalamus seenaa qubsumaafi walitti dhufeenya saboota Afrikaa Bahaa keessattis qabeenya uumamaa kan akka lafaafi bishaanii iddoo olaanaa qaba.

Hundeeffamniifi sochiin konfedereeshinii Booranaafi Bareentuu jaarraa 16ffaas bu’aa hariiroo saboota Afrikaa Bahaa ta’uun isaa nama hinshakkisiisu. Jaarraa 16ffaa dura waggoota dheeraaf waldorgommiin giddugaleessa Itoophiyaa qabachuu mootummoota Kiristaanaa, Islaamaafi Kuushota gidduu akka ture seenaan ragaa baha. Amaloota humnoota yeroo sanatti waldorgomaa turan keessaa tokko teessoo bulchiinsaa dhaabbataa dhabuu ture.

Teessoon bulchiinsaa yeroo yerootti sababa walitti bu’insaan jijjiiramaa ture. Hundeeffamni wiirtuu Gadaa Madda Walaabuufi haaromsi Sirna Gadaa jaarraa 15ffaa bu’aa walitti bu’insa yeroo dheeraa Oromoon humnoota Kaaba Baha Afrikaatti walmorkataniiti. Kanaafuu, konfedereeshiniin Booranaafi Bareentuu Gadaa kan haaromsatan dhiibbaa gama kamiinuu irratti gaggeessamaa ture ofirraa ittisuuf ture.  

4. Walitti Bu’insaafi Qabsoo Oromoo Jaarraa16ffaa

Akkuma kutaa olaanu keessatti ibsuuf yaalle waraanni Giraanyis ta’e sochiin konfedereesii Booranaafi Bareentuu bu’aa walitti dhufeenya hariiroo ummattoota Afrikaa Bahaa keessatti fedhii olaantummaa qabaachuuti. Walitti bu’insi Oromoofi bulchiinsi sanyii Salamoonawaa jedhus baruma hundeeffama bulchiinsa gonfoo sana ta’uu akka hinoolle ragaalee tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.

Sababni isaas imaammanni mootummaan Kiristaanaa gurguddoon sadan isaaniis hortee Kuush kan akka Agawu, Beejjaa, Oromoofi kan biroo aangoo dhabsiisuu, daangaa babal’ifannaafi Amantii Kiristaanaa babal’isuun imaammata faallaa fedhii Oromooti. Beejjaan fincilee kufaatii Mootummaa Aksumiif sababa waan tureef akka diina mootummaa Kiristaanaatti ilaalama.

Agawu immoo kufaatii Aksum booda aangoo safuu dhaala aangoo cabsee fudhate waan ta’eef akka diinaatti ilaalame. Humnoonni gara Kibbaa yookaan giddugaleessa Itoophiyaa har’aa turan keessattuu biyya Mootittii Guddittii jedhamee shakkamu barbadaa’uu Aksumiif sababa waan tureef humna hatattamaan to’annoo isaanii jala ooluu qabu ta’uusaa beekamaadha. Karaa Bahaa immoo xiyyeeffannoon mootummaa Kirstaanaa mootummaa Islaamaa barbadeessuufi hariiroo biyya alaaf hulaa argachuu ture.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You