Qabsoo Oromoon ijaarsa biyyaaf eenyuma isaaf gochaa ture

Kutaa 2fa

Barreeffamoonni Itoophiyaa keessatti saboota akka Oromoo irratti ilaalcha kana keessatti barreeffaman irra caalaa ilaalcha tuffii warri koloneeffattoonni Awurooppaa, Afrikaarratti calaqqisiisan waliin walfakkaata. Qorataan afaanii lammii Ingilizii ‘Ulendroff’  keessa bahee “Oromoon bu’aa qarooma biyya Itoophiyaaf buuse hinqabu; aadaan qabatamaafi sadarkaan gurmaa’inni isaa ummata ollaa isaaniitiin gadi” jechuun akka  barreeffamaa ture ni yaadatama.

Cimina gurmaa’ina Sirna Gadaafi dandeettiifi hoggansa waraanaa Oromoo yeroo sanaa kan Abbaan Baahiree irra deddeebi’ee faarse haaluu yaalu. Kana malees, raafama siyaasa Abisiiniyaa jaarraa 16ffaa booda dhalateef sochii Oromoo sababa taasisa. Barreessitoonni yaada kanaan liqimsamanis Oromoo akka lammii Itoophiyaa alaa dhufeetti ibsu. Barreeffamni Alaqaa Taayyee bara bulchiinsa Minilik barreeffame seenaa Oromoof boqonnaa tokko kenneera. Haata’u malee, guutummaan guutuutti ilaalcha aadaa Amaaraan waan guutameef akka waan Oromoo Kaaba Itoophiyaa hundi eenyummaan isaa jijjiirameetti ibse.

Barreeffamni Atsimees karaa isaa Oromoo akka weerartuu addaatti ilaaluun “Utuu Amaarri Goojjam, Dambiyaafi Tigraay hinittisne ta’ee, Oromoon akka galanii  biyya Misiraa akka weeraruu danda’u eeree humni waraana Oromoos bara bulchiinsa Minilik akka burkutaa’e” ibsa.

Barreeffamni ‘Ullendrof, Alaqaa Taayyeefi ‘Huntingford’ barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti qorannoon seenaa ummataa ilaalcha giddugaleessaan (center-periphery) haguuggamuu isaanii calaqqisiisa. Ilaalcha sana keessatti raawwiin Mootummaa Kiristaanaa yookaan ummata Habashaa akka biyya ijaaruutti yoo ilaalu, gochi saboota kan biroo keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baarentuu akkasumas bulchiinsi Giraany akka biyya diiguutti ilaalamaa turan.

Keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baarentuu barreeffama Itoophiyaa keessatti akka raawwii dhala namaa utuu hinta’in akka balaa uumamaa adabbiif mootummaa Kiristaanaatti ergameetti ilaalame. Ilaalchi barreessitoota akka Alaqaa Taayyee, ‘Huntingford’, ‘Ullendroff’, Geetaachoo Haayileefi Masfiin Waldamaariyamiin calaqqise barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti bo’oo ilaalcha seenaa dabee babal’iseera.

Haata’u malee, haala kana keessa otoo jiruu qorannoon Asmaroom Gadaa bara 1973 gaggeesse akka waliigalaatti ummata gama Kibba Itoophiyaaf xiyyeeffannoon akka kennamu taasiseera. Kitaabichi xiyyeeffannoo bulchiinsa Gadaaf, keessattuu Oromoo Booranaaf xiyyeeffannoo kennuun isaa qorannoo seenaa keessatti kallattii kan jijjiiredha. Ilaalchaafi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa cabsuurra darbee qorannoo hawaasa seenaan isaa dagatameef xiyyeeffannoo waan kenneef qorannoo ummataa keessatti bu’uura ta’e.

Deebiin qorannoo kanaaf gama ilaalcha giddugaleessummaatiin kenname barreeffama ittisaati. Garuu, addatti qorannoon ‘Donald Levine’ bara 1974 maxxanfame xiyyeeffannoo qorannoo ummataa giddugaleessarraa gara ummattoota kana dura carraa qorannoo hinarganneetti taasiseera. Kana malees, ilaalcha giddugaleessummaa xiinxaluun seenaa hawaasummaafi aadaa ummata Itoophiyaa gara Kibbaa kan qoratan ‘Wendy James’ fi ‘Donald Donham’ qorannoo fuulduratti adeemsifamuuf karaa baneera. Ragaa barreeffamaa gita bittootaafi ragaa afoolaarratti hundaa’uun seenaa ummattoota kana dura hinqoratamin qorataniiru.

Jijjiiramni guddaan gama qorannoo Oromoon mul’ate karaa beektota Oromooti.  Keessattuu baroota 1980mootarraa eegalee qorannoon seenaafi aadaa Oromoorratti mala qorannoo haaraan dhihaatan ilaalcha barreeffama seenaa Itoophiyaa xiinxaluufi diiguu danda’aniiru. Kanneen keessaa qorannoon Dhinsaa Laaphisaa, Lamuu Baay’isaa, Nagaasoo Gidaadaa, Mahammad Hassan, Tasammaa Taa’aa, Abbaas Hajiifi kan biroo bu’uura qorannoo Oromoo tahaniiru. Kanneen keessaa qorannoon Nagaasoofi Mahammad Hassan dhaha Sirna Gadaa irratti hundaa’ee barreessan bu’uura qorannoo Oromooti.

Qorannichi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa haalaan kan xiinxale yoo ta’u, gama seenaa Oromootiin kallattii seenaan sabichaa ittiin barreeffamuu qabu ifatti agarsiiseera. Dhaabbataan hariiroo Oromoon Maccaa, Tuulamaa, Baarentuufi mootummaa Shawaa, Goojjam, Turkii, Misiraafi Amiirota Harar, akkasumas Poorchugaala wajjin qabu haalaan ibsa.

Qorannoon Tasammaa Taa’aa waraana gita bittoota Abisiiniyaafi Mootolee Maccaa gidduu jaarraa 19ffaa keessa ture mul’isa. Qorannoon isaa adeemsa jijjiirama hawaas dinagdeefi siyaasaa Oromoo Maccaa, waldorgommii mootoleen humna jabeeffachuuf qabiyyee daangaarratti qabaniifi akkaataa adeemsi sun kufaatii Sirna Gadaaf sababa ta’e haalaan ibsa. Xiyyeeffannoo qorannoo kanaa kan ta’e kan biroon xiinxala waraana daangaa babal’ifannaa jaarraa 19ffaa fi adeemsa bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa Itophiyaa waliin turedha.

Toora walfakkaatuun qorannoon ‘Martiin Pe,Salviac’ fi Abbaas Hajii seenaa qabsoo Oromoon Arsii sirna Nafxanyaa ofirraa ittisuuf waraana Raas Daargeerratti taasise sirriitti ibsa. Kana malees, qorannoon seenaa Lammiilee Xaaliyaaniin ‘Truilzifi Marco Bassi’ Oromoo Maccaafi Booranaarratti gaggeessan guddina qorannoo seenaa Oromoo keessatti gahee olaanaa qaba. Boqonnaa kana keessatti hariiroo Oromoon saboota Afrikaa Bahaa kan biroo waliin qabu ibsuu yaalla. As keessattis walfalmii Oromoofi mootummoota akkasumas hawaasa Baha Afrikaa waliin qabaataa ture xiinxalla.

2 Oromoo Jarraa 16ffaa keessaa

Ragaan seenaa ummattoota Baha Afrikaa keessattuu kan bara gidduugaleessaa qabatamaafi bifa quubsaa ta’een ibsu hinargamne. Seenaan kennamus ragaa qabatamaatiin waan hindeeggaramneef amansiisaa miti. Barreeffamoonni karaa mootummaa Habashaafi Sulxaanota Islaamaa jiranis ibsa waa’ee mootummaa Kiristaanaa, Islaamaafi ummattoota kan biroo irratti yaada madaalamaa hinqaban. Garee ofii faarsuu, garee kan biroo immoo abaaruun, waraana daangaa babal’ifannaa ofii hojii eebbisamaa akka ta’e barreessaa kan biroo immoo hojii jinnii taasisuun barreessan. Adeemsa akkasii keessatti ummanni tokko lammii, kaan immoo biyya kanaaf alagaa taasifamee barreeffame.

Kanaaf akka waliigalaatti beekumsi seenaa ummattoota Itoophiyaa keessattuu kan Oromoo jaarraa 16ffaa fi isa dura jiru loogiin kan guuttamedha. Kunis sababa gurguddaa lamaaf ta’a: dhabiinsa aadaa barreeffamaafi qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti dagatamuu yookaan irra darbamuuti. Oromoon seenaafi aadaa ofii barreeffamaan utuu hinta’in argaa dhageettiin dhalootarraa dhalootatti dabarsa. Aadaan kunis afoola guddisuu keessatti shoora olaanaa haa qabaatu malee seenaan hawaasichi dabarse qabatamaan katabamee akka dhalootatti darbu taasisuu hindandeenye. Sababa kanaaf hanga guyyaa bilisummaa Afrikaatti (1960mootaatti) afoolli akka ragaa seenaa qabatamaatti waan hinfudhatamneef ummattoonni afaan barreeffamaa kan hinqabaatiin seenaa hinqaban jedhamaa ture.

Kun immoo kaayyoo kan biroo dabalatee qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti seenaan Oromoo akka irra darbamuu yookaan dagatamuuf sababa ta’eera. Sababiin inni lammafaan ta’e jedhame seena Oromoo bira darbuufi ummata gama siyaasaa, dinagdeefi hawasummaa ijaarama isaarratti loogii hojjetamaa ture ta’uu isaati. Qorannoowwan hanga ammaatti mul’atanis haala seenaa waliigala yeroo sanaarratti hunda’uun tilmaama ofii kaa’uu irraa kan hafe ibsa quubsaa hinkennan. Barreeffamni seenaa Oromoo ibsus akkuma armaan dura eerame ilaalcha madaalamaa hinqabu.

Waa’een Oromoos kan barreeffame dhimma mootummaa Habashaa keessatti barbaadamee waliin walqabsiifameeti. Akka waliigalaatti garuu kallattiinis ta’e alkallattiin barreeffamoonni seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa ibsan seenaa cimina gurmaa’ina Oromoofi Sirna Gadaa  utuu hinjaalatin ragaa bahu. Seenaa barreeffamoonni kun ifaan ifatti haalaniifi deebii hinargatin hangaafi biyya Oromoo jaarraa 16ffaatti. Kun immoo kaayyoo siyaasaaf jecha akka ifatti hinbaane barbaadameeti.

Utuu hariiroo Oromoofi ummattoota Baha Afrikaa yeroo sana turetti hince’in gaaffii “Oromoon jaarraa 16ffaa hawaasa attamii ture? Eessa jiraataa ture?” isa jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Gaaffileen kunniin yoo deebii argatan “Biyyi Oromoo eessa? Oromoon ummattoota kam waliin hariiroo attamii qabaachaa ture” kan jedhuuf deebii taha. Asirratti toorri qaaccessa keenyaa hariiroon ummattoota Baha Afrikaa jaarraa 16ffaa boodaa bu’aa seenaa hariiroo jaarraa eerame kana dura tureeti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne waraanni  mootummaa Habashaafi Islaamaa “Waraana Giraany” gidduutti jalqaba jaarraa 16ffaatti raawwatame bu’aa hariiroo jaarraa sadii (13ffaa-16ffaatti) isaan gidduutti tureeti.

Seenaa hariiroo sana keessatti tokko isa kan biroo injifachuun olaantummaa walirratti agarsiisaa turaniiru. Hariiroo sana keessatti milkaa’inni Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa Mooticha Ifaat Ahmad Badley ajjeese boqonnaa haaraa ture. Seenaa sana keessatti yeroo Sulxaanonni Shawaa barbadaa’e giddugaleessa mootummaatu jijjiirame malee hawaasni iddoodhaa hingodaanne. Godaansi ummataa yoo jiraates kan bulchiinsa (masaraa) mootummaa waliin socho’u namoota muraasa turan. Kana jechuun sababoota rakkoolee haala siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin ummattoonni iddoodhaa iddootti hinsochoone jechuu miti. Qabxii ijoon garuu sochii wiirtuu siyaasaa yeroo hunda sochii hawaasaa hordofsiisa jechuu miti.

Haaluma walfakkaatuun xiyyeeffannaan daangaa babal’ifannaa bulchiinsa Salamoonawaa mootummaa Islaamaa barbadeessuutti aansee ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa har’aa gabbarsiisuu ture. Enumaayyuu tarsiimoo mootummaa Islaamaa barbadeessuu keessatti dursa ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa gabbarsiisuun deggarsa walitti qabachuu ture. Adeemsa sana keessatti walitti aansee dhiibbaan siyaasaafi amantii yoo xiqqaate jaarraa lamaaf Oromoo irratti aggaamame gosoota Oromoo muraasa gabbarsiisee, amanitii isaanii jijjiirsisee ture. Kiristaanomuun gosoota Oromoo Yaayyaafi Galaan Abuna Takla Haymaanotiin (1215-1312) jalatti raawwatame kana keessatti eeramuu danda’a.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You