Qabsoo Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyuma isaaf gochaa ture
Kutaa 1fa
Oromoon ummata guddaafi lafa bal’aa kaabaafi baha Afriikaa keessa jiruufi jiraachaa tureedha.
Barreeffamni kunis irracaalaan seenaa ummata Oromoo jaarraa 16faa hanga jalqaba jaarraa 20faa irratti xiyyeeffata. Akka Kitaabni “Seenaa Oromoo Hanga jaarraa 16faa” jedhutti, seenaa ummata Oromoo baroota kana gidduutti ilaaluuf sababoota gurguddoo lamaaf ka’umsaafi xumura taasifanne.
Inni tokkoffaan jaarraa 16faa seenaa waraana daangaafi amantii babal’ifannaa akkasumas sochii ummattoota Afrikaa bahaa waan keessummeesseef qubsuma ummattootaafi jireenya hawaasummaa, dinagdeeefi siyaasaa biyya kanaa keessatti iddoo guddaa qaba. Keessumattuu, jaarraa 16faan bara haaromsaa (renaissance) Sirna Gadaa Oromooti jechuun ni danda’ama. Yeroon sun bara milkaa’inaa haaromsa Gadaa, gurmaa’inaafi daangaa (biyya) ofii mirkaneeffachuuti.
Barri sun yeroo itti Oromoon Itoophiyaatti dhufe utuu hinta’in yeroo inni itti Sirna Gadaa haaromsatee jaarmiyaa bulchiinsaafi humna waraanaa Gadaa cimaa bifa haaraan ijaarratee weerara mootummaa Abisiiniyaafi sulxaanota bahaa ofirraa qolatedha. Taateewwan seenaa jaarraa16faa keessa raawwataman kallattii seenaa fuulduree biyya kanaa keessatti shoora olaanaa qabu. Gama biraan immoo sochii jijjiirama wiirtuu Mootummaa Abisiiniyaa Shawaarra gara Gondoritti godheefi ijaarsa Mootummaa Itoophiyaa ammayyaa kan sakatta’udha.
Sababni inni lammaffaa imaammanni bulchiinsi kolonii Porchugaalootaafi boodas kan Xaaliyaanii taateewwan sirna siyaasa Itoophiyaa jijjiiruu danda’u keessaa tokko ture. Barri waraana Porchugalaa kan Oromoo diinummaan ramadee seenaa Oromoo akka ummata weeraraafi biyya alaatii dhufeeti itti ramadanii barreessa turaniidha. Taateen yeroo sana seenaa Oromoorratti raawwachaa ture hanga ammaatti qabachuun kan Oromoo abbaa biyyumaa isaa haaluun ykn mormuun ammas kan iyyan ni jiru.
Bulchiinsa Xaaliyaanii sirna Abbaa irree gadi qabuun toora bulchiinsa duraan ture jijjiiruuf yaaluurra darbee sabboonummaa saboota cunqurfamoo biqilcheera. Nutis taateewwan kana ka’umsaafi xumura taasifachuun seenaa Oromoo jaarraa 16faa hanga jalqaba bara bulchiinsa Xaaliyaaniitti (1936) ibsuuf kan yaalu ta’a.
Mootummaa dhufee darbe keessatti jijjiirama hawaas dinagdee keessatti dhiibbaa Orommoorra gahe qofa utuu hinta’in gahee Oromoon biyya kana keessatti kallattii adda addaan qabu bo’oo kana keessatti ilaalleerra.
Kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16faa” jedhu bara 2006 maxxanfame keessatti seenaafi Aadaa Oromoo jaarraa 16faa dura ture ragaalee xiinqooqaa, seenaa, arki’ooloojii, walitti dhufeenya sabootaa Afrikaa Bahaa akkasumas seenaa wiirtuulee aadaafi siyaasa Oromoofi qaccee hidda latiinsa Oromoo waliin walqabsiifnee hanga tokko hir’ina gama qorannoo seenaa Oromootiin jiru waan guute fakkaata.
Bu’aan qorannoo sanaa ilaalcha dogongoraa dhimma Oromoorratti ture cabsuu bira darbee qorattoonni adda addaa seenaa jaarraa 16faa Afrikaa Bahaa dura ture akka qoratan fedhii itti horee kallattii ifa ta’e agarsiiseera. Qorannoowwan ergasii barattoonni damee barnoota adda addaa qorannoo kanarratti hundaa’uun taasisan ragaadha.
Itti dabalees, argannoon kitaaba sanaa sochiin ummataa jaarraa 16faa dura ture Kaaba irraa gara Kibbaatti ykn Baha irraa gara Lixaatti malee ibsa sochii ummataa Kibbarraa gara Kaabaatti taasifameera jedhu fashaleessuun Oromoon akkuma hortee Kuush kan biroo Kaaba Baha Afrikaa keessa waggoota kuma hedduuf jiraachuu isaafi qarooma Sulula Laga Naayil akka qooddatee jiru ragaa waliin ibsa. Kitaabni “Seenaa Ummata Oromoo Hanga Jalqaba Jaarraa 20faa” jedhus kanuma mirkaneesa.
Matadure kana jalattis taateewwan seenaa gurguddoo jaarraa16faa keessa Afrikaa Bahaa keessatti raawwataman fudhannee seenaa Oromoo keessatti ilaalla. Yeroon sun bara falmii garee Amantii Kiristaanaafi Islaamaa duula biyyoota Turkiifi Porchugaal taasiisaa ture. Kana ilaaluuf gahee ummanni Oromoo taateewwan kana keessatti qabu hubatama.
Itti aanees hundeeffama mootummaa Gondar waliin walqabsiifnee dhiibbaa aadaafi siyaasa Oromoorra gaheefi gahee Oromoon bulchiinsa Abisiiniyaa keessatti qabuuf iddoon kennameera. Bulchiinsa Sirna Gadaafi dhalachuu mootummaa gonfooa ilaalla. Keessattuu jalqaba jaarraa 10fa Oromoo Tuulamaa Yeshawaa Sulxaaneet jedhamuufi boodas jaarraa 19fa irraa eegalee Maccaa keessatti sababa jijjiirama haala amantii, dinagdeefi hawaasummaatiin sirni Mootii, Sirna Gadaa bakka bu’uu isaa hubanna.
Waldiddaafi qoodama Oromoota garee amantaa lamaan (Kiristaanaafi Isilaamaa) jidduutti umameen badiin guddaan bara dheeraaf raawwachaa kan ture yoo ta’u, kunis rakkinoota Oromoofi Oromummaaf hudhaa guddaa ta’a tuireedha. Boqonnaan waldiddaa Oromoo akka waliigalaatti Oromoofi humnoota alaa bara Porchugaalotaa irraa eegalee hanga bara dhiibbaa kolonaalizimiitti Gargaarsi humnoota biyya alaa weeraramuu biyya Oromoorratti dhiibbaa guddaa qaba.
Weeraraan qabamuu biyya Oromoo yoo ilaallu, diibbaalee waliigalaa duula Itoophiyaa hundeessuu keessatti wareegama guddaan akka gahaa ture hubachuun ni danda’ama. Xumurarrattis hundeefama “Itoophiyaa Ammayyaa” (1855-1936) keessatti Oromoon gahee olaanaa qabaachuusaa gabaabinaan ilaalla.
1.1 Oromoofi Seenaa Ummattoota Afrikaa Bahaa Jaarraa 16fa keessa
barreeffamoonni seenaafi xiinhawaasaa ilaalcha Semetikiin faalaman ragaa sobaa dhiheessuun hundee ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu. Ilaalchi kun barreessitoota Habashaafi deggartoota isaaniitiin waggoota dheeraaf irradeddeebi’amee calaqqiseera. Kana keessatti barreeffamni Abbaa Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba.
Duula buttaa Oromoon jaarraa 16fa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda addaatti taasise barreeffama Abbaa Baahiree ragaa taasisuun biyya Oromoo, Itoophiyaa ala yookaan Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo irradeddeebi’ame dhugaa ta’a” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa jecha “Galaana Gama” jedhu qofa luqqisanii fudhachuun akka Oromoon baar gamaa dhufe fakkeessanii barreessaniiru.
Akka Baahireen barreesseetti, yeroo inni bataskaana Gaamoo jirutti, Oromoon “Laga biyya isaanii Galaana jedhamu cehanii dhufan” jedha. Barreeffama kanarraa yaada quubsaa ta’e argachuun sababa lamaaf hindanda’amu. Tokkoffaa, kaayyoon barreeffama Baahiree seenaa dhugaa barreessuuf hinture; ragaa dhugaarrattis kan hundaa’e miti. Kaayyoon isaa gurmaa’inaafi dandeettii waraana Oromoo yeroo sanaa mootummaa Kiristaanaaf ibsuuf ture.
Sababa kanaaf walitti bu’insa mootummaa Abisiiniyaafi Oromoo gidduu yeroo sana ture ilaalchisee yaada madaalamaa hinqabu. Mootummaa Abisiiniyaa faarsee, Oromoo abaaree, tuffatee barreesse. Lammaffaa, lagni “Galaana” jedhamuufi bataskaanni Gaamoo eessatti akka argaman sirriitti hinibsine. Lagni “Galaana” jedhamu hedduun Oromiyaa keessa jira. Darbees Bataskaanni Gaamoo jedhamtuufi umurii yeroo sanaa qabdu Goojjam keessa naannoo Haroo Xaanaa akka jiru ragaan ni ibsa. Kana malees, Gaamuufi Haagara Maaraano konyaa Kaaba Shawaa lafa Baasoofi Warraanyaa gara Kibbaatti argamu lafa bal’aa Oromoo warra Abbichuufi Jiddaa irratti argamudha.
Atsime Goorgis seenaa Oromoo waggaa dhibba afurii yoo barreessu fedhii Mooticha Minilik guutuuf akka ta’e hubachuun nama hinrakkisu. Kitaabni Alaqaa Taayyee (Ye Itoophiyaa Hizibi Taarik) seenaafi aadaa Oromoo haaluu bira darbee ilaalcha dogongoraa barreessitoonni isa dura turanii irradeebi’ee ibseera.
Akka inni barreessetti, Itoophiyaa keessatti sadarkaa sabaarra kan gahan ummata Amaaraafi Tigree qofa. Ulaagaasaa immoo bal’inaan ibsuurraa of qoqqobeera. Haaluma walfakkaatuun Mootichi Hayilasillaaseen qomoo Oromoo yoo qabaatullee maallaqa guddaa ramaduun seenaa barreessitoota biyya Isiraa’eliifi biyyoota Awurooppaa adda addaa qacarachuun duula seenaa xureessuufi eenyummaa Oromoo balleessuu bal’inaan akka geggeffamu godhera.
Jaarraa 16ffaa dura yeroo Oromoon giddugaleessa Itoophiyaa qabate jedhumu dura saboota kamtu ture gaaffii jedhuuf immoo akka isaanitti deebiin hinjiru. Ykn sanyidhuma isaanii akka ta’an ibsu gama tokkoon of ijaara gama biraan of diiguun kanuma mootii Hayilasilaaseen akakaayyuu Guddisaa Dhabaa Nagawooti. Eenyumaa ofii haaluu ta’e of walaalu ta’e wantti barame hinjiru.
Karaa biraatiin lammii Iskootish kan ta’e ‘James Bruce’ bara 1769 Kaaba Itoophiyaa, Aksum, Gondoriifi biyya Oromoo Hara Xaanaa gara Kibbaa daawwate yaada Oromoon biyya Sudaan keessaa gara Itoophiyaa har’aatti babal’achuu hinoolu jedhu ibse. Haata’u malee, yaada kana kan caalmaatti gabbisu ragaa seenaa afoolaa yookaan arki’ooloojii hindhiheessine.
Yaadni Bruce dhiheesse garuu xiinxala hariiroo Oromoon hortee Kuush waliin qabuufi seenaa horteen Kuush qarooma laga Naayil waliin qaba jedhamuuf bu’uura ta’a. Barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti ilaalchi madaalamaan akka hinjirre barreeffamoota adda addaarraa hubachuun ni danda’ama.
Seenaan sochii Oromoo Bareentuufi Booranaa jaarraa 16ffaa akka godaansaatti yoo barreeffamu, walitti bu’insi mootummaa Abisiiniyaafi Islaamaa jaarraa 16fa sababa ka’umsa waraanichaa Mootummaa Islaamaa taasisuun waraanichi weerara Ahmad Giraanyiin moggaafame. Weerarriifi aggaammiin mootummaa Sanyii Salamoonawaa jaarraa 13fa irraa eegalee hanga xumura jaarraa 19fatti taasise ummattoota Gaanfa Afrikaa nagaa dhorkate garuu akka hojii qulqulluu biyya ijaaruuf taasifametti fudhatame.
Kanaaf barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti kaan abbaa biyyaa kaan immoo keessummaa taasisuun barreessuun waanuma baratamedha. Oromoonis ummattoota abbaan biyyummaa isaanii barreeffama seenaatiin haalamuu yaalame keessaa tokkodha.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa
Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013
8 Comments to “”