Kutaa 7fafi isa xumuraa
Baay’inni uummata magaalaa Finfinnee yeroodha gara yeroottii ariittiidhaan guddachaa kan dhufeefi lafa kanaan dura qonnaaf oolaa ture irraa qonnaan bulaa buqqisuun gara magaalatti kan jijjiireedha.
Magaalonni Oromiyaas siyaasa, diinagdee, aadaafi Afaan warra Amaraan liqimfamuun waan baratamee ta’a dhufe. Fakkeenyaaf bara 1970, uummata magaala Finfinnee keessaa hanga %59 Amhaarafi Tigree, % 17 Oromoofi %17 Guraagee walumaagalatti hanga %94 kan ga’u ummata magaalatti milliyoona 1.1 ture.
Oromoon
lafa isaa kan magaalaa irraa buqqifamaafi gara baadiyaatti godaansifammaa ture.
Abissiniyaanoonni immoo gara magaalotaa Oromiyaati akka godaanaan
jajjabeeffamaa turan. Gochi kun kan jalqabe Minilikiin yoo ta’u, hanga ammaatti
itti fufee jira.
Yeroo ammaa Finfinneen haala saffisaan babal’achaa kan jirtuufi baay’ina ummata jiraataa magaalatiii lafti hanga ammaa itti ijaaramee kaare meetira iskuweerii 647fi haalli babal’inni lafa magaalatiin kan wali hinsimneedha. Babal’inni lafa magaalaa kun immoo tilmaaman magaalattii keessatti lafti duwwaan %46 yookiin lafti osoo ittii hinfayyadamin kan jiruudha.
Lafti naannoon Finfinnee kan duraan guutumaan guututti Oromoota gosoota Gullalee, Eekkaa, Abbichuun Galaaniifi Bachoo dhuunfatamee, koonyaalee kudhalamatti qoodameefi tokkoon tokkoo koonyaa dursitoota gosotaa kan akka Tufaa Munaa, Duula Hara’a, Jimaa Jaatani, Guutoo Wasarbii, Jimaa Tiiksee, Abeebe Tufaa, Waaree Golole, Tufaa Araddoofi Mojoo Boxoraa faan bulu turte, weerara Minilikiin booda qabeenyii ishee humna diinatiif ooluu eegale, lammii ishee kan ta’e ummata Oromoo buqqisuu ittii fufte.
Waggoota 128 ol Oromiyyaan Finfinnee bishaan qulqulu obaftee, muki nannoo Finfinnee qooraan ta’e Finfinnee tajaajilee dhumee, ibsaa Finfinnee Oromiyaan maddisiisaa, biyyoofi dhagaan naannoo Oromiyyaa Finfinnee fayyadaa ture. Oromiyyaan bishaan qulquluu Finfinnee obasa jirtu, Finfinnee irraa kan argattu garuu summiifi xurii warshaafi hospitaloota keessaa ba’an qofadha.
Sababii kanaaf, irra caalan industuriiwwaan magaalattii keessatti argaman, yaa’a laggeenii keessatti argamaniifi hundi isaanituu balfa dhangala’aa gara lagaatti gadi dhiisu. Kun immoo yeroo lageen balfa guuranii gara dirreetti ba’an ijaanu arguun ni danda’ama. Xuuriifi sumiin waggoota 128 oliif dachee Oromiyaatti dhangala’a ture.
Magaalaa Finfinnee keessatti uwwisni bo’oo balfa dhangala’aa %10 irrratti argama Kun kan agarsiisu xeyyeeffannaan eegumsa naannawaa taasifamu laafaa ta’uufi xurriin %90 dirree irrattii dhangala’uun miidhaa namaafi beelladoota naannawaa magaalaa Finfinnee irraan ga’a jiraachuu mirkanneesa.
Sirnoota dabran kan bulchiinsa abbootii irree, irraa jalqabee hanga ammaatti, biyyattii keessatti bifa jijjiiratee saamichi lafaa geggeeffamaa jiraachuu hubana. Maqaa misoomatiin qonnaan bultoonni hedduun lafaafi qabeenya isaaniirraa buqqifamaa turaniiru. Qonnaan bultoota lafa isaanii irraa kaafaman kanaaf beenyaa gahaas ta’e, bakki qubsuma biroo kennamaafii hinture.
Kanaan dura naannawaa Finfinnee uummatti jiru harki caalu qonnaan bulaa ture, har’a garuu eegiduu qabeenya dhuunfaati. Namoota naannawichatti mana ijaarataniifi dhagaa akka batuu ragaan argane ni mulisa. Haaluma kanan Oromoon naannawaa Laga Xaafoo Laga Daadhii, Alemganaa-Sabbataa, Buraayuu-Ashawaa Meedaa, Labu-Laaftoofi Aqaaqii Basaqaa buqa’an eenyumaa isaanii dhabaniiru. Finfinneen kanaan dura gaafa Qaallitii humnaan Oromiyyaarraa fudhatu qabeenya Oromiyyaan qabuufi misooma Oromiyyaan achi irratti geggeesaa tureef beenyaa tokkollee utuu hinbaasin irraa fudhate ammas akkas goochuuf deemu.
Oromoof, sirna Gadaa jechuun waan hundaa ture, sirna bulchiinsaa, jiruufi jireenya hawaassummaa, siyaasaa, diinagdee, amantiifi falaasama isaa ture jechuun ni danda’ama. Kanaaf, tarkaanfiin jalqabaa diinni erga lafaafi uummata Oromoo humnaan mo’atee qabatee fudhatees sirna Gadaa Oromoo laafisuun, gurmaa’insaafi hawaassummaa Oromoo diiguun, wiirtuulee sirni Gadaafi Waaqqeeffanaan kan akka Hora Finfinnee irratti gaggeeffamuu lafarraa balleessuuf maqaa lafa jijjiiruu, mallattoo dhabamsiisuu, mana amantaa kirstaanaa irrattii ijaaruufi maqaa hiika amantaa isaanii jajjabeessuun moggaassuu, dhaloonni Uummata Oromoo iddoo akka wallaaluufi aadaa ofii akka dagatu godhuuf, Gosoota Oromoo hedduu lafa qubsuma isaanii irraa buqqisaanii, loltoota (waraanaa)fi qubatoota isaanii Kaaba fiduun irra qubsiisa turani.
Kana biras dabruun, seeraa itti labsanii Sirni Gadaafi duudhaa isaa magaalaa Finfinnee keessatti akka hingaggeeffamne, Afaan Oromoo akka hindubbatamnee, amantii isaa akka hingaggeeffaanneefi eenyummaa isaa akka irraaffaatee, sirna bulchiisaa Salamoonawaa, aadaafi amantii Abashootaa dirqiin akka fudhatu godhamaa ture. Kaayyoo kana galmaan ga’achuuf, sirna Gadaa Oromoo irra ugura kaa’aa ture.
Walumaagalatti, Finfinneen waggoota 128 darban keessatti kan babal’atte bal’ina lafa hektara 54 qofa kan qabate yemuu ta’u, baay’ina ummata Oromoo yeroo garagaraatti sababii babal’ina magaalaa kanaan lafaafi qe’ee isaanii irraa baqqa’anii garuu ragaa galmeessani waan qabatamaan hinkeenneef lakkofsaan kaa’uun hindanda’amne.
Yeroo ammaa Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaafi teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaatis, kana malees, teessoo mootummaa federaalaa Itoophiyaa yoo taatu, magaalaa muummee Tokkummaa Afrikaatis. Finfinneen iddoo jaarmiyaaleen mootummooota gamtoomanii itti argamu, wiirtuu siyaasaafi diplomaasiin addunyaa keessatti gaggeefamuudha.
Finfinneen handhuura diinagdee magaala Itoophiyaati. Magaalatiin ‘GDP’ biyyaa keessaattis gahee guddaa kan qabduudha. Seektarri tajaajila gahee 2/3 ol ‘GDP’ keessatti kan qabu (%76.5), industiriin (%23.3) fi parsantii 0.2 qonna irraa kan argamuudha. Carraan hojii ummata magaalattii seektaroota dinagdee seera qabeessaafi seera qabeessaa kan hinta’ii irratti hundaa’a.
Maastar Pilaanii ammaa kanaan ammoo Godina Addaa Oromiyyaa irraa Hektaara Miliyoona 1.1 yeroo tokkon fudhachuun, uummata Oromoo miliyoona 5.7 buqisuun, Aannolee 17 magaaloota 36 dhabamisisuun lafa hektara milliona 1.1 giddugalessa Oromiyyaa dhuunfachuudha. Afaan Oromoofi Aadaa Oromoo naannawaa san irra balleessanii akkuma Finfinnee amma duraa kan goodhudha.
Finfinneen akkuma magaloota adunyaa gamoo gurguddaa ijaaruufi manneen dulooman diiguun mana jireenya ammayyaa ijaarun gara samiitti ol gudachuu qabdi. Uummani nannoo seeraan ala buqqa’e qe’ee isaa dhabee dhagaa baacha jira. Uummani kun mana jireenyaa dhabee, maatiin isaa diigamee, eenyummaa isaa, aadaafi afaan isaa dhabeera.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013
5 Comments to “Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii Magaala Finfinnee”