Kutaa 6fa
Heera mootummaa bara 1987 qophaa’e
Heerri mootummaa FDRI bara 1987 tumame. Heerri kun waa’ee magaalaa Finfinnee dhimmootni gurguddoo sadii akka jijjiiraman ifatti tume. Inni tokkoffaan Finfinneen mirga naannoo ta’uu dhabdee sadarkaa bulchiinsa magaalaatti akka ijaaramtu tume. Dhimmi lammaffaan walitti dhufeenyi Oromoofi Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan cite ture deebisee walitti hidhe.
Yeroo ce’umsaa Oromiyaafi Finfinneen akka naannoofi naannootti walitti dhufeenya qabaachaa turani. Heerri kun erga tumamee booda Finfinneen akka qaama Oromiyaa taateefi Oromiyaanis mirga addaa Finefinneerra akka qabdu ifatti kaa’e. Dhimmi sadaffaan Finfinneen teessoo mootummaa federaalaa waan taateef akkasumas mirga ofiin of bulchuu sabaafi sablammoota magaalattii keessa jiraatan eeguuf jecha akka naannoolee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu osoo hintaane mirga ofiin of bulchuu qofa akka qabaattu ifatti tume.
Heerri Mootummaa FDRI walitti dhufeenya Oromoofi Finfinnee gidduutti yeroo dheeraadhaaf addaan citee ture jijjiire. Finfinneen erga uuumatee kaaftee kan Oromoo waliin addan cittee turte akka qaama Oromoo taatu murteesse. Finfinneen kan Oromoo ta’uu mirkaneesse.
Heerri Mootummaa FDRI bara 1987 bahe Finfinneen Mirga ofiin of bulchuu malee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka hinqabne, dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinnee labsiidhaan akka bahu ibsuudhaan seerota duraan turan (labsii daangaa magaalattiin bara1986 baafatte dabalatee) diigee jira.
Kanaafuu dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa gidduu jiru kan murtaa’u fedhii ummata Oromoo daangaarra jiraatuu, fedhii Mootuumaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin qofa akka ta’e ifatti beekamuu qaba. Kanaafuu, labsiin daangaa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee kan bara 1986 bahe ummata Oromoofi mootummaa naannoo Oromiyaa kan hin hirmaachisne waan ta’eef safartuu kamiiniyyuu fudhatama kan hinqabne ta’u ifatti ka’e.
Heerri mootumma Itoophiyaa keeyyata 49 lakkoobsa 5fi Chaartarii Bulchiinsa magaala Finfinnee labsii Lakk. 87/1997, Keeyyanni 62 lakkoofsa 2 irratti, Heera akka kabaju ibsuun, Finfinnen waan Oromiyyaa keessa jirtuufi lafa Oromoo waan tateef, tajaajilafi dhiyeesii hunda Oromiyyaarra waan argattuuf, Oromiyaan Finfinneerratti mirgaafi fayiidaa addaa kan qabdu ta’uu, kun ammoo bal’inaan seeraan mirkana’aaf jedha. Kun Heera biyyattii ol’aanaafi waan seera biraatiin hinjijjiramneedha. Uummatoota biyyattii qofaatuu heera kana jijjiruu danda’a.
Chaartarii Bulchiinsa magaala Finfinnee labsii Lakk. 87/1997, Keeyyanni 62, lakkoofsa 2 irratti garuu, waliigalteen marii bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Mootummaa Naannoo Oromiyaa giddutti gaggeeffamuun kan ta’u ta’a, yookaan seera mana maree bakka bu’oota Federeeshinii ummatoottaan ba’uun kan raawwatamu ta’a jedha.
Article 5. About the Boundary of Finfinnee: “without prejudice to the existing boundary of the city, the boundary of the City shall be delimited by an agreement to be made between the City Government and the Oromia Regional Government or according to the decision of the Federal Government.”
Haata’u malee, dhimma daangaa bulchiinsa magaala Finfinneefi godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee ilaalchisee immoo, Keeyyata 6, irratti daangaan magaalaa Finfinnee kan daangeeffamu waliigaltee Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutti godhamuun yookaan immoo murtee dirqisiisaa mootummaan feederaala kennuun ta’a jedha.
Kana malees, erga Heerri hojiirra oolee as bulchiinsi magaalaa Finfinnee Chaartaroota lama, Labsii Lakk. 87/1997fi 361/2003, magaalattiif baasee ture. Garuu, labsiileen kun waa’ee waliitti dhufeenya Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bu’uura Heera biyyaattiin teechisuu hindandeenye. Akkuma yaada armaan oliitti kaafnerraa hubachuun danda’amu labsiileen kun lameenuu humna bulchiinsa magaalaa Finfinneefi mootummaa feederaalaa waliigaltee naannoo Oromiyaatiin waliigaluuf kan cimseef yoo ta’es, hanga ammatti gara hojii qabatamaatti hinjijjiiramne.
Dhimmi daangaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee dhimma daangaa bulchiinsaa naannoo tokko keessatti geggeeffamu akka ta’es ifatti beekamuu qaba. Dhimmi daangaa Finfinnee heera mootummaa biyya keenyaa bara 1987 bahe bu’uura godhachuudhaan fedhiifi faayidaa ummata Oromoo karaa mirkaneessu qofaan hojiitti hiikamuu qaba.
Dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee waliin walqabatee jiru bu’uura heera mootummaa FDRI fi mirgaafi faayidaa ummata Oromoo karaa kabachiisuun hiikuun barbaachisaadha.
Pilaanoota Magaalaa Finfinnee
Pilaaniin Finfinnee kanaan dura bahaa ture hirmaannaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi uummata Oromoo of keessaa hinqabu. Pilaanii Finfinnee keessaatti qophaa’aa ture aadaa, duudhaafi eenyumaa Oromoo kan calaqqisiisu miti. Abbaa biyyummaa Oromoo kan agarsiisu miti. Sababii kanaaf, ummata Oromoo yeroo garagaraatti sirnoonnii adda addaa buqqisaa turanii jiru. Erga heerri mootummaa fooyya’ee garuu dogogoroota yeroo adda addaa turan, kallattiin sirreessuuf kan akeeku miti. Dhalootni Oromoo itti aanu abbaa biyyummaa isaa akka hubatuufi abbootiin isaa akkamitti akka jiraataa turan, aadaa, duudhaafi seenaan Oromoo akkamitti qabamaafi faayidaaf oola ture akka ture waan ibsu of keessaa hinqabu.
Pilaaniin qophaa’aa ture lafa qabachuuf qofa qophaa’aa ture jechuun ni danda’ama. Waa’ee ummataa Oromoofi qonnaan bulaa buqqa’uu dantaa tokkollee hinqabu. Qonaan bulaa Oromoo Caffee isaa, Odaa isaa diigaa deemaa ture. Xurii summaa’aan magaalaa Finfinnee keessaa bahee gara maasaa qonnaan bulaatti dhangala’u utuu miidhaa hindhaqabsiisin akka itti hogganan hinkaa’u.
Kaayyoon heera mootummaa FDRI bara 1987 tumamee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaa mirkaneessuun boqonnaa qe’ee ofiirraa buqqa’anii godaanuu cufuuf ture. Oromoon mirga qe’eesaa keessa jiraachuu akka qabaatu gonfachiisuun, abbaan biyyuummaa Oromoo akka kabajamu labsee ture. Dhimmi hiree ofii ofiin murteeffachuufi mirga abbaa biyyummaa kun bakka hundatti deebii argatee cufamee Finfinneetti utuu hincufaman hafe.
Dhimmi Finfinnee fedhiifi faayidaa Oromoo karaa calaqqisuu qofaan deemuu akka qabu heerri mootummaa keenya ifatti kaa’ee jira. Gama kanaan dhimmi sirraa’uu qabu inni tokkoffaan Finfinnee akka naannoo of dandeesse tokkootti ilaaluudha. Ilaalchi kun dogoggora waan ta’eef sirraa’uu qaba. Finfinneen qaama Oromiyaati. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu Finfinnee daangaa seeraa Oromiyaa keessatti akka ilaalamuu beekuun murteessadha.
Dhimmi lammaffaan sirraa’uu qabu akka sabaatti Finfinnee keessa gallee jiraachuu, hojjechuufi daldaluu soodaachuudha. Ilaalchi Finfinnee keessaa baqachuu, Finfinnee keesatti hojjatanii argachuu sodaachuu jijjiiramuu qaba. Aadaafi duudhaa Oromoo dagaagsuuf eenyuummaan Oromoo akka hundee gadi fageeffatu godhuun dirqama hunda keenyaati. Yeroo ammaa kana jiraattota magaalaa Finfinnee keessaa %30 Oromoota akka ta’an ragaaleen ni mul’isu. Ta’us maagaalicha keessatti dhimma sabboonummaa Oromoorratti waan hinhojjetamneef magaalatii keessa Oromoon waan keessa jiraatuyyuu hinfakkaatu. Magaalattii keessatti sabboonummaan Oromoo sadarkaa dhabamuu irra gahee jira.
Haala qubsumni uymmata Oromoo Finfinneettii jijjiiramaa dhufe
Bulchiinsi mootii Miniliki, akkuma ummataafi lafa naannoo Finfinnee dhuunfatteen, injiinarootaafi hojjatoota hojii ijaarsaa biyya alaa fiduun, ijaarsaa gurguddaafi babal’aa gaggeessuu eegalee ture. Hojiin ijaarsaa kun immoo dabaree isaatiin namoota hedduu hojii humnaatiif waan barbaaduuf, magaalatiin yeroo jalqabaatti humna kana dhiyeessuu hindandeenye ture. Kanaaf, lammiillee biyya keessaa kan hojii humnaa fedhiin dalaguuf gara magaalattiifi hojii barbaaduuf baay’inaan yoo hirmaataniis, namoonni dirree waraanaarraa qabamanii mana sirreessaa turanis hedduun isaanii hojjii ijaarsaa kana keessaatti akka tajaajilan godhanii turan.
Haallan kun lamaan ummanni magaalaa akka dabaluuf sababoota ta’anii jiru. Baay’iinni uumata magaalaa kun lakkoofsaan qofa osoo hinta’iin garagarummaa sabummaattiinis dabalee ture. Lakkoofsa sirrii baay’inaa lammiilee biyya alaa kan yeroo san Finfinnee keessa jiraachaa turan argachuu yoo hindanda’aminis, akka namni lammii biyya Joorji’aa Mérab jedhamuufi ogeessa fayyaa Minilikii kan ture akka tilmaametti baay’inni ummata magaala Finfinnee bara 1901ti hanga kuma 65 ga’u ture. Ummata magaala yeroo kana ture keessaa, baay’inni ummata Oromoo hanga kuma 20, Amaarri kuma sadii, Guraageen kuma lamaafi Tigreen kuma tokko turan. Ummanni Beni-Shanguliifi Gumuz kuma 15 turan jedha.
Akka barreessan Mérab jedhutti, ummata Shawaafi Goojjam (“Shoans and Gojamis”) walitti kuma 16. Ummanni Walaaytaa kuma shaniifi lammiillee Itoophiyaa kan biroo immoo kuma sadii ga’u ture. Uummatoota Shawaa kan jennuun Oromoofi Amaaraa walitti dabalamanii kan Finfinnee keessa jiraatan ta’u. Ummata Goojjam kan jedhaman immoo ummata Amaaraa kan yeroo san naannoo Goojjamirraa gara magaalaa Finfinneetti godaansaan dhufan jechuudha.
Yaaduma kana cimsuudhaaf, Finfinneen ariitidhaan bal’achuufi guddachuun amala ta’aafii dhufe, bara 1902, tilmaamaan baay’ina uummataa (jiraattota) hanga kuma 70fi uummata kuma 30 hanga 50 ga’u immoo kan yeroof (temporary inhabitants) magaalattii keessa oolanii gara baadiyaatti deebi’anii galantu ture. Haata’u malee, ragaan qindaa’aafi amanamaan waan hinjirreef, haala guddinaafi baay’ina ummata magaalaa Finfinnee yeroo hundooftee jalqabnee jijjiiramaa ture guutuutti ibsuun baay’ee rakkisaadha. Ragaa lakkoofsa ummataa kan jalqabaa, ragaa bara 1953 irraa eegale kan jiru qofa. Garuu, qorattoonni garagaraa, baay’ina ummata magaalattii bara 1881 irraa eegalee ragaa tilmaamaatti fayyadamaa turan. Bu’uruma kanaan, ragaa armaan gadii irraa haala ture hanga tokko hubachuun ni danda’ama.
Ittifufa…
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013
5 Comments to “Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii Magaala Finfinnee”