Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii magaala Finfinnee

Kutaa 5fa

Finfinneefi Imaammata Dargiin bara 1983 dura lafarratti qabu

Ittaanee carraa biyya bulchuu kan argate mootummaan Dargiis, akkuma aangootti baheen Aydiyoolojii Sooshaalizimii akeeka guddina diinagdeefi hawaassummaa biyyattii godhachuufi sirna ittifayyadama lafaa immoo labsii lakk. 31/67n dhaadannoo ‘Lafti qonnaan bulaaf’ (‘land for the tiller’s’) jedhuun lafa baadiyyaa, akkasumas labsii lakk. 47/67n lafti magaalaa kan mootummaa akka ta’u labsatee ture.  

Bu’uura kanaan bara 1967 irraa eegalee hanga bara 1983tti lafti kan dhuunfaa abbootii lafaa ta’uun isaa hafee, kan mootummaafi kan ummataa  akka ta’etti kan labsame ta’ullee, uummati wabii ittifayyadamummaa lafaa argatee akka barbaadetti bilisaan ittifayyadamaa hin ture.Kun immoo lafti magaala karaa salphaan akka namootaaf hiramu haala kan mijeessee ture.

Sirni Dargii akka mootummaati waldaalee gamtaa misooma manneettiif gargaarsa gochuufi jajjabeessuun, dhiyeessii mana babal’isuuf, lafa mana jireenyaa tolaan kennaa ture. Kunis Oromoota naannoo Finfinnee qonnaan jiraatan buqisuun magalittiin akka daran bal’attu ishee godhe. Lafti bal’aan waldaalee gamtaa misooma manneenii tokkof kennamu kaaremeetir iskuweerii 500 (500 km2 ), kun hanga bara 1967-1976 kan turedha. Haata malee, akkuma labsiin 292/1976, mirkanaa’een bal’inii lafaa guddaan gara kaaremeetir iskuweerii 250  (250km2) gadi bu’ee ture.

 Sirni Dargii, Aydiyoolojii isaa kan Sooshaalizimii jedhuun, walqabsiisuun murtii gurguddoo akka lafa magaalaafi mana jireenyaa jiraattotaaf bifa walfakkaatuun hiruuf murteessee ture.  Dargiin, kaayyoo kana galmaan ga’uuf waldaaleen ijaarsa mana waliinii bifa lamaan hundeessee ture. Kan jalqabaa Ejensii Bulchiinsa Manneen Kiraa (Agency for the Administration of Rental Houses), ittigaafatamuummaan isaa Bulchiinsa Manneen Kiraa mootummaa kan kaffaltii kiraa ji’a qarshii 100, ol ta’ee kan too’atu ture. Sirni dhiyeessa manaa kan lammaffaa immoo, mana kiraa Bulchiinsa Gandaatiin to’atamuufi kaffaltii kiraa ji’a qarshii 100, gadi kan ta’eedha.

Akka barreessaan Tesfaye (2007) jedhuttii, manneen mootummaa waliigala kuma 151fi 372 kan Finfinnee keessaatti argaman keessaa, bulchiinsi gandootaa harka 93.87 (142,095 units) bulchu ture.

Sirni Dargii adeemsa haaraa dhiyeessii mana jireenyaa jalqabuufi adeemsa dhiyeessii mana kiraa sektaroota dhuunfaa yookaan misooma riili Isteetii guutuu biyyattii keessaa dhabamsiise. Lafa kan mootummaa gochuufi dhaalamuun qabeenyaa dhuunfaa (abbootii qabeenyaa), immoo galiin abboottii lafa baay’isee akka xiqqaatu godhe ture. 

Akkasumaas, beenyaan lafaafi mana dhaalameefis hinkaffalamuuf, haalli kun inumaa kan hammaatee bara 1966 keessaa yeroo sirni Dargii galiifi kaffaltii mindaa hojjetootaa itti daangese (fixed), osoo qaala’inni jireenyaa dabalaa deemu. Sababii kanaaf, humni waabittachuu namoota ittiifufiinsaan kufaa dhufe.

Maaster Pilaanii Magaala Finfinnee Sadaffaa

Mootummaan Dargiillee maastar pilaanii magaalaa Finfinnee bifa haaraan karoorsuuf yaalee, pilaanii garagaraa lamas bara 1970fi bara 1978 qophaa’anii turan. Kanaafis, gareen ogeessota pilaaniifi arkiteekcharii Itoophiyaarraa hundaa’ee, ogeessa pilaanii lammii biyya ‘Hangaarii kan C.K. Polonyi’ durfamuun, hooggansaafi kallattii Ministeerri Misooma Magaalaafi Manneenii  yeroo sanii kaa’afii tureen,  pilaaniin bara 1970 qohaa’ee ture.

Pilaanichisi kallattii raawwii lama kan karoorise ture: (1) misooma keessoo magaalaa (inner-city ) Finfinnee, keessattuu lafa naannoo addababayii Masqalaa kan ummani ittii walga’uufi (2) misooma magaalaa kan ‘megalopolis’ jedhamu magaalota naannoo magaala Finfinneetti argamaniifi magaala Finfinnee waliittii hidhuufi qindeessuun hundeessuun waliittii dhufeenyaa baadiyyaafi magaala cimsuuf yaadame ture. Haata’u malee, akkuma pilaanoota sirnoota kanaan duraa, yaadrimeen magaalaa guddaa (megalopolis) gara hojii qabatamaattii jijjiiramuu hin dandeenyee ture, sababii hawwii baay’een qofaan xinxalameefi humna faayinaansii mootummaattii ol waan tureef.

Maastar pilaaniin magaalaa Finfinnee bara 1978 kan qophaa’e garee lammiilee Itoophiyaafi Xaaliyaaniitiin yoo ta’u, turtii yeroo bara 1978 hanga 1998tti kan uwwise, yaada jalqabaa kan ogeessi ‘Polonyi’s’ jedhamu qopheesserratti kan hundaa’e ture.  Pilaaniin haaraan kunis kan xiyyeeffate magaalota naannoo magaala Finfinneetti argamaniifi magaala Finfinnee waliittii qindeessuufi daangaa magaala Finfinneetti wirtuu magaalotaa hundeessuun caasaa bulchiinsa gara uummataatti gadi buusuufi ummata naannootiif tajaajila kennuuf ture. Garuu, pilaanichi hanqinaalee jajjaboo qaba:  rakkoo hanqina mana jireenyaa jiraatotaa, sirna balfa dhangala’aafi hanqina bu’uura misoomaa kan hinfurre ture.

Kana malees, pilaaniichi hanga bara 1986 seeraan osoo hinmirkanaa’in, yeroon irra dabree ture. Mootummaan Dargii pilaanicha yeroon hojiittii hiikuu waan dadhabeef, ijaarsii seeraan alaa magaalattiiti akka babal’atuuf sababa guddaa ta’ee ture.

Magaala Finfinneefi Bulchiinsa Mootummaa ‘EPRDF’

Barri 1983 yeroo jijjiiramni mootummaa, sirna Soshaalizimiirra gara mootummaafi imaammaanni dinagdee biyyaa keenyaa ayidiyolojii sooshaalizimiirraa gara imaammata dinagdee sirna gabayaa bilisaatti ariittiin geeddaramee ture. Yeroo kanarraa eegalee, Itoophiyaan sirna dimokiraasiifi federaalizimii eeny­ummaa sabarratti hundaa’e hordofu kan itti eegaleedha. Yeroon kunis bara jijjiramni guddaan magalaa Finfinnee keessatti uumameedha.                        

Pilaanii Finfinnee kan bara 1986  

Maastar pilaaniin magaala Finfinnee bara 1978 kan qophaa’e garee lammiilee Itoophiyaafi Xaaliyaaniitin yoo ta’u, turtii yeroo bara 1978 hanga 1998tti kan uwwisee, yaada pilaanii jalqabaa kan ogeessi ‘Polonyi’s’ jedhamu qopheesserratti kan hundaa’e ture. Pilaaniin haaraan kunis kan xiyyeeffatee magaalota naannoo magaala Finfinneetti argamaniifi magaala Finfinnee waliitti qindeessuufi daangaa magaala Finfinneetti wiirtuu magaalotaa hundeessuun caasaa bulchiinsaa gara uummataattiigadi buusuufi ummata naannootiif tajaajila kennuuf ture. Garuu, pilaaniichi hanqinaalee jajjaboo qaba:  rakkoo hanqina mana jireenyaa jiraatota, sirna balfa dhangala’aafi hanqina bu’uura misooma kan hinfurre ture.

Hanqinoota armaan oliitti ibsaman fooyyeessuuf bara 1994/5, maastar pilaanii haaraa Pilaanii Misoomaa Qe’ee (Local Development Plans,) waliin qopheessuufi xiyyeeffanoon isaanii ijoon maastar pilaanii bara 1978 irra deebi’uun qindeessuu ture.

Kan nama gaddisiisu garuu jalqabaa kaasee haga ammaatti jiraatota naannoo Finfinne kan ta’an saba Oromoo mastar pilaaniin hojjatamu  kan hinmari’achiisne ta’uusaati. Akkuma barreefama kana irraa hubachuun danda’amuutti, mootummoonni dabran magaalaa Finfinnee babal’isuuf, yeroo garagaraa pilaanii garagaraa yoo hojjachiisan, xiyyeeffanoon isaanii guddaan roga bal’ifanaa lafaa qofarratti kan fuulleeffateefi kan jiraatota naannoo Finfinneef dantaa hinqabnne fakkaata.

Maastar pilaaniin yeroo dhiyoo hojatameen garuu, karoora pilaanii keessaatti haala hawaas-dinagdee kan hammataniidha.  Kun osoo kanaan jiruu, irracaalaan misoomni magaala keessaatti gaggeefamaa jiran, maastar pilaaniin kan wal hinsimneedha.  Bulchiinsi magaalattiis baay’inaan kan barbaadus lafa bal’aafi dalga babal’achuu qubsumaafi indastiriif ta’u, kan baay’ina ummataa sababa dhalootaafi godaansaan gara magaalattii dhufaniif akka qabatuuf fedha.

Haalli kun immoo magaalattiin ittiifufiinsaan gara lafa qonnaa gabbataa daangaa magaalaa Finfinneetti argamuutti akka babal’atu taassiseera. Ummata Oromoos Araddaasaarra akka buqa’u kan godheedha. Akka muuxannoo addunyaarratti beekamuun garuu, magaaloonni hedduun  zoonii Idastrii, zoonii manneen jireenyaa, zoonii maneen barnootaa, zoonii, paarkiifi kan kana fakkaataniin kan hamataman malee calisee waa hundda walitti makuun kan hojjatamuu miti.

Chaartarii Cee’umsaa (1983-1987) fi daangaa magaala

Sirni Dargii kufee, akkuma chaartariin yeroo ce’umsaa bara 1983-1987 tumameen magaalaan Finfinnee akka naannoo of dandeesse tokkootti ‘Naannoo 14’ jedhamtee akka ofiin of bulchitu labsamee ture. Waggoota afuriif magaalaan Finfinnee naannoo taatee bulaa turte. Finfinneen yeroo akka naannoo of dandeesseetti bulaa turte labsii daangaa jettee bara 1986 seera baafatte.

Bu’uuruma kanaan, Labsiin Magaalan Finfinnee bara 1986 baafattes daangaan ishee hanga Magaalota Buraayyuu, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Sabbataa, Galaan fi kkf walakkaa isaaniitti balba’ifachuuf, ummata Oromoofi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin osoo hinmari’atin seera baafattee turte. Labsii kana Keeyyata 2 (1) jalattii akkas jedhee kaayaa ture “Finfinnee” includes the existing urban areas and the twenty’ three rural localities falling under the jurisdiction of the City Government”.Kunis mariifi fedhii ummata Oromoo kan naannoo Fininnee jirataniin ala kan raawwateedha.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa
Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013

Recommended For You

4 Comments to “Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii magaala Finfinnee”

  1. Pingback: seo consultant
  2. Pingback: altogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *