Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii Magaalaa Finfinnee

Kutaa 1fa

Araddaan Magaalaan Finfinnee irratti ijaarame qabiyyee Oromoota Tuulamaa lafa Shaggar jedhamurratti akka ta’e ni beekama. Shaggar Jiddugala qabiyyee Tuulamaa aradaa muudaa Qaalluu Odiitu yoo taatu, Finfinnee immoo lafa qubaati ykn ganda Qaalluuti.

Qaalluun ilma hangafaa Oromooti. Kanaaf Araddaan warra hangafaa kabaja guddaa qaba. Lafa warra hangafaatti nagayaafi araara malee waan hamtuun hinhojjatamu. Finfinneen ummata Oromootiif kabaja guddaa qabdi.

Erga Gadaan laafee ummatoonni biroos naannawa Shaggar qubachuu eegalanii booda dhawaataan socho’ee Finfinnees to’ate. Kunis mirga Oromoon Finfinneerraa qabu dhunfachuu eegale.

Kunis jijjiramaa mootummaa wajjin walqabatee waggoota 140 caaluuf duula aadaafi seenaa Oromoo balleessan keessa sochiin bakkanaa godhamaa ture isa olaanaadha. Kunis seenaa bara dheeraa gareen humna mootota kiristaana isaan duraatiin kan eegalame ture.

Jiraattonni Shaggar babal’ina mootii Amdatsiyoon (1314-1344) mormuun falmachaa akka turan ni yaadatama. Mootiin kunis seenaasaan keessatti akka ifa godhanitti gareen Mogor Salaalee, Shaggariifi kkf Akka isa lolaa turan ibsee ture. Barreeffama kanaan seenaa hundeeffamaafi guddina Finfinnee ilaalla.

Magaalonni seenaa dhala namaa keessattii iddoo addaa qabu. Magaalonni iddoo qaroominaafi jireenyii dhala namaa haala ammayyaatiin itti dagaaguudha. Yeroo durii, magaalonni iddoo bulchiinsi mootummaa irraa bu’uuraman turan. Iddoo qaroominni dhala namaafi dorgommiin itti eegaleedha. Lafa bulciinsi waloo mootummaa itti eegalameedhas.

Magaalonni tokko iokko wiirtuu ajajaa waraanaafi lafa dahannoo waraanaa kan turan yoo ta’an, lafa tabbaafi tulluurratti kan hunda’aniidha. Magalonni biyya keenyaa baay’eenis haaluma kanaan waan hundaa’aniif pilaanii hinqaban jechuun ni danda’ama.

Seenaa keessatti, magaalota pilaaniifi pilaanii malee hundaa’an tokko tokko kaayyoofi karooraan akka magaalaa taatu itti yaadamee yoo hundooftu, kuun immoo tasa hundaa’u jechuudha.

Magaalonni gariin beeka yoo hundaa’aniifi kuun osoo ittii hin yaadaminii kan hundaa’aniidha. Seenaa magaalaa kan bocaniifi qajeelchan sababoota akka siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa fa’i. Magaalonni kan hundaa’aniif wiirtuu siyaasaa, dinagdee ykn dhaabbilee hawaasummaatiif ta’uu danda’a. Gama biraatiin, magaalonni, lafa qofaa miti: nama, aadaa, eeny¬ummaa, afaaniifi qabeenya hedduu wajjin walqabatu.

Ummanni Oromoo akkatti lafasaatti dhimma bahu beeka. Oromoon, lafa qotiisaaf tahu bal’aa qaba ture. Ofii seeraan ittii fayyadamaa, kaan dhaloota dhufuuf ol kaa’aa ture. Kaan immoo, midhaan itti gegeeddaruufi irra darbuun kaloo fa’iif ol kaa’aa ture.

Kanaaf, lafti fedha sabichaa ol tahe hinjiru. Eegumsi naannoo qaama aadaa Gadaafi seera abbootii Gadaa kan ammallee sabichaan ulfoo tahaniiti. Ittiin dhimma bahamuufi kennamu murteessuu kan danda’u ummata Oromoo yoo ilmaafi namoota moggafamaniif malee lafa hinkennu/ lafti qabeenya waloofi kan dhuunfaa ta’us kan murteessu ummata. Kunis seeraafi heera Gadaa keessatti kan mul’atuudha.

Ittifufa…

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

6 Comments to “Seenaa guddinaafi jijjirama pilaanii Magaalaa Finfinnee”

  1. Pingback: crystalmeth666
  2. Pingback: BIPOC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *