Kutaa 4fa
Bakka Ejersi baay’atutti Ejersa jedhu. Haa ta’u malee maqaan Yajjuu jedhu bara mootummaa Ahmad Giraany dura erga turee ragaan kun barreeffamaan kan hinturre waan ta’eef bara dheeraa kanaaf afoolaan yaadatamaa tureera jechuun ni rakkisa.
Ragaa barreeffamaa tokko tokko keessatti Oromoonni Yajjuu maqaa warra Shee jedhamuun eeramaniiru. Maqaan kun eessaa madde kan jedhuuf deebiin barbaachisaadha.
Kana ilaalchisee ragaan afoolaan walitti qabame gabaabinaan haala kanaa gadiitti kaa’ameera.
NaannooYajjuu jalqaba kan jiraataa ture nama Gamaa Galii jedhamu ture. Gamaa Galii laga guddaa tokko ce’uudhaan naannawa Yajjuu akka qubate himama. Achumaan Gamaa Galii ilma Gulummaa jedhamu argate. Sana booda dhaloota Gamaa Galiifi Gulummaa kan ta’e namni Boruu Ardeeboo jedhamu bulchaa naannawa sanaa ta’e.
Barasaattis namtichi Sheek Umar (Ahmad Abdul Aziiz) biyya Arabaarraa dhufee Boruu Ardeebootti gale. Yeroo kana Boruu Ardeeboo diinatu natti dhufe jedhee Shee Umar waraanuuf ka’e.
Diinni biraa isaan wajjin akka hinjirre erga mirkaneeffatee booda, Sheek Umar qabanii gara mana ofiitti akka fudhatan dubbatama. Sheekiin kunis ijoollee quraana qarsiisuu akka jalqabeefi amantaa Islaamaa sirnaan akka babal’atu hundee ta’e dubbatama.
Sheek Umar (Ahmad Abdul Aziiz)) horii Boruu Ardeeboo tiksaa ijoolleesaas barsiisaa turan. Yeroo booda nama amanamaafi jaalatamaa waan ta’aniif ijoollee durbaa Boruu Ardeeboo keessaa akka fuudhu heyyama argate.
Sheekiin kun waan maatii baay’ee godhateefi tooftaa jireenyaa haalaan waan barsiiseef maqaa Warra Sheek jedhamu hundeessan jedhama. Kana booda Yajjuutti maqaan Warra Sheek beekamaafi gurra guddaa qabaachuun magaalaa Marsaa keessatti bu’uura mootummaa Yajjuu akka hundeessan beekama.
Ragaawwan tokko tokko Sheek Umar bara 1523 akka Yajjuu keessa ture eeru. Haa ta’u malee osoo Sheekichi hindhufin dura nama Gamaa Galii jedhamuu jalqabee Oromoonni Yajjuu keessa qubatanii akka jiran ibsameera.
Gamaa Galiin kun, akkuma Sheek Umar malkaa ykn galaana tokko ce’ee kan dhufe ta’uu danda’a. Hidda latiinsaasaanis duubatti lakkaawwatanii Gamaa Galiidhaan akka gahan boqonnaa II keessatti ibsineerra.
Haala kanaan warri Shee gosoota Oromoo Yajjuu hundaaf abbaa osoo hintaane Warra Boqojjii keessaa kan gosa Warra Dooraniiti. Sheek Umaris gara warra maatiisaatti kan moggaase Boruu Ardeebooti. Baroota dheeraa booda warra Sheek kan ta’e gosuma warra Boruu Ardeebooti.
Warra Sheek kana keessaa Sheek Umaritti aanee kan aangoo qabate Abbaa Gatiyyee ykn Abbaayyii Walee nama jedhamu. Namichi kunis amantaa Islaamaa kan babal’iseefi mootummaa Yajjuu kan jabeessedha jedhu. Qabriin ykn awwaalli nama kanaa ammas magaala Marsaa keessa jira.
Oromoon Yajjuu mana afur qaba. Isaan keessaas Warri Dooranii Boqojjii akka hangafa ta’an dubbatama. Kana malees monguddoonni Yajjuu akka himanitti bara dheera dura akka gosoota Oromoo kanneen akka Jiillee, Walloofi Raayyaa waliin ta’uun biyya galaana gamaa tokkoo dhufaniidha.
Yajjuun kan as qubate jedhu manguddoonni saba kamuu kaasuun otoo hinta’in lafa duwwaarratti meedhicha hidhachuun maatiisaanii akka qubachiisaa turan dubbatu. Ragaan barreeffamaas Warri Yajjuu bulchiinsa mootummaa Ifaat Qawaat keessa qubatanii akka turan moggaafamni maqaa gandootaafi lagootaa ragaadha jedhu.
Raayyaa
Seenaa qubsuma Oromoo Itoophiyaa kaabaa yoo kaafnu Oromoon Raayyaa dursee yaadatama. Sababiinsaas seenaa gosti kun hariiroofi waldiddaa gosoota ollaa wajjin qaburraa kan ka’e ta’uu danda’a. Itoophiyaa kaabaatti maqaan Raayyaa caalmaan ol ka’ee yoo dhaga’ameyyuu Oromoonni beekamoon akka Marrawwaa, Igguu, Doobbaafi Oflaa jedhamanis waan Raayyaa keessatti dhuunfatamaniif malee qubsumaan Raayyaadhaan ala jiru. Kanaaf qubsuma gosoota kanneenii tokko tokkoon ilaaluun barbaachisaadha.
Qorattoota Oromoota Itoophiyaa kaabaa qubatanii jiraatan ilaalchisanii yaada dhiyeessan keessaa tokko J.S. ‘Trimingham’ jedhama. Trimingham Oromoota Waajiraatiifi naannawa sana jiraatan ilaalchisee yaada kanaa gadii dhiyeesseera.
…. In 1448-71 Ba’eda Mariyam sent an expedition against the falasha and led one himself against the Dobba an Islamized -pagan tribe the Waqeeffata Oromos that in habiting the mountain region of Wajirat around Amba-Alage and infesting the caravan routes. The Dobbas are first mentioned in the acts of St. Marqoreweon in fifteenth century which refers to one Yahya, a Muslim chief of the Dobba during the thirteenth century. They are mentioned by Alvares in 1520 as occupying the extreme eastern edge of the plateau and infesting the route from Wajirat to lake Hayq. He says that they are called Dobbas after the name of their country and that they were all Moors. Dobbas are defeated by the army of Iyaasu II (1730-55) … jedhee ture.
Hiiknisaas:
Mootiin Baa’ida Maariyaam bara (1448-71) hoomaa waraanasaa keessaa kutaa tokko Falaashaatti duulchisee ofiisaa gartuu tokko hogganuun Doobbaa waraanaaf deeman.
Jarreen kunis Oromoota Waaqeffataa Islaama ta’an turan. Doobbaan lafa tulluufi gaarri itti baay’atu naannoo Ambaalagee kan jiraatanidha. Isaanis yeroo baay’ee daandii daldaltoota Siraaraa cufuun rakkisaa kan turaniidha. Doobbaan yeroo dheeraaf maqaan isaanii kan eerame jaarraa 15fa keessatti hojii Luba Marqoriyoosiin yoo ta’u, ragaan barreeffamaa kunis namtichi Yahaya jedhamu tokko jaarraa13fa keessa kan jiraateefi Islaamota warra Doobbaa bulchaa akka turedha. Kan biraas bara 1520 namtichi L. Alvares jedhamu lammiin Poorchugaal tokko akka barreessetti warri Doobbaa kun lafa gidduu Bahaa hanga Hara Hayiqiitti qubatanii kan jiraataniifi daldaltoota Siraaraa rakkisaa turan. Warri Doobbaa kunis Islaama turan. Waggoota 200n booda Mootichi Iyyaasuu II (1730-55) duula isaan irratti gaggeesseen akka mohamaniidha.
Yeroo ammaa Waajiraat keessa kan jiraatan warrii Doobbaa, Oflaafi Marrawwaan Oromoo ta’uunsaanii kan hinbeekamne ta’us durii jalqabee Itoophiyaa kaabaa qubatanii jiraachaa turan. Gosoonni Igguufi Marrawwaa jedhamanis naannawa Waajiraat keessatti jiraattota jalqabaafi daggal saaqii akka ta’an manguddoonni Raayyaa cimsanii dubbatu.
Kunis bara mootummaa Amdatsiyoon (1314-44) dura kan ture yoo ta’u, mootichi mataansaanii Oromoota kanneen hoomaa waraanasaa keessatti filachuun baala Gadaa xoor (በአባ ገዳ የሚታዘዝ ጦር) jedhanii akka itti gargaaramaa turan hojii ‘Conti Rosini’ bu’uureffachuun ibsameera.
Waajiraat yeroo ammaa bahaan Affaariin, lixaan Indartaan, kibbaan immoo gosa Raayyaatiin kan daangeffamudha. Isatti aannee kan jiru hanga Ambaalageefi Indaa Mahonnee ga’utti Oromoota Raayyaatiin kan qabamedha.
Akkasumas hanga Carcar ga’utti Raayyaa gara kaaba ta’ee, akka barsiifataatti maqaa Raayyaafi Azaboo jedhamuun kan beekamudha. Raayyota gara kibbaatti argamaniin immoo Raayyaafi Qobboo jedhanii waamu..
Doobbaan lafa baddaa ta’e keessa qubatanii kan jiraataniifi akka barsiifataatti Oromoo Cittuu ykn Oflaa maqaa jedhamuun kan beekamaniidha. Amantaafi aadaa Oromootaa kan hingadhiifne hanga ammaatti jiru. Maqaa gosa Doobbaan Oromoonni beekaman Harargee, Shawaa kaabaafi bakka biraattis akka argaman odeeffannoowwan tokko tokkoofi qormaanni godhame ni mul’isa.
Gosti Marrawwaa Itoophiyaa kaabaa keessa qubatee jiraatummoo gosa Oromootaa hedduuf hangafa ykn abbaa akka ta’etti ibsu. Namoonni tokko tokkos Marawwichi abbaa ykn hangafa Ituufi Arsiiti kan jedhanis ni jiru. Jireenya gosoota kanaas Itoophiyaa kaabaa keessa durii jalqabee kan jiraachaa ture ta’uusaanii ragaan mirkaneessu tokko akkas jedha: “When we arrived Dori was Bahara Nagaash, he died and at his death the Crown came to Bula. His son, a youth of ten or twelve year” .
Yaanni kunis oggaa gara Afaan Oromootti deebi’u akkana jedha: “Yeroo nuti achi geenyu Dooriin bulchaa Bahara Nagaash ture. Inni duunaan ilmi isaa Bulaan aangoo fudhate. Yeroo sanatti Bulaanis daa’ima waggaa 10-12 ta’a.
Akkuma ragaan kun ibsutti maqaan Dooriifi Bulaa jedhamu jechoota Oromoo akka ta’an kan ibsu yoo ta’u, jarreen kunis Oromoo ta’uunsaaniifi naannawa Itoophiyaa kaabaatti sadarkaa aangoo guddaa Bahara Nagaash (Bulchaa qarqara galaanaa) akka turan kan ibsuudha.
Oromoota Raayyaa Tigraay Kibbaa keessa jiraataniif gaaffiin godhame deebii kennaniin Raayyaan bakkawwan saditti akka bahu dubbatu. Isaanis tokkoffaa, Oromoota naannawa Haroo Ashangee jiraataniidha. Lammaffaa, Oromoota naannawa Ambaalaageetii qabee hanga Carcar ga’utti jiraataniidha. Sadaffaan immoo, Oromoota Allaamaaxaadhaa qabanii gara Kibbaatti hanga Qobboofi Gaattiraa (Zoobiil) ga’utti qubatanii warra jiraatanidha.
Ittifufa…
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
5 Comments to “Qubsuma Bareentummaa”