Gabaa tasgabbeessuuf hojjetamus daballiin gatii hordoffii dhabaa jira

Gabaa tasgabbeessuuf bakki gurgurtaa omishaalee kan qophaahe ta’us hordoffiin daballii gatii tasgabbeesuuf taasifamu laafaa ta’uu Dhaabbanni Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Hoogganaan dhaabbatichaa, Obbo Hayiluu Dajanee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif addatti gabaa ayyaanaa ilaalchisuun kennaniin omishtoonni bakka gurgurtaa argatanii gurgurachaa jirnis daballiin gatii jiraachuu eeraniiru.

Fayyadamtoonnis bittaa gurgurtaa raawwatamu odeeffannoon deeggaramuun fayyadamoo akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu himanii, daballii gatii uumamu to’achuuf aangoo akka hinqabneedha kan dubbatan.

Yeroo ammaattis omishtootniif fayyadamtoonni gabaa tokko keessatti akka walargan taasisuuf hojii barbaachisaan hojjetamaa turuu himaniiru.

Kun ta’us biiroon daldalaa hordoffii barbaachisa akka taasisu eeruu kennuu hoggantichi eeranii, gatiin gabaa kan waggaa darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu dabalaa akka jiru ibsaniiru.

Giddu galagabaa kanatti omishtoonni IMX gurmaahanii hojjetan kan irratti hirmaatan ta’uu Obbo Hayiluun himanii, godinaalee biraarraallee kanneen hirmaatan jiraachuu dubbatu.
Wiirtuun daldalaa kun Buraayyuu, naannawa Ashawaa Meedaatti kan argamu yoo ta’u, omishaaleen ayyaanaaf barbaachisoo ta’an dhiyaachuun bittaafi gurgurtaan haalaan gaggeeffamaa jira jedhan.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *