
Kenniinsi tajaajila yaalaa qulqullinaafi si’ataa ta’e waliin gahuu dhabamuuusaatiin miidhaan omishaafi omishtumaarratti ga’u olaanaadha. Hawaasni omishawaa ta’e dhibeewwan sasalphaa yaalamee fayyuu danda’u mana yaalaa deemee wal’aansa gahaa argachuuf maallaqni waan isa barbaachisuuf... Read more »

Tibbana ka’umsa keenya Finfinnee godhannee dhimma hojiif gara godina Baalee, magaalaa Roobee imallee turre. Baaleen biyya aannanii biyya dammaa, goototaa, qabeenya uumamaafi wiirtuulee hawwata tuurizimiin badhaate akka ta’e ragaaleen ibsu. Bakka kaanitti... Read more »

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 36ffaa dheengadda taa’een dhimmoota adda addaarratti Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif gaaffii dhiyeessuun ibsi akka irratti kennamu taasiseera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi gaaffiilee miseensonni mana... Read more »

Dachee akka mataa rifeensi irraa dhumee molatee biqiltuun irraa godaanee deebisanii misoomsuun dirqama dhaloota har’aati. Yoo hojjetanii caalan malee dhaloota kaleessaa ceepha’uu qofti jijjiirama yaadame mirkaneessuu hin danda’u. Ceephoon irraa barachuuf yoo... Read more »

Magaalaan Maqii bara 1931 hundoofte. Beekamtii kan argatte bara 1958. Ergasii magaalaa mana qopheessaa taatee bara 1958 irraa eegalee hojiilee manni qopheessaa tokko hojjechuu danda’u raawwachaa turte. Turtii yeroo dheeraa booda bara... Read more »

Hojiin tajaajila lammummaa gannaa Oromiyaa mataduree, ‘Harmeef gaaddisa, dhalootaaf kunuunsa’ jedhuun torban har’aa bakka hoggantoonni olaanaan naannichaa argamanitti Magaalaa Adaamaatti mana harkaqal’eeyyiifi oolmaa daa’immanii ijaaruudhaan ifatti jalqabeera. Magaalaa Adaamaa, Aanaa Gooroo, Zoonii... Read more »

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa mootummaa RDFI dhiyeenya kana wixinee labsii bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaafi Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaatiin dhiyaate irratti mari’achuun raggaasisuunsaa ni yaadatama. Walittiqabaan Koree... Read more »

Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Halaabaa, Aanaa Diijootti kan argamtu Gandi Simbixxaa kanaan dura yeroo gara garaa balaa lolaatiif saaxilamuun beekamti. Qonnaan bultoonni gandichaas sababa balaa lolaatiin qe’eefi manasaanii dhiisanii deemuuf dirqamaa turan.... Read more »

Gaaga’amni hongee bara darbe gaanfa Afrikaatti mudate waggoota 50 asitti daran hammaataa ta’uunsaa irra deddeebiin ibsamaa ture. Gabaasni Sagantaa Nyaata Addunyaa baranaa akka ibsutti, Keeniyaa, Itoophiyaafi Somaaliyaatti marsaa hongee daran saffisaa dhufeen... Read more »

Labsiin haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa ittisuufi to’achuuf bahe falmii dheeraa booda sagalee caalmaan erga ragga’ee waggoonni afur lakkaa’amaniiru. Labsiin kun haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa haleellaa saba, amantaa, ummata, korniyaafi qaama miidhamummaa irratti... Read more »