Shaashamannee: Magaalaa Oromoof keessummaa ta’uurraa gara keessummeessuutti ceete

Shaashamannee: Magaalaan Shaashamannee magaalota Oromiyaa bu’uura pilaanii ammayyaawaan guddina ajaa’ibaa keessa jiran keessaa ishee tokko. Magaalaan Lammiilee biyya alaa kanneen akka Jamaayikaafi Filippiinsi dabalatee Sabaafi Sablammoota 25 ol hammattee abbaa qe’ee Oromoof... Read more »

Mana Murtii Aadaa iddoo dhugaan abbaa dhugaaf ittigalu

Finfinnee: Ummanni Oromoo seera, aadaafi duudhaa ganamaarratti hundaa’uun waldiddaan akka hiikkatu gochuuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaaa labsii lak.240/2013n Mana Murtii Aadaa hundeesse. Labsicharratti hundaa’uudhaan walfalmitootni dhimmisaanii karaa Mana Murtii Aadaa akka ilaalamuuf... Read more »

 “Nageenya Godina Gujii Lixaa caalaatti mirkaneessuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa olaanaan itti adeemamuu qabuudha” -Obbo Dastaa Turee

Bulee Horaa: Godinni Gujii Lixaa godinaalee 21 Oromiyaan qabdu keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee sagal, bulchiinsa magaalaa tokkoofi gandoota 210 qaba. Godinichi haala qilleensa baddaa, badda dareefi gammoojjii qaba. Aanaalee godinichaa keessaa... Read more »

Haaromsa Aadaa: Barsiifatawwan sirreessuufi sirneessuun kaleessa keenyatti deebi’uuf

Finfinnee: Aadaan waa hedduu qabata. Seenaa, duudhaa, afaan, amantii, dinagdee, safuu, barsiifataafi kkfn walqabatee hawaasni tokko jiruufi jireenyasaa keessatti kan horatedha. Aadaan amalasaaniitiin jijjiiramuu, haaromuu, dagaaguufi guddachuu akka danda’u hayyoonni ragaa ba’u.... Read more »

Appilikeeshiniin mobaayilii tajaajiloota Faayidaa iddoo tokkotti kennu hojiirra oole

Finfinnee: Appilikeeshiniin mobaayilii tajaajiloota Faayidaa bakka tokkotti kennuufi tajaajiloota namoonni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf galmaa’an argachaa jiran caalaatti salphaa, si’ataafi mijataa taasisu yeroo jalqabaaf hojiirra ooluu Waajjirri Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa... Read more »

Aadaan waldhabdee mariidhaan furuu akka cimuuf warraaqsatu barbaachisa

Finfinnee: Itoophiyaatti waldhabdee uumamu furuuf aadaan mariifi marabbaatti amanuu akka cimuuf warraaqsa jalqabuun barbaachisaadha jedhame. Mariin Waa’ee Itoophiyaa boqonnaa lammaffaan qindeessummaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin qophaa’e Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Magaalaa Buttaa Jiraatti bakka... Read more »

 Oromiyaatti hanga kurmaana lammaffaatti aannan liitirri biliyoona 2.2 omishame

Finfinnee: Oromiyaatti bara bajataa 2017, hanga kurmaana lammaffaatti aannan liitirri biliyoona 2.2 omishamuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Biirichatti Qindeessaan Maaddii Guutuu   Obbo Gomoroo Dheeressaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti,... Read more »

Hidhi Abbayyaa tokkummaa Afrikaanotaa nicimsa

Finfinnee: Hidhi laga Abbayyaa ijaaramaa jiru tokkummaa Afrikaanotaa cimsee walbira akka dhaabbatan taasisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu Waajjirri Qindeessa Ijaarsa Pirojektii Hidha Laga Abbayyaa beeksise. Daarektarri Ittaantuun waajjirichaa Aadde Fiqirtaa Taammir... Read more »

Haqa Beenyaa Afrikaanotaafi Hidda Dhalootaa Afrikaanotaaf

– Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 38ffaan Finfinneetti taa’amaa jira Finfinnee: Afrikaan baay’ina ummataa qabduun addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti kan argamtu yoo ta’u, ALA bara 2024tti baay’inni ummata ardichaa biliyoona 1.5 gahuu ragaaleen ni mul’isu.... Read more »

 Roobeetti miidhamtoota qaamaa 41f deeggarsi Wiilcharii taasifame

Roobee: Deeggarsi kun walta’iinsa dhaabbata gargaarsaa ‘Agape Mobility Ethiopia’fi Waajjira Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa magaalichaatiin kan qophaa’e yoota’u; har’a bakka hoggansi mootummaafi qaamoleen garagaraa argamanitti miidhamtootaaf qaMagaalaa kenname. Nama gargaaruuf nama ta’uun qofti... Read more »