Haaromsa Aadaa: Barsiifatawwan sirreessuufi sirneessuun kaleessa keenyatti deebi’uuf

Finfinnee: Aadaan waa hedduu qabata. Seenaa, duudhaa, afaan, amantii, dinagdee, safuu, barsiifataafi kkfn walqabatee hawaasni tokko jiruufi jireenyasaa keessatti kan horatedha. Aadaan amalasaaniitiin jijjiiramuu, haaromuu, dagaaguufi guddachuu akka danda’u hayyoonni ragaa ba’u. Keessumaa teknolojii, kalaqni, yaadni namaa akkasumas dhaloonni dhalootarraa jijjiiramaa waan deemuuf aadaanillee walumaan jijjiiramuu mala jedhu.

Aadaa haareessuun kan barbaachisuuf addunyaa kanarratti kalaqniifi teknolojiin kan dhaabatu waan hintaaneef aadaan isa waliin walgitu jiraachuu qaba. Yeroo addunyaan mandara tokko ta’aa jirtu kanatti aadaa haaressuun barbaachisaadha. Kanarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhimma kanarratti waggoota lamaa ol hayyoota waliin mari’achuufi mariisiisuun Labsii Haaromsa Aadaa dheengadda ifoomseera.

Sirnicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Tolaa Bariisoo (PhD) akka jedhanitti, sochiin hawaas dinagdee, barnoota, geejiba, daldala, siyaasaafi kkf wajjiin walqabatee wantoonni dagatamaa deeman waan jiraniif aadaa haareessuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Akka fakkeenyaattis wayita ammaa barattoonni magaalaa keessa jiru baay’een tikseen maal akka ta’e, dhadhaan adeemsa maalii keessa darbee akka ba’uufi kanneen biroo hinbeekan. Kun immoo aadaa ummataa keessatti bakka olaanaa kan qabudha. Kanneen akkanaa kana haaressanii yaadachiisuun dirqama ta’uu kaasu.

Aadaan haalota rakkisoo keessatti dandamatee cimee akka dhaabatuuf, aadaan hojii akka jijjiiramuuf, waldhabdeen haalli itti hiikamu akka dagaaguuf, naamusni badaa har’a bal’atee mul’atu akka sirratuufi sababoota hedduutiin haaromsi akka barbaachisu himu.

Aadaa haaressuun waan barame tokko keessaa ba’anii kan biraa shaakalsiisuu waan ta’eef ulfaataa ta’uu kaasanii, mul’ata cimaa qabaatee yoo sirnaan hogganameefi deeggarsi ummataa jiraate garuu haala barbaadameen haaressuu akka danda’amu ibsu.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniitiin, aadaan shaakala dhalli namaa jiruusaa keessatti yeroo dheeraa keessatti shaakaluufi dhalootarraa dhalootatti darbaa aadeeffatamaa kan deemu ta’uu ibsanii, aadaan amala baratamuu, qoodamuu, walitti hidhamuufi haaromuu kan qabu ta’uu dubbatu.

Biyyoonni aadaa hojii, siyaasa, barnootaafi kalaqasaanii jijjiiruun beekumsa xabboo teknolojii waliin walitti madaqsuun sadarkaa dorgomummaasaanii mirkaneessan kanneen akka Chaayinaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi Raashiyaa hojii cimaa muuxannoon irraa fudhatamuu danda’u hojjechuusaanii ibsu. MNOs siyaas dinagdeefi hawaasummaa ammayyeessuun haala ummataaf ta’uun haaressuun murteessaa ta’uu hubatee hojicha keessa seenuu eeru.

Kaayyoonsaas, beekumsa bu’uuraa aadaa Oromootiin omishuu, dinagdee kalaqaa ceesisuu, gulantaa aadaa Oromoo sadarkaa Sirna Gadaatiin ga’uufi sirneessuu, aartii Oromoo humneessuu akkasumas miidiyaa biraandessuu ta’uu himu.

Pirezidaantii Ittaanaan MNO Obbo Awwaluu Abdii biyya ijaaruu keessatti barnoota, dinagdeefi sirna ijaaruun murteessaa ta’uu ibsanii, sirna ijaaruu keessatti immoo aadaa ijaaruun isa ijoo ta’uu kaasu.

Kanas mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hojjetaa kan jiru yoo ta’u, bakkeewwan hawwata turiizimii babal’isuu, aadaan ummata hambaa kiliyaa ta’ee akka galmaa’u taasisuu, sirna barnootaa keessatti Sirna Gadaafi Safuu dabaluu, Manneen Murtii Aadaa babal’isuu, Buusaa Gonofaafi Gaachana Sirnaa caasessuufi kaan aadaan haara’ee sirna akka ta’uu taasisaa jiraachuu ibsu.

Injifannoo ummanni Oromoo waggoota 150 booda argate aadaasaa deebisee akka haaressuufi kunuunsu carraa uumuu himanii, kunimmoo aarsaa qaaliin itti kanfalamee waan dhufeef ummanni aadaafi duudhaasaatti deebi’uun haaromsa aadaa keessatti akka hirmaatu waamicha dhiheessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You