“Nageenya Godina Gujii Lixaa caalaatti mirkaneessuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa olaanaan itti adeemamuu qabuudha” -Obbo Dastaa Turee

Bulee Horaa: Godinni Gujii Lixaa godinaalee 21 Oromiyaan qabdu keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee sagal, bulchiinsa magaalaa tokkoofi gandoota 210 qaba. Godinichi haala qilleensa baddaa, badda dareefi gammoojjii qaba.

Aanaalee godinichaa keessaa Aanaan Malkaa Soddaa, Dugdaa Daawaafi Surobar Guddaa guutummaatti gammoojjii yoo ta’an, Aanaan Galaanaafi Abbaayaa gartokkeen gammoojjii, baddaafi badda dareedha. Aanaaleen hafan afran (Bulee Horaa, Qarcaa, Habalaafi Birbirsaa) guutummaatti baddaadha. Aanaaleen haala qilleensa baddaa qaban omisha bunaatiin kan beekaman yoo ta’u, aanaaleen gammoojjii ammoo horsiisa beelladaatiin kan beekaman ta’uu bulchiinsi godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaa godinichaa Obbo Dastaa Turee torban darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, yeroo ammaa hojiin misooma sululaa aanaalee godinichaa hundatti adeemsifamaa jiru. Hojii kana milkeessuuf boqonnaa qophiirratti leenjiin qooda fudhattoota hundaaf kennameera. Iddoowwan hojiin misooma sululaa kun itti adeemsifamus dursee adda baheera. Hojiin misooma sululaa yeroo ammaa godinicha keessatti haala gaariin adeemsifamaa jiraachuu himu.

Barana akka godinichaatti lafa heektaara 103 jallisiin misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa lafti heektaara 90 ol qotamee sanyii akaakuuwwan gara garaan uwwifameera. Lafa qotamee faca’e keessaa %91’GPS’n kan safarame ta’uus eeraniiru.

Hojiin misooma jallisii kanaan dura godinichatti waan hinbaratamneef qonnaan bulaan rooba qofarratti hirkatee qotaa ture yeroo ammaa jallisii fayyadamuun waggaa guutuu omishaa jiraachuu himanii, godinichatti hojiin qonna jallisii waggaa afur dura lafa heektaara sadiirratti jalqabame yeroo ammaa gara heektaara 103tti kan guddateefi haala abdii namatti horuun adeemsifamaa jiraachuu dubbatu.

Barana ijaarsi pirojektoota buleeyyiifi haaraa bajata mootummaafi hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman gara garaa godinichatti adeemsifamaa jiraachuu himanii, ijaarsi pirojektoota manneen barnootaa bu’uura boruu, waajjiraalee bulchiinsa gandaa pirojektoota hirmaannaa ummataatiin hojjetamaa jiru. Sadarkaa aanaatti pirojektoonni 680 ol hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, hojii ijaarsa pirojektotaarrattis to’annoofi hordoffiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan gandaa bu’uura mootummaa aanaa, godinaafi naannoo ta’uu himanii, gurmaa’inni caasaa haaraa gandaa hojiirra oolaa jiru mootummaa gandaa cimsuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu himanii, mootummaa gandaa tajaajila mootummaan kennu ummatatti dhiyeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessattis gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Gurmaa’ina caasaa haaraa gandaa kun gandoota godinichaa hunda keessatti hojiirra oolaa jiraachuu himanii, gurmaa’insi caasaa kun rakkoo nageenyaa furuun hojiileen misoomaa babal’isuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessattis gumaacha guddaa taasisaa jiraachuus dubbataniiru.

Godinichi waggoota lamaan darban rakkoo nageenyaa bal’aa keessa turuu himanii, haalli nageenya godinichaa yeroo ammaa fooyya’aa ta’us yeroo tokko tasgabbaa’ee yeroo kaan ammoo waan hammaatuuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru. Nageenya godinichaa caalaatti mirkaneessuuf aarsaa guddaan kaffalamaafi hojii guddaan raawwatamaa jira. Nageenya godinichaa caalaatti mirkaneessuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa olaanaan itti adeemamuu qabu ta’uus himaniiru.

Akka Obbo Dastaan jedhanitti, tajaajilli manni murtii aadaa kennaa jiru abdii guddaa namatti hora. Manni murtii kun haqa ragaa utuu qabanii mana murtii idileetti argachuu hindandeenye sakatta’ee baasuun abbaan haqaa haqasaa akka argatu taasisaa jira. Manni murtii aadaa kun gandoota godinichaa hunda keessatti gurmaa’ee tajaajila kennaa jira. Manneen murtii aadaa kunneen raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin qisaasama maallaqaa, humnaafi beekumsaa dabalatee qarshii miliyoona shanii ol qisaasamarraa baraareera.

Buusaan Gonofaas barattootaaf nyaata dhiyeessuudhaan sagantaa nyaata barattootaa milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, akka godinichaatti sagantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa 770 keessatti hojiirra oolaa jiraachuufi sagantichaan barattoonni kuma 316 nyaata argachaa akka jiran eeraniiru.

Hojiilee gama nageenyaafi misoomaatiin ji’oota ja’an darban akka godinichatti raawwatamaniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’uu himanii, inbisheetiivota 28 gad bu’an keessaa 23 hojiirra oolchuun danda’ameera. Inisheetiivonni kunneen kilaastara kilaastaraan baadiyyaafi magaalaatti hojiirra oolaa jiru. Inisheetiivonni kunneen tajaajilaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You