Dhaabbatni mirga lammiilee eegsisuuf hundaa’e utubaa gaafa rakkoo ta’aa jira

Dhaabbatni ‘Global  Alliance for The Right Of Ethiopians’ dhaabbata miti mootummaa sarbama mirga Itoophiyaanotaa akka addunyaatti qaqqabaa ture maqsuuf ALA bara 2013 Itoophiyaanotaan kan hundaa’e yoo ta’u, loogii tokko malee  aantummaa lammiileef... Read more »

Bulchiinsichi qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiirrama fidaa jiraachuu beeksise

Qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiiramni galmaa’aa jiraachuu Bulchiinsi Manneen Sirreessaa Federaalaa beeksise. Daarektari olaanaan bulchiinsichaa Obbo Jamaal Abbaasoo ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin haalli qabiinsa mirga namummaa fooyya’aa jiraachuu eeranii, Bulchiinsicha jala kan jiran... Read more »

Tajaajilli bishaan dhugaatii ragaa qandaa’aarratti hundaa’e eegalamuufi

Sababa dhabamuu odeeffannoo qindaa’aatiin biyyattiin bishaan dhugaatii sadarkaasaa eeggateefi lammiilee biyyattii hundaaf ta’u dhiheessuu akka hindandeenye ragaaleen ni agarsiisu. Ijaarsi projektota bishaan dhugaatii adeemsifamaa turanis dhaabbilee garagaraatiin bifa bittinaa’een adeemsifamaa turuusaatiin odeeffannoon... Read more »

Seermaleessummaa dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa: Yaaddoo egeree biyyaa

Babal’achuun dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa bakkeewwan dhaabbileen mootummaa hingeenye ga’uun barnoota qulqullina qabu lammiileef kennuuf yoo ta’u, ergamsaanii kana dhiisuun kanneen hojii seermaleessummaatti bobba’anii jiranis tokko lama miti. Kanneen dhimmamanii lammiisaanii fayyaduuf... Read more »

Odaa Awwaardi: Sagantaa artistoota Oromoo onnachiisu

Sochii qabsoo ummata Oromoo waggoota dheeraaf taasifamaa ture finiinsuu keessatti kutaaleen hawaasa Oromoo hedduu sochii garagaraa taasisaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa warraaqsi artistootaan gaggeeffamaa ture isa tokkodha. Sirnoota garagaraa Itoophiyaan... Read more »

Ministirri Barnootaa yeroo mootummaa ce’umsaa, Obbo Ibsaa Guutamaa maal jedhu?

Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta’uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii ‘BBC’ Afaan Oromoo wajjin taasisaniin haala jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota biroorratti ibsaa bal’aa ittaanu kennaniiru. Gaaffii: Dhaloota Fidalaafi Dhaloota... Read more »

Dhiiga qeerroo Oromootiif kabajni kennamuu qaba

Ummatni Oromoo saba guddaa jiraachuu Itoophiyaaf bu’uura buuse ta’us dhiibbaa sirnoota bittaa balaafamoon qaqqabaa turerraa kan ka’e fayyadamummaan sabichaa haalaan milkaaahina argatee hinbeeku. Kun kan ta’eefis sirnoonni bittaa dhufanii darban martisaanii ergamtootasaaniitti... Read more »

Xalayaa jijjiirraa kallattii qabsoo

Haa ga’u nagaan koo qilleensarra balali’ee galaanarraa dhangala’ee tulluufi hawaa qaxxaamuree qabsaa’aa ilmakoo Qeerroo Nageessootiif. Shiraafi harqoota gabrummaa lammii keenyarratti fe’amee jiru qarxam godhee cabsuuf qabsoo hidhannoo taasisuuf jecha siif haadha keerraa... Read more »

Lafa Abbaa Gadaatiin bulturratti waraanni banamuu hinqabu

Olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hirmaannaan ummataa kallattii hundaanuu cimuu qaba. Biyya keenyatti nagaa waaraan bu’ee fayyadamummaa haqaqabeessi akka dhugoomuuf keessumaa waggoota sadan darbanitti qabsoo hadhaawaan gaggeeffamaa tureera. Loogummaafi cunqursaan... Read more »

Manneen barnootaa Gaara Guuriifi Burqaa Wayyuu eebbifaman

Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisaa jiran keessaa, Gaara Guuriifi Burqaa Wayyuu tibbana Dhaabbata Al Maktuumiitiin eebbifamuusaanii waldaan ‘Charity Development Association (CDA’) ibseera. Walitti qabaan boordii waldichaa, Obbo Mohaammad Alii... Read more »