Qabeenya Oromiyaan uumamaan badhaate

Torbee kana mil’uu koo gara qabeenya uumamaattin deebise; gara kunuunsa bosonaafi lubuqabeeyyii bosona keessa jiraatanitti.  Maaliif jettanii akka na hingaafanne nan abdadha. Walumaan dhagahaa waan turreef.   

Akkuma miidiyaadhaan dhagahaafi ilalaa turretti, ibiddi bosonaa akka weeraraatti ka’ee ture; naannoo Oromiyaa keessatti. Sababa uumamattiin ykn nam uumetiin ibiddi bosonatti qabatee qabeenyaa uumamaarratti balaa dhaqabsiisaa ture.

Fakkeenyuma kaasuufi isin yaadachiisuuf: godina Arsiitti cancaal gaarreen Cilaaloo Gaalamaarratti  ibiddi  bal’inaan qabatee mul’ateera. Godina Shawaa Lixaatti bosonni Jibaati sarara qabatee boba’uu agarreerra. Harargee Lixaatti Bosonni Boosat hangi tokko magariisummaa dhabee cileetti jijjiirameera. Balaan kun Godina Jimmas dhaqabuusaa miidiyaan himeera.  Gubaan namarra gahu hanqatee bosonattis ce’eera. Naannoo maraammartoon bara baraa irraa hindhabamne- Oromiyaa. 

Addunyaan dhalli namaa irratti walnyaatuufi waliin nyaattu tanarratti dachiirra lafa bishaaniin aguugametu caala. Dhibeentan addunyaa 75 ta’u bishaaniin kan uwwifameedha. Dachiin dhibbeentaa 25 hincaaltu. Ishii xiqqishuu tanarraayyuu kan dhala namaatiif mijataa ta’e xiqqoodha. Dhalli namaa ishuma waliin nyaata. Ishumarratti walnyaatas.

Dachii  dhibeentaa 25 hincaalle tanarra bosonni jiru baay’ee xiqqoodha. Innumtuu waggaa waggaadhaan xiqqaachaa deema; sababa uumamaafi namtolcheetiin; sababa dhala namaatiif. Akka ragaan mul’isutti biyyoota addunyaarra jiran keessaa kan akka Ruusiyaa kan qabeenya Bosonaatiin badhaadhe hinjiru. Biraaziil, Kaanaadaafi Ameerikaan itti aansanii jiru. Biyyoonni kunniin bosonni akka carraa isaan harkatti hafe akka hinmancaaneef xiyyeeffannaa addaa kennanii eegumsa taasisuuf. Akka keenya ibidda itti hinqabsiisan ykn yoo ibiddi itti qabate  maddii dhaabbatanii hinhoo’ifatan.    

Bosonoota addunyaa kanarra jiran keessaa kan akka Bosona Amaazoon maqaa guddaa qabu hinjiru. Saphatni Bosona Amaazoon biyyoota Ameerikaa Kibbaa saddeet walitti hidha: Biraaziil, Booliviyaa, Peeruufi kkf. Bosonni kun biqiltuuwwan tiriliyoon 209 ol qaba jedhama. Tiriiliyoon jechuun meeqa? Maalumaafu bosonni guddaan kun balaa hamaa keessa akka jiru himama. Uumama caala dhala namaatu balaa irraan gahaa jira. Bara 2019 (ALG) qofatti bosonni heektaarri kumaataman shalagamu ibiddaan nyaatameera. Bineensonni daggalaa keessa jiranis kochee osoo hintaane cilee ta’aniiru.  

Bosonni guddaan inni lammaffaa ardii keenya Afrikaa keessatti argama. Bosona Koongoo jedhamuun beekama. Addunyaarratti Bosona Amaazoonitti aanee kan maqaa ol jedhe qabuudha. Biyyoota Afrikaa jiddugaleessaa kanneen akka Kaameeroon, Giinii, Gaaboon, Rippaablika Jiddugaleessa Afrikaafi Koongoo lamaan walitti fida. Bosona addunyaan tun qabdurraa %18 qooddata. Bosonni kunillee akkuma bosona Amaazoon balaa ibiddaafi mancaasutiif kan saaxilameedha. Bara baraan ibiddi itti qabatee miidhaa irra geessisa. Akkuma bosona biyya keenyaa abbaa hinqabu.   

Gara biyya keenyatti isin haa deebisu. Biyyi keenyallee lafa bosonaan aguuggame guddaa akka qabdu ragaan ni dubbata. Ragaan bara 2018 (ALG) bahe tokko akka dhugoomsutti lafa biyyattii keessaa % 15.7 bosonaan aguugameera. Ragaan Dhaabbata Qonnaa Addunyaa (‘FAO’) aguuggii kana  % 11.2 tti gadi buusa. Ragaan  Xoobbiyaafi warra baargamaa yeroo hunda wal hinsimu. Yoo waan gaarii ta’e keenya olka’ee kan isaanii gadi bu’a. Yoo waan gadhee ta’e kan isaanii olka’ee keenya gadi bu’a. Haalli itti ilaalaniifi bakki irra dhaabbatanii ilaalan garaa gara waan ta’eef.

 Sanas ta’ee kana lafti bosonaan aguugame kan waggaa 10niin duraarra fooyya’aadha. Garuu haalli kunuunsa qabeenya bosonaa kun yaaddessaadha. Asiin yoo dhaaban gara biraatiin ni gubata. Gamaan yoo kunuunsan gamanaan ni dagatama.  Warri bosona  misoomsuuf biqiltuu baatee deemu akkuma jiran warri mancaasuuf qottoo qaratee deemu hedduudha. Ummanni bosona kunuunsuuf aadaa qabu akkuma jiru namoonni ibidda itti qabsiisuun dhabamsiisuu aadeefatan ni jiru. Kanneen biroos  kan ilaalacha walfaallessu qabaatan heddutu jira.

Akkuma beekamu bosona biyyattiin qabdu keessaa harki caalu naannoowwan biyyattii muraasa keessatti argama. Oromiyaan lafa bosonaan aguuggame bal’aa qabaachuudhaan ni dursiti.  Naannoon Beenshaangul Gumuz itti aana. Naannoon Ummattota Kibbaa sadarkaa sadaffaatti argama. Akka ragaan qo’annoo ‘FAO’ tokko mul’isutti Oromiyaan lafa heektaara miliyoona 6.2 ol kan bosona gosa addaddaatiin aguugamte qabdi. Naannoon Beensiishangul Gumuz heektaara miliyoona 2.5 qabdi. Naannoon Ummattota Kibbaa  heektaara miliyoona 1.4 sadarkaa sadaffaarra jirti. (FAO 2010).

 Bosonni akka biyyaatti naannoo Oromiyaa keessa jiru akka addunyaattis kan xiyyeeffannaa guddaa qabuudha. Qilleensa madaalawaaf bosonni kun barbaachisaadha. Omisha oksiijinii irraa omishamuun biyyattiin galii itti argatti. Biyyattiin galii irraa argatte jechuun silaa ummanni fayyadame jechuudha. Bosonni Oromiyaa keessa jiru madda galii turiizimii ta’uudhaanis biyya fayyaafi ummata fayyada. Mukkeewwan akaakuu danuu qaban kunniin qorichaaf, qo’annoof akkasumas ijaarsaaf faayidaa guddaa qabu.  

Akka miidiyaan jidduu kana gabaasetti bosonota Oromiyaa keessa jiran keessaa bakka torbatti ibiddi ka’ee miidhaa geessiseera. Bosonni  Jimma keessatti, Tullu Asaboot, Jibat, Cillimoo, Cilaaloo Gaallamaa, Tulluu Cuqqaalaa, Tulluu Erar  bosonoota torban taran keessa ibiddi itti qabateedha. Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa bosonni Yewaf Waashaa jedhamutti ibiddi akka qabate ragaan ni addeessa. Bakka hundattuu  “too’annaa jala oole” kan jedhame eddii badii dhaqqabsiiseen booda.

Oromiyaa keessatti bakka torbatti ibiddi qabate. Maaliifi? Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti sababa lafa qonnaa babal’isuutiin, cilee gubuutiin, damma muruufi kkf ibiddi kun ka’e jedhama.  Kun sababa ‘hin ta’u’ jechaa hinjiru. Sochiin ummataa kan akkanaa kun bakka hunda jira. Kan Oromiyaa qofatti maaliif baayyate laata? Shiratu duuba jiraa? Kan qabeenya uumamaa balleessee baduu barbaadutu jiraa?  Qaama ergama biraa qabutu jiraa? Sababni ibiddichi itti ka’e sirriitti qoratamuu qaba. Kanaaf qaama ‘walaba ta’e’  jechuu qabnaa laata?    

 Maalumaafuu Bosonni qabeenya guddaadha. Qabeenya lubbu qabeeyyii socho’aniifi hinsochoone, kanneen akka leencaa, qeerransa, jaldeessa, kuruphee, qamalee, waraabessafi kkf  keessa jiraatu. Bosona keessa bineensonni daggalaa Xoobbiyaa keessatti qofa argamantu jiraata; Jedela diidaa, gadamsa (niyaalaa), waaliyaa, leenca gurraachafai sinbirroowwan gosa garaa garaa….Kunniin hunduu qabeenya biyyattiiti. Qabeenya kanarraa ummatatu fayyadama; biyyatu bu’aa irraa argata. faayidaa dinagdeefi hawaasummaa qaba jechuudha.

Haala amma jiruun ibidda kanaaf sababni hedduun ni jira. Bara kana ongeen garmalee dheerachuun sababa tokko ta’uu mala, ibidda saafaa kaasuudhaan. Naannolee biraa keessas roobni adda ta’e yoo jiraate malee ibiddi kun qabachuu danda’a. Namoonni tokko tokko bu’aa xiqqoof jecha gochaan raawwatan badii  guddaan kun uumamuu ni mala. namoota kaayyoo addaa qabaniin ibiddi kun hinka’u jedhanii yaaduunis hindanda’amu. Maraammartoon yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru lubbuu mukaa qofa osoo hintaane lubbuu namaatuu akka maleetti nyaachaa jira.  

Waanuma fedhee ta’u abbaan qabeenya bosonaa kanaa ummata; jalqabarratti ummata Oromooti. Kanaaf, ummanni kun damaqinaan bosonasaa eeggachuu qaba. Bosonni kun riqicha  baraa ce’ee akka as gahu kan taasise ummatuma kanaadha. Dhaloonni tare kunuunsee dhaloota kanatti dabarseerra.  Dhalonni kunis  dabareesaa kunuunsudhaan dhaloota dhufuun gahuun dirqamasaati.

Gaafa ummanni haa kunuunfatu jedhu dhimmichi mootummaa hinilaallatu jechuu miti. Mootummaan eegumsa kana keessatti gahee inni qabu guddaadha. Sababa kamiinuu bosonaaf  eegumsa gahaa gochuun irraa eegama. Akkuma ibiddi ka’een dafee dhaqabee dhaamsuu qaba.   

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

14 Comments to “Qabeenya Oromiyaan uumamaan badhaate”

  1. Pingback: why not check here
  2. Pingback: blote tieten
  3. ماستیف تبتیماستیف تبتی نژادی از سگ‌هاست که دارای بدنی پهن و عضلانی است و شیب ملایمی در قسمت کمر تا دم دارد. این سگ سری بزرگ و پهن و قوی دارد و پوزه‌اش از کنار، حالت چهارگوش بوده و پهنای قابل‌توجهی دارد. گوش‌های آن اندازه‌ای متوسطی دارند که شکلی مثلثی دارند. رویش موهای آنها کوتاه و نرم است.

  4. بول ماستیفبول ماستیف، نژادی است که با ظاهری قدرتمند و جثهٔ بزرگ خود، همه را مجذوب خود می‌کند. این سگ با عضلات قوی و بزرگ قفسه سینه، واقعاً به چشم می‌خورد. پوستهٔ سینهٔ بول ماستیف تیره‌تر از سایر بخش‌های بدن است و این نشان‌دهندهٔ قوت و استواری آن است. پیشانی صاف و با شیبی ملایم که به پوزه متصل می‌شود، زیبایی و جلوهٔ ویژه‌ای به آن می‌بخشد.https://exirpet.com/blog/بول-ماستیف/

  5. مشاهده صفحه تعمیرات لپتاپ های مک بوک در اینجا کلیک کنیدhttps://www.pintergration.com/pin/976296025467887009

  6. Pingback: hixotic gummies
  7. Pingback: hit789
  8. Pingback: dark168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *