‘March-8’ guyyaa dubartootaati; Guyyaa Dubartoota Addunyaa. Akka lakkoofsa baraa biyya keenyaatti Guraandhala 29 oola. Guyyaan kun eddii kabajamuu ykn yaadatamuu eaagalee bubbuleera.
Seenaa waggoota dheeraa qaba. Akka addunyaatti barana si’a 109faf kabajame. Akka biyya keenyaatti ammoo yeroo 45faf yaadatame.
Matadureen ykn dhaamsi guyyaa kanaa kan baranaa “Dobartoota gaggeessummaa keessatti: Addunyaa koviid-19 keessatti egeree walqixxummaa gonfachuu” “Women in leadership: Achieving an equal future in a COVID-19 world,” jedha. Qabiyyaeen yaada koo har’aas dhimmuma kanarratti xiyyeefata.
Dubartoonni marti baga guyyaa kana geessan!
Durduubee yaadichaa: Dhimmi dubartootaa haala gurmaa’een ajandaa addunyaa ta’uu eddii jalqabee waggaa 110 ol ta’eera. Namoonni hedduun ka’umsa yaadaa kanaa biyya falaasama siyaasa soshaalizimii hordofan wajjin waan walqabatu ittifakkaata.
Garuu akkas miti. Kan jalqabame Ameerikaa sammuu sirna kaappitaalistii taatetti. Kan jalqabanis dubartoota Magaalaa Niyuuwoorkii hojjattoota warshaa huccuuti. Dubartoonni kunniin ulfinni hojii akka gadi bu’uuf, mindaan dhiiran walfakkaatu akka kanfalamuuf gaafachuudhaan mormiisaanii daandiirratti bahanii ibsatan. Kun qabsoo gurmuufi tokkummaa dubartootaa isa jalqabaati. Gaaffiin kun biyyoota hundatti har’a deebii argateeraa?
Ittaansuun paartiin siyaasaa ajandaa kana fudhate. Jaarmiyaa Paartii Soshaalisti Dimokraatiik Ameerikaa jedhamu bakka dubartootaa bu’ee sagalee dhageessise, ALA bara 1909. Kanatti aanee, Ingiliz, Jarman, Faransaayiifi biyyoota Awurooppaa birootti gaaffiin mirgaafi walqixxummaa dubartootaa cimee ittifufe.
Keessumaa hiriirri biyyoota Awurooppaa keessatti bara 1911 taasisame gaaffiin Walqixxummaa dubartootaa cimaa deemuusaa mul’ise. Hiriira kanaan, dubartoonni mirga filachuu, mirga aangoo keessatti bakka qabaachuu akkasumas loogii hojii wajjin walqabatee jiruufi kaffaltii walqixxummaa gaafataniiru.
Baranaa eegalee yeroowwan adda addaatti biyyoota addunyaatti dubartoonni addababaayiitti bahuun mirgasaanii gaafataniiru. Haa ta’u malee mirgoota yeroo sana kaasee gaafatamaa turan keessaa hanga har’aa, jaarraa 21fatti osoo deebii hinargatin turuun gaddisiisaa qofa osoo hintaane qaanessaadhas.
Gaaffiin dubartootaa gurra mootummaalee addunyaa keessa seenuuf gara waggaa 60 fudhateera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis ALA bara 1975tti irraa eegalee guyyicha kabajaa jira.
Bara sana, “Waggaa Dubartoota Addunyaa” jedhee moggaase. Bara 1977tti biyyoonni miseensa gamtichaa ta’an guyyicha akka kabajan /yaadatan afeeruudhaan kanas akka biyyasaaniitti akka labsatan waamicha dhiheesse.
Haala kanaan biyyi keenya baruma waamichi dhihaate sana, bara 1969, irraa eegaltee ayyaanicha kabajuu ittifufte. Hanga ammaattis al tokko tokko ho’aa, yeroo biraammoo qoraa guyyaan kun yaadatamaa jira.
Guyyaan kun maqaa adda addaatiin kabajamaa ture. Moggaasa “Guyyaa Dubartoota Addunyaa” jedhamu kana argachuuf maqaawwan adda addaa keessa darbeera. Bodarra Mootummoonni Gamtoomanii maqaa hunda waliigalchu moggaaseera.
Guyyaan ‘ March-8” jedhamu guyyaa ji’aafi guyyaa ittikabajamu murteessuuf yaada adda addaatu ture. Gama kanaan qobsooftuu mirga dubartootaa ta’uun addunyaarratti beekamtii guddaa kan qabdu Aadde Kilaaraa Zetki gahee guddaa taphatteetti.
Xumurarrattis qabsoo dubartoonni waggoota dheeraa keessatti taasisaa turan bu’uura godhachuun baatiin Bitootessaa guyyaa 8fan filatameera.
Guyyaan Dubartoota Addynyaa Maaliif kabajama? Guyyaan dhimma tokko wajjin walqabsiisame kabajamu kaayyoo mataasaa qaba. Guyyaan dubartoota addunyaas yoo kabajamu kaayyoo waliin tolfameeti malee dubartoota gammachiisuufi miti. Akkuma beekamu guyyaan kun yoo kabajamu dhimmoota dubartootaa ciccimoo ta’an ajandaa taasifata.
Dhaamsa waggaa waggaan filatamu kan ajandaa wayitaawaa wajjin walqabate dura aansa. Dhaamsa kanarratti hubannoon uumama. Rakkoo dubartootaa irratti hawaasni akka mari’atamu taasisama.
Milkaa’ina dubartootaa gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin jiruuf beekamtiin ni kennama. Mirgoonni hinguutamin akka guutamu sagalee deeggartootaatu dhagahama. Kanaaf, bu’aansaa guddaadha.
Dubartoota hoggansa keessatti: Gaheen dubartoonni siyaasa keessatti qaban ammalee gadaanaa akka ta’e ragaan Mootummoota Gamtoomanii ni mili’sa. Akka ragaan kun jedhutta, biyyoota addunyaa 195 keessaa biyyoonn hoggantuu dubartii akka muummee ministraattis ta’e pirezidaantiitti qaban biyyoota 22 qofa.
Haa ta’u malee ummata addunyaa biliyoona 7.8 (2020 Population Data Sheet) ta’u keessaa %49.6 ta’u dubartoota akka ta’an beekamaadha. Addunyaan har’a, bara ammayyaa’aa kana keessa, dhiira deeggartee dubartootarraa fuula garagalfataa jirti jechuudha.
Adeemsa amma jiruun hoggansa mootummaa (pirezidaantiifi ministira muummee) keessatti walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuuf waggaa 130 akka gaafatu ragaan kun ni mirkaneessa. Waan ajaa’ibaati! Qabsoo waggaa dhibba tokkoo booda ammallee dubartoota hogganummatti fiduun rakkoo ta’eera.
Haaluma walfakkaatuun miseensota paarlaamaa addunyaarratti argaman keessaa qoodni dubartootaa %24.9 akka ta’eedha, ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan muli’su. Asittis gaheen dubartoonni heera tumuufi seera baasuu keessatti qaban hagam gadaanaa akka ta’e mul’isa.
Murtiiwwaan paarlaamaan dabarsu keessatti sagaleen dubartootaa hawaasa %50 bakka bu’u garmalee xiqqaachuusaa hima. Kana gara biyya keenyaatti yoo fidne haalota lamaan ilaaluun ni danda’ama.
Gama hogganumaa mootummaatiin yeroo jalqabaatiifi dubartiin aangoo pirezidantummaa (head of state) qabachuunshii akka jijjirama tokkootti ilaaluun ni danda’ama.
Hi’rinni gama aangoo pireezidantimmaaf Heeraan kenname akkuma jirutti ta’ee. Gama kaabinee mootummaa federaalawaatinis dhimmi dubartootaa yoo ilaalame fakkeenya gaariitu jira. Kaabinoota jiran keessaa dubartoonni %50 qabaachuunsaanii murtii darburratti dhiibbaa mataasaanii gochuu dandeessisa. Kaabinee mootummaa naannolee keessatti garuu ammas hanqinni kun akkuma addunyaarratti mul’atutti jira. Qoodni dubartootaa gahaa miti.
Akkuma waliigalaatti dubartoonni baayy’inaan aangoo siyaasaarra jiraachuun rakkinni dubartootaa muxuxeessee hiikame jechuu miti. Biyya keenya keessa ammallee rakkoon dubartootaa hiikame jechuu miti.
Rakkoo hamaatu jira. Dubartoonni haala barbaachisaan barataa hinjiran. Kanneen barumsa jalqaban rakkoo hawaas-dinagdeetiin barnoota addaan kutuuf dirqaman hedduudha. Dhiibbaan barsiifanni keenya dubartootarratti geessisu kana kan jedhamuu miti. Dirqamanii gudeedamuun, qabeenyarratti abbaa ta’uu dhabuun ni jira. Kanneen hiyyummaadhaan garmalee dararamaa jiranillee dubartoota. Kanaaf xiyyeeffannaa barbaadu.
Paarlaamana biyya keenyaa dubartoota meeqaafi dhiira meeqan akka qabame yeroof ragaa of harkaa hinqabu. Teessoowwan paarlaamaa 547 keessaa dubartoonni meeqa qabatan jennee yoo gaafanne dhiira walqixa akka hintaane tv irratti ni agarra. Kan naannolees akkuma kan federaalaa dhiira baay’ata. Kunillee seera akka biyyaatti tumamuufi murtiiwwan darbanirratti dhiibbaa qabaata.
Gama kanaan waan tokkotu sammuutti na dhufe. Akka biyyaatti Caamsaa dhufu filannoo sadarkaa biyyaatti adeemsisuuf qophiin taasisamaa jira. Filanoo kana keessatti paartiileen siyaasaa guguddoonis ta’e bicuun dorgomuuf kaadhimamtootasaanii galmeessinaniiru.
Eenyu kaadhimamtootasaanii keessatti qoodni dubartootaa hagam akka ta’e guutummaatti ifa hintaane. Garuu dubartootaaf xiyyeeffannoo akka taasisan yaadachiisuun barbaachisaadha. Kana gaafa jedhamu dubartoota galmeesisne jedhanii nama gahumsa hinqabanne dhiheessuunillee sirrii hinta’u. Barnootaan, muuxxannoofi gahumsaafi beekumsa siyaasaatiin dubartoonni filannoof dhihaachuu qabu.
Dubbii haa gabaabsu. Oggaa Guyyaan Dubartoota Addunyaa kabajamu ajandaa dubartootaa fuulduratti baasanii irratti mari’achuun, yaada waljijjiiruufi furmaata kennuun barbaachisaadha. Gaaffiilee dubartoonni waggooa dhibba tokkoo oliif gaafachaa turan kan hanga gar’aatti deebii hinarganne ykn deebii gartokkee argate ykn kan irra tarame adda baasanii xiyyeeffannaa kennuufiin barbaachisaa ta’a.
Keessattuu biyyoonni xixiqqaan guddinarra jiran dhimma dubartootaa mirgasaanii wajjin walqabsiisaanii furmaata kennuufiin hoggansa egeree keessatti dubartoota ciccimoo gara fuulduraatti fiduuf ni gargaara.
Torban gaarii !
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013
5 Comments to “Gaaffiilee Dubartootaa waggaa 100 booda”