Dhibeewwan karaa qulqullina dhabuu nyaataafi sagaraatiin daddarban

  Doktar Naafyaad Geetuutiin

Dhibee taayifiyidii (Typhoid Fever)

Taayifooyidiin dhukkuba daddarboo baakteriyaa Salmoonellaa taayifeefi Paaraataayifee jedhamuun kan dhufuudha. Innis nama tokkorraa gara nama biraatti kan darbu nyaataafi dhangala’a (aannan, bishaaniifi kkf) bobbaa, fincaan, haqqisa nama dhibee kanaan qabameen faalame yoo fayyadamneedha.

Sababoota nama saaxilan (risk factors)

Nyaataafi bishaan qulqulluu hintaane fayyadamuu

Umurii, yeroo hedduu daa’imman umuriinsaanii waggaa tokkoo gadi ta’e

Dhukkuboota sirna ittisa dhibee qaama keenyaa miidhaan fknf dhibee ‘HIV’ fa’a

Qorichoota farra Asiidii garaachaa ta’an (antacid) yeroo dheeraadhaaf fayyadamu.

Kana dura yoo dhukkubsannee beekna ta’e

Qorichoota farra baakteriyaa (antibiotics) ta’an kan baakteriyoota uumamaan sirna bullaa’insa nyaataa keenya keessatti argaman (normal flora) miidhuu danda’an yeroo dheeraadhaaf fayyadamuu.

Nyaata dheedhii ykn haalaan hinbilchaanne kan xuxxuqqii bobbaa/fincaan/haqqee nama taayifooyidii dhukkubsate wajjin tuttuqqii qabuufi qophaa’ee lafa ture nyaachuu; fknf foon, fuduraaf kuduraa dheedhiifaa nyaachuu.

Nama dhikkubicha qabu wajjin hariiroo/ walitti dhiheenya dhi’oo qabaachuu

Talaallii fudhaachuu dhiisuu

Mallattoolee dhibee taayifoyidii

Mallattooleen taayifooyidii namaa namatti garaagara, akkasumas ciminni mallattoosaa turtii yeroo osoo hinyaalamin tureefi baay’ina baakteriyaa qaama keenya keessa seenerratti hundaa’a.

Mallattoon dhibee taayifooyidii maali?

Ho’a qaamaa guyyaa guyyaan dabalaa deemuufi galgaala nutti hammaatu, ganama immoo nurraa hir’atu (‘stepladder fever’)

Dhukkubbii garaa muraa

bowwoo

Miirota dhaamochisuufi dhukkubbii dugdaa

Nama dafqisiisuu, hollachiisuu

Fedhiin nyaataa hir’achuu

Gogiinsa garaa ykn baasaa dhiiga hinqabne

Dhukkubbii maashaaleefi buusaawwanii

Ol guuruufi haqqisiisuu

Darbee darbee gogaa qomaa/lapheefi garaarratti Shiftoon ba’uu (Rose spot)

Nama qufaasisuu, qufaa gogaa

Dadhabbiin namatti dhaga’amuu

Bitaa namatti galuu/of wallaaluu (‘Confusion’)

Akkamitti ofirraa ittisna?

Qulqullina keenyaafi nyaata keenyaa sirriitti eeggachuu

Nyaata lafa buleefi sirriitti hinbilchaanne nyaachuu dhiisuu

Badhee/hurufarra mana fincaanii fayyadamuufi erga fayyadamne booda harka keenya saamunaadhan sirriitti dhiqachuu

Talaallii fudhachuu

Wal’aanisaa maali?

Wal’aansisaa yeroon mana yaalaa deemuun qorannoofi qorichoota ogeessi fayyaa ajaje seeraan fudhachuudha, xaxaan tokko tokko yoo uumame fakkeenyaaf, urachuun mar’imaanii hanga yaala baqaqsanii hodhuutti ga’uu danda’a. Kanaaf dafanii yaalamuun dansa.

Dabalataan immoo mana keessatti nyaata sirriitti nyaachuufi dhangala’aa hedduu fudhachuu qabdu.

Xaxaalee dhibee taayifoyidii

Qunca’uufi urachuu mar’imaanii

Dhiiguu ujummoo sirna bullaa’insa nyaataa

Infeekshiinii kalee

Infeekshinii afuuffee fincaanii

Infeekshiinii maashaa onnee, sombaa, rajiijii, tiruufi sammuu (maanjalloo)

Dhukkuba taayifasii (typhus)

Taayifasiin rakkoolee guguddoo biyyoota guddataa jiran, kan akka biyya keenyaati. Dhukkubni kun baakteriyaa akaakuuwwan adda addaa ta’een kan nama qabuudha.

Dhukkubni taayifasii dhibee daddarboo baakteriyaa “Rickttisae” jedhamuun namatti dhufuudha. Dhibeen kun nama tokkorraa gara nama biraatti kan daddarbu baattoo (‘vectors’) dhukkuba kanaa kan ta’an kan akka injiraanii, tafkiifi silmiinfaadha yommuu nama ciniinaniidha. Baakteriyaan kun erga ciniinnaasaaniitiin gara qaama namaa seenee booda ujummolee dhiigaa xixxiqqoo gogaa, sammuu, tiruu, kaleefi onnee fa’a keessatti walhoruu danda’a.

Sababoota nu saaxilan

Galii gadaanaa argachuu (hiyyummaa)

Walitti heddummaatanii taa’u. Iddoo akka kaampii kooluu-galtootaa, maatii baay’ee, kaampiiwwan adda addaa, doormii barattootaa mana hidhaa/Amala sirreessaafaa keessa jiraachuu

Qulqullina naannoofi dhuunfaa eeggachuu dhiisuu

Mallattoolee taayifasii

Hoo’a hamaa akka tasaa dafee eegalu (abrupt onset of fever)

Bowwoo

Miirri dhukkubbii guutuu qaamatti/Jiismii guututtii nutti Dhaga’amuu

Dhaqna caccabsuu (malaise)

Fedhiin nyaataa hir’achuu

Miirri qorra qorraa nutti dhaga’amuu (chills)

Dhukkubbii maashaaleefi buusaawwanii (Myalgia & athralgia)

Darbee darbee shiftoon/shiftiin xixiqqoo halluun ishee diddiimtuu taate gogaa harkaafi miila irratti muldhachuu

Akkamitti ofirraa ittisna?

Qulqullina naannawaafi dhuunfaa eeggachuu

Qorichoota farra ilbiisaafi farra hantuutaafaa mana keenyatti biifuu

Nama dhukkuba kana qabu yaalchisuufaa

Wal’aansaa taayifasii

Taayifaasiin dhibee yeroon yoo yaalamne salphumatti fayyuu danda’uudha. Kanaaf mallattooleen amaan olitti jenne, yoo kan of irratti argitan ta’e dhukkubootni biroo kan mallattoolee walfakkaataa agarsiisan hedduu waan jiraniif taayifaasiinis yoo kan yeroon hin yaalamne ta’e xaxaalee garagaraaf nu saaxiluu waan danda’uuf hatattamaan mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa mariisisuu qabna.

Xaxaalee dhibee taayifasii

Gara sammuutti tamsa’uudhaan rakkoolee akka of wallaalchisuu, gaggabsuu

Infekshinii tiruu

Infekshinii kalee

Infekshinii onnee

Infekshinii sombaafi kkf fa’a fiduu danda’a.

Dhibee ameebaa

Dhibeen ameebaa kan namatti dhufu infeekshinii pirotozowaa mar’umaan miidhu” Entamoeba histolytica’ jedhamuuni. Akaakuu Entamoeba’ kan ta’an ‘dispar’fi ‘moshkovskii jedhamanis darbee darbee dhibee ameebaa fiduu danda’u.

Dhibeen ameebaa maxxantuuwwan/parasite/ lubbuu namaa dabarsan keessaa sadarkaa 3fa irratti argama.

Dhibeen kun kan namatti dhufu:

Nyaataafi dhugaatii marsaa guddina pirotozuwaa kanaa kan ta’e ‘cyst’dhaan faalame soorachuuni. ‘Cyst’ erga gara mar’umaan keenyaa seenee gara sadarkaa ‘trophozoite” jedhamutti guddachuun baqqaana mar’umaanii weeraruun erga madeessee booda dhiituu mar’umaanii ykn kulkula keessaa (ameboma) uuma.

Kanarra darbuunis hidda dhiigaa seenuun tiruu, sammuufi sombatti raabsamuus ni danda’a. Dhibeen kun baay’inaan biyyoota guddachaa jiranitti baay’ata.

Sababnisaas: Hir’inoota raabsa bishaan qulqulluu, qulqullina dhuunfaa, naannawaafi soorataatiin kan ka’eedha.

Mallattoo dhibeen ameebaa agarsiisuu malu

Namoota infeekshinii pirotozuwwaa kanaan qabaman keessaa %90 mallattoo kamuu hinagarsiisan. Boolii namaa keessatti garuu pirotozuwaan waan jiraachuu danda’uuf nama biraa faaluu danda’a.

Namootni hafan (%10) erga infeekshinii kanaan qabamanii torbee 2-6 keessatti mallattoolee armaan gadii agarsiisuu danda’u:

Dhukkubbii garaa suuta suutaan nama eegalu, dugdas nama dhukkubuu mala.

Boolii sarduu/teessisuu (‘diarhea’). Dhiiga makachuufi waan akka hancufaa/furrii (‘mucus’) qabaachuu danda’a.

Ulfaatinni qaama hir’achuu/qaamaan huqqachuu

Hunneessaa/gubaa qaamaa

Tiruun yoo miidhamte dhukkubbiin garaa karaa harka mirgaa gara ol aanuu nu dhukkubuu danda’a. Dhukkubbiin garaa gateetti keenyatti tamsa’us jiraachuu mala.

Tiruun yoo garmalee miidhamte jijjiramni haalluu keelloo ija keenyarratti mul’achuus danda’a.

Darbee darbee waan sammuufi somba hubuuf mallattoowwan tokko tokko kanneen sirna qaamaa kanaan walqabatan agarsiisuu danda’a.

Dubartootarratti infeekshinii qaamaa saalaa/ vulvovignits/, madaafi dhangala’oo qaama saalaatiin bahu fiduu danda’a.

Gogaa namaas darbee darbee in midha.

Wal’aansa dhibee ameebaa

Erga qorannoo barbaachisu mana yaalaatti isinii godhamee booda dhibee ameebaa ta’uun yoo barame qorichi pirotozuwaa kana dhabamsiisutu isinii kennama. Qoricha haala ogeessi ajajeen fudhatanii xumuruun fayyuun ni danda’ama. Darbee darbee haalli itti namattı deebi’u garuu jira.

Tarii rakkoo walxaxaa yoo fide haallitti wal’aansi baqaqsanii hodhuu kennamu ni jira.

Dhibee ameebaa ofirra ittisuuf

Qulqullina dhuunfaafi naannawaa eeguu.

Dhiyeessa bishaan qulqulluu mirkaneessuu (kun sektaroota bishaanii ilaallata).

Bishaan dhugaatiifi nyaata qopheessuuf oolu boolii namatiin kan walhinargine ta’uu qaba.

Naannawa dhibeen kun itti baay’atutti kuduraaleefi muduraalee osoo haalaan hindhiqin, hinquncisin ykn hinbilcheessin nyaachuurraa of qusachuu.

Namootni dhibee kanaan qabaman akka wal’aansa argatan gochuu.

Warri baadiyyaa jiraatan naannawa lagaati bobba’uurraa fagaachuu.

Mana fincaanii qotanii fayyadamuu.

Mana fincaanii booda harka saamunaadhaan qulqulleeffachuu.

Nyaata qulqullinaan qabu

Nyaata qophaa’e osoo hintursiisne soorachuu

Fayyaa hindhabinaa!

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

7 Comments to “Dhibeewwan karaa qulqullina dhabuu nyaataafi sagaraatiin daddarban”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: novo bar al6000
  4. Pingback: lazywin888
  5. Pingback: ฮิต 789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *