Dogoggora haala ittifayyadama qorichaafi dhukku-boota qorichaan waliin walbaran

 Jarmiileen dur dur osoo qorichoonni farra jarmootaa antibiotics jedhaman osoo hinomishamiin dura akkasumaan haala salphaan lubbuu namaa dabarsaa turan. Fakkeenyuma salphaa fudhachuuf dhukkubumti busaafi taayifooyidii ykn taayifasii ummanni keenya guyyaa guyyaan dhukkubsatee irraa fayyaa oolu osoo qorichi isaanii jiraachuu baatee lubbuu meeqa akka galaafataa oolan tilmaamuun salphaadha.

Haa ta’u malee yeroo ammaa bara nuti irra geenyee jirru kana keessa ammoo rakkoon biraa kan addunyaan haala bara dur yeroo antibiotics hin kalaqamiin keessa turte sanatti akka hin deebine nama sodaachisu uumamee jira. Innis jarmoonni yeroo ammaa kana lubbuu namaa galafataa jiran akka duraanii qorichoota ykn antibiotics kana waliin walbaranii qorichoota kanaan du’uu dhiisaa jiraachuu isaaniti. Akkuma adurreen durii hantuuta mana keessaa namarraa ajjeesuudhaan nama gargaaraa turtee kan ammaa ammoo hantuuta waliin walbartee, ajjeesuu dhiistee hammattee raftu sanaa nutti ta’ee jechuudha.

Jarmiileen qoricha waliin walbaruun maal maalirraa ka’aa?

Jaarmooleen lubbuu qaban dhukkuba addaa addaa namatti fidan kun yoo qorichoota garagaraan akka du’aniif isaanii kennamu, waggoota ykn yeroo muraasaaf erga ittiin du’anii booda, isaanis jiraachuuf jecha akkaataa qorichi duraan isaan ajjeesuuf uumame sun itti isaan ajjeesu sana irraa of jijjiiruun du’a kana of oolchuu yaalu. Yeroo kana qoricha duraan isaan ajjeesaa ture sana fudhachuun homaa hinfayyadu, yoo qorichoonni biroo ammas jarmiilee of jijjiiran sana ajjeesuu danda’u uumame ta’e malee jechuudha. Kanaafuu salphaadhumatti jarmiileen kan qorichoota waliin walbaranii qoricha sanaan du’uu didan erga qorciha sana waliin wal arganii booda jechuudha. Erga walbaranii booda garuu gosootni qorichaan walbaran sun uumamaan hawaasa keessa babal’ataa waan deemaniif, nama kan biraa qoricha sana fudhatee hinbeeknettis yoo darban haaluma sanaan qoricha sanaaf du’uu didu.

Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u dhukkuba tiibii (tuberculosis) kan baakteeriyaa mycobacterium tuberculosis jedhamuun dhufuudha. Baakteeriyaan kun kan dhukkuba tiibii waliin wal bares kan wal hin bariinis hawaasa keessa ni jira. Yoo inni qoricha waliin wal bare sun nama qabe, qoricha tiibii isa salphaa fudhachuun nama hinfayyadu. Asirratti waanti sirriitti hubatamuu qabu, namni tokko tiibii qoricha waliin walbareen yoo qabame, namni biraa yoo isa/ishee irraa qabames dhukkubuma walfakkaatu (kan qoricha) waliin walbare ta’a jechuudha. Haalonni qoricha waliin walbaruu jarmiileef haala mijeessan maal fa’i kan jedhuuf ammoo kanneen armaan gadii fa’i

  • Qorichoota mana yaalaa irraa namaaf kennaman seeraan fayyadamuu dhiisuu: Qoricha mana yaalaa irraa dhukkuba kamiifuu namaaf kenname seeraan fudhatanii xumuruu dhiisuu. Fakkeenyaaf qoricha osoo hinxumurin waan mallattoon namatti fooyya’eef qofaa fudhatanii xumuruu dhiisuu. Qoricha namaaf kenname baay’ina ogeessi fayyaa namaaf ajajeen fudhachuuf dhiisuu, fakkeenyaaf qoricha guyyaatti al sadii akka fudhatamuuf kenname fedhii ofiitiin guyyaatti altakka qofaa fudhachuufii kkf fa’i.
  • Qorichoota garmalee (haala hin barbaachifne keessatti) fayyadamuu: Dhukkuboota qoricha hinbarbaachifne ykn qoricha dhukkuba sanaaf hingargaarre callisanii fudhachuuf. Fakkeenyaaf namni utaalloo ykn qufaan qabe tokko ajaja ogeessaa malee qorichoota akka antibiotics fudhachuun rakkoo kana fida. Akkasumas utuu gosa dhukkubaa adda hinbaasin callisanii qorichoota hedduu (keessa tokko gargaaruu hinoolu ilaalcha jedhuun) fudhachuunis rakkoo kana ni babal’isa.
  • Infeekshinootni manneen yaalaa keessatti babal’achuu: Manneen yaalaa sadarkaa addaa addaa irratti argaman keessatti namuu dhukkuba isaa yaalamuu akka deemu yaalamees yokaan fayyee, yoo kan dadhabame ta’e ammoo rabbitti kennee akka deebi’u beekamaadha. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko ammoo waan yaalamuu deeman irratti dabalataan dhibeen biraa uumama. Bakateriyaafi vaayirasoonni jireenya isaanii hospitaala keessa godhatanii jiraatan, carraan Qorichoota waliin walbaruu isaanii hedduu olka’aadha. Kana jechuun ammoo akkuma armaan olitti ibsame baakteriyaafi vaayirasoonni hospitaala keessa jiraatan kun carraan qorichaan fayyuu isaanii bay’ee gadi bu’aa ta’a jechuudhaa. Haaluma kanaan infeekshinoonni hospitaala keessa jiran qoricha waliin carraan walbaruu isaanii olka’aa erga ta’ee, infeekshinoonni baay’inaan babal’achuu jechuun karaa biraan jarmoota qoricha waliin walbaran kana babal’isuu jechuudha. Kun ammoo keessumaa haala qabatama dhaabbileen fayyaa biyyoota guddataa jiranii kan biyya keenyaa dabalatee keessa jiran waliin yoo ilaallu, dhukkubichi biyya keenyatti akka hammaatu nutti hima.
  • Qulqullina naannoo fii dhuunfaa eeggachuu dhiisuu: kun infeekshinoonni kamiyyuu akka namaa namatti haala salphaadhaan daddarbaniifi dhiibbaa geessisan kan taasisu yoo ta’u, akkuma infeekshinoonni baay’achaafi daddarbaa deemaniin rakkoon kunis walumaan babal’achaa deema.
  • Qorichoonni haaraan argamaa jiraachuu dhabuu: akka duraanii qorichoonni haaraan yeroo yeroodhaan waan hinargamneef, qoricha gosa tokko yeroo dheeraadhaaf dhukkuba tokko yaaluuf fayyadamuun akkuma itti fufetti jira. Qorichoonni kunimmoo kan haaraan bakka bu’uu dhiisani waggaa dheeraaf yoo jarmoota kana waliin wal-argaa turan, carraan walbaruu isaanii olka’aa ta’a.

Dhukkuboonni jarmiilee qoricha waliin walbaraniin dhufan dhiibbaa addaa maal geessisuu malu?

  • Lubbuu namaa galaafachuu irratti: addunyaa kana irra wanti lubbuu dhala namaa caalaa qaalawaa ta’e hinjiru. Jarmiileen qoricha waliin walbaran kun ammoo carraan lubbuu galaafachuu isaanii kanneen biroo irra hedduu cimaadha. Kunis salphaatti yaalamanii waan hinfayyineef jechuudha.
  • Ba’aa ulfaataa kenniinsa tajaajila fayyaafi ogeessota fayyaa irratti: dhukkuboonni sababa jarmoota qorichaan walbaraniin dhufan kun turtii yeroo dhukkubsataan tokko yaalamuuf hospitaala keessa turu hedduu dabalu. Namni tokko yoo dhukkuba kakka kanaan qabame guyyaa hedduu ciisee yaalama jechuudhaa. Fakkeenyaaf namni dhukkuba tiibii kan qoricha waliin walhin bariiniin qabame tokko giddu galeessaan ji’a ja’aaf qoricha tiibii fudhata. Kanneen tiibii dhukkuba waliin walbareen qabaman ammoo ji’oota kudha saddeetii (18) hanga waggaa lamaa qoricha kana fudhachuun isaanirra jiraata. Akkasumas baay’inni gosa qoricha fudhatamuus kan isa qoricha waliin walbaree hedduu ta’uu isaanii irraan kan ka’e dhukkubsataaf hedduu kan rakkisaafi obsa fixachiisaa ta’eedha.
  • Miidhaa hawaasummaafi dinagdee sadarkaa nama dhuunfaa fi biyya irratti: Qorichoonnii jarmiilee qoricha kaaniin walbaran kana yaaluuf fayyadan qorichoota gatiin isaanii baay’ee qaalawaa ta’aniifi ummanni keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyyoota Afrikaa hedduu keessa jiraatan bitanii ittiin of yaaluu hin dandeenyeedha. Kun lubbuu nama dhuunfaa balleessuu irra darbee dinagdee biyyaa kan hubuufi kenniinsa tajaajila fayyaafis ta’ee ogeessota fayyaafis yaaddoo guddaa kan ta’uudha. Dabalataan qorichoonni kun baay’een isaanii biyyoota guddataa jiran keessatti kan hin argamneefi maqaadhumaan qofa kan beekaman ta’uu isaanii irraa kan ka’e, namootumti dureeyyii ta’anii qorichoota sana bitachuuf humna qabanillee argatanii bitachuu dhabuu irraan kan ka’e lubbuun darbuu danda’a.

Rakkoo jarmiileen qoricha waliin walbaruu kana akkamiin hambisuu dandeenyaa?

  • Haawaasni bal’aan: qorichoota manneen yaalaa irraa kennamaniif seeraan akka ogeessi fayyaa ajajeefitti fudhachuuf, addaan kutuu dhiisuu. Yoo qorichi sun rakkoo addaa irraan geessisellee qoricha sana addaan kutuu irra deemanii ogeessa fayyaa mariisisuun furmaata barbaaduu. Akkasumas ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha gabaa irraa haala addaa addaan bitachuufi qoricha nama biraaf kenname fudhachuuf irraa of qusachuun baay’ee barbaachisaafi murteessaadha.
  • Mootummaan: manneen yaalaaf hanga danda’e sadarkaa isaanii eeguudhaan akkaataa itti daddarbiinsa infeekshinoota hospitaala keessaa hir’isan haala mijeessuu. Akkasumas haala itti fayyadama qorichootaafi haala ittisa dhukkuba kanaa irratti beektota dhimmichaa waliin walta’uudhaan imaammata addaa addaa baasuun manneen yaalaa, ogeessota dhimmichi isaan ilaallatuufi qaamota adda addaa waliin hojiirra oolchuufi waliin hordofuu.
  • Ogeeyyiin fayyaa, ogeeyyii fayyaa hawaasaafi dhaabbilee adda addaa: ogeeyyiin fayyaa manneen yaalaa dhuunfaafi mootummaa keessa jiran hanga danda’an akkaataa itti infeekshinii hospitaala keessaa hir’isan sirriitti hojiirra oolchuu. Akkasumas qorichoota yoo dhukkubsataaf ajajan haala kana yaada keessa galchuu yeroo barbaachisu qofa fayyadamuu. Ogeeyyii fayyaafi dhaabbileen addaa addaa keessumaa yuunivarsiitiileen biyya keenyaa dhimma kana irratti qorannoo cimaa gaggeessuun isaanirraa egama. Kunis qorichoota sababa jarmiileen walbaruu irraan ka’e dandeettiin dhukkuba fayyisuu isaanii baay’ee gadi bu’e qoratanii adda baasuun fala biraa barbaaduu. Akkasumas hanga danda’ame qorichoota haaraa addaa addaa qorachuun yoo argaman hojiirra oolchuudha.

Haalota armaan olii kana gochuu dagannee yoo haala amma jiru kanaan itti fufte, haalli fuulduratti dhufu, kan ammaa irra hammaataafi lakkoofsi jarmoota qoricha waliin walbaraniis hedduu dabalaa akka deemu shakkiin hin jiraatu jechaa gorsoota kana haalaan hojiirra yaa oolchinu jenna.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You