Jireenya fayyaa qabeessa jiraachuu

Baroota dhufaa darban hundumaatti dhalli namaa jireenya hawaasummaasaa keessatti waan guddaa inni aadeffate ni jira. Kunis ammoo yeroo walitti dhufan ykn turtii yeroo dheeraa booda yoo wal-argan waa’ee hojii, maatii, qabeenyaafi biyyaa utuu nama hingaafatin dursa waan isaan waliin jedhan ykn akkaataa isaan itti nagaa wal-gaafatan keessaa inni duraa “akkam fayyaa keetii? fayyumaa? fayyaa qabdaa? Baga fayyaa taate” jedhanii waliin dubbii jalqabu. Kun kan agarsiisu fayyaan waan hunda kan dursu tahuu isaati.

Addunyaa dhalli namaa mijeeffatee irra jiraatu kanarratti akkuma qaroominni namaaf haalli jireenya namaa fooyya’aa deemu, wantootni garaagaraa fayyaa namaa miidhanis guyyaa guyyaan dabalaa dhufaa jiru. Jijjiiramoota jireenyaa kana keessattis, fayyaa yoo qabaatan malee ba’anii galuun hindanda’amu; fayyaa yoo qabaatan malee hojjetanii duroomuun hinyaadamu.

Kanumaan walqabsiisuun, fakkeenya dureessi beekamaan addunyaa kanaa dubbatu tokkon yaadadhe. Akkas jedhee ture “jaldeessa duratti muuziifi qarshii hedduu doolaaraan utuu darbattee jaldeessi ittifiigee kan fudhatu qarshii doolaara hedduu sana osoo hintaane, muuzii darbatameef sanadha”.

Kanarraa wanti barannu uumamni lubbuu qabu keessattuu kanneen yaaduu hindandeenye, waan isaaf barbaachisu kan battalaarratti xiyyeeffachuusaati. Jaldeessi kunis hiika Doolaaraa /maallaqaa osoo hintaane hiika muuzii waan beekuuf filate jechuudha.

Faallaa kanaammoo namni inni yaaduu danda’u dhibbantaan caalu fayyaa isaaniif caala qarshiidhaaf dhiphatu. Xiyyeeffaannoon dhalli namaa fayyaasaaf kennu amma maallaqaan yoo tiilmaamameef tarii kan baayyee wal darbu ta’uu mala.

Namni kamuu fayyaa guutuu qabaachuu hawwus, fayyaa keessa jiraachuuf shaakalli qabatamaan inni godhu baayyee yaraadha. Addunyaa kanarrattis ta’u naannawa keessa jiraannutti taateewwan kanneen dhugoomsan garagaraa argaa oolla. Namoonni baay’een gamoowwan guguddoo akkasumas addunyaarratti qabeenyaan badhaadhanii akka tasaa dhibeewwaniin yeroo addunyaa kanarraa boqotan argaa jirra.

Kunis wantoota dursa kennamuu qabuuf dursa kennuu dhabuun waan namatti fiduudha. Yeroo kamittuu wantoota barbaachisoo danuu keessaa waan dursuu qabnu dursisiisuun daran barbaachisaadha.

Fayyaan keenya konkolaachisaa keenya yoo ta’u, qabeenyiifi duroominni ammoo, imaltoota konkolaataa fayyaan keessa taa’ee konkolaachisu keessa jiraniidha.

Yeroo danuu namoonni baay’een dhibee ofirraa ittisuun ala erga garmalee dhukkubsatanii booda mana yaalaa dhaqu.

Kanaafis carraan dhukkubichi hedduu itti hammaachuufi irraa damdamachuuf yeroo fudhachuu ni uumama. Faallaa kanaa ammoo utuu ittisarratti xiyyeeffannee du’arraa namoota baay’ee baraaruun ni danda’ama. Fakkeenyaaf namoonni baay’een walqunnamtiin saalaa daangaa hinqabne dhibeewwan daddarboo baay’ee kanneen akka ‘HIV’f nama saaxiluusaa utuu beekanii ajaja kanarra darbuun dhibichaan kanaan gaaga’amaa jiru.

Akkasumas tamboo aarsuun carraa dhibee kaansariin qabamuu kanneen akka kaansariiwwwan sombaa, garaachaa, mar’immaanii, gadameessaafi kkf nama saaxiluusaa utuu beekanii dhibichaaf saaxilamuun namoonni baay’een addunyaa kanarraa darbaa jiru.

Haala jireenyaa fayyummaa qaama keenyaatiif bu’aa guddaa kanneen qaban maal fa’i?

Namni tokko jireenyasaa ykn ishee guyyaa guyyaa keessatti waan dhimma fayyaa waliin walhinqabanne kan biroo yoo hojjetan karaalee hedduudhaan fayyaa ofii akka miidhan beekamaadha.

Kunis Fayyaan nama tokkoo kan miidhamu tarii waan fayyaa keenyaaf barbaachisan gochuu dhiisuudhaan, tarii ammoo waan fayyaa keenya miidhan osoo beeknuus ta’e hinbeekin taasisuudhaan ta’uu mala. Walumaagalatti haala jireenyaa fayyaa keenyaaf gumaacha guddaa taasisu ykn eegu (healthy life style) jiraachuuf waantoota guguddoo gochuu qabnuufi waantoota ammoo fayyaa keenyaaf jecha jijjiiruu qabnu tokko tokko kaasnee haa ilaallu.

Sochii qaamaa (Physical exercise)

Sochiin qaamaa fayyaaf daran barbaachisaa akka ta’e tarii namni hedduun ni beekan. Haa ta’uu garuu waanumti sochii qaamaa jedhamu kun yeroo tokko tokko mana meeshaalee ittiin sochiin qaamaa ykn ispoortiin adda addaa itti hojjetamu ykn dirree atiletiksii deemanii gulufuu fakkaatee namatti mul’achuu mala.

Haa ta’u malee sochiin qaamaa kan fayyummaa namaaf barbaachisu, hagas cimaafi meeshaalee ispoortii garaagaraa kan barbaadu miti.

Namni tokko torbanitti guyyaa afur guyyoota afranuu daqiiqaa 30f yoo hojjanne ykn walumaagalatti torbanitti gara daqiiqaa 150 yoo hojjanne fayyaa keenyaaf eegumsa barbaannu kennuu mala.

Sochiin qaamaa taasisnu ammoo kan naannoo keenyatti salphaatti hojjachuu dandeenyu kanneen akka wadaroon utaaluu, fiigicha, sussukuu, daddafanii deemuufi kkf ta’uu mala. Namoonni dhukkuba biroo keessumaa dhukkuba onnee qaban, gosaafi cimina ispoortii hojjatanii baruudhaaf ogeessa fayyaa isaan yaalu haasofsiisuu qabu.

Haala kanaan fayyadamnee sochiin qaamaa taasisnu dhukkuboota akka: dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaafi dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa waliin walqabatanii dhufan, sammuu keessatti dhiiguu ykn sammuu keessatti dhiigni itituu (stroke)fi kkf hedduu carraa nama qabachuusaanii hedduu gadi buusa.

Keessumaa namoonni haalli hojii isaanii guyyaa keessatti yeroo dheeraadhaaf akka taa’an taasisu kanneen akka konkolaachiftootaafi hojjetoota biirolee garagaraa haalli hojiisaanii sochii qaamaa waan isaan hinhojjachiifneef xiyyeeffannoo addaa sochii qaamaattiif kennuu qabu.

Haala nyaataa (diet)

Guyyaa guyyaatti annisaan keessa keenyatti gubatee akka lubbuun jiraannu nu taasisu nyaata nuti nyaatnurraa argama, akkasumas namni tokko qaamnisaa yeroo yerootti ijaaramee diigamaafi of jijjiiraa deema. Seelonni haaraan qaamni keenya ittiin of ijaaru kun nyaata nuti argannurraa akka dhufu beekamaadha. Anniisaafi ijaarsa qaamaa qofa osoo hintaane miniraalonniifi vitaaminoonni qaamni keenya jiraachuuf barbaadu hedduunsaanii nyaata keessaa argamu.

Kanaaf nyaata waantota fayyummaa qaama keenyaaf barbaachisan of keessaa qabu soorachuun fayyaa nama taasisa jechuudha. Annisaa, vitaaminoota, ijaarsa qaamaafi kkf akaakuu nyaataa tokko qofarraa argachuun ulfaataadha.

Fakkeenyaaf raafuun magariisni qabiyyee vitaamin ‘A’ tiin badhaadhaadha, muuzni ammoo kan elementii pootaasiyeemii hedduu of keessaa qabuudha, midhaan akka baaqelaafi ataraa ammoo kan pirootinii ijaarsaaf ooluun hedduu badhaadhanidha.

Kanaaf nyaata madaalamaa yoo jennu nyaata akaakuudhaan hedduu garagaraa soorachuudha. Nyaata akka coomaafi cooma hedduu of keessaa qabu irra deddeebi’uun yeroo mara soorachuun ammoo inumaa rakkoo dhukkuba onnee, istirookii, dhiibbaa dhiigaafi kkf nama saaxiluu mala.

Dabalataan waanti adda ba’ee beekamuu qabu namoonni dhukkuba adda addaa qaban nyaanni isaaniif ta’u ykn soorachuu qaban akkuma addaa addummaa dhukkuba isaaniitti garaa gara.

Fakkeenyaaf namni dhukkuba sukkaaraa qabu waan mi’aawaa soorachuu kan hin qabne yoo ta’u kanneen dhukkuba onnee, kaleefi dhiibbaa dhiigaa qaban ammoo ashaboo kan namootaa kaanii irra hedduu xiqqeessanii soorachuu qabu. Kanneen biroo ammoo nyaata akaakuu tokko qaamnisaanii kan hinbulleesine ta’uu mala.

Fakkeenyaaf aannan akaakuu nyaataa bulleessuu hindandeenye sana dhiisuudhaan deemanii ogeessa mariisisuun dirqama. Kanaaf namoonni dhukkuboota akkasii qaban dursanii hakiimasaanii haasofsiisuu qabu.

Nyaata maadaalamaa (balanced diet) namni nyaachuu jibbu akka hinjirre beekamaadha. Haa ta’u malee haalli jireenyaa, qabeenyaafi argamni nyaataa naannawa keenya jiruu nyaata madaalamaa akka nyaannuuf nuu eeyyamuu dhiisuu mala.

Fakkeenya fudhachuuf manneen nyaataa (hoteelota) biyya keenya keessa jiran keessati kan qophaa’ee hawaasaaf dhiyaatu baay’inaan nyaata foon irraa hojjatameedha. Carraan nyaata akka kuduraafi muduraa argachuu gadi bu’aadha. Kanaaf akka qaama furmaataatti aadaan akaakuu nyaataa foonii qofa mana nyaataa ykn hootelatti qopheessanii gabaaf dhiyeessuu fooyya’uu qaba.

Walumaagalatti nyaata ga’eessi tokko guyyaatti nyaatu keessa qabiyyeensaa yoo danda’ame

* Dhibbaantaa 45 hanga 65 kaarboohaaydireetii

* Dhibbantaa 10 hanga 35 pirootiinii

* Dhibbantaa 20 hanga 35 faatii (cooma) ta’uu akka qabu saayinsiin fayyaa lafa kaa’a.

Qulqullina (hygiene)

Waa’ee qulqullinaa yoo kan haasofne ta’e waan daran fayyaa waliin walqabatuuf hedduu lakkaawuun ni danda’ama. Qulqullinni kan dhuunfaa keenyaas ta’e kan naannawa keenyaa eegamuu dhabuun fayyaa nama dhuunfaafi kan hawaasaa rakkoo guddaa irra buusuu danda’a.

Kanas kan taasisu ka’umsaafi daddarbuu dhukkubootaa keessumaa infeekshinoota garagaraatiif sababa ta’uudhaani. Maloonniifi haalonni ittiin qulqullina eeggannu hedduu kan ta’aniifi hawaasnis kan beeku yoo ta’u, kan baay’ee barbaachisaa ta’e tokko qofa kaasuudhaaf, dhukkuboota infekshinii (infection) hedduu irraa kan nu baraaru harka dhiqachuudha.

Harka dhiqachuun keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa kana keessatti hedduu barbaachisaadha. Harka dhiqachuu yoo jennu “Saamunaafi Bishaaniin dhiqachuu” jechuudha. Harka keenya yoo mana fincaanii deemnee deebinu, yoo nama dhukkubsate kunuunsinee ykn gaafannee deebinu, osoo nyaata hinqopheessiin dura (yoo qopheessuuf jennu), yoo nyaannufi haalota kkf keessatti sirriitti dhiqachuu qabna. Ogeessonni fayyaa ammoo harka keenya kan dhiqachuu qabnu akka dhaabbatni fayyaa addunyaafi dhaabbanni ittisa dhukkubootaa amerikaa jedhanitti yoo xiqqaate haalota armaan gadii kanneen shanan keessatti:

* Osoo dhukkubsataa harkaan hintuqiin

* Osoo yaala qaama dhukkubsataa infekshiiniif saaxilu hintaasisiin dura

* Yoo dhangala’aan qaama dhukkubsataa kamuu nutti bu’e

* Erga dhukkubsataa tokko tuqnee booda

* Erga naannawa dhukkubsataa wantoota jiran akka afataa tuqnee booda, Haala kanaan hawaasni infekshiniin akka hin qabamneefi akka hindaddabarsine ittisuu danda’a.

Walumaagalatti sochii qaamaa taasisuun, nyaata madaalawaafi qabiyyeen nama hubu itti hinbaay’anne soorachuun dhukkuboota daddarboo hintaane (noncommunicable disease) akka: dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba kale, istirookiifi kkf kan nurraa ittisu yoo ta’u; qulqullina (hygiene) eeggachuun ammoo dhukkuboota daddarboo (communicable disease) kan nurraa dhorkuuf kan nu gargaaruudha.

Kana malees kanneen biroo hedduun kan jiraniifi fayyaa keenyaaf gumaacha guddaa kan qabu ofuma keenya ta’uu beekuun barbaachisaadha jenna.

Fayyaa hindhabinaa!

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You