Sirna nyaataafi fayyaa keenya

Qaamni keenya hojii idilee isaa guyyaa guyyaan raawwachuuf wantoota barbaachisan keessaa tokko nyaata. Nyaanni bu’uuraalee idilee guyyaa guyyaan nu barbaachisan keessaa isa tokkodha.

Nyaata nyaannu keessa albuudonni xixiqqoo kutaawwan qaama keenyaaf barbaachisan hedduunis ni argamu. Nyaanni nuti nyaannu kan qaama keenya ijaaru, kan dhibee nurraa ittisuufi kan anniisaa qaama keenyaaf kennu ta’uu qaba.

Guyyaadha gara guyyaattis nuutirantii qaama keenya keessaa dhumaa deemu bakka buusuuf nyaata madaalamaa soorachuun baayyee barbaachisaadha. Bishaan dabalatee nyaatawwan kaarboohayidireetii, pitootiniif faattiin badhaadhan nyaachun qaama keenya utubuu keessatti ga’ee olaanaa qabu. Kanaaf namni tokko fayyaa qaama isaa eggachuuf nyaata madaalamaa soorachuu qaba.

Nyaata madaalama jechuunis nyaatuma argatan hunda akka argan nyaachuu osoo hintaane hamma qaama keenyaaf barbaachisu nyaachuu akkasumas nyaanni nuti nyaachuu hinqabne baay’eenis jiru.

Nyaata madaalamaa jechuun akaakuuwwan nyaata garagaraa kanneen bifa madaalawaa taheen soorachuu jechuudha. Nyaatawwan biqiltootarraa argaman baay’eensaanii wantoota fayyaa keenyaaf barbaachisan hedduun waan badhaadhaniif akkasumas faayibarii hedduu waan of keessaa qabuuf fayyaa namaatiif daran gaariidha.

Kanaaf namni tokko fayyaa qaama isaatiif nyaata biqilootarraa argaman baay’inaan soorachuu akkasumas nyaata fooniif bu’aa foonii ta’an xiqqeessuun barbaachisaadha. Gabaabumatti gabatee piraamidii nyaataa kanaa gadii keessatti ibsameera

Akka piiraamiidiin sirna nyaataa agarsiisu kanaatti: Nyaati callaan, kuduraafi muduraan, qabiyyee Vaayitaaminii, albuudaafi faayibarii olaanaa ta’e qabu. Nyaati callaafi ocholooniin akkasumas aannaniifi hanqaaquun madda pirootiinii dabalataati. Zayitiifi nyaatonni minyaa’oon darbanii darbanii qofa fudhatamuu qabu.

Rakkina nyaata bu’aa horii baayyinaan soorachuun geessisu. Kuufama coomaafi kolestiroolii olka’aa ta’e geessisa. Kuufamni pirootiinii hamma barbaadamuu ol ta’e lafee keessaa baay’ina kaalsiyamii hir’isa (dhabamsiisa). Akkasumas balaan dhibee onnee, kaansariifi ilbiisota hirkatoo ta’anii akka dabalu taasisa. Keemikaalonni ‘Faayitoo’ fayyaadhaaf barbaachisoo ta’an hinjiraatan.

Faayidaa fuduraafi biqiloota baallisaanii nyaataman nyaachuun qaban, kolestiroolii irraa bilisa, faayibarii olka’aa ta’e qaba, zayitii xiqqaa ta’e of keessaa qaba, qabiyyee kaaloriin madaalamaa ta’e of keessaa qaba, keemikaala ‘Faayitoo’tiin badhaadhaadha.

Nyaata faayibarii olaanaa qaban: Nyaatni faayibarii olaanaa qabu fayyaa qaama keenyaaf baay’ee barbaachisaadha.

Nyaanni faayibarii balaa armaan gadii ittisa:

Dhibee xeerii (appendicitis)

Dhibee qaraciitii hadhooftuu

Dhibee hiddi dhiiga miilaa garmalee dhiita’uu (varicose veins)

Dhibee kintaarotii (dhullaa)

Kaansarii xeerii

Ulfaatina garmalee

Gogiinsa garaa nurraa dhorka

  • Qullubbii adiifi fayyaa keenya

Qullubbii adiin biyya keenya keessatti baayyinaan kan argamuufi namoonni baayyee nyaata mi’eessuuf akkasumas rakkoo dhibee fayyaa baay’eef itti fayyadamu. Qulluubbii adiin akka akaakuu qoricha tokkootti mataasaa danda’ee akka qorichaatti dhukkubootaaf kennamuu baatus, qorannoowwan baayyee godhaman akka mul’isanitti dhibeewwan tokko tokkoof yaala kennamurratti akka dabalatatti akka gargaaru ibsama.

Qullubbiin adii faayidaa akkamii namaaf kennuu danda’a?

Dhukkuba sukkaaraa: Dhukkuba sukkaaraa keessatti qullubbii adiin qaamni keenya haala gaariin akka hormoonii insuuliinii gara seelii isaa keessatti fudhatu godha.

➢ Tiruun namaa keemikaalota addaa addaan miidhame akka dandamatuufi fayyu gochuu keessatti ga’ee olaanaa taphata.

Dhiibbaa dhiigaafi kolestirooliirratti: Qorannoon biyya jaappan keessatti geggeeffame tokko akka addeessutti, dhiibbaa dhiigaa baayyee olka’eefi kolesteroolii qaama keenya keessaa dhukkuboota adda addaaf nama saaxilu akka gadi buusu himu.

Kaansarii ittisuurratti: Bara 1990 dhaabbanni kaanserii biyyoolessaa Ameerikaa (U.S National cancer institute), akaakuuwwan nyaataa keessaa kansarii ittisuu keessatti nyaanni ga’ee olaanaa qabu kam akka ta’e adda baasuuf qorannaa geggeessanii dhumarratti qullubbii adiin kanneen biroo irra dhukkuba kaansarii ittisuuf ga’eensaa olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

➢ Ilbiisota ykn jarmiiwwan lubbuqabeeyyii kan infeekshinii garagaraaf nama saaxilan akka baakteeriyaafi pirootozowaa ajjeesuu keessatti ga’ee olaanaa taphata.

Qullubbii adiin miidhaa akkamii qabaachuu mala?

➢ Foolii qaamaafi afaanii balleessa

➢ Laphee gubaa (heart burns).

➢ Daa’imman xixiqqoof akka kennamuuf hin gorfamu.

1.2. Faayidaa cuunfaa loomii

Cuunfaan loomii vaayitamiin C’n waan badhaadheef fayyaa qaama keenyaaf daran barbaachisaadha.

Cuunfaa loomii yeroo baay’ee bishaan wajjin dhuguun bu’aa akkamii qaama keenyaaf kenna?

➢ Gogaa qaamaa keenyaaf gaariidha

➢ Cirracha kalee nurraa ittisuu keessatti qooda qaba

➢ Ulfaatina qaamaa hir’isuuf

➢ Daakamuu nyaataa ykn digestion keessatti qooda qaba

➢ Foolii afaanii badaa dhorka!

➢ Vitaamin ‘C’ waan of keessaa qabuuf dhibee ujummoo sombaafi utaalloo nurraa loluu keessatti qooda olaanaa qaba.

1.3. Kaarotiifi fayyaa keenya

Kaarotiin biyya keenya keessatti akka salphaatti kan argachuu dandeenyuufi fayyaa qaama keenyaaf nyaata bu’aa guddaa qabu keessaa tokkodha.

Faayidaa kaarotiin fayyaa qaama keenyaaf qabu

1. Dhibee onnee nurraa ittisa. Qaama keenyafi dhiiga keenya keessa koolestirooliin baayinaan yoo jiraate dhibee onneef nu saaxila. Qorannoon akka beeksisetti yeroo yerootti kaarotii yoo fayyadamne hamma kolestiroolii qaama keenya keessa jiru waan hir’isuuf dhibee onnee nurraa ittisa.

2. Dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa

3. Kaarotiin elementii potaasiyeemii jedhamu kan ujummoo dhiiga keenyaa dhiphisuuf bal’isuu danda’u waan qabuuf dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun dhiigni gara kutaalee qaama keenyaatti baay’inaan akka deemu godha.

4. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu keenyaa ni dabala.

5. Kaarotiin vitamin ‘C’ dhaan kan badhaadhe waan ta’eef seelota dhiiga adii keenyaa kan dhibee ofirraa ittisuu keessatti qooda fudhatan ni si’eessa.

6. Umurii malee dulloomuu nurraa ittisa.

7. Kaarotiin fiberii hedduu waan qabuuf sirna bullaa’insa nyaataa keessatti qooda guddaa qaba.

8. Dhibeewwan kaanserii kanneen akka kaanserii sombaa, mari’immaan furdaafi kaanserii harmaa nurraa ittisa.

9. Dandeettii agartuu ija keenyaa ni dabala, seelonni agartuu keessatti qooda fudhatan akkasan hinduune gochuun fayyaa agartuu keenyaaf baayyee barbaachisaadha.

10. Dhibee istrookii (dhibee sammuu keessatti dhiiguu ykn sammuun dhiiga ga’aa dhabuu nurraa ittisa)

11. Fayyaa gogaa keenyaaf ni fayyada

Nyaata akka nyaanneen wantoota raawwachuu hinqabne

Namoonni baay’een keenya utuu beeknuus ta’e utuu hinbeekiin erga nyaata nyaannee booda taateewwan garaa garaa kan fayyaa keenya miidhan baay’ee raawwanna.

Taateewwan erga nyaata nyaannee gochuu hinqabne

1. Shaayii dhuguu hinqabnu:

Akkuma nyaata nyaanneen shaayii yoo dhugne albuudni ayiranii jedhamu kan nyaata keessatti argamu kan seelii dhiiga diimaa omishuu keessatti ga’ee qabuufi pirootinoonni tokko tokko mar’imaan qal’aa keessaa xuuxamanii dhiigatti dabalamuun akka isaan qaama keenyaaf hinoolle godha. Baay’inaan yeroo hedduu irra deddeebiin taateewwan akkasii kan raawwannu yoo taane qaamni keenya hir’ina dhiiga diimaaf saaxilamuu danda’a.

2. Qaama keenya dhiqachuu hinqabnu:

Nyaatni nyaannu garaacha keessatti bullaa’uuf mar’imaan keessatti akka xuuxamuuf dhiiga barbaada. Akkuma nyaata nyaanneen qaama keenya yoo dhiqanne dhiigni gara miila keenyaafi harka keenyaatti baay’inaan waan deemuuf hammi dhiiga gara garaachaa yookiin mar’imaan keenyaa deemu akka hir’atu godha. Kunis nyaatni nuti nyaannu akka seeraan hinbulloofnefi hinxuuxamne godha.

3. Hirriba rafuu hinqabnu:

Akkuma nyaata nyaanneen yoo rafne inzaayimoonni nyaata bulleessan kan garaacha keessatti argaman yeroo ciisnu gara naannoo qoonqoo keenyaa dhufuun akka qoonqoon keenyaaf naannoon laphee keenyaa (singiggoo) nu gubu taasisa.

4. Kuduraafi muduraa soorachuu hinqabnu:

Akkuma nyaata nyaanneen muduraawwan akka maangoo, paappaayya, burtukaana, muuziifi kkf yoo nyaannu nyaatni nuti nyaanne akka eegamutti akka hinbulloofne godha. Kanaaf nyaata dura sa’aatii tokko yookiin nyaata booda sa’aatii lama booda nyaachuun filatamaadha.

5. Tamboo aarsuu dhiisuu:

Qorannoon akka mirkaneessutti akkuma nyaata soorataniin tamboo aarsuun sadarkaa carraa dhukkuba kaansariin qabamuu ni dabala. Nyaata booda qofa osoo hintaane guutummaatti tamboo xuuxuu dhiisuun filatamaadha.

6. Deemsa deemuu hinqabnu

Dabalataan yeroo nyaata nyaannu:

➢ Seeraan teenyee nyaachuu qabna.

➢ Suuta jennee nyaachuu qabna.

➢ Humnaan ala nyaachuu dhiisuu

➢ Nyaata booda daqiiqaa 30f boqochuu qabna.

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You