Magaalaan Finfinnee magaalaa guddittii biyya keenyaati. Magaalaa guddittii biyya keenyaa qofa osoo hintaane kan Afirikaatis. Teessoo waajjiraalee addunyaa kan akka Komishina Dinagdee Afriikaa (ECA)ti. Kanaaf, maqaan magaalaan tun addunyaarratti qabdu guddinashii caala. Kun wanti gaarinis ta’e gadheen magaalaa kana keessatti raawwatu fuula biyyattii miidhagsiisuufi fokkisiisuu keessatti shoora guddaa qaba.
Odeeffannoon jidduu kana magaalaa guddittii kanaa bahe tokko haala kanaan xiinxalamuu kan danda’uudha. Odeeffannichi miiraa nama danuu hawwateera. Keessattuu kan lammii biyya; kan jiraattota magaalattiifi naannawaashii. Odeeffannichi gurra ollaa fagoos ta’ee dhihoo bu’uunsaa hinoolu.
Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsa miidiyaadhaan kennaniin yakka magaalattii keessatti bara 1997 eegalee raawwataa ture aduutti baasaniiru. Akka Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsanitti, yakki kun lafa duwwaa weeraraan saamuu, kondominiyeemii carraa malee abbaa fedhanii kennuu, manneen mootummaa kan dhaabbanni bulchiinsa manneen kiraa bulchaa turee seermalee fudhatamuu, diigamuufi kkf of keessatti haammatama. Saamichi kun qo’annoon kan mirkanaa’e, akka kantiibaan nutti himanitti. Mee tokko tokkoon haa ilaallu.
Weerara lafaa- heektaara kuma tokkoofi 338: Bara 1997 as magaalaa Finfinnee keessatti weerarri lafaa guddaan raawwatameera. Akka ragaan kun ibsutti lafti Heektaarri kuma tokkoofi 338 ta’u waggoottan kanneen keessatti seeraan ala saamameera. Lafti weerarame kun hagami? Heektaarri tokko kaaree meetira kuma kudhanidha. Haala kanaan lafti saamame kun karee meetira miliyoona 13fi kuma 380 ta’a. Nama tokkoof osoo lafti kaaree meetira 150 kennamee lafti hatame kun abbaa warraa ykn haadha warra kuma 89fi 200f ni oola. Namoonni kun jiddugalaan maatii shan shan qabaatan yoo ta’e rakkoo jiraattota kuma 446 hiikuu danda’a. Saamich raawwate miidhaa hawaas dinagdee lammii biroo irraan gahe wajjin madaalmee hiika argachuu qaba.
Gama biraan lafti kun eenyurraa fudhatame ykn saamame jedhanii ilaalunis sirrii ta’a. Lafti, akka heera biyya keenyaatti, kan mootummaafi ummataati. Kan irra qubatee jiru lammiidha. Finfinneen kan Oromooti. Lafti Finfinneen irra qubatteefi amman caasaan naannawa magaalaa Finfinnee jedhamu kan qonnaan bulaa Oromooti. Ummanni abbaa lafaa jedhaman garuu kan saamaman isaan kanaadha. Isaanimmoo lafa akaakileefi abaabileesaanirraa buqqa’anii eenyummaansaanii dhabameera. Kuun gara biraatti baqataniiru. Kuun aadaafi afaan biraatiin liqimfamaniiru. Afaansaanii wallaalaniiru; aadaansaanii dagataniiru. Duudhaafi safuu Oromoo wallaalaniiru. Kanaaf miidhaan weerara lafaa kun miidhaa qabeenyaa qofaan kan ibsamuu miti. Balaa hawaasummaa inni ummata lafa kanarratti dhalateenis xiinxalamuu qaba. Yoo akkanatti balballomsaniidha kan dubbiin ifa namaaf ta’u. akkuma kantiibaan jedhan lafti kun hedduunsaa baankii lafaatti deebi’eera. Garuu aadaafi dhuudhaan sun deebi’uu hindandeenye. Kan nama gaddisiisus kanaadha.
Kondominiyeemii carraa malee hiraman kuma 51fi 64: Akkuma beekamu kondominiyeemiin kan ijaarameef ykn kaayyoon isaa hawaasa harka qalleeyyiifi. Qusataanii dhawaata abbaa manaa akka ta’an gochuudha. Kaayyoon isaa midhaagaadha. Yaadamnisaallee kan hawaasa bal’aa jiddu gala godhateedha. Garuu jalqabaa eegalee naannoo kana komiitu ture. Qulqullina ijaarsaa gadi bu’aadha jedhamee komatama. Manneen ijaaraman kan sadarkaa isaanii hineegganneef, kan haalli yaa’insa dhangala’aa (sanitation) rakkoo qabu, haalli ibsaan itti diriire kan mijataa hinta’in ta’uusaatu himamaa ture. Kan biras kan biraas hedduutu jira. Waanuma fedhes ta’u namni godoo mormaan itti ol seenu argachuusaatiin gammadaadha.
Yakki hirmaataa kondominiyeemin walqabatee raawwate jedhme kun garuu kan gaddisiise warra carraa eeggatu qofaa miti. Lammii hunda kan naasiseefi kan gaddisiiseedha. Akka ragaa baheetti manneen kondominiyeemii kuma 51fi 64 ta’an carraa malee namootaa hingalmaa’iniif kennamaniiru. Namoonni manneen kana fudhatan eenyusaan? Eessaa dhufan? Maaliif kennameefi? Murtiin ykn qabo-yaa’iin ittiin kennameef jiraa? Kun ammas gaaffiidha; gaaffii ummataa. Aanga’oota mootummaa yoo ta’an eenyummaansaanii gadi bahee dubbatamuu qaba. Sababiinsaas aangoosaanii seera malee waan fayyadamaniif. Abbootii qabeenyaa yoo ta’an, isaanis ifa bahuu qabu. Sababiinsaa humna maallaqa qabaniin fayyadamanii carraa iyyeessaa waan fudhataniif. Harka qalleeyyis yoo ta’an bira taramuu hinqabu; maaliif yoo jettan isaanillee fira qabanitti fayyadamanii mana kana fudhachuunsaanii seermalee waan ta’eef.
Manneen kondominiyeemi wajjin walqabatee gaaffii biraallee nan qaba. Warrumti galmaa’anii manneen kana fudhatan keessaa jiraattonni magaalaa Finfinneefi naannawashii meeqa ta’u laata? Kanneen jiraattota magaala Finfinnee hintaane garuu sulula ce’anii gaara bu’anii Finfinnee keessatti of argan meeqa ta’u laata? Kunillee silaa qulqullaa’uu qaba ture. Sababiinsaas qondaalonni mootummaa yeroon aangoo kenneef qonnaan bulaa Oromoo lafasaarraa buqqisanii firasaanii kan fagoo baadiyyaafi magaalaa waamanii mana kennaa akka turan oduun dhugaarraa hinfagaanne qaari’aa turteetti. Kana mirkaneessuuf ammoo namoota manneen kana carraan argatanis ta’ee kanneen karaa lafa jalaa fudhatan sabaafi sablammiitti qoodanii bu’aasaa baruun ni danda’ama.
Manneen Kiraa- Kuma 10fi 565: Malaamaltummaan manneen kiraa wajjin walqabatee jiru kan sirna Wayyaanee qofaa miti. Sirna Dargiirraa jalqabee kan tureedha. Tarii bara baraan bifaafi amala jijjirratee dhuufuusaati. Akka ragaan kantiibaa magaalaa Finfinneetiin kenname ibsutti, manneen kiraa kan qabeenya mootummaa ta’e kuma 10fi 565 ta’an karaa seeran alaa qabatamaniiru. Kanneen achi buuteensaanii dhabame ammoo 180 ta’u. Manneen kana hunda eenyutu seeraan ala fudhate? Kan achi buuteensaanii dhabame duuba eenyutu jira? Ajaa’ibuma! Kanneen seeran malee fudhatamaniifi badan seera qabsiisuun akkuma eegamutti ta’ee, kanneen harka mootummaa galan warra mana hinqabneef akka kennaman ta’uunsaa tarkaanfii gaariidha.
Gamoowwan abbaa hinqabne, 332: Jechi kun ana na ajaa’ibsiisa. Gamoo abbaa hinqabne jechuun maal jechuudha? Akka sinbiraa samiirraa bu’anii Finfinnee keessa qubatanii? Galaanatu haree fidee Finfinnee keessatti gatee? Bubbeetu guuree Finfinneetti harcaasee bira tare? Tarii abbaan ijaarsise waamamee dhihaachuu dhabuu mala. Ragaan ijaarsaa dhabamuu danda’a. Sababni biraas ni dhihaata ta’a. Garuu kun abbaa hinqabu nama jechisiisaa? Ani hinbeeku.
Maalumaafuu gamoowwan 322 kanneen lafa karee meetira kuma 229fi 556 qabatan (jiddu galaan tokkoonsaa kaareemeetira 713 kan qabu) abbaan dhabameera jedhameera. Akka ilaalcha kootiitti gamoowwan kunniin abbaa maallaqa baasee kontraaktara ijaaru itti qacaree, konsaltaantii itti bitee ijaarsise qabu. Abbotiin kunniin haala adda addaatiin saxila of baasuu dhiisuu danda’u. Sababni inni guddaan maallaqaafi lafa ummatarraa samameen ykn maallaqa seeran ala argameen kan ijaaran ta’uu malu. Sababni biraas jiraachuu mala. Kanaaf, daandii seeraarra deemanii sirna qabachiisutu barbaachisaadha. Har’a abbaan dhabamullee boru abbaan gadi ba’uu danda’a. Yoo har’a daandii seeraa hinqabanne gaafas ammoo rakkoo biraatu quunnama.
Maaltu irraa baratama? Kan darbe hin darbatan jedhanii bira taramuu hinqabu; dhimmi kun. Dubbiin lafaa dubbii lafeeti jedha Oromoon. Badiiwwan raawwataman kunniin Wayyaanee qofatti qabatamee waan callifamuu miti. Kan yeroo sana aanga’aa ta’an har’as jiru. Kantiibaa magaalaa, bulchiinsi lafa magaalaa, hoogganaa misooma manneenii ta’anii adda durummaan yakka kana keessatti hirmaatan, raawwachiisaafi waliin saamaa turan biyya keessa jiru. Yakka raawwatameefi badii uumameef itti gaafatamummaa seeraa fudhachuu qaba. Qabeenya uumamaa seera malee samsisaniifi saamaniif himatamanii mana murtiitti dhihaachuu qaba. Kanneen biyyaa bahanis ta’ee kanneen dhokatan yeroon itti gaafatamn ni dhufa.
Akkuma waliigalaatti namni kan darberraa ni barata jedhama. Biyya keenyatti jechi kun waan gatii qabu hinfakkaatu. Gocha yaraa kana dura hojjatame sanarraa barachuun hinamaleefatamne. Sirumaa al tokko tokko irra deebi’uutu mul’ata. Aanga’oonni mootummaa Dargii isa Hayilasillaaserraa badaa hinbaranne. Wayyaanenis Dargiirraa barattee of hinsirreessine. Waan gaarii gatanii waan gadhee dhaalan. Kun sirrii akka hintaane beekamaadha. Kanaaf, mootummaan jijjiirama amma jiru kana sirritti hubata jedheen yaada. Yoo kana ta’uu baate dubbiin dubbii jaldeessaa sana ta’a. Inni duubaa isa fuuldurasaa jiru ilaalee kolfe sana. Kan akkanaa irraa isaan haa baraaru.
Torbee gaarii!
Gaazexaa Bariisaa Amajji 29/2013
3 Comments to “Yakka magaalaa guddittii keessaa”