Ayyaana Cuuphaa bara kanaa…

Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota gurguddaa hordoftoota amantii kiristaanaa, Ortoodooksii biratti kabajaman keessaa isa tokkoodha. Ayyanni kun waggaa waggaadhaan baatii Amajjii keessa gaafa guyyaa 11fa sirna ho’aadhaan kabajama. Taateewwan kabaja ayyaana kanaarratti raawwatan akka naannawaati garaagarummaa xixiqaa qabaachuu danda’anillee cuuphamuun, sirna cuuphaa akka seera amantiitti raawwachuun, taabota baasuufi galchuun, taabota faarsuun, sirbaan gammachuu mul’isuun bakka hundattuu kan walfakkaatuudha.           

Anaafi Cuuphaa

Ani maatii hordoftoota amantii kanaarraan dhaladhe. Abbaan koo eddii guddatee of beekee yeroo sanatti kittaa kaayyatee midhaan qunnaa lama baatee bataskaana dhaquun Kiristinnaa akka ka’e natti hima. Maqaansaa kan Kiristinnaa Walda Mikaa’eelidha. Ilma Mikaa’eelaa jechuudha.  Haatik koos kiristinnaa ka’uu ishii ni beekti. Hadha kiristinnaa ishii maqaa beekti. Garuu guddoo ta’uushii malee waggaa meeqatti  kiristinnaa akka kaate hin yaadattu. Maqaashii kan kiristinnaas hinbeektu. Walatta eenyuu  (intala eenyuu) akka taate hinbeektu. Baga wallaallte.

Anillee amantii kana warrakoo irraayin dhaale. Waggaa meeqatti akkan kiristinnaa ka’ee Walda Yohaanis (ilma Yohaanis) jedhamee moggaafame hinbeeku. Garuu edduman guddadhee lukaan deemuu qabee akkan kiristinnaa ka’e natti himama.  Ayyaanichas yeroo ijoollummaatii kaasee kabajaan ture. Wantoonni ‘caafitti’ bahanii nama jibbisiisan osoo jiraachuu batanii ammallee Jaanmedaa osoon dhaqee hinjibbu. Oromi biyya alaatiyyuu dhufee ilaalaa.

 Ijoollee koo akkuma hordoftoota amantii kiristinaa kamiyyuu bataskaanatti geessee kiristinnaa kaasiseera. Cuuphaman jechuudha. Maqaansaanii dubartoonni takka Birhaana Dingil (Iftuu Maaramii  jechuu natti fakkaata) jedhamti. Takka Askaala Maariyaam jedhamti. Hiikasaa hinbeeku. Mucaan dhiiraa Takla Madihin jedhame. Kiristinnaa guyyaan itti ka’an dhiirri guyyaa 40tti dubartoonni guyyaa 80tti. Kan haadhaafi abbaa kiyyaarra garmalee fooyya’aadha. Kiyyarras fooyya’aadha. Ijoolleen saddeeniifuu ani maqaa Oromoo babareedaan baaseefi. Isaanillee jaalalaafi gammachuun fudhatanii ittiin boonaa jiru.

 Garuu! Garuu cuuphaan maqaa jijjiiruudha moo sirna amantii raawwachiisuudha? Maaliif gaafa namni amantii kana hordofu du’e maqaa kiristinnaatiin hiikni (fitaat) taasifamaaf? Karri Waaqayyoo maqaa kanaaan malee hinbanamuu? Fedhiin Waaqayyoo maqaadha moo qulqullummaa namaati?  Kana yeroo hunda gaaffii natti ta’u kana. Kana amanticharraa nafageessus kanaadha. Garuu warri Mana Lubummaa Oromiyaa kana akkamitti sirreessu laata? Sirraa’uun dirqama. Tarii Ammachiisaatti osoo deebisanii gaariidha. Bataskaanni Oromummaadhaan yoo nama hammatte ani jibba hinqabu.    

Kiristaanotaafi Ayyaana Cuuphaa

Amantiin kiristaana jedhu kun qaama sadii kan hammatuudha. Isaanis Kiristaana Ortodoksii, Kiristaana Pirotestaantii, Kiristaana Kaatooliikiti. Sadeenuu akkaataa falaasamasaanitti ayyaana Cuuphaa ni kabaju.

  Hordoftoonni amantii kanaas lakkofsisaanii guddaadha. Ragaaleen tokko tokko (Pew Research Center 2017)  miliyoona 260 akka ta’an tilmaama. Addunyaarratti biyyoonni amantii kana hordofan hedduudha. Fakkeenyaaf, biyyoota bahaafi Awurooppaa keessaa Ruusiyaa, Yuukireen, Romaaniyaa, Beelaaruus, Sarbiyaa Buulgaariyaa, Giriik, Mooldeeviif Jorjiyaan ummatasaanii keessaa harki caalu hordoftoota amantii kanaati. Biyyoota baha jiddugalaa keessaa kanneen akka Koopires, Siriyaa, namoonni lakkofsisaanii xiqqaa kan jedhamuu miti.  Biyyoota Afrikaa keessaas kan ummannisaanii amantii kana hordofan ni jiru. Garuu kan hanga Xoobbiyaa baay’atu hinjiru. Ragaan qo’annoo bara 2011 ALA bahe tokko akka ibsutti lakkofsa hordoftoota amantii Ortodoksitiin Ruusiyaan sadarkaa tokkoffaa irra jirti. Xoobbiyaafi  Yuukireen tartiibaan ittaanu. Kunniin hunduu ayyaana Cuuphaa ni kabaju. Fakkeenyaaf, Pirezidantiin Ruusiyaa Obbo Puutiin bishaan cabbii daakuudhaan yoo cuuphaman miidiyaarratti  mul’ataniiru.   Garuu taabota biratti hinagarre; alaabaa Ruusiyaatinis hinmarfamne.

Amantoota Biyya Keenyaa

Amantoonni biyya keenya keessa jiran baay’ina hordoftootaan yoo ilaalle ammas sadarkaa tokkoffaa qabattee kan jirtu Amantii Kiristaana Ortodoksiiti. Ittaananii tartiibaan kan jiran amantii Islaamaafi  Piroteestaantiidha. Akka ragaan Ejensii Istaatistiksii bara 2007 ( ALA) mul’isutti ummanni amantii kiristaana Ortodoksii hordofan % 43.5, Islaamni %33.9, pirotestaantiin % 18.6 sadarkaa itti aanaan qabataniiru.  Kiristaanni kaatoliikii akkasumas, kanneen biroo dhibbentaa hafe qooddatu. Dorgommiifi waldhiibbaa guddanis akka amantiitti fudhatama hinqabne kan jiru jara kana sadeen hedduudha.

 Ayyaana ‘Ximqata’ kan baranaa

Ragaaleedhuma amantii wajjin walqabatan hanga tokko ilaaluufi isin yaadachiisuuf kana qe’ee addunyaa marsaa tureefi ragaa istaatistiksii asiifi achi garagalchaa ture.  Kaayyoon koo garuu kabaja ayyaana Cuuphaa baranaa ilaalchisee yaadan qabu darbachuudha. Ayyaanni Cuuphaa kun barana akkamitti kabajame? Kan bara tareerraa garaagarummaa qabamoo hinqabu? Isin maal taajjabdan? Ani kanan taajjabe kunooti.   

Akkuma beekamu bara tare yeroo ayyaanni kun kabajamu waldiddaafi walitti bu’iinsi gareewwan jidduutti uumamuusaa nan yaadadha. Kunimmoo irra caala kan uumame Naannoo Oromiyaa keessatti. Waldiddaafi walitti bu’iinsa kanaan miidhaan namaafi qabeenyarra gaheera. Bakka hedduutti walgaarreffanaatu ture. Walfuuldura dhaabachuutu mul’ate. 

Barana hangan ragaa qabuutti ayyaanichi haala tasgabbaa’aafi nageenyaan kabajamee xumurame. Kun waan gaariifi nama gammachiisuudha. Nagaahaan ba’anii nagaan galuun, nagaan ayyaana kabajachun. Kun mootummaan qophii gaarii taasisuu isaa mu’lisuudha.  Kanaaaf galatoomi ittiin jechuunimmoo sirrii ta’a.

Kabaja ayyaana bara kanaa gaarii kan taasisu dhimmi biraas ni jira. Sabaafi sablamiileen ayyaanicha afaansaaniin faarfatanii galateeffatanii taabota simatanii yoo gaggeessan mul’achuusaati. Gama kanaan Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hedduuttu hordoftoonni amantichaa uffata aadaa Oromoo uffachuudhaan, bokkuu Abbaa Gadaa qabatanii ayyaanicha yoo kabajan TVn daawwadheera; miidiyaa hawaasatiinis argeera.  Kun waggoota muraasa dura akka dhiphummaatti ilaalama ture. Akka mirgaatti osoo hinta’in akka Xoobbiyaa diigutti ilaalama. Warri ija shakkiin ilaalanis ni turan. Afaan kanaan faarfannaafi Waaqa galateeffachuun bataskaanittii akka hingammachiisin hubannoon ni  jira. Amma garuu ta’aa jira. Kana keessatti miidiyaan Mana Lubummaa Oromiyaa ‘OCN’ gahee gudda keessaa qaba. Waaqayyoo hinmufatiin malee namni yoo mufate homaa miti. Kanaaf ummanni keenya mufaati qaama biraatiif jedhee of dagacuu hinqabu.

Sablammii biraa keessaa kan dubartoota Gaamoo, magaalaa Finfinnee, qalbii koo harkiseera. Dubartoonni kunniin afaan Dorzeetiin faarfatanii ayyanicha haala bareedaan yoo kabajan TV irratti argeera.  Qamsisii ijoolleensaanii dhahan kan nama hawatu sana uffatanii yoo faarfatan guddaa namatti tolu. Yedaloonsaallee baay’ee miidhagaadha. Kana jajjabeessuun waliin jiraachuudha.

Akka tasaa ta’ee magaala Finfinneeti gadi bahee gara Sabbataa deemeen ture. Jalabultiifi gaafa ayyaanaa. Haalli naannoo kana jiru anaaf fooyya’aadha. Alaabaan Finfinnee keessatti karaa cufee qalbii namaa miidhu sun naannawa kana hinjiru. Halluwwan tokko tokko walirraa fagaatanii daandirratti fanniffamaniiru. Alaabaan mootummaa federaalas jira. Alaabaa mootummaa Naannoo Oromiyaas bakkin itti arge ni jira. Alaabaan Cuquliisa, Keelloofi Dimaan irra caalaa Bataskaana keessatti mul’ata. Kun anaaf waan gaariidha. 

Waan Sirratuu Qabu

Gama biraatiin, akka ilaalcha kootti, wantoota sirrii hinta’in tokko tokko uumamaniiru. Wanti alaabaa wajjin walqabatee te’e sirrii natti hinfakkaatu. Alaabaa fannisuuniifi raruun, uffachuun anaaf rakkoo miti. Oromoonis gaafa Irreechaa kan raawwatuudha. Dogongorri bakka nama walitti buusutti raruun rakkoodha. Kanaaf fkn tokko haa kaasu.

Finfinnee Naannawa Beeteel jedhamutti gareen Musilimaafi Kiristaana Ortodoksii walitti bu’uuf qarqara gahanii ture.  Sababasaas Fannoo (Masqalii)fi alaabaa dhaabuufi hindhaabdanirratti. Naannawa kana addabaabaayi Beeteeltu jira. Addabaabaayichi maddii Masjiida Taqiwa jedhamtu argama.  Bataskaanni Ortodoksii addabaabaayi kanarraa fageenyarra jirti . Taabonni achiin darbus hinjiru. Garuu gareen amanatii Kiristaana Ortodoksii ‘masqalii’fi Alaabaa dhaabuuf addabaabaayii kana dhaqan.

Kunimoo hordoftoota amantii Islaamaa ni mufachiise. Gochaan akkanaa kun amantiif jecha raawwate jechuun rakkisaadha. Osoo humni nageeyaa dafee jidduu galuu baatee rakkoo cimaan uumamuu danda’a ture. Lafa  guutee jiruu balbala Masjidaarra ‘Masqalii’ dhaabuun anaaf dubbii barbaaduudha. Bataskaanittiins kana ni deeggarti jedhee hin yaadu.  Kanaaf gochaan akkanaa kun ummataaf faayidaa hinqabu.

Gochaawwan gareewwan tokko tokko raawwatan kan ‘masqalii’fi alaabaa wajjin walqabatanii raawwatan kaayyoo biraallee of keessaa hinqabu jechuun hindanda’amu. Dhimmichi amantii qofaa  hinfakkaatu. Wantoonni tokko tokko baasii maallaqa guddaa kan gaafatan ta’uun isaanii akkanumatti ni beeksisu. Maallaqni waan sana ijaareefi bite eessaa madde? Ispoonsara biraa qabaa laata? Kaayyoonsaa maalinni? Maal galmaan gahuuf hojjatame? Kun akkuma gaafitti kan sammuu kootti dhufuudha.

 Akkuma walii galaatti ayyaanni Cuuphaa baranaa haala tasgaba’aadhaafi  nagaadhaan kabajame. Wantoonni xixiqqoon mirgoota qaama biraa dhiiban yoo sirraa’an ayyaanich kana caala bareedee ni kabajama jedheen yaada. Gareewwan taabota da’eeffatanii kaayyoo biraa tarkaanfachisan osoo biyya jeequu baatanii gaariidha.

Torban gaarii 

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

9 Comments to “Ayyaana Cuuphaa bara kanaa…”

  1. Pingback: this content
  2. Pingback: Billes & Co
  3. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *