Waliinmari’achuu, waldhageeffachuu

Dachaasaa Roorrootiin

Namoota gaazexaa Bariisaa hordofan keessaa ani isa tokko. Maatii gaazexaa kanaatis jedheen of yaada. Kanaaf waan gaazexaan kun maxxansu nan ilaala; nan dubbisa. Kanumaan ‘online’ gaazexaa kanaarratti jidduu kana waa arge.

 “Obbo Leencoo Lataa gorsa qabu” jedha matadureensaa. Anillee  muddameen dafee dubbise. Dhuguma gorsa qabu.  Siyaasessaa buleessi kun qabxii ijoo ta’an hedduu kaasan. Anillee isumarratti hirkadhee yaada koo torbee kanaa isiniif dhiheessa. 

 Dura Obbo Leencoo ilaalchisee yaada xiqqoon kaasa. Obbo Leencoo waggoota 30n taraniif  karaa midiyaa sirrittin beeka. Gaaf deebii isaan miidiyaaf kennan hedduu dubbiseera; kaan dhageeffadheera. Lallaba addabaabaayiitti bahanii taasisanillee kanan dhaggeeffadhe hedduudha. Seenaasaaniillee hanga tokko dubbiseera. Gaafa dargaggummaasaanii jaarmiyaalee siyaasaa isaan keessa turan, kan isaan hundeessummaan keessatti hirmaatan tokko tokko quban qaba.    

 Hayyuu buleessi siyaasaa kun calalaqa beekumsa seenaafi siyaasa Oromooti jedheen yaada. Beekumsi isaanii kan waraabamee dhumuu miti. Yaadni isaan kaasan yeroo hunda haarawadha. Namni kun mana kitaabaa  Oromooti jedheen yaada.

Altokko tokko umuriisaanii yoon ilaalu dhaloonni kun nama kanarraa waan isa barbaachisu irraa fudhatee moo akkuma dubbii keenyaa booda gaabbina laata? yaadmi jedhu natti dhufa. Maalumaafuu gama kanaan wantoonni itti yaadamuu qaban hedduudha. Booda dubbiin akka gaabbiifi eegee sana akka hin taane. Maalumaafuu kabaja guddaan  nama kanaaf qabu ibsachaan gar ijoo dubbii kootti deebi’a.     

 Yaada namni kun kaasan keessaa tokko dhimma tokkummaa Oromooti. Haala amma jiruun yaadaan walirraa fagaachuun hoggantoota siyaasaa Oromoo jidduu jiru ummaticha miidhaafi dhamaasaa akka jiru dubbatan. Ummata  aarsaa guddaa kaffalee as gahe kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuufi boqonnaa biraatti ceesisuuf waliigalteen hoggantoota siyaasa Oromoo barbaachisaa akka ta’ellee tuqanii bira taraniiru. 

Rakkoon saba kanaa inni guddaan hiikoo dhabee qabsoo ummatichaa qancarsaa jiru waliigaltee dhabuu hoggantoota siyaasaa kana. Waliigaltee dhabuun kunimmoo kan har’a eegalee miti.  Gaafa  jalqabaarraa kaasee, akkuma qabsoo kam keessattuu nama muudatu  qabsoo Oromoo keessatti walii galanii alaa galuu dadhabuun kan mul’ateedha. Kana seenaan waan hedduu nutti hima. 

Obbo Leencoon yeroo hoggansa jaarmiyaalee siyaasaa irra turanillee dhimmi kun qunnameera. Bara Chaartaraa sana ABOn tokko ta’ee biyyaa bahee gaafa Wayyaaneen qabsoo qeerroofi qarreetiin dhabamsiisamtu meeqa ta’ee akka biyyatti deebi’e hundi keenyaa kan yaadannuudha. 

Kun ummanni rakkoo waan qabaateefii miti. Rakkoo guddaan rakkoo hoggantoota siyaasaa Oromoo, Obbo Leencoos dabalatee faayidaadhaan gargar qoodamuun, wantoota xixiqqaa walii obsanii bira taruu dadhabuun, kiyyoo basaasa qaama farra qabsoo Oromooti; saaxilamuun, faayidaan bitamanii qabsoo Oromoo dabarsanii diinaaf saaxiluun kanuma keessatti guddanneedha.  Kanaaf ammoo waggoota shantamaafi jaatamman darban keessatti fakkeenya hedduu kaasuun ni danda’ama.

 Caalaatti tokkummaa ummata kanaa waan miidhuuf, injifannoowwan argame kanallee waan  facaasuu danda’uuf waan akkasii sana garumatti qabatanii bira taruutu gaaridha jedheen yaada. Gaaf tokko seenaan sirriitti baasuu waan hin oolleef ammaaf qadaadameetuma haa taa’u. 

 Tokkummaa ummataa kan diigan hoggantoota siyaasaa qofaa miti.  Dhalattoonumti saba kana keessaa bahanillee  fedhii dhuunfaafi murnaa jiddu gala godhachuun  summiin isaan facaasaa oolan nama gaddisiisa.  Wantoonni sooshaal midiyaarratti barra’aa oolan, hundasaatuu Oromootatu barreessa yoo jedhamuu baatellee, nama gaddisiisa.

Namoonni maqaansaaniifi eenyummaansaanii beekaman hooggansa walitti fiduufi walfaana hiriirsuurra akka adda fagaatan, akka walshakkan, akka waljibban taasisamaa oola. Kunimmoo ummata kanaaf kufaatii yoo ta’e malee bu’aa xiqqishuullee ni fida jedhee itti hin amanu. Namoonni hedduun dhugaarra dhaabbatanii waan kana madaalan itti amanu jedheen yaada.

 Obbo Leencoon amma jaarsa biyyaati. Beektota Oromoon qaban keessaayillee isa angafadha. Kanaaf gorsi isaan Oromoof dhaaman kun callisee akkasumatti waan afaanitti dhufeef kan dubbatamee miti. Beekumsa, qorannoo fi muuxxannoo bara dheeraa irraa ka’ee yaada maddeedha.

“ Hogganoonni Oromoo waldhiiban namoota sadii hin caalan. 

Osoo isaan walii galanii  Oromummaan cimee baha. Warri wal ajjeesanis adaba godhatu” jedhu hayyuun kun. Haala amma jiruun nama sadiitti xiqqeessanii ilaaluun rakkoo ta’ullee garuu hoggantoonni asiifi achi waldhiibuutti faayidaa ummata kanaa  miidhan  lakkoofsaan muraasa. Akkuma Obbo Leencoon jedhan osoo isaan waliif galanii hawaasni kun sirriidhaan gara boqonnaa ifaatti ce’uu danda’a. Garuu hanga isaan gadi taa’anii ilaafi ilaameen rakkoo isaan jidduu jiru hinhiiknetti, hanga isaan faayidaa dhuunfaa keessaa bahanii ummataaf dursa hin kenninetti, hanga isaan walii hingalletti rakkoon ummata kanaa  yeroo gabaabaa keessatti  nihiikkata jedhanii yaaduun rakkisaadha.    

Hayyuun siyaasaa kun bara tare siyaasa gaanfa Afrikaa ilaalchisee leenjii tokko kennuusaanii nan yaadadha. Leenjii kana akka carraa ta’ee namoota hirmaatan keessaa ani tokkon ture.  Waa’ee siyaasa gaanfa Afrikaa kana akkatti isaan balballoomsan  nama dhiba.

Balballoomsuu qofa osoo hintaane qabsoo ummata Oromoo wajjin walqabsiisanii haallitti dhiheessan sun ajaa’iba ture. Islaayidii muraasa qabatanii sa’aatii lamaa ol muuxannoofi muudannoo isaanii itti dabalanii  ibsan beekumsI isaanii hagam gadi fagoo akka ta’e dhuguma mirkaneessa. 

Ani guyyaa sanan qabsoon  Oromoo Oromoo malee fira bitaafi mirgaa akka hinqabne sirriitti hubadhe.   Kanammoo biyyoota Ollaa Oromoo ta’an hunda akka fakkeenyatti kaasanii yoo ibsan ajaa’iba nama jechisiisa. Kanaaf, qabsoon alagaa malee fira hin qabne tun kan galma geessu warri abbaa qabsichaafi hoggantoonni yoo walii galaniifi tokko ta’an qofaadha.

Yoo isaan diinasaanii adda baasanii irraa fagaatan, yoo ofii walitti dhufaniidha furmaanni argamuu kan danda’u.  Kanammoo olloota keenya kan biyya keessaa qofa osoo hin taane kanneen akka addunyaatti daangaa waliin qoodannu ykn walitti dhiheenya daangaa qabnu hunda xiinxaluun gaarii ta’a.   

Biyya kana keessatti sabaafi sablammiileen 70 ol ta’an akka jiraataniifi heeraan beekamtii akka argatan ni beekama. Haa ta’u malee kan aangoo siyaasaa qabatee biyyattii oliifi gadi gochaa turan warruma kaabaati. Seenaa biyya kanaa keessatti aangoon Amaararraa-Tigreetti, Tigreerraa-Amaaratti daddarbaa ture. 

Kuun ummata Oromoo isa akka Afrikaatti guddaa ta’e kana dabalatee halaala ejjatee waan jirra godhan ilaalaa ture. Ykn waan jarri ajajan raawwataa ture. Bu’aa aangoo siyaasaarraa madduun warri kuun yeroo  dinagdeefi hawaasummaan of jabeessaa turan keenya ammas  tajaajilaa jara kanaa ture. Amma garuu yeroon sun darbee jira. Takka lama osoo jedhamuu, osoo takka fuulduratti takka duubatti jennuu as geenyeerra.

Kana booda biyya kana keessatti sirni akka durii kan sabaafi sablammii ofirraa dhiibu, kan ummata Oromoo ala teessisee ofii diinqa taa’u ni jiraata jedhanii yaaduun gonkumaa hin danda’amu. Yoo kan jiraatamu ta’e walqixxummaafi bilisummaan walwajjin jiraachuudha. Yoo kan danda’amu ta’e jaalalaan waldanda’anii waliin biyya ijaaruudha. Kun filannoo jalqabaati.

Kunimmoo inuma jiraata abdii jedhun qaba. Hammuma laafaan cimu cimaanimmoo harka kennaa deema. Finxaaleyyiin tokko tokko ammallee akkuma dur sanatti yaaduu barbaadnillee, yeroon akkasitti isaan baatu hinjiru.  Kun kan ta’u garuu sabaafi sablammiin cunqurfamootti yoo walii galanii tokko ta’an qofaadha. 

Gara mooraa Oromootti fidnee yoo ilaallummoo waliqixxummaa biyya kanaa kan mirkaneessu saba guddaa Oromoo jedhamu kanaadha. Ummata guddaa cunqursaa bara keessa ture waan ta’eef, haamilee deebi’ee wanta isarratti raawwatamaa ture sana sabaafi sablammii biraarra akka gahu fedhii niqabu jedhee hinyaadu.  Qaama deggersa bicuu qabaatutu nama cunqursa. Qaama oftuulummaan of ilaalutu kan biroo cunqursuuf yaala. Kanammoo ofirraa ittisuuf tokkummaan barbaachisaadha.

Hooggantoonni Oromoo tokko ta’uu qabu yoo jedhamus yaadamnisaa kanarraa madda. Yoo walii galan, yoo fedhii ummataa jiddugala kan godhatan ta’e, yoo cunqursa baroota hedduu ummata keenyarra ture kan isaan quuqu ta’e  waliigalanii alaa galuun  dirqama ta’a. Gorsi Obbo Leencoo Lataas kanuma jiddugala godhate. Waaqayyo tokkummaa nuuf haa kennu.

                                                                                       Torban gaarii!    

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013       

Recommended For You

3 Comments to “Waliinmari’achuu, waldhageeffachuu”

  1. Pingback: sex children

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *