Kintaarotii/baasuur/ kormammuu

Kintaarotiin/baasuur sababa dhiitahuu hidda dhiigaa naannoo buubbuufi munneetti argamanirraan kahee kan dhufuudha.

Hiddoonni dhiigaa kan onnee keenyarraa dhiiga qulqulluu qaama keeyaaf raabsan akkasumas kan qaama keenyarraa dhiiga qulqulluu hintaane fuudhanii gara onnee keenyaatti geessan gara naannawa hudduufi sagaraa keeyaattis ni argamu.

Kintaarotiin kan namatti dhufu sababoota garaagaraarraa kan kahe hiddoonni dhiigaa naannawa hudduufi munneetti argaman oggaa dhiigaan daran guutamuun dhiita’an karaa maashaawwaniifi gogaa naannawa hudduu dhiibattee bahuun miirri namatti hintolle ykn dhukkubbiifi dhiigaa namatti dhagahamuudha.

Wantootni dhiibbaa hiddoota dhiigaa naannawa sagaraa keenyarratti uuman dhibee kanaaf akka nu saaxilan qorannoowwan garaagaraa ni addeessu.

Dhibee kintaarotii ykn hemmorhoid kana bakkawwan lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.

Kunis internal hemmorhoid ykn kintaarotii gara munnee keessaatiin argamuufi External hemmorhoid ykn kintaarotii gara munnee alaa argamudha.

Yeroo baay’ee hawaasi keenya dhibeen quncurraa yoo isaan qunnamu mana yaalaa deemuu hinjaalatan ykn mana yaalaa deemuurra mala aadaa naannawa keessatti deemee yaalamuu filata. Kunimmoo dhiibbaawwan garaagaraatiif yeroo isaan saaxilu argaa jirra.

Kana jechuun malli aadaa yaalii dhibeef kennamu guutummaatti hinfayyadu jechaa jirra osoo hintaane maloonni aadaa dhibee kana yaaluuf fayyadaman yeroowwan tokko tokko dhibee sana daran hammeessuun rakkoolee garaagaraatiif yeroo saaxilu mul’ata.

Mallattoon dhibee kintaarotii maalidha?

Dhibeen kintaarotii baay’inaan mallattoo agarsiisuu baatus namoonni dhibee kanaan qabaman mallattoowwan agarsiisan keessaa muraasni:

  • Miira dhukkubbii/hooksisuu ykn gubaatii naannawa munneefi sagaraa
  • Dhiita naannawa munnee ykn hudduu
  • Yeroo sagaraa taahan dhiiti xiqqoo gadi bahuu ykn dhiiguu
  • Dhiiti kun kan dhufu hiddoonni dhiigaa naannoo sagaraa jiran garmalee dhiigaan guutamuun yeroo gadi ba’anidha. Namoota tokko tokkorratti dhiiti kun kan mul’atu yeroo isaan mana fincaanii taa’aan yoo tahu yeroo isaan mana ficaaniirraa ka’an kan ol deebi’u ta’a. Namoota tokko tokko immoo yeroo taa’anis tahe dhaabatan kan muldhatu yoo tahu harkasaaniin gara keessatti deebisu.Wantooti dhibee kintaarotii namatti fidan baay’een sababa dhiibbaan dhiigaa naannawa munnee jiranii dabaluurraa kan kahe kan dhufan yoo tahu, wantootni kanaaf nu saaxilanis:
  • Yeroo mana fincaanii ykn boolii dhaqan baayyee hittanuu
  • Yeroo dheeraaf mana fincaaniirra taa’aa turuu
  • Taateen kun baay’iaan namoota hedduurratti kan baratame yoo ta’u namoonni danuun oggaa gara mana fincaanii deeman akka mana fincaaniirra taa’uun yaadaan baduu, kitaabaafi barruuwwan garaagaraa dubbisan akkasumas bilbila harkaasaanii qaqqaban jira.

Yeroo dheeraaf mana fincaanii taa’anii turuun hiddoonni dhiigaa naannawa sagaraafi munnee jiran baay’een dhiigaan guutamuun akka dhiita’an godha. Taateen kun baay’inaan baratamaa yeroo deemu carraan kintaarotii kanaan qabamuus dabalaa deema jechuudha.

Kanaaf yeroo dheeraa mana fincaanii turuun gaarii miti

  • Ulfaatina qaamaa garmalee

Ulfaatinni namaa yeroo daran dabalu dhiibbaan naannoo sagaraa keenyaa yeroo teeyuuf dhaabannuu baay’ee dabala. Kunimmoo hiddoonni dhiigaa naannoo sagaraa jiran akka isaan dhiigaan guutamanii dhibee kanaaf saaxilamnu gochuu keessatti qooda olaanaa fudhata.

  • Yeroo ulfaa

Yeroo ulfaa gadameessi dubartootaa guddachaa waan deemuuf dhiibbaa ujummoo dhiigaa dhiiga gara onneetti geessanirratti dabalaa deema.

  • Nyaatawwan faayibarii xiqqaa qaban kan googinsa garaa fidan soorachuu
  • Gogiinsi garaa dhibee kintaarotiif nama saaxilu keessatti gahee olaanaa qaba. Namoonni gogiinsa garaa qaban yeroo mana fincaaniirra taa’an hedduu waan ittananiif dhiibbaan dhiigaa naannawa munneefi sagaraa jiran daran dabaluun akka dhibee kanaaf saaxilamnu godha.

Gogiinsi garaa kan nama mudatu xuura’aan ykn udaan xuuxamuu nyaataarraa hafan mar’imaan qal’aarraa gara mar’umaan furdaatti ykn mar’imaan furdaa irraa gara buubbuuf munnee deeman suuta yoo deeman ykn yeroo dheeraaf achi keessa turuun dhangala’aa isaan qaban keessaa xuuxamuun yeroo goguudha.

Kanaaf gogiinsa garaa kana ofirra ittisuuf

  • Nyaata faayibarii hedduu of keessaa qaban kanneen akka: baaqelaa,atara,boloqqee kuduraaf fuduraafaa baayi’naan soorachuu.
  • Bishaan hedduminaan dhuguu. Guyyaatti bishaan burcuqqoo 6 hanga 8 dhuguu, namoonni baay’een keessaayyuu waqtii gannaa na dheebossaa hinjiru jechuun bishaan hindhugan. Kun rakkoo fayyaa garaagaraaf nu saaxiluu danda’a
  • Sochii qaamaa gahaa tahe gochuu. Namni tokko sochii qaamaa guyyaatti daqiiqaa soddomaaf, torban keessaa ammoo guyyaa shaniif gochuu qaba.
  • Akkuma miirri sagaraa nu qabeen, mana fincaanii deemuu qabna.
  • Nyaatawwan faayibarii xiqqoo of keessaa qaban kanneen akka nyaata zayita of keessaa qabaniifi nyaata bu’aa foonii ta’an xiqqeessanii nyaachuu.
  • Meeshaawwan ulfaatoo tahan yeroo baayyee baachuu
  • Garaa kaasaafi googinsa garaa yeroo dheeraa
  • Yeroo dheeraaf taa’aa turuu
  • Wal qunnamtii saalaa karaa hudduu
  • Kintaarotii yk baasuur akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya
  • Nyaatawwan faayibarii olkahaa qaba kanneen akka nyaata fuduraafi muduraa akkasumas nyaata callaa tahan baay’inaan fayyadamuu
  • Bishaan baay’inaan dhuguu. Namni tokko guyyaatti bishaan burcuqqoo 6 hanga 8 dhuguu qaba. Kunis sagaraa bahu laaffateef baay’inaan akka bahu gochuun ittanuu garmaleefi gogiinsa garaagaraa nurraa dhorkuu danda’a.
  • Yeroo mana fincaanii teessan hafuura keessan addaan kutuun baay’ee ittanuun dhiibbaa ujummoo dhiigaa naannawa munneerra jiranii waan ol kaasuuf gocha akkasiirraa of qusachuu
  • Akkuma miirri sagaraa taa’uu isinitti dhufetti mana fincaanii deemuu. Sababnisaas sagaraan mar’umaan keessa yoo ture gogaa waan adeemuuf gogiinsa garaafi kintaaarotiif nama saaxila.

Namoonni baay’een miirri sagaraa taa’uu yeroo itti dhaga’amu dafanii hindeeman kunimmoo gogiinsa garaatiif isaan saaxiluun akka dhibee kanaan hubaman godha.

  • Yeroo dheeraaf taa’aa turuu dhiisuu
  • Sochii qaamaa gochuu . sochii qaamaa gochuun fayyaa qaama keenyaaf baay’ee baraachisaadha. Akkasumas gogiinsa garaa nurraa ittisuu keessatti gahee guddaa qaba.
  • Dhibee kintaarotii ykn baasur yoo nurra ture miidhaa akkamii namarraan ga’uu danda’a?
  • Hir’ina dhiigaa- mallattoowwan kintaarotii keessaa tokko dhiiguu yeroo tahu yeroo dheeraadhaaf mallattoon kun yoo namarra ture hir’ina dhiiga diimaatiif nama saaxiluu danda’a
  • Guduunfamuu hidda dhiigaa- hiddi dhiigaa quncurraa namatti fidan yeroo dheeraaf yoo turan guduunfamuun dhukkubbii hamaaf nama saaxiluu danda’u.
  • Namoonni dhibee kintaarotii qaban manatti maal gochuu qabu?
  • Yeroo miirri dhukkubiifi dhiiguu itti dhagahamu bishaan soogiddaan ho’isanii daqiiqaa muraasaaf uffata ofirraa baasanii hudduun keessa taa’uu

Tooftaa kana baay’inaan yeroo fayyadaman miira dhiitaafi dhukkubbii dhibee kanaan wal qabatanii dhufan ni hir’isa. Kanaaf mana keessan keessatti bishaan baay’ee osoo hin taane xiqqooshee soogiddaan ho’isuun guyyaa guyyaan fayyadamuu

  • Nyaatawwan faayibarii hedduu of keessaa qaban kanneen akka baaqelaa, atara, boloqqee kuduraafi fuduraafaa baayi’naan soorachuu.
  • Bishaan hedduminaan dhuguu. Guyyaatti bishaan burcuqqoo 6 hanga 8 dhuguu, namoonni baay’een keessayyuu waqtii gannaa na dheebossaa hinjiru jechuun bishaan hindhugan. Kun rakkoowwan fayyaa garaagaraatiif nu saaxiluu danda’a.

Dibati miira dhukkubbiif dhiiguu ittisu faarmaasiitti waan argamuuf faarmaasiirraa ykn mana yaalaa irraa deemanii bitachuunis ni danda’ama.

Kintaarotiin baay’ee dhiiguun, dhukkubbii hamaan akkasumas hammisaa daran guddachaa yoo deeme yaaliin baqaqasanii yaaluu hospitaalatti waan geggeeffamuuf deemanii yaalamuun murteessaadha. Kanaaf mallattoo dhibee kanaa armaan oliitti eerre yoo ofirratti argitan sodaa tokko malee mana yaalaa deemtanii ilaalamuun daran barbaachisaadha. Namoonni baay’ee erga dhibeen kun danuu irra turee sadarkaa hamaarraa gahee booda mana yaalaa dhufuu filatu.

Kunimmoo rakkoo hamaaf isaan saaxiluu danda’a. Kanaaf hawaasa keeyaaf ergaa ani qabu tokko yoo jiraate mallattoowwan kunniin yoo isinirratti muldhate sodaa tokko malee yeroon mana yaalaa dhuftanii yaalaamaan ergaa ani isiniif dabarsuudha.

Fayyaa hindhabinaa!

Recommended For You

23 Comments to “Kintaarotii/baasuur/ kormammuu”

  1. Pingback: prop money detach,
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: 사설토토
  4. ) Jeg vil besøge igen, da jeg har bogmærket det. Penge og frihed er den bedste måde at ændre sig på, må du være rig og

  5. at web, except I know I am getting familiarity all the time by reading thes pleasant posts.|Fantastic post. I will also be handling some of these problems.|Hello, I think this is a great blog. I happened onto it;) I have bookmarked it and will check it out again. The best way to change is via wealth and independence. May you prosper and never stop mentoring others.|I was overjoyed to find this website. I must express my gratitude for your time because this was an amazing read! I thoroughly enjoyed reading it, and I’ve bookmarked your blog so I can check out fresh content in the future.|Hi there! If I shared your blog with my Facebook group, would that be okay? I believe there are a lot of people who would truly value your article.|منشور رائع. سأتعامل مع بعض هذه|

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *