Ashamaa
Seenaa siyaasa addunyaa bara durii kaasee gangalachaa hardha gahe keessatti qoodni amantiilee olaanaa akka ta’e beekamaadha. Hawaasa dukkana doofummaafi boodatti hafummaa keessaa baasuun jireenya qaroomaa akka gonfatu gochuu keessattis shoora bakka bu’ummaa hinqabne taphataniiru.
Jabana duraanii barumsi ammayyaa akka ammaa kun itti hinbabal’anne keessatti madda qaroominaa ta’uun tajaajilaniiru. Sadarkaa guddinaa dhalli namaa hardha irra gahe kanaafis bu’uura cimaa kaa’aniiru jechuun ni danda’ama. Akkasumas sirna bulchiinsaa, haqaafi walqixxummaa diriirsuu keessattis fakkeenyummaa mootummaa Waaqayyootiin dhala namaa bocaniiru.
Amantiin kamuu barsiifata isaatiin duudhaalee walqixxummaa, haqummaa, jaalalaa, walkabajaa, waldanda’uufi wajjin jireenyaa labsa. Kan Oromoos kanarraa adda miti.
Akkuma beekamu biyyi keenya Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammootaa qofa osoo hintaane biyya amantiileen garaagaraa keessatti argamaniidha. Amantii biyyoolessaa hundeensaa asuma ta’e kan akka amantii waaqeffannaatiin alatti amantiileen gurguddoon biyya keenyaa kanneen akka Kiristiyaanaa, Ayihuudiifi Islaamaa biyya alaa akka dhufan seenaan ragaa baha. Kun biyya keenya qofas osoo hintaane dhugaadhuma guutuu ardii Afrikaa ibsuudha.
Barsiifatni amantiilee kanneenii hordoftoota amantichaa biratti akka jecha Qulqulluufi Waaqasaanii biraa bu’eetti ilaalamu. Ni amanus. Kun egaa kan inni sirrii ta’u hordoftoota amantii sanaatiif qofa. Inni tokko isa kan biraa hin qeequ hin busheessu. Hunduu kan ofiisaa qabateetu walwajjin ammoo jireenyasaa gaggeeffata.
Sababnisaas biyya tokkittii walitti qabna waan ta’eef. Bareeffama gabaabduu fuula tokkoo kanaan dhugaa gama kanaan jiru dubbadhee fixuu tasuma hindanda’u.
Kaayyoon koo hardhaa ilaalchota bitaacha’aa duudhaa waliin jireenyaafi obbolummaa ilmaan namaa qoran kanneen amantii dahoo godhachuudhaan addunyaa keenya goolanirratti xiyyeeffadhee waan gabaabduu isiniif hirmaadha jedheetani.
Torbee darbe waa’ee olola warri nafxanyaa bara mootummaasaanii durii kaasee hanga hardhaa hafarsaniin Itoophiyaa biyya warra kiristiyaanaa qofa godhanii dhugaa biyya keessaa awwaaluun toftaa gabroomfataasaanii lallabaa turuusaanii ilaalchisee waan gabaabaa dhiheessuu koo ni yaadattu.
Hardhas baay’ee achirraa hinfagaadhu. Ololli jibba hawaasa musliimaarratti keessaafi alaan baname hawaasa walakkaa ummata biyyaa ta’e kana guutummaatti diinummaadhaan farrajuun tooftaa gabrummaa haaraa bananiiru.
Mootummaan fiwudaalaa bara Atseewwanii Itoophiyaan odola kiristiyaanaati jechuun duulli banan alas bahee biyyoota muslimaa birattis akka fudhatamu gochuudhaan akkuma kan keessaa alaayis biyya kiristiyaanaa qofa godhamtee akka ilaallamtu taasiseera.
Humni kun duula kana bifa qindaa’een ammas lallabaa kan jiru. Gareen cuqurfamaanis olola kana yeroo yeroon ufirraa faccisuuf qabsoo walirraa hincinne taasisaa tureera. Haata’uutii humni gita bittaa nafxanyaa aangoo ukkaamsaa dursee dhuunfatetti gargaagramuun mirga walaqixxummaa awwaalaa tureera.
Gidduu kana waldhabdee mootummaa Masrii faana hidha haaromsaa guddicha laga Abbayyaa biyyi keenya ijaaraa jirtuun walqabatee duulli addatti tokkummaa keessoo keenyaa dadhabsiisuuf halkanii guyyaa afarfamaa jira.
Humni nafxanyaa waraana kana jaarraa hedduuf sabootaafi gitoota cunqurfamoo biyyattii irraan gahaa ture baranammoo humna alaatis dabalachuun daboo namaatiif bahee lammiisaa madeessaa jira. Isa kanaani kan nuti baandaa jennu. Gareen haleellaa kanaaf filatame ammoo hawaasa musliimaa Itoophiyaati.
Waldhabdee biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadii gidduu sababa hidha haaromsaatiin uumame irratti biyyoonni sadanuu yeroo addaddaa waltajjii mariitiif jilba taa’aniiru. Marii kanaaf Masriin irraa kan hafe Itoophiyaafi Sudaanis hayyamamoo ta’uun imaammata qixa fayyadamummaa irratti ejjennoo tokko qabachuun hardha gahaniiru.
Akka horii dhibaayaa kan ejjeennoon wallaalchise warra Gibxiiti malee. Isaaniif walqixxummaa wanti jedhamu hinliqinfamneef. Ammallee sirbuma bara kolonii shubbisu. Addunyaan achi hinjirtu. Itoophiyaanis sokkitee jirti. Hiree ufii humna ufiitiin, carraaqqii ilmaan isheetiin sadarkaa murteeffattu irra geesseerti.
Humni kamuu ishii dhaabsisuu akka hindandeenye yeroo addaddaatti ibsaa turteerti. Haasaan Muummichi ministeeraa keenya kabajamoo Dr. Abiyyi Ahmad baatii muraasa dura dhimmuma kanarratti taasisan gurra tokko tokkoo keenyaa keessaa qillisa.
Akkuman armaan olitti tuquuf yaale Gibxii karaa seeraatiinis karaa dippiloomaasiitiinis Itoophiyaa jilbeeffachiisuu dadhabnaan akkuma barte olola diiggaa tokkummaa keessoo keenyaa irratti jabaattee hojjachuu irratti argamti. Kana gochuuf ammoo humni biyya keessaa isheen itti fayyadamtu Baandaadha. Bitamaa jechuudha. Wayyaaneen isaan tokko yoo ta’an, baandaa guddaan ammoo nafxanyaadha.
Tooftaa warri Gibxi ittigargaaraman keessaa inni ijoon nuti musliima waan taaneef Itoophiyaan kiristiyaanotaa dheebuudhaan nu fixuufi naa dirmadhaa jechuun hawaasa muslimaa addunyaatti kooluu galteerti. Biyya keessa ammoo humnoonni nafxanyaa jibba Oromoofi hawaasa Muslimaatiin jaaman yaadicha bituun gurguraa jiru. Baandummaa abaabileefi akaakilee isaaniirraa dhaalan deebisanii hawaasa kanatti maxxansuun sochii ijaarsa biyyaa fi abbummaa waloo irratti shakkiin akka dhalatu gochuun biyyattii akka baran saamuuf ammallee hamuummachaa jiru.
Seenaa addunyaa irratti siyaasatu amantaatti maxa’ee nama gabroomsaa ture malee hamman beekutti amantaan siyaasomee maqaa Waaqaatiin gabrummaa labse hinjiru. Bara mootummaa Impaayera warra Roomaafi warra Turkiitis amantaa miti kan ummata addunyaa walficcisiisaa ture.
Gara biyya keenyaattis yoo dhufne Itoophiyaan amantaalee nutti godaanan hundaafuu dawoo taatee hardhaan geeche malee maqaa amantaatiin maqaa badaa galmeeffattee hinqabdu. Gitni bittaa yeroo addaddaatti aangoo biyya kanaa dhuunfate garuu harka tokkoon kitaaba Waaqaa qabachaa harka biraatiin ammoo sootalloodhaan dhiiga dhala namaa dhangalaasaa ture.
Dhiheenya kana hawaasi Muslimaa Itoophiyaa maqaa amantiitiin faallaa dhugaa Itoophiyaafi faayidaa lammiisaa dhaabbatee akka waan warra ormaatiif loogeetti miidiyaaleen Habashaa hafarsaa jiru.
Ummata walakkaa biyyattii ta’u kanaanis Baandaa jechuun farrajaniiru. Yoo baandummaatii sirna nafxanyaa amantaa ortodoksii jalatti uf dhoksee biyya saamaa turee ol kan biyya gurgurachaa bahe hinjiru. Atsee Minilik fanaaf fakkeenya ta’uu dhagahaa jirra.
Ambaasaaddara Suleeymaan Daddafoo fuula feesbuukiisaaniirratti shira baandummaa sirni nafxanyaa gaggeessaa ture saaxilaniiru. Waggaa dhibba tokko dura waan hardha mootummaafi ummanni Itoophiyaa guutuunitti dhama’aa jiru namni dukkaneesse isa ta’uu ifoomsaniiru.
Faayidaa dhuunfaasaaniitiif jecha biyya gurgurataniiru. Waliigaltee hardha irra gahamuun rakkisaa ta’ee hawaasi Muslimaa ittiin abaaramuuf biyya Gibxiiitiifi qubaan mallatteesse dabarseera. Isa kana qabatteetu kan hardha mootummaan Masrii mootummoota gamtoomanitti himannaa nurratti banaa jirtu.
Namichi bulguun dhiiga Oromootiin Masaraasaa tolfatee biyyattii gadiin deeme sun kana malees yakkoota dhaloota hedduuf darbu raawwateera. Biyyattiin daangaa galaanaa malee akka haftu taasiseera. Jibuutii hardha Orma taatee kiraa wadabaa nu kaffalchiiftu namni warra koloneeffataatti gurgure isa ta’uu ichi ragaa waliin kaasaniiru.
Eenyugaa baandaan? Hawaasi Muslimaa gabrummaa dachaatiin hacuuccamaa ture akkamiin baandummaadhaan shakkamee abbaa biyyummaan isaa waakkatame? Oromoonni Arsii harkaafi harmi murame, kanneen Calii Calanqootti dhiigni lola’e… Waaqoo Guutuufaan, Haaji Aadam Saaddoofaan Muslima tahuu akkamiin irraanfatame?
Akka warri nafxanyaa ololanis ta’e akka warri Gibxii dibbee rukutan Muslimni Itoophiyaa akkuma obbolaasaa warra Kiristiyaanaa fi kanneen biroo amantaasaa fi biyya isaatiifis qixa wareegama. Akka barsiifata amantaa Islaamaattis haqa ufiifi biyya ufiirrtti du’uun seera.
Warri biyya Gibxii akka isaan jedhan biyya Muslimaa waan taateef muslimoonni itooohiyaatis dhugaa haalanii biyya ufii gananii, obboloota isaaniitti dugda galanii warra Gibxiitiif hintumsan. Kun gochaa Baandaa ti. Amantaan kamuu isa kana godhaa jedhee nama hin ajaju. Amantaan kamuu walqixxummaa fi obbolummaadha kan labsu. Kun amantii Islaamaa akka fakkeenyyaatti fudhachuudhaan haa ibsamu malee amantaa birootiifis dhugaan jiru kanuma.
Hawaasi Muslimaa haqaan malee amantaafi firummaadhaan loogee biyyasaa diinaaf dabarsee laachuu amantiisaatu isa dhoowwa. Haqa obbooleessa wajjiniin dhalate dura amantaan ykn sabummaansaa maaliyyuu haa ta’u ollaa cinaasaa jiruuf akka dursa laatu isa dirqa.
Warri Gibxi waan Muslima ta’aniif obboloota isaa Itoophiyaa dhiisee sababni diina faana dhaabbatuuf tokkollee hinjiru. Kun tooftaa diinaa keessaafi alaati. Hawaasa Muslimaa kanaan dallansiisanii mootummaa biyyaarratti akka duuluu gochuun keessoo Itoophiyaa dadhabsiisuun Gibxiif carraa guddaadha. Karaa kamiinuu ijaarsa hidha guddichaa kana dhaabsisuun isaaniif injifannoo bara baraa ti.
Akkasuma warreen nafxanyaa maqaa amantaa Kiristiyaanaa (keessumaa ortodoksii) daheeffatanii Muslimaa Baandaa gochuun aangoo biyyattiirraa alagoomsuun dheebuu taayitaadhaaf qaban dhugoomfachuuf isaan gargaara jedhaniitu yaadu. Kun abjuurra darbee ni ta’a jedhee sammuun yaadu yoo jiraate mana yaalaa dhaqee uf haa sakattaasisu.
Waa hundaafuu baandummaan abbaa qaba. Kan kiristiyaanaas kan Muslimaas miti. Kanuma Baandaa qofa. Kun sammuu bitamtummaati. Warreen baandummaa amantiifi sabummaatti qarqabdanii tokkummaa keenya gaagaatan irraa of qusadhaan dhaamsa kooti. Hidhichi kan keenya, humni biyya lafaa kanirraa duubatti ni deebisu tokkollee hinjiru. Waan hinxumurre hinjalqabu warri keenya.
Horaa Bulaa Deebanaa!
Hamiltan Abdulaziziin
8 Comments to “Baandummaafi amantiin walii adda”