Dubbiiwwan ijoofi ciccimoo torban kanaa

Torbeen kun waan haaraa tokko tokko nu dhageessiseera. Inni tokko Ministirri Muummee Mootummaa Federaalawaa Rippublika Xoobbiyaa, Doktar Abiyyi Ahmad mana maree bakka bu’ootaatti argamuudhaan gaaffii bakka bu’oonni ummataa kaasaniif deebii kennuusaaniiti.

Inni lammaffaafi achuma, Araat Kiilootti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii, Aadde Keeriyaa Ibraahiim fedhiisaaniitiin aangoo qaban gadi lakkisuu ifa taasisuusaaniiti. 

Dubbii sadeessoon borumtaa afyaa’iin mootummaa komachuudhaan, aangoo gadilakkisanitti Manni Maree Federeeshinii Xoobbiyaa yaa’ii taa’ee dhimma filannoo biyyattiirratti mari’atee murtii kennuusaati.

Dubbii cimtuun afraffammoo hidha haaromsaa biyya keenyaa ilaallata. Atakaaroo nuffisiisaa booda biyyoonni sadeen dhimmi ilaallatu, Xoobbiyyaa, Ijibtiifi Sudaan,  bakka taajjabdoonni Ameerikaafi Afrikaa Kibbaa jiranitti walitti deebi’anii marii jalqabuusaaniiti; konfiransii viidiyootiin.    

Kanaaf torbeen darbe kun torbee haalli siyaasaa biyya kanaa teempireechariinsaa olka’eefi ummanni gara dhimmoota kanatti gurra akka qabu hawwateedha jechuun ni danda’ama.

Dhimmoonni kunniin dhimma dinagdeefi hawaasummaa kan haammatan ta’anillee siyaasa biyya keessaafi siyaasa biyyaa alaa kan of keessaa qabaniidha.

Kuun kan keessoo keenyaa ta’ullee siyaasni bishaanii biyyoota sadeen jidduu jiru kan baroota hedduu lakkoofsiseedha.

Yeroo dhihoo asimmoo ammuma Xoobbiyaan hidha kana xumuruuf tattaafatu caalmaadhaan Ijibti hojii kana danquuf yoo tattaafatu Sudaanimmoo bakki dhaabattu jalaa waldhahee xawalwaalaa jirti; miila tokkoon Kaayiroorra miila biraatiin  Finfinneerra dhaabattee.

Dhimmoonni hedduun jiraatanillee altokko hundarratti yaada kennuun rakkisaadha. Kanaaf kaan yeroo biraatti dabarfadhee  dubbii ministirri muummeen paarlaamaarratti kaasan kanneen ijoo ta’an irratti xiyyeeffadhee yaada koo balballoomsa. 

Akka hubannoo kootti, dubbiiwwan ijoon paarlaamaan ministira muummeef kaasan; dhimmoota hidha haaromsaa laga Abbayyaa; haala dhibee vaayirasii koronaa tatamsa’inasaafi ittisasaa, haala dinagdee biyyattii, Filannoofi gabaasa dhaabbata mirgoota dhala namaa kan ta’e, Ameenistii intarnaashinaaliiti.

Hidhi Guddichi Haaromsaa Xoobbiyaa, kan daangaa Sudaanirraa kiiloo meetira 15 irratti argamu Bitootessa 24 bara 2003 bu’uurrisaa ministira muummee lubuunsaanii darbe, Obbo Mallas Zeenaawiitiin kan kaa’ame.

Hidha kanaaf maqoota lamatu moggaafame. Dura Hidha Barkumee (Millennium Dam) jedhame. Booda Hidha Guddicha Haarmomsaa Xoobbiyaa (Grand Ethiopian Renascence Dam) jedhamee moggaafamee.

Moggaasni lammaffaan kan amma ittiin waamamu kun yoo akka yaadasaatti sabaafi sablammii biyya kanaa hunda hammatee milkaa’aa maqaa gaariidha.

Hidhi kun gaafa jalqabamu karoora tarraa’eef qaba ture.  Bishaam m3 biliyoona  74 akka qocu, ijaarsaaf maallaqni doolaara Ameerikaa biliyoona 4.6 akka barbaachisu; kanas hummna biyya keesaatiin aguuguuf karoorfame.

Kana malees waggoota shan keessatti ijaarsisaa akka xumuramu yeroon murameefii ture.  Hidhi Afrikaarraa tokkoffaadha jedhamu kun yoo ijaaramee xumurame humna elektiriikii meeggaa waatii 6,450 akka maddisiisu, kunis Xoobbyaa qofaaf osoo hintaane biyyoota Afrikaa kaaniifilleee akka tajaajilu yaadamee ture; gaafa jalqabamu.    

Haa ta’u malee ijaarsi hidha kanaa akka karoorfametti hindeemne. Akkuma ministirri muummeen dheengadda kaasan yeroodhaan xumuramuu dhabuunsaa faayidaa irraa argamu ummata dhabsiisuun ala baasii dabalataafi ataakaaroo biraatiif karaa saaqeera.

Akkuma dhagahaafi hordofaa turre Ijibti yeroo eegdee ajandaawwan haaraa kaasuudhaan xumura ijaarsi hidha kanaa akka duubatti harkifatu akkasumas fedhiinshii qofti akka eegamuuf dhiibbaa taasisaa turteetti; ammas ittuma jirti.

Gama kanaan takka Waashingitan, takka Mooskoo, yeroo biraa Jenevaa akkasumas biyyoota Afrikaa dhageettii qaban marmaaruun Xoobbiyyaarratti dhiibbaa gochuuf yaalaa turuunsaanii beekamaadha. 

Ijibti akka saree maraattee kan oliifi gadi kaattu kutannoo hidha kana ijaaruuf Xoobbiyaan qabdu waan beektuufi.  Kanas gootu waan jalqabame kana waan ittisuu dandeessuu miti. Akkuma garaa garummaan ilaalcha siyaasaafi maraammartoon siyaasaa biyyoota guddachaa jiran kamiyyuu keessa jiru biyya keenyas yoo jiraatellee ijaarsa hidha kanaarratti fedhiin, hubannoofi ijjannoon qaamota hundaatuu walfakkaata jedheen yaada. Sababiinsaas dhimmi Hidha Haaromsaa faayidaa nama dhuunfaa osoo hintaane kan sabootaafi sablammoota Xoobbiyaa keessa jiru maraa waan ta’eef.

Akkuma paarlaamaarratti ibsame Ijipti bishaan biyya keenyaa yaa’uun ummatashii %98f ibsaa yoo dhiheessitu seerri abbaan bishaan laga Abbayyaa Ijibtiif maddisiisu dhukkana keessa haa taa’u jedhu hinjiru.

Biyyi iyyeettiin tun guddachuuf mirgishii kabajamaadha. Iyyummaa keessaa bahuuf qabeenyaa ummamaashiitti fayyadamuuf dhiibbaan irratti taasisamuu hinqabu. Loojikiin ykn tooftaan ‘ati iyyoomi ani nan misoomaa’ jedhus hinjiru.

Kanaaf gama kanaan jala bultii mariin biyyoota sadeen jidduutti ni adeemsisama jedhemetti ministirri muummeen paarlaamaa biyyattiitti jecha cimaadhaan dhaamsa garii Ijibtiifis ta’ee biyyoota dhimma kana keessaa fedhii qabaniif  jala muranii dabarsuun gaariidha. Ijjannoon akka biyyaattillee qabatamuu qabu kanuma.  

Ijoo dubbii haasaa ministira muummee keessaa kan biraa dhimma vaayirasii koronaatiin walqabateedha. Ajandaan kun ajandaa biyya keenyaa qofaa miti; ajandaa hawaasa addunyaa maraati.

Gara biyya keenyaatti yoo deebinu dhibee kana ittisuuf tattaaffiin godhamaa jiru jajjabeessaa ta’ullee humna biyyattiifi dagannaa jiru wajjin yoo ilaalame xiyyeeffannaa addaa barbaada.

Akkuma guyyaa guyyaan gabaafamu tatamsa’inni dhibee kanaa lakkoofsaafi aguuggii lafaatin yeroo dhihoo as garmalee dabalaa jira. Lakkoofsi gama mootummaan himamaa jiru kunillee kan bira dhaqqabame qofa malee kan mana manatti dhokatee jiru kan dabalatuu miti.  Gabaasni jidduu kanaas dhugaa kana kan mirkaneessuudha.

Namoonni osoo wiirtuu kuraantiinii hingalin du’aan boqotan tokko tokko mallattoo dhibee kanaa akka qaban mirkanaa’eera. Kun bakkawwan hedduu ga’uusaa agarsiisa. Kanaaf, gama kanaanis koronaafi siyaasa xaxamaa biyya keenyaa adda baasanii qindoominaan, waldeeggarsaafi walgargaarsaan hojjechuun barbaachisaadha.

Akkuma paarlaamaarratti dubbatame koviid-19 carraadha jechuu baannullee caraa ofiisaa qabatee dhufuu mala. Nullee gama dinagdeefi caasaa fayyaa babal’isuutiin wanti irraa arganne ni jira ta’a. Kana jechuun garuu koronaa callisnee haa ilaallu jechuu miti.

Ummanni keenyallee qabatawwan adda addaa eeruun of gowwoomsuun irra hinjiraatu. Ummanni barmaatileefi ilaalchawwan dogoggoraa durii qabatee dhibee kana tuffatee ilaaluu hinqabu.

Kanaaf; gorsa mootummaafi ogeessonni fayyaa kennan fudhachuun dirqama. Qaamoleen siyaasaa kamuu siyaasa koronaa keessaa of baasanii ummataaf dursa kennuunittisa dhibichaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. 

Ministirri muummeen dhibee koronaafi dinagdee biyya keenyaa walitti qabuudhaanis yaada tokko tokko kaasaniiru. Gama kanaan bara bajataa kana dinagdeen biyya keenyaa %9 ni guddata jedhamee karoorfamee ture; koronaa osoo hin yaadin jechuudha.

Akka paarlaamarratti dubbatametti guddinni dinagdee  biyyaa sababa koronaatiin %3n gadi bu’a. Kanaaf guddinni bara bajataa kana galmaa’u %6 qofa jechuudha. Guddinni %6  kun yoo galmaa’uunsaa mirkanaa’e biyya kanaaf milkii guddaadha.  

Akkuma beekamu koronaan dinagdee Xoobbiyaa qonnarratti rarraateefi xiqqishuu balaa xiqqoo hindandamanne tana dhiisii kan biyyoota guguddooyyuu laamshecheera.

Dinagdeen dambalii weerara dhukkuba kanaatiin hinrukutamne hinjiru. Xoobbiyaanis kanaan alaa miti.  Koviid-19 eddii nuti bara bajetaa wadhakkeessinee booda ka’uunsaa guddinni dinagdee kun tarii akka garmalee gadi hinbuune taasisuu mala. Garuu guddina dinagdee bara dhufurrattis miidhaa kana caalu fiduu waan danda’uuf ammumaa eegalee ittiyaadamuu qaba.

Koronaan karoora biyya kanaa hedduu milaamilche.  Guddina dinagdee gadi buusuu qofa miti. Filannoo dimokraatawaa yeroo jalqabaatiif barana ni adeemsisama jedhame yeroo biraatti akka darbu taasiseera. Kunillee waca hedduu uumuudhaan dhaabbilee siyaasaa jidduutti walshakkuun akka uumamuufi atakaroon akka baay’atu taasiseera.

Gama kanaan  gaaffii paarlaamaatti ka’errattis ministirri muummeen yaada kennaniiru, sababa maaliin akka  darbe. Roobii dheengaddaammoo manni maree federeeshinii mootummaan aangoorra jiru yeroo hinmurtoofneef, hanga koronaan badutti biyya akka gaggeessu murteesseera.  

Asirratti filannoon yeroo biraatti darbuunsaa, anaaf ammas sirriidhuma. Yeroon dura filnnoo ittigaggeessuuf filatame haala biyya keenyaa wajjin walqabatee gonkumaa yeroo filannoon itti adeemsisamuu qabuu miti; osoo koronaan dhufuu baateeyyuu.

Gama biraatiin loojikiin filannoo adeemsisuufi biqiltuu dhaabuu walitti fidu sun, akkuma Doktar Abiyyi jedhan kan waliin deemuu miti. Filannoo itti deemnu kana hangas salphisanii ilaalunillee sirrii miti; warri salphisanii dubbatanillee kana wallaalanii natti hinfakkaatu.

Gama filannootiin dubbiin bishaan kaasuufi walmormisiisu yeroo mootummaan amma aangoorra jiru kun filannoo malee aangoorra turuudha. Filannichi otoo yeroon geggeeffamee gaarii ture. Maalumaafuu ammas waldanda’anii deemuun gaariidha;  waldanda’uun ibsituuwwan dimokraasii keessaa tokko waan ta’eef.      

Dhimmi torbee darbee sammuu namaa keessa naanna’aa ture gabaasa dhaabbanni ‘Amnesty International’ jedhamu kabajama mirgoota dhala namaa ilaalchisee baaseedha.

Dhimmi kunillee waltajjii paarlaamaarratti ka’ee ministirri muummeen deebii akka ittikennan taasisameera. Isaanis dhimmicha gadi qabanii bira taraniiru. Waajjirri Abbaa Alangaa Federaalaammoo “qoranneeti deebii itti kennina” jedhee deebii bareedaa kenneera.

Dhimmi kun akka miseensi paarlaamaa sodaataa kaase osoo hinta’in dhimma xiyyeeffannaa mootummaa barbaaduudha. Gabaasa sobaa yoo ta’e ragaarratti hundaa’anii soba ta’uu mirkaneessuudha. Kan dhugaa ta’emmoo keessaa fudhatanii qoratanii tarkaanfii sirreessaa fudhachuun qooda mootummaati.

Biyya kamittuu mirgi dhala namaa dursa argachuu akka qabu addunyaan irratti walii galeera. Kanaaf fakkeenyi  ajjeechaa Ameerikaatti Joorji Filooyidirratti raawwatameedha.

Gochichi Ameerikaa guddittii hagam akka raaseefi gaaffii addunyaarratti kaase hubachuun gaariidha. Kanaaf mootummaan dogoggora Wayyaaneen hojjachaa baate akka irra hindeebine of eeggachuu qaba.   

xumurarratti duubdeebii dubbistoonni koo fuula FB Gaazexaa Bariisaarratti kennitan ilaaleera. Yaada keessaniif galatoomaa. Dogoggora uumameef na oofkalchaa. Filannoo ALA bara 2007 eddii adeemsisamee waggaa 13 kan jedhuun naaf haa sirraa’u.

Torbee gaariin isinii haa ta’u!

Dachaasaa Roorrootiin

Recommended For You

7 Comments to “Dubbiiwwan ijoofi ciccimoo torban kanaa”

  1. Pingback: advertising scam
  2. Pingback: read
  3. Pingback: unieke reizen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *