Dhibee Vaayirasii Koronaa: Dhukkuba ofeeggaanoo malee yeroof fala biraa hinqabne


Guyyaa torba lakkoofnee walitti deebineerra. Nageenyi badhaadhaa? akkan isiniin hinjenne koronaan nagayaa nu dhorkaa jira. Osuma siquu galaana ce’ee, tulluurraan qaari’ee qe’ee nu ga’eera. Sodaas nutti naqeera; akka waliin hin nyaanne, akka waliin hindeemne, akka waliin hinrafne walsodaachuu jalqabneerra. Al tokko tokko dhukkubni edsii sun galata qaba nama jechisiisa- tuqan malee (caalatti) waan nama hinxuqneef. Garuu vaayirasii koroonaa sodaachuun fala hinta’u. Waansaa beekanii kutannoon ofirraa ittisuu qofatu mala.
Addunyaan teenya dhibee weraraatiif (pandemic disease) haaraa miti. Kanaan dura dhibeewwan akka koronaa (COVID-19) takkichumaan addunyaarra garagalanii namoota muxuxxeessan jiru. Garuu gaafa sana addunyaa bal’oo dhiisii biyyi tokkooyyuu walirraa fagoo turte. Gaafas intarneetiin hinturre; kompiitarri hinuumamne; mobaayilii dhiisii silkii shiboo eenyu beekee? Feesbuukiin har’a oduun nama gaggabsu hindhalanne; teknolojiin ammayyaa kan biraa biraas. Har’a garuu osoo hinjaalatiin odeeffannoon akka galaanaa namarra garagara. Addunyaanillee tokko taatee kan fageenya Chaayinaatti dhageenye osoo hinbubbuliin nurraan ba’e.
Osoon gara noobiil koronaatti hinseeniin mee seenaa dhukkuboota weerartuu waa tokko tokko isinii haa himu; kanuma waggaa dhibbaa asii. Bara 1918-1919 Utaalloon Ispaaniish (Spanish Flu) jedhamu addunyaa weeraree ture. Lubbuu namoota miliyoona 40-50 ta’u biyyoo irra garagalchee ture. Kan biraa utaalloon Eezyiyaa (Asian Flu) jedhamu bara 1957- 58tti addunyaa seeneen lubbuun namoota miliyoona 1.1 olii galaafatameera. Ardiidhuma Eezyiyaa kanatti dhibeen maqaa utaalloo Hoong Koong (Hong Kong flu) jedhamun moggaafamee bara 1968-70tti addunyaarra naanna’ee lubbuu namoota miliyoona tokkoo olii nyaateera. Hammeenya dhukkuba HIV/AIDS asumaan isin haa yaadachiisu. Bara 1981 eegalee hanga ammaatti addunyaarratti namoota miliyoon 25-35tti shalagaman unkuta dheeraa; nuti garuu miidhaasaa daganneerra. Utaalloo Iswinee (Swine Flu) dhihoodhuma kana (2009-2010) addunyaatti qabatee lubbuu namoota kuma dhibba lamaa olii balleesiteetti. ( lakkofsi baraa akka Awurooppaatti). Dhukkubni Saarsi ( SARS) al-tokko madda sosaa ta’ee achuma Eezyiaatti nurraa hafee.
Vaayirasiin Koronaa, akkuma dhiibeewwan hedduu olitti eeramanii ardii Eezyiyaa, (Chaayinaadhaa) ka’e. Yeroo gabaabaa keessatti addunyaa waliin gaheera. Biyyi keessatti hinmul’atin yoo jiraate muraasa ta’u. Yeroo gabaabaa keessatti lubbuu namaoota kumaatamaan lakkaawamaniis galaafateera. Kanneen vaayirasii kanaan qabamanis kuma dhibba lama darbaniiru. Lakkofsichi sakandii sakandiin garmalee jijjiiramaa jira.
Ka’umsi dhukkuba kanaa Chaayinaa konyaa Hubee magaalaa Wuhaan jedhamtuudha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee kana ilaalchisee gabaasa jalqabaa (Situation Report-1) kan baase Amajjii 21/2020dha. Akka gabaasni kun ibsutti Waajjirri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan Chaayinaatti argamu gaafa Mudde 31/2019 dhukkubni haarofti kanaan dura hinbeekamne kana qoonqoofi sonba namaa hubu mul’achuusaa gabaase. Mudde 31/2019 eegalee hanga Amajjii 3/2020tti, guyyoota afur keessatti, namoonni 44 dhukkuba kanaan qabamuunis gabaafame. Vaayirasiin koronaa yeroo ammaa ardiilee addunyaa hunda waliin gahe kun umuriinsaa ji’a sadii hinguunne.
Gaafa dhukkubni kun dura ka’u hagana ni deemee jedhee kan yaade hinturre. Biyyoonni tokko tokko Chaayinaatti qoosaa turan, waanuma achitti hafu itti fakkaatee. Har’a garuu mootummoonni addunyaa cufti yaaddoo hamaa keessa jiru. Ummanni addunyaa cinqii guddaa keessatti argama. Kuun osoo wawwaatuu addunyaa tana gadi lakkisee deemuuf dirqameera. Kun kan namatti mul’isu walta’iinsaan dhukkuba kanarratti duuluun dafanii dhaabuun barbaachisaa ta’uusaati.
“Kan baranaafi warrana jette nama hinhanqattu” jedhu abbootiin keenya. Nutis guyyaa eegnee ji’a lamaafi torban lamatti gaafa Guraandhala 15/2020 vaayirasicha gaddaan simanneerra. Akka walitti dhufeenya Chaayinaa waliin qabnuufi humna gadaanaa ofeeggannoo keenyaatiin tureeti nu dhaqabe jechuu dandeenya; Yoo kan nutti himan dhugaa taate. Duraanuu ummanni ofirra bir’ataa ture guyyaa odeeffannoo kana dhagahee eegalee kirkiraa jira. Dhimmichi ajandaan marii ta’eera; xiqqaa hanga guddaatti, beekaa hanga wallaalaatti, dhiiraa hanga dubartiitti, jaarsaa hanga jaartiitti. Marii ta’uunsaa gaariidha. Garuu ijoon dubbii akkamitti ofirraa ittisnee nama biraarraayis ittisna kan jedhu ta’uu qaba.
Amannuss amanuu baannus dhibeen kun ulfaataadha. Nuti kan humna hinqabne dhiisii Awurooppaafi Amerikaayyuu balbala cufachiiseera. Yoo hammaate nutis balbala cufachuun keenya waan oolu miti. Hagasitti garuu maal gochuu qabna? Teenyee wal ilaallamoo akka beekumsaafi humna keenyatti tattaafachuu qabna? Tokko kan biraaf da’oo ta’uu qabamoo walballeessuuf kutannee ka’uu qabna? Kana kanan kaasuuf haalli ofeeggannoo keenyaafi nama biraatiif taasisnu sodaachisaa waan ta’eef. Namni vaayirasiin shakkamtee ilaalami jedhamee ambulaansiin fuute fooddaa cabsee bade jechuun hiikasaa isinumti kennaafi. Hojii qaanii!
Wanta hunda dura walii yaaduutu caala. Chaayinaan lammiilee kuma sadii ol awwaaltullee akka jirbiitti tokko taatee balaa vaayirasii kanaa gadi buusuu dandeessee jirti. Har’a dandamattee biyyoota biroof bakka muuxannoo gaariirraa baratan taateetti. Ummanni keenyas Chaayinaarraa barachuu qaba. Roophilaawwan deddeebi’anilee vaayirasii osoo hintaane muuxannoo gaarii irraa nuuf fiduu qabu.
Gochaan namtichi shakkamaan ambulaansii cabsee baqachuuf yaale sun biyya kana keessa bal’inaan jiraachuu danda’a. Namni keenya amala dhokfachuu qaba. Dafee of himee mana yaalatti gabaasuurra miliqee bubbuluu amaleeffata. Kunimmoo vaayirasicha nama biraa faaluu ta’a. Rakkoon kun kan maddu irraa caala hubannoo dhabuurraayi. Kanaaf nama hubachiisuuf, barsiisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjatamuu qaba. Dhaadannoo gaafa rakkoo edsii sana hojiirra oolchuun barbaachisaadha. “ Anarratti haadhaabbatu, maatiifi dhaloonni fayyaa haa bulu” jedhanii ummata baraaruutu gaariidha, yooo tasa vaayirasichi nu bira gahe.
Dhukkuba kana ittisuuf tarkaanfiin mootummaan jalqabame yeroof gaariidha jennee haa fudhannu; hanqina hinqaban jechuu baannullee. Manneen barnootaa cufamuunsaanii dansa. Ragaa wayitaawaa ummata dhaqqabsiisuuf yaaliin taasifamus jajjabaachuu qaba. Manneen hojiittilee wanti jalqabame kun yoo itti fufiinsa qabaate dhukkubichi akka hinbabal’ane ittisuu keessatti qooda guddaa qaba.
Garuu tarkaanfileen fudhatamuu qaban hedduudha. Karra keenya garmalee saaqnee lammiilee biyya alaa simachuun miidhaa guddaa qaba. Hanga ammaatti namoonni vaayirasii kanaan qabaman alaa dhufanii.
Humna dinagdee biyyattii ajjin walqabsiisnee daandii qilleensaa keenya guutuummaan cufuun rakkisaa ta’ullee ofeeggannoon tarkaanfii fudhachuun ni barbaachisa. Fakkeenyaaf namoota biyya alaatii gara xoobbiyaa dhufan sirriitti qorachuurratti hanqinni ifaan waan jiru fakkaata. Lammiin Jaappaan sakatta’iinsa jira jedhamu bira taree biyya galeeti kan vaayirasicha facaasaa ture. Dippilomaatiin biyya Ingiliiz kan Imereetii dhuftes sakatta’iins kana bira tarteeti booda qabamunshii kan beekame. Haala kanaan sadarkaan biyyi keenya imaltoota biyya alaatii galan itti sakatta’aa jirtu irra deebi’amee qoratamee fooyya’uu qaba.
Dhibee kana wajjin walqabatee midiyaaleen idilee hedduun odeeffannoowwan qabatamaa ta’an tamsaasaa jiraachunsaanii gaariidha. Yaadonni midiyaa hawaasaa keessa deemaa jiran garuu burreedha. Rogeeyyiin ragaa qabatamaa ummata dadammaqsufi akka ofeeggannoo taasisu hubachiisan hedduudha. Kunis bu’aa miidiyaa hawaasaa agarsiisa. Gama biraatiin kanneen dhukkubicha akka qoosaatti ilaalanii nama dagachiisuu fedhanillee ni jiru. Isaan kun ofsirreessuu qabu. Rogeeyyiin odeeffannoo hinqulqulloofneefi ragaa saayinsaawaa hinqabne bittinneessaa oolanillee lakkofsisaanii salphaa miti. Isaan kunis osoo lammiitti qoosuu baatanii gaariidha.
Warra miidiyaa hawaasaatiin odeeffannoo facaasan qofa osoo hintaane fayyadamtoonni odeeffannoo kanaallee ofeeggannoo gochuu qabu. Odeeffannoon bira gahu sirriidha moo sirrii miti jedhanii xiinxaluu qabu. Akkuma beeknu wanti miidiyaa hawaasatiin darbu hundi sobaa miti, hundis dhugaa miti. Kanaaf namni odeeffannoon dhagahe qaama biraatiif qoodu dura dhugaa ta’uusaa, maddisaa madda sirrii ta’uusaa mirkaneeffachuu qaba.
Hanga ammaatti dhibeen kun gara itti deemaa jiru sirriitti hinbeeknu. Beektonni Awurooppaafi Ameerikaa hedduun kan biyyasaanirra kan ardii Afriikaa yaadda’aa jiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaalee Afrikaaf dhaamsa ofeeggannoo dabarsaa jira. Kanaaf nutis rakkoowwan keenya kan biraa dhiisnee qophii keenya cimsuu qabna. Gama kanaan rakkoon bishaanii magaalota guguddaa kaasee hanga xixiqqaa keessa jiru fala argachuu qaba. Hunda caalammoo yoo wanti hamaan dhufe mootummaan qoqobbii sochii (Lockdown) gochuunsaa waan hinoolleef gaafasi bishaan yeroo nagaatu hinjirre kun waan goguu danda’uuf ammuma konkolaataa bishaan raabsu qopheessuun gaariidha jedheen yaada. Yeroo kamiyyuu, lubbuu jechuun bishaan waan ta’eef. Harka dhiqachuun yoo bishaan jiraate. Bilcheeffatanii nyaachuun yoo bishaan argame. Bishaaniin ala wanti saamichaan manatti ol guuraa jirru kun nu hinfayyadu.
Ibsaa, intarneetiifi bilbilli akkuma bishaanii xiyyeeffannaa barbaadu. Ibsaan yoo dhabame qoraanitti deebina akka hinjenne itti hinqophoofne. Intarneetiin ciccitaa jiru kunillee yoo sirrachuu baate odeeffannoon ala taana; odeeffannoo biyya keessaafi biyya alaa. Sararri bilbilaa yoo jiraachuu baate akka bara utaalloo Ispaanish sana callisuu hindandeenyu. Odeeffannoon ummata barbaachiisa, dhukkubicha ittisuuf. Barbaachisummaan bilbilliifi intarneetii gaaffii hinqabu; firaan, hiriyyaan, maatiin yeroo yeroon walarguuf. Ummannillee mirga odeeffannoo argachuu ni qaba. Kanaaf, godinaalee bilbillifi intarneetiin irraa citellee sararri dafee deebi’uufii qaba. Rakkoo keessoo keenya gaafa dhukkubicharraa baraaramne itti deebinee mari’achuu dandeenya.
Akkuma waliigalaatti yoo jabaannee wal dhaggeeffachaa sochoone akkuma Chaayinaa nutis irra aanna. Yoo akkuma siyaasa keenyaa kan waldhiibaa, waliif loogaafi walitti loogaa deemnu ta’e miidhaan nurra gahu akka salphaatti waan dhaabatu natti hinfakkaatu. Kanaaf harka walqabannee tokkummaan vaayirasii koronaatti haa duullu. Waaqayyommoo nu gargaara.
Waaqayyoo hamtuu nu hindhageesisin. Ameen!

Dachaasaa Roorrootiin

Recommended For You

6 Comments to “Dhibee Vaayirasii Koronaa: Dhukkuba ofeeggaanoo malee yeroof fala biraa hinqabne”

  1. Pingback: https://365-kw.com
  2. Pingback: dixie gummies
  3. Pingback: happyluke
  4. Pingback: พรมรถ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *