Yunvarsiitiin Jimmaa sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomaafi beekamaa ta’uuf hojjechaa jira

Yunvarsiitiin Jimmaa akka yunvarsiitiitti erga hundaa’e waggaa 20 lakkoofsiseera. Akka yunvarsiitiitti utuu hinhundaa’in dura Koollejjii Qonnaafi Koollejjii Saayinsii Fayyaa ta’ee hojjechaa ture. Yunvarsiitiichi bara 2025tti yunvarsiitiiwwan sadarkaa Afrikaa sadarkaa duraarratti argaman faana hiriiruufi yunvarsiitiiwwan sadarkaa addunyaatti beekaman keessaa tokko ta’uuf hojjechaa jira. Barumsi, qorannoofi tajaajilli hawaasummaa yunvarsiitiichi kennus sadarkaa biyyoolessaa akka eeguu taasisuudhaaf karoora isaa fooyyessee hojjechaa jira.

Pirezdaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaafiixaa akka jedhanitti, yunvarsiitiichi bara 2012  barattoota kuma 47 ol qabatee hojii baruu barsiisuu kan jalqabe yoo ta’u, isaan keessaa 168 barattoota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufaniidha. Yunvarsiitiichi barattoota biyyoota addunyaa gara garaa irraa dhufanis simatee barsiisaa jira.  Yunvarsiitiichi hojii baruu barsiisuu qofaan utuu hintaane hojiilee qorannoofi tajaajila hawaasaatiinis sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka ta’uufi fudhatamummaa akka qabaatuuf hojjechaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Yunvarsiitiichi bara 2025tti sadarkaa Afrikaatti yunvarsiitiiwwan sadarkaa duraa irratti argaman keessaa tokko ta’uuf akkasumas yunvarsiitiiwwan sadarkaa addunyaatti beekaman keessaa tokko ta’uu hojjechaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi, hojiileen yunvarsiitiichi gama baruu barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasummaatiin raawwataa jirus sadarkaa biyyoolessaa akka eegan taasisuuf barana karoorasaa fooyyessee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Pirezdaantii Ittaanaa Dhimmoota Akkadaamii Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Aduulaa Baqqalaa akka jedhanitti, yunvarsiitiichi hojii baruu barsiisuu, qorannoofi tajaajila ummataa kennaa jiru ga’umsaan raawwachuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Rakkoo nageenyaa barana yunvarsiitiicha mudatee ture qaamolee hawaasaa hundumaa hirmaachisuun hojiin baruu barsiisuu nagaan akka itti fufu ta’eera.

Yunvarsiitiichi barana tajaajila ummataa mirkaneessuuf meeshaalee tajaajila fayyaa qarshii miliyoona 5.6tti tilmaamaman wiirtuu fayyaa aanaalee  godina Jimmaa afuriif dabarsee kenneera kan jedhan Doktar Aduulaan, akkasumas barattoota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa magaalattiitti argaman kuma tokkoof 14f deggersa meeshaalee barnootaafi barattoota 300f ammoo yunifoormii akka argatan taasiseera. Namoota 184 wal’aansa moora ijaa baqaqsanii hodhuu bilisaan akka argatan taasiseera jedhu.

Yunvarsiitiichi mul’atasaa milkeessuuf biyyoota Afrikaa, Ameerikaafi Awurooppaa waliin hojjechaaf sanada waliigaltee walii mallatteessineerra kan jedhan Doktar Aduulaan,  hojiilee yunivarsitichi sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomaa ta’uuf raawwataa jiruunis bu’aalee hedduun galmaa’aniiru.

Yunvarsiitii Jimmaatti Daariktarri Quunnamtii Alaafi Kominikeeshinii Doktar Ashannaafii Balaay gamasaaniin akka jedhanitti, barattootni  Yunvarsiitii Jimmaatti baratan hundinuu barnoota  kutaatti  kennamuun ala hawaasa bira gahanii  haala jiruufi  jireenya hawaasaarraas akka baratan taasifamaa jira. Adeemsi baruu barsiisuu kun rakkoolee hawaasichi qabu hubatanii qorannoo geggeessuudhaan rakkoon hawaasaa karaa saayinsaawaa ta’een akka furamu taasisuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Barattoonni yunvarsiitiichaa rakkoolee hawaasaa bira gahaanii hubatanii booda hawaasa naannawaafi dhaabbilee deggertootaa adda addaa waliin ta’uudhaan rakkoolee hawaasaa furuuf hojjechaa jiraachuu himanii, adeemsi baruu barsiisuu yunvarsiitiichi rakkoolee hawaasaa kamirratti qorannoo geggeessuu akka qabu kan agarsiisuudha. Yunvarsiitiichis hawaasa naannawaafi dhaabbilee deggertoota garagaraa waliin ta’uun qorannoowwan rakkoolee hawaasaa furan adda addaa hojjechaa jira jedhu.

Bu’aalee qorannoo irratti hundaa’uudhaan hojiileen yunvarsiitiichi bajata mootummaatiin raawwatu baay’ee xiqqaa waan ta’eef dhaabbilee adda addaa waliin ta’uudhaan hojiilee rakkoolee  hawaasaa furan  hedduu raawwachaa jira kan jedhan Doktar Ashannaafiin, kanaanis rakkooleen hawaasaa hedduun furamaniiru. Yunvarsiitichi fandii dhaabbilee deggertootaa irraa argateen waggaa darbe ambulaansota shan bitee aanaalee godina Jimmaa jala jiran shaniif kenneera. Yunvarsiitiichi bara darbe deggersa dhaabbilee gara garaa irraa argateen  qorichoota adda addaa hanqina qaban, maashiinota ‘X-ray’ soolaarii, doqdoqqee 25 bitee aanaalee aanaalee godina Jimmaa magaalota irraa fagaatanii argamaniifi tajaajila daandiifi ibsaa hinqabne afuriif raabseera.Yunvarsiitiichi qaamolee deggertootaa waliin ta’uun hojiilee rakkoolee hawaasaa furan hedduu raawwateera; raawwachaas jira jedhu.

Yunvarsiitiin Jimmaa akka biyyaatti waggoota shaniif walitti aansee tokkoffaa ba’aa ture. Hariiroo yunvarsiitiichi biyyoota Afrikaa, Ameerikaafi Awurooppaa waliin qabus cimaadha. Lakkoofsi barattoota biyyoota gara garaa irraa dhufanii yunivarsitichatti barataniis dabalaa jira. Kaayyoon yunvarsiitiichaa inni guddaan sadarkaa Afrikaafi addunyaatti beekamaafi dorgomaa ta’uudha. Hojiin baruu barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasummaatiinis sadarkaa biyyoolessaatti fudhatama akka qabaatuuf hojjechaa jira jedhu Doktar Ashannaafiin.

Yunvarsiitiin Jimmaa aanaalee godina Jimmaa afur keessatti qonnaan bultootni qonna qindaa’aa akka geggeessan taasiseera. Qonnaan bultootni bakkuma tokkotti fuduraalee akka omishan, lukkuufi qurxummii akka horsiisan taasisuudhaan qonna qindaa’aa akka geggeessan taasiseera. Lukkuun bu’aawwan fuduraalee soorratu, qurxummiin ammoo kosii hindaaqqoo soorata. Qonni qindaa’aan qonnaan bultoota lamaafi sadiin jalqabe kun yeroo ammaa qonnaan bultoota hedduu biratti babal’achaa jiraachuu himu.

Qorannoo Yunvarsiitiin Jimmaa adeemsisu irra caalaan dhimmoota fayyaa, kunuunsaafi eegumsa naannawaafi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti xiyyeeffatu. Dhimmootni kunneen ammoo dhimmoota akka biyyaatti utuu hintaane akka addunyaatti xiyyeeffannaa argatanii irratti hojjetamaa jiraniidha. Yunvarsiitiin dhaabbilee biyyoolessaa waan ta’aniif dhimmoota biyyoolessaa irratti xiyyeeffatanii hojjetu. Yunvarsiitiin Jimmaa keessumaa qorannoo damee fayyaa irratti adeemsisuun sadarkaa addunyaatti beekamtii qaba. Yunvarsiitiin Jimmaa yunvarsiitoota biyyoota alaa 200 oliin waliigaltee mallatteessee hojjechaa jiaachuus himaniiru.

Rakkoon nageenyaa, hanqinni bajataa, bittaan meeshaalee lafarra harkifachuun, lakkoofsi barattootaa dabaluun, hanqinni doormiin barattootaa, hanqinni ogeessota damee saayinsii fayyaa, hanqinni barsiisota koorsiiwwan dabalaman barsiisanii rakkoolee gurguddoo hojii baruu barsiisuu, qorannoo adeemsisuufi tajaajila hawaasummaa yunvarsiitiichi kennutti gufuu ta’aniidha. Rakkoo nageenyaa mudatee tureen yeroo gara garaa hojiin baruu barsiisuu yeroo gara garaa addaan citaa tureera. Yunvarsiitiichis yeroosaa gara caalu nageenya tasgabbeessuu irratti dabarsaa ture.

Barattootni hedduun sababa rakkoo nageenyaatiin yunvarsiitiicha gadlakkisanii galan waamanii deebisuun, barattoota booda dhufaniif warra barachaa turan walqixeessuuf Sanbataafi Dilbata akkasumas halkan barsiisaa kan turan ta’uu himanii, sababa rakkoo nageenyaa mudatee tureen lubbuun barataa tokkooyyuu kan hindabarre ta’uu himaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaa mudatee tureen karoorri semisteera tokkoffaa ji’a tokkoon kan dheerate kan jedhan Doktar Ashannaafiin, kun karoora  semisteera lammaffaa irrattis dhiibbaa kan uumu ta’uu himaniiru. Utuu akka karooraatti adeemamee barattootni yeroo ammaa barnoota semisteera tokkoffaa xumuranii boqonnaarra jiru turan. Haalli nageenya yunvarsiitiichaa yeroo ammaa sadarkaa gaarii irra jiraachuufi barattootni qormaata semisteera tokkoffaa fudhachaa kan jiran ta’uus eeraniiru.

Ogeessotni fayyaa hospitaala yunvarsiitii Jimmaa keessaa hojjetan sababa carraa barumsa alaa argachuun akkasumas mindaa fooyya’aa argachuuf jecha hojii waan gadlakkisanii deemaniif hanqinni humna namaa dame hojii kana irratti isaan mudachaa jiraachuu himanii, barsiisotni koorsiiwwan haaraa dabalaman keessumaa antiropooloojii barsiisan qacarrii irratti hanqina qabaachuu dubbatu.

Yunvarsiitichi ijaarsa pirojektoota adda addaa adeemsisaa jira. Gamoo guddaa akka waajjira pirezidaantii, faayinaansii, qorannoofi  wiirtuu ‘ICT’tti  tajaajilu  ijaarsisaa jira. Akkasumas galma ammayyaawaa barattootni keessatti nyaatan kan altokkotti barattoota kuma afur keessummeessus ijaarsisaa jira. Magaalaa Jimmaa keessatti ammoo hoteela sadarkaa isaa eeggate kan barattootni itti barataniifi tajaajila kennu tokko ijaarsisaa jira. Aggaarootti ammoo kaampaasii haaraa ijaarsisaa jira. Kaampaasichi bara 2013tti barattootta simatee barsiisuu kan jalqabu ta’uu kan himan Doktar Ashannaafiin, kana malees yunvarsiitichi pirojektoota adda addaa biroo ijaarsisaa jiraachuu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

358 Comments to “Yunvarsiitiin Jimmaa sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomaafi beekamaa ta’uuf hojjechaa jira”

  1. Ozempic without insurance [url=http://ozempic.art/#]buy ozempic pills online[/url] ozempic coupon

  2. пин ап казино вход [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап 634[/url] пин ап кз

  3. generic zithromax 500mg india [url=http://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] zithromax azithromycin

  4. amoxicillin 250 mg price in india [url=https://amoxil.llc/#]Amoxicillin For sale[/url] generic amoxicillin online

  5. amoxicillin 500mg price [url=https://amoxil.llc/#]buy amoxil[/url] generic amoxicillin cost

  6. can i buy zithromax online [url=https://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] how to get zithromax

  7. zithromax 250 mg australia [url=http://zithromax.company/#]zithromax for sale[/url] zithromax over the counter uk

  8. A number of incidents such because the August 2002 attack seem to have been instigated by Indonesian forces, some together with the TNI, Tentara Nasional Indonesia, who usually are not totally subsidized by the government, leaving them dependent on being the source of safety for extractive corporations in an area resembling Freeport.

  9. amoxicillin 500 mg for sale [url=http://amoxil.llc/#]amoxil best price[/url] 875 mg amoxicillin cost

  10. neurontin medication [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] buying neurontin online

  11. generic zithromax medicine [url=https://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] buy zithromax

  12. zithromax buy online no prescription [url=http://zithromax.company/#]zithromax prescription online[/url] zithromax 600 mg tablets

  13. ivermectin tablets uk [url=https://stromectol.agency/#]order stromectol[/url] can you buy stromectol over the counter

  14. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacies safe[/url] online pharmacy india

  15. viagra without doctor prescription amazon [url=https://drugs24.pro/#]ed clinics[/url] medication online

  16. online canadian pharmacy [url=http://drugs24.pro/#]medicines for ed[/url] discount prescription drugs

  17. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican drugstore online[/url] mexican pharmaceuticals online

  18. пинап казино [url=https://1winindia.tech/#]pin up[/url] пин ап казино

  19. 1xbet официальный сайт [url=https://1winrussia.online/#]1хставка[/url] 1xbet официальный сайт

  20. пинап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап зеркало

  21. пин ап [url=http://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап зеркало

  22. indian pharmacies safe [url=https://indianpharm1st.com/#]Online medicine home delivery[/url] best india pharmacy

  23. mail order pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]п»їlegitimate online pharmacies india[/url] Online medicine home delivery

  24. indian pharmacy online [url=http://indianpharm1st.com/#]top 10 pharmacies in india[/url] reputable indian online pharmacy

  25. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm1st.com/#]buying from online mexican pharmacy[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  26. пин ап казино [url=http://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт[/url] пинап

  27. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  28. erectile dysfunction pills [url=https://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] the best ed pills

  29. prescription drugs without prior prescription [url=http://pharm24.pro/#]buy drugs[/url] pet antibiotics without vet prescription

  30. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharm24.pro/#]India pharmacy international[/url] indian pharmacies safe

  31. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  32. pharmacy website india [url=http://indianpharm24.pro/#]indian pharm 24[/url] top online pharmacy india

  33. over the counter erectile dysfunction pills [url=http://pharm24.pro/#]cheap pharmacy online[/url] cheap erectile dysfunction

  34. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  35. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  36. denemebonusuverensiteler.top [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  37. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com[/url] deneme bonusu veren yeni siteler

  38. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy Gabapentin GabaPharm[/url] cheapest Gabapentin GabaPharm

  39. ed pills [url=https://erepharm.com/#]ED meds online with insurance[/url] ED pills non prescription

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *