Labsiin ittisa haasawa jibbaa- Barbaachisummaa, sodaafi shakkii haasoftootaa

Paarlaamaan walgahii hatattamaaf waamame odeeffannoo jedhu gaafan dhagahu naasutu natti gale; biyya kanatti wanti nama naasisu hedduu waan ta’eef. Garuu gaafa wiixinee labsiiwwaniirratti  mari’atee raggaasisuuf akka waamame odeeffannoo argadhu qalbiin gartokkeen natti deebite.  Labsiiwwan ragaasisaman tokko labsii Ittisa Haasawa Jibbaafi Tamsaasa Odeeffannoo Sobaa kan jedhu yoo ta’u, inni biroo kan taaksii eksaayizii wajjin walqabatuudha. Labsiiwwaan wiixineeffamanii mariirratti gaggeessanii raggaasisuun gaariidha. Ani kanan taajjabe garuu waan yeroo idilee keessatti hojjatamuu danda’uuf walgahiin hatattamaa waamamuusaati. Walgahiin atattamaa akkuma maqaansaa ibsu kan waamamu waan muddaa ta’eef yeroo hinkennineefi. 

Kanas ta’e sana labsiiwwan raggaasifamaniiru. Xiyyeeffannoon koo labsii ittisa haasawa jibbaafi odeeffannoo sobaarratti ta’a. Miseensonni paarlaamaaa labsii kana sagalee guutuun osoo hintaane sagalee caalmaadhaan raggaasisani. Miseensonni 23 labsii kana akka morman lama ammoo sagalee akka hinkenninin odeeffanoon baheera. Sirni dimokiraasii akkana; kan itti amanan fudhachuu; kan itti hinamannne mormuu, sagalee kennuu dhiisuu, sagalee caalmaammoo kabajuu. Akkanatti paarlaamaa keessatti walmormuun aadeffamaa dhufeera, wggoota lamaan taran keessa. Aadaa caalatti jajjabaachuufi dagaaguu qabuudha. Bara wayyaanee,  bu’aan filannoon keenyas %100;  sagaleen paarlaamaan labsii ittiin raggaasisu guutuu ture.  Kunimmoo akkuma sareen jette sana, osoo beeknuu huuba wajjinii sana. 

Gara dubbii ijoo kootti haa deebi’u. Labsii kana wajjin walqabsiisee barreefamoota tokko tokko dubbisuuf yaaleera.  Kanumarratti hundaa’ee yaadakoo isiniif qooda. Haasawa jibbaa (Hate speech) jechuun maalinni? Maalfaa haammata? Maal hinhaammane? Seerri haasawa jibbaa dhorku maaliif barbaachisa? Sodaan seera kana wajjin walqabatee jiruu hoo?   

Maalummaa haasawa jibbaa:  Galmeen Jechootaa Kaambiriiji haasawa jibbaa hiika itti aanu kana kenneef.  “Public speech that express hate or encourages violence towards a person or group based on something such as race, religion, sex, or sexual orientation.” Hiiknisaa gabaabumatti kan itti aanuudha.   Haasawa jibbaa jechuun haasawa jibba namtokkee ykn garee tokkorratti xiyyeeffatee addabaabaayirratti dubbatamudha. Akkasumas haasawa walitti bu’iinsa kakaasuudha. Haasofti kun kan bu’ureeffatu, sanyii namaa, amantii, korniyaa, salaafi kanneen kana fakkaataniidha.

Mootummaanis wiixinee labsii Ittisa Haasawa Jibbaafi Odeeffannoo Dogongoraa (https://www.hopr.gov.et/)  keeyyata  2/2 jalatti hiika kenneefira.  Haala kanaan, haasawa jibbaa jechuun haasawa namtokkee ykn garee irratti xiyyeefatee kan saba, sablammiifi ummata, amantii, sanyii, korniyaafi qaama miidhamummaa bu’uura godhachuun haasawa jibbaa, loogiifi jeequmsa kakaasuu jechuu akka ta’e ibsa. Keeyyata 4 jalatti  haasawa jibbaa gochuun seeraan dhorkamuusaa ibsee; keeyyata 7 jalattimoo seera kana cabsuun ittigaafatama yakkaafi hariiroo hawaasaa akka dhaqqabsiisu gaafata. Akka keeyyata 4/2 jalatti eerametti haasawa jibbaa midiyaa biroodkaastiin (radio, TV kkf ), maxxansaafi midiyaa hawaasaan suuraan, sagaleen ykn vidiyoodhaan tamsaasuun dhorkameera.  Seerri torbee darbe raggaasifame kun yeroo dhihootti hojiirra akka oolu eegama. Kunimmoo hawaasa  keenyaafi addunyaa biratti shakkii tokko tokko uumaa jira, mirga dubbachuu irratti dhiibbaa fidaa laata yaada jedhuun.      

Jibba gaggeessun akka aadaa keenyaati akkasumas akka amantii hordofnuutti waan fudhatama qabuu miti. Kitaabni Qulqulluun “nama si jibbe jaaladhu” jedha. Kanaaf haasawa jibbaa gaggeessuun seeranis ta’ee amantiin fudhatama hinqabu. Muuxannoo addunyaas yoo ilaalle biyyi jibbaan ijaaramte kan jaalalaan diigamte hinjirtu. Kanaaf, rakkoo biyya keenya keessatti garmalee daraaraa jiru kana labsii qofaan osoo hintaane duudhaafi aadaa qabnuun, amantiifi naamuusa hordofnuun irratti duullee dhaabuun barbaachisaa.   

 Haala amma biyya kana keessa jiruun jibbi garmalee babal’achaa jira.  Wanti midiyaa tokko tokkoorratti gadi ba’amee dubbatamu nama dhukkubsa. Namni dhuunfaa ni jibbama. Hawaasni ni jibbama. Sabaafi sablammiin ni jibbamu, ni tuffatamu. Midiyaawwan akka carraa ta’ee biyya kanatti eeyyama argatan keessaa hedduunsaanii qaamaafi nama fedhii isaan deeggaran sana fuuldura dhaabbaterratti jibba gaggeessu. Isaanumtuu jibba facaasaa oolanii galgala kan ofii dagatanii qaama biraa jibbaan himatu, qeequ.  

Haasawa jibbaa kan gaggeessu hawaasa bal’aa osoo hintaane qaama baranne ofiin jedhuudha. Anaaf baadiyyaa Tigraay, Amaaraa, Oromiyaafi kanneen biroo osoo deemamee ummanni keenya kanuma duri. Kan dogongorsee gara biraatti hoofu qaama barateefi midiyaa harkaa qabuudha. Kanaaf haasofti jibbaa akka dhaabatu  gochuun kan deggaramuudha. Garuu akkamitti kan jedhurratti garaagarummaan ni jiraata. Labsiidhaan akka dhaabbatu gochuu wayya moo hubannoo uumuudhaan wayya? kan jedhuudha. Hawaasa aadaafi duudhaadhaaf dursa kennuu keessatti irra caala karaa hubanoo uumutiin osoo deemamee gaarii ta’a. Ummata barsiisuufi kaanirratti akka dhiibbaa taasisu gochuun, ogeessota miidiyaa leenjisuun, beektotaafi jaarmiyaalee siyaasaa wajjin marii gaggeessuun bu’aa guddaa fida.

Biyyoota seera haasawa jibbaa qaban: Ameerikaan seera haasawa jibbaa hinqabdu. Heerri biyyattii dhimma kanarratti labsii baasuu nidhorga. Garuu biyyoonni hedduun seera hariiroo hawaasaafi seera adaba yakkamaa keessatti tumanii itti fayyadamu. Kanneen akka labsiitti baasanii hojiirra oolchanis nijiru. Biyyooni seera jibba ittisu qaban kan akka Awustraaliyaa,  Beeljiyeem, Braaziil,  Kaanaadaa, Deenmaark, Chiilii, Yukireeniifi kanneen biroo maqaa dhahamu. Gaafa hojiirra oolchanis ofeeggannoon, akka mirgoota biroo hinsarbinetti. Fakkeenyaaf Awustraaliyaan, loogii sanyii (racism), miidhaa lammiiwwan biyya alaatii koluugaltumnaan itti dhaqan dhorkuuf seera kanatti fayyadamti.

Mirga yaada ofii ibsachuufi haasawa jibbaa:  Dhalli namaa yaadasaa bilisaan akka ibsatu hawaasni addunyaa ni deeggara. Gama kanaan tumaafi waliigaltee adda addaa qophaa’anii biyyoonni irratti waliigalanii akka mallatteessanii seera biyyasaanii keessatti madaqfatan godhmeera. Gama kanaan Tumaa Marlaalee Mirgoota Dhala namaa (Universal Declaration of Human Rights, 1948) akkasumas Waliigaltee Addunyaa kan Mirgoota Siiviiliifi Siyaasaa (International Covenant on Civil and Political Rights, 1966) ni eeramu.  Biyya keenyattis mirgi yaada ofii ibsachuu kun Heera Mootummaa bara 1987 ragga’erratti keeyyata 29 jalatti barreeffameera. Hagam hojiirra oolee kan hundi keenyaa yaada itti kenninu akkasumas kan qo’annoo barbaaduudha.     

 Biyyoonnii sirni dimookiraasii keessatti lateefi kabajama mirga dhala namaatiif qaban mirgi yaada ofii ibsachuufi pireesiitiif bakka guddaa kennu. Mirgoota kanarratti mootummoonni karaa kamiinuu dhiibbaa akka hintaasisne seeraan eegumsa taasisuuf. Fakkeenyaaf Ameerikaan mirga kanarratti seera daangessu kamuu hinbaastu, heera biyyattiitiin waan dhorgameef. Biyyoonni Awurooppaas mirgi yaada ofii miidiyaa kamiinuu ibsachuuf wabii gahaa kennu. Akka madaallii sirna dimokiraasii isa tokkootti fudhatus. Mootummoonni mirga kana wajjin rakkachaa jiran mootummoota  biyyoota guddinni irraa fagaate kan akka biyyoota Esiyaafi Afrikaa akkasumas, Ameerikaa Kibbaati. Biyyi keenyallee akka waliigalaatti mirga kana mirkaneessurratti rakkoo guddaa qabdi; waggoota lamaan taran keessa fooyya’iinsi guddaan jiraatullee.    

 Labsiiwwan sadarkaa addunyaatti bahan akkuma mirgoota yaada ofii ibsachuufi walabummaa piresiif beekamtii kennan, haasofti jibbaa, loogii, sanymmaa (racist) akka nama gaafachisu, sababa walabummaa pireesitiin mirgi qaama biraa akka hinsarbamne tumaawwan ittisan niqabu. Fakkeenyaaf, Waliigaltee  mirgoota Siviiliifi Siyaasaa 1966  irratti keeyyata 20 jalatti  ololli waraanaa, tamsaasni (advocacy) jibbaa, sanyiifi amantii kan loogii, hammeenya (hostility)fi jeequmsa fidan seeraan akka dhorgaman jala muree tumeera.  Kanaaf haasofti jibbaa har’a osoo hinta’in waggaa shantama durayyuu deeggarsa hinqabu.

Seerri ittisa haasawa jibbaa paarlaamaan murteesse kun kan sodaatamuuf inni jalqabaa mirga yaada ofii ibsuufi walabummaa pireesii biyya keenya keessatti biqiluu jalqabe irratti dhiibbaa fida jedhamee waan yaadamuufi. Gama kanaan sodaan kun jiraachuunsaa sirriidha. Muuxxannoowwan biyya kanaa duubatti deebi’amee yoo ilaalamu kanuma mul’isa. Fakkeenyaaf, seera farra shororkeessummaa ilaaluun ni danda’ama. Seerri kun bahuunsaa rakkoo miti, shororkeessummaa yoo ni ittisa ta’e. Garuu haalli hojiirra itti oole suukanneessaadha. Namni yaada faallaa mootummaa qabu hundi seera kanaan kolaafamaa ture. Dhalli  namaa  seera kanaan gidiraa lafarra hinjirre argaa ture. Seerri kun kan sabaafi sablammoota hunda miidhe ta’ullee kan akka ummata Oromoo dhaloota tokko itti gabbare hinjiru.  Kanaaf  seerri ittisa haasawa jibbaa kunis butamee gara farra dimokiraasummaatti akka biyya hingeessine ofeegganoo guddaa gochuun ni barbaachisa. 

Jechumti haasawa jibbaa jedhu kun hiiknisaa bal’aa waan ta’eef wanti nama sodaachisu nijira. Fakkeenyaaf, jechoonni jibbaa (stereotype and prejudice) dhiphoo, shororkeessaa, finxaala, nafxanyaa, oftuultota (chauvinist), kkf sabaafi amantii kam wajjin akka walitti qabatan wanti shakkamu nijira. Kanneen biros hedduudha. Kunniin eessatti ramadamu?  Gaaffiidha. Warri dubbattan itti yaadaa, ana dabalatee.          

Yaada koo haa golobu. Labsiin baheera; garuu labsiin kun mirgoota heeran beekamtii argataniifi seeraan tumaman keessattuu mirga yaada ofii ibsachuufi, yaada ofii qabaachuu (freedom of expression and rights to hold opinion) akka walitti hinbuune qaamni seera kana raawwachiisuufi hiiku of eeggannoo guddaa gochuu qabu.

Torbee gaarii isiniif hawwa   

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  14/2012

Recommended For You

4 Comments to “Labsiin ittisa haasawa jibbaa- Barbaachisummaa, sodaafi shakkii haasoftootaa”

  1. Pingback: sex game

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *