“Beenishaangul Gumuzitti saamichi lafaa bal’inaan raawwatamaa ture” -Obbo Ashaadilii Hasan

Dhimmoota rakkoo nageenya naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz, akkasumas deggarsa buqqaatotaaf taasifamaa jiru ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa pirezidaantii naannichaa, Obbo Ashaadilii Hasan wajjin kutaa qophiisaatti tibbana gaafdeebii adeemsiseera. Guutummaan gaafdeebichaas akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaa naannichatti uumamee ture keessatti hoggantootni olaanaa naannichaa harka qabu jedhamaa kun hamman dhugaadha?

Obbo Ashaadilii: Naannoo keenya keessatti walitti bu’iinsa tureef harki hoggantootaa keessa jiraachuun qulqulleeffameera. Hoggantoota harka keessaa qaban kanneen ammoo seeratti dhiyeessuuf qabatamaatti hojjetamaa tureera. Kanaanis hoggantoota olaanaa iddoo murteessaa taa’anii biyyaafi ummatarratti shira xaxaa turan akka gaafatamaan godhameera. Fakkeenyaaf, hoggantootni bulchiinsaafi nageenya naannichaa gaggeessan rakkoo uumaa waan turaniif tarkaanfiin seeraa irratti fudhatameera.

Bariisaa:  Wayita ammaa rakkoo nageenyaa naannicha keessa ture tasgabbeessuuf ykn iddoo duraatti deebisuuf mootummaan keessan maal hojjechaa jira?

Obbo Ashaadilii: Rakkoolee nageenyaa mul’achaa ture hiiknee iddoo duraatti deebisuuf bulchiinsi mootummaan naannichaa maanguddoota biyyaafi abbootii amantii, akkasumas dargaggoota waliin hojiilee hedduu hojjechuurratti argama. Naannichi bakka jireenyaa sabootaafi sablammoota biyyattiiti. Walitti bu’iinsa uumamaa tureen saboonni hundi miidhamaniiru. Kanaaf, hunduu akkuma baroota darbanii nagaafi jaalalaan waldanda’anii akka jiraataniif konfiransiin nageenyaa  adeemsifamaa jira. Adeemsi kun bu’aa gaarii argamsiisaa waan jirruuf cimee ittifufa.

Bariisaa: Rakkoolee nageenyaa naannicha keessa turan furuuf koomaandi poostiin nageenya naannichaa mirkaneessuuf hundaa’e bu’aa akkamii argamsiise?

Obbo Ashaadilii: Eddii koomaandi poostiin mootummaa federaalaatiin hundaa’e dhufee qe’eefi qabeenyarraa buqqa’uun lammiilee dhaabateera. Daandiin Godina Kaamaashiifi magaalota Oromiyaa kanneen akka Najjoo, Beegiiffaa walqunnamsiisu banameera. Bu’aawwan akka waliigalaatti argamanirratti mootummaa federaalaa qaamni dhimmichi ilaallatu otoo ibsee gaariidha.

Bariisaa: Lammiileen walitti bu’iinsa tureen qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an qabatamaatti hangami?

Obbo Ashaadilii: Lammiileen buqqaafaman kanneen daangaa Oromiyaafi Beenishaangul Gumuzitti wajjummaan jiraachaa turaniidha. Baay’inni lammiilee kanneenii kuma 129 kan gahe yoo ta’u, kan Godina Kaamaashiirraa buqqa’an garuu hanga ammaatti waan hinqulqulloofneef hangana jedhanii eeruun  rakkisaadha. Dhibbantaan 60 garuu sodaarraa kan ka’e gandoota naannoo Oromiyaatiin bulanirraa kanneen buqqa’aniidha.

Bariisaa: Lammiileen buqqa’an haala akkamiirratti argamu? Mootummaanis maal hojjechaa jira?

Obbo Ashaadilii: Lammiilee buqqaafaman kanneen gargaaruuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Keessumaa Godina Kaamaashitti nageenya waaraa mirkaneessuuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru hawaasa waliin mari’achaa jira. Hawaasni godinichaas lammiileen buqqa’an gara qe’eefi qabeenyaasaaniitti akka deebi’aniif gaafataa jira. Kunimmoo hawaasni godina Kaamaashii hangam saboota magaalittii keessa jiraataniif iddoo guddaa akka qaban kan mul’isuudha.

Hangasitti garuu mootummaan karaa Komishinii Oggansa Sodaa Balaa Federaalaafi naannoleetiin deggarsa barbaachisu  dhiyeessaa jira. Kana maddiittis ummattoota lameen gidduutti walamantaa uumuuf tattaaffii olaanaan taasifamaa jira. Bu’aan tattaaffii kanaan argamaa jirus jajjabeessaa waan ta’eef yeroo dhiyoo keessatti kanneen buqqaafaman gara qe’eefi qabeenyasaaniitti ni deebi’u jennee abdanna.

Bariisaa: Qaamoleen walitti bu’iinsa uumuun hawaasa miidhaa turan humnoota gurmaa’aniifi meeshaalee ammayyaa hidhatan ta’uun himamaa tureera. Dhimma kanarratti akkamiin ibsitu?

Obbo Ashaadilii: Dursee karaa miidiyaalee hawaasaa odeeffannoowwan sirrii hintaanee darbaa turuusaanii beekamuu qaba. Fakkeenyaaf, naannicha keessatti akkawaan humnootni gurmaa’anii socho’aniitti odeeffamaa ture soba ta’uusaa hubachuun gaariidha. Garuu dhoksaadhaan qaamoleen ajandaawwan garagaraa bocanii walitti bu’iinsa uumaa turaniifi ammas tattaafatan ni jiru. Isaan kanneenirratti mootummaan tarkaanfii fudhachaa jira.

Bariisaa: Dhimmi namoota walitti bu’iinsa ji’a Waxabajjii darbe keessa Magaalaa Asoosaatti uumameen shakkamanii qabamanii maalirra jira?

Obbo Ashaadilii: Walitti bu’iinsa uumame sanaan walqabatee namootni hedduun shakkiidhaan to’atannoo seeraa jala llfaman hedduudha. Dhimmisaanii qulqulleeffamaa turee  ammaan tana namoota 59 irratti himanni banameera.

Bariisaa: Daddabarsa meeshaalee waraanaa to’achuurratti mootummaan naannichaa maal gochaa jira?

Obbo Ashaadilii: Daddabarsi meeshaalee waraanaa ilaalchisee akkuma biyyaayyuu dhimma yaaddessaadha. Naannoon keenya qarqara biyyaarratti kan argamu waan ta’eef daddabrsa meeshaalee waraanaafi kontirobaandiif mijataadha. Ta’us, mootummaan naannichaa kana to’achuuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa  jira.

Kanarraa kan ka’es yeroo addaddaatti meeshaaleen waraanaa hedduu to’achuun danda’ameera. Qaamoleen meeshaalee waraanaafi kan biroo daddabarsan dhoksaadhaan waan socho’aniif guutummaatti to’achuun ulfaataa waan ta’eef kutaaleen hawaasaa marti tattaaffii mootummaan gama kanaan taasisaa jiru tumsuu qabu.

Bariisaa: Daddabrsa meeshaalee waraanaa caasaaleen mootummaas harka keessaa akka qaban himamaa jira. Akka naannoo keessaniitti wanti irra gahame  jiraa?

Obbo Ahaadilii: Hanga ammaatti meeshaalee waraanaa daddabarsuutiin caasaa bulchiinsa mootummaa naannichaa keessatti waan argame hinjiru.

Bariisaa: Daangaa bulchiinsaatiin walqabatee naannolee tokko tokko jidduutti komii tureeraatii kanaan walqabatee naannoo keessatti waanti uumame jiraa?

Obbo Ashaadilii: Dhimma daangaa bulchiinsaatiin walqabatee ammaaf deebii guutuu ta’e kennuu hindanda’u. Akkuma biyyaattuu gaaffiileen daangaatiin walqabatan hedduun akka jiran nan beeka. Akka naannoo keenyaatti garuu rakkoon dhimma kanaan walqabatee nu rakkise akka hinjirre beekamuu qaba. Ta’us, gandoota daangaa Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz keessatti komiiwwan rakkoo daangaa fakkaatanii ka’an muraasni ni jiru. Kana furuuf ammoo mootummaan federaalaa komishinii tokko hundeessuun hojii keessa waan galeef gaaffiileen akka haaraatti ka’an mootummaa federaalaatiin deebii kan argatan ta’u.

Bariisaa: Haalli hundeeffama naannichaa nageenya waaraa  mirkaneessuurratti dhiibbaa akka fideedha kan himamuutii kanarratti maal jettu?

Obbo Ashaadilii: Yaadni kun irra deddeebiin ka’aa  tureera. Dacheen har’a Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuziin bultu, dur konyaawwan Wallaggaafi Gojjaam keessatti hammatama ture. Kanarraa ka’uun namootni dhuunfaa fedhiifi ejjennoo siyaasaa dhuunfaasaanii geggeessaa turaniiru. Yaadni kun garuu sirna federaalizimii amma biyyattiin hordofaa jirtu kan faallessu waan ta’eef fudhatama kan argatu miti; walitti bu’iinsaafis ka’umsa ta’ee hinmul’anne.

Bariisaa: Qabiyyee lafaatiin walqabatee gama fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuutiin maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ashaadilii: Akkuma beekamu naannoon keenya qabeenya uumamaatiin kan badhaatedha. Keessumaa lafti qonnaa bal’aafi gabbataan waan jiruuf sirnaan ittifayyadamnaan lammiilee hedduuf gaha. Waggoota 20 darban keessa garuu namootni dhuunfaa seeraan ala lafa qonnaa saamaa turaniiru.

Gama biraatiin abbootiin qabeenyaa 600 ta’an seeraan lafa gabbataa fudhataniyyuu kanneen hojii misoomaa keessa seenan garuu daran muraasa. Namoonni maqaa abbootii qabeenyaatiin socho’an tokko tokko lafa saamaati kan turan.

Bariisaa: ‘Saamicha lafaa’ yoo jedhamu maal jechuudha? Akkamiinis raawwatame?

Obbo Ashaadilii: Saamicha lafaa yoo jedhamu, abbootiin qabeenyaa misooma maqaa dhahatanii baankotarraa liqii fudhachuun socho’aa turan. Maqaa misoomaatiin socho’uun lafa ummataafi mootummaa saamaa turan. Kaan bosona ciruun qabeenyi uumamaarraan miidhaa gahaa turan. Kunimmoo qabeenya ummataafi mootummaa saamuurraa adda waan hintaaneef sadarkaa sagarkaan tarkaanfiin akka fudhatamu ta’eera.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa tokko tokko walitti bu’iinsa naannichatti uumamee ture keessaa harka qabu jedhamaa kun hangam dhugaadha?

Obbo Ashaadilii: Sababoota walitti bu’iinsaan walqabatee kallattiilee hundaan yaadolee waldhahan hedduun ni jiru. Hanga ammaatti garuu harka keessaa qabaachuusaaniirratti waanti ragaadhaan mirkanaa’e hinjiru. Ta’us invastarootni saddeet shakkamanii to’annaa seeraa jala jiru. Kanneen biroorrattis qorannoon adeemsifamaa jira.

Bariisaa: Waliigalaan naannichatti miidhaa sabummaarratti hundaa’ee raawwatamu ittisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ashaadilii: Naannoo Beenishaangul Gumuzitti miidhaan sabummaarratti hundaa’ee raawwatamu hinjiru. Bu’uurumarraa yaadni akkanatti ka’u sirrii natti hinfakkaatu. Kunis, walitti bu’iinsotni yeroo baay’ee naannichatti uumaman namoota dhuunfaa lama gidduutti kan uumamuudha. Kana kan sabootaati jedhanii fudhachuun dogoggora guddaadha. Kanaaf naannichi iddoo jireenyaa sabootaafi sablammoota hedduu waan ta’eef duudhaalee waliin jireenyaa itti fufiinsaan barsiisuun murteessaadha. Mootummaan keenyas kanuma hubachiisaa jira.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

Recommended For You

6 Comments to ““Beenishaangul Gumuzitti saamichi lafaa bal’inaan raawwatamaa ture” -Obbo Ashaadilii Hasan”

  1. Pingback: you can try here
  2. Pingback: sex 2024
  3. Pingback: Herbalife business

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *