“JIRTUU!?” Jechi kun seensa dubbii ta’eera; jabana kana. “Ijoolleen Oromoo jirtuu!?” jedhee kan diinatti geerare Haacaaluu Hundeessaati. “Qeerroo jirtuu!?” kan jedhu abbaa qeerrooti. Amma abbaan waltajjiis yoo dhaggeeffataan irratti muge “jirtuu!?” jedhe dammaqsa. Qalbii dhaggeeffataa hawwachuufis “Jirtuu!?” jedhama. Dubbii miidhagfachuufis jechi jalqabaa “jirtuu!?” ta’eera. Kanaafi; anis dubbistoota Gaazexaa Bariisaatiin “Jirtuu!?” jedhee kanan jalqabeef. “jirra!” akka jettan abdiin qaba. Silaa maal taana? “Osoo mortuun mortuu loon horu” jedha Oromoon. Osuma goomattuun waccuu nuti fuulduratti deemaa jirra.
Mee waa isin haa gaafadhu. Torban wacni itti baay’ate kana akkamitti dabarsitan? Yaada waldhahaa uguramuu barattoota Yunivarsiitii Dambii Dolloo? “Hiriira nagaa “nagaa osoo hinta’in jibba labse akkamitti hubattan? Imala tasaa ministiraa muummee gara Asmaraa hoo?
Duula sagantaa beeksifachuu na filadhaa KFO daaw’attaniituu? Rakkoo nagaa ummata Oromoo (kan wallagaa jechuun sirrii miti) maal jettan? Hidhamuu? hiikamuu? Hundeeffama miidiyaa Afaan Oromoo dabalataa- FIB. Dimokraasiniifi mirgoonni dimokraasii gaaffiilee kanneen keessatti ilaalamu. Kanaaf dimokiraasiin maalinni? Maal miti? Gochaawwan torban taraniifi barreeffamoota yaadrimee dimokraasii jiddugala godhachuun yaada koo qabadhee dhihaadheera. Nooruu?
Giriik jecha “dimokraasii” jedhu kana waggaa 2500 dura addunyaaf gumaachite. ‘Demo’ jechuun ‘ummata’ ‘kratos’ jechuun ‘aangoodha’. Jechoonni lamaan yoo walitti dhufan hiika ‘aangoo ummataa’ (peoples power) jedhu qabu. Isinuma yaadachiisuufani malee tana maaltu wallaala.
Waggaa 27f siiviksii barattaniittu, miidiyaan gurra itti duudaa turtan. Dhugaa dubbachuuf dimokraasiin maali? jettanii bulchaa ganda qotee bulaa keenyaa osoo gaafatanii sa’aatii tokkoo oliif isin barsiisuu danda’a. Garuu dubbiin oduun balbaloomsuu miti. Akkamitti hojiirra oolaadha? dubbii hamtuun. Kanaafi warri dura sirnicha diriirse “Democracy may be a word familiar to most, but it is a concept misunderstood and misused” kan jedhaniif.
Dimokraasiin gabaabumatti aangoo ummataa biyya teessoo lafaa seeraan daangeffame jechuudha. Jecha kana balballoomsuu caalaa waan ittin ibsamurratti xiyyeeffachuutu filatama.
Utubaan dimokraasii hedduudha; kan rarraasanii qaban. Isaan keessaa tokko olaantummaan ummataa (sovereignty of the people) kan jedhamuudha. Akkuma beekamu sirna dimokraasii keessatti mootummaa kan muudu ummata. Aangoon sagalee ummataatiin argama malee afaan qawwee keessaa hinbahu. Aangoon Waaq-shuum (elected by god) jedhamus sirna kana keessatti bakka hinqabu. Kanaaf, Abirhaam Liinkon (1809 –1865) mootummaa jechuun “ummataan kan filatameefi ummataaf kan filatame (elected by people for the people) jedhee kan gabaabumatti ibse.
Mootummaa ofii filachuudhaan ummanni Xoobbiyaa carraa qabeessaa miti. Mootummoota tortoroo bara Dargii duraa qawween aangoo qabatanii “Waaqatu nu muude” jedhanii ummata amantiifi sobaan xaxanii ofjalatti dhiitaa turan. Mootummaan Dargiifi Wayyaanees olaantummaa qawweetiin akkatti aangoo qabatan seenaan ni hima; nutis ni beekna. Garaa garummaansaanii inni duraa mootummaa fonqolchee aangoo qabachuufi inni itti aanu gammoojii Daddabiitti bahuun dhiiga namaarra tarkaanfachaa dhufee Araat Kiiloo galuusaati.
Kanaaf; biyya kanatti hanga ammaatti qaamni kamuu kan ummataan; ummaataaf filatame hinjiru. Garuu, barana carraan mootummaa ummata filachuu waan jiru fakkaata. Dammaqina ummataa, haala siyaasaa biyya keessa deemaa jiru, fedhiin mootummaan Doktar Abiyyiifi dhiibbaan hawaasa addunyaa gara mootummaa ummataatti waan nugeessu fakkaata.
Mootummaan ummataa yeroo jalqabaatiif biyya kana keessatti ni hundaa’a yoo jedhamu shakkii malee miti. Nagaa dhabinni biyya keessatti mul’ataa jiru hawwii kana dukkaneessuu danda’a. Tasa mootummaan abbaa irrees ol bahuuf carraa argachuu mala. Walmorkiifi waljala dhaabbachuu mul’achaa jiruun biyyattiinuu waan fokkataa keessa galuu dandeessi. Kanaaf hunda hereguun gaariidha.
Mootummaa ummataa wajjin kan walqabatu filannoodha; filannoo dimokraatawaa kan ummanni fedhiisaatiin kan barbaadeef sagalee kennuufi kan hinbarbaanne sagalee dhorkatu. Filannoo dimokraatawaa keessatti dirqisiisanii of filachiisuun yakka. Korojoo sagaleen itti kenname hatanii sagalee sirrii sagalee sobaatiin jijjirunis yakka yakka caaluudha.
Biyya keenyatti muuxannoon badaan qabnu sagalee hatuufi ummanni kan fedhe akka hin filanne sodaachisuudha. Kunis barana, yoo filannoon jiraate, ni sirrata jedhameeti eegama. Haala amma argaa jirruun kan sagalee hatus, kan hachisiisus; kan dirqisiisee of filachiisus waan jiru hinfakkaatu. Ummanni dammaqeera; of beekeera. Duulli sagantaa beeksifachuu KFOn jidduu kana adeemsisaa ture fedhii ummataa sirriitti agarsiiseera.
Amalli sirna dimokraasii kan biroo yaadama aanga’uu warra danuu, mirgoota warra xiqqishuu (majority rule minority rights) kan jedhamuudha. Yaadamni kun biyya keenyatti haala dogoggoraan hubatama. Aanga’uu warra danuu jechuun sabni baay’inaan hedduu ta’e aangoo fudhatee biyya haa bulchu; warri baay’inaan xiqqoo ta’animmoo isaan jalatti haa bulan jechuu miti.
Sirna dimokraasii keessatti kan filannoof ummatatti of dhiheessan jaarmiyaalee siyaasaati. Jaarmiyaaleen kunniin sagantaa ittiin dorgoman qabu; sagantaa kanaan yoo filataman biyya ittiin bulchan. Jaarmiyaalee dorgoman keessaa kan sagalee caalmaa seeraan murtaa’e argatu mootummaa dhaaba. Mootummaan jaarmiyaan kun dhaabu mootummaa warra danuuti. Warri mo’amanimmoo warra xiqqishuu ta’anii mirgisaanii kabajameefi sagantaa jaarmiyaa mo’ateen bulu.
Dorgommii keessatti baay’inni ummataa faayidaa hinqabu jechuu miti. Jaarmiyaan ummata guddaa keessaa bahu deeggartoota hedduu akka argatu beekamaadha. Sababiinsaas sagantaansaa fedhii ummata sanaarratti waan hundaa’uufi. Kanaafimmoo biyyi keenya fakkeenya gaariidha. Jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun sabaafi sablammii jiddu gala godhatanii sagantaasaanii qopheeffatu.
Biyya keenya keessatti yaadamni bulchiinsa warra danuu, mirga warra xiqishuu jedhu kun hanga har’aatti hojiirra hin oolle. Filannoon dimokiraatawaanis adeemsisamee hinbeeku; hanga hubannoo kootti. Garuu filannoon sobaa bara Wayyaanee keessatti yeroo shan adeemsisameera.
Filannoo sobaa kanaan kan mo’ataa ture ADWUI ta’ullee kan biyya bitaa turte Wayyaaneedha. Filannoodhuma sobaa bara 2007tti Wayyaanen sagaleefi bakka bu’iinsa xiqqashuu qabdi. Paarlaamaa keessa teessoon wayyaanee 23. Jaarmiyaan maqaaf Oromoo bakka bu’e teessoo 180 qaba. Kan Amaaran bakka bu’e jedhus teessoowwan 138 qaba. Garuu waggaa 27f sammuu biyya kanaa kan gara fedhetti naannessaa turte Wayyaaneedha. Kanaaf dubbiin dimokraasii biyya keenyatti waljala miliqxee aangoo warra xiqishuu, kabajama mirgoota warra danuu ta’e; inumaayyuu yoo mirgi jiraate. Filannoo baranaa kanatti garuu wanti kun akka fooyya’u ummanni ni abdata.
Utubaan sirna dimokraasii kan biraa seerna bitamuu (rule of law) kan jedhuudha. Jechi “olaantummaa seeraa” jedhu kun akkuma dimokraasii gurra nu duuchaa bahe. Garuu biyya kana keessa olaantummaan seeraa tureeraa? ammas jiraa? Gama kanaan wanti xixiqqoon waggoota lamaan darban keessa fooyya’an jiraachuu malu.
Olaantummaa seeraa gaafa jedhamu seerri namaa oli jechuudha, namnimmoo seeraa gadi. Kanaaf olaantummaan seeraa aangoon nama hinqoodu. Qabeenyaan nama wal hincaalchisu. Halluu namaatiin logii hingodhu. Ministira muummee, pirezidaantii, qonnaan bulaan seera fuulduratti qixxeedha. Hundumtuu seeraaf abboomamuu qabu.
Kun akka yaadaatti dhugaadha. Garuu; biyya keenyatti kan odeeffamu malee hojiirra oolmaasaa agarree hinbeeknu. Kan aangoo harkaa qabu kan seera malee nama ajjeesuufi kolaasu, kan dhaanee booyicha nama dhorku, kan seeramalee nama hidhuudha. Ammas bakka tokko tokkotti wanti akkasii mulachaa jira. Ummanni garuu, kan seeraan nama bitu osoo han taane kan seeraan nama bulchu barbaada.
Walabummaan yaada (freedom of expression) ibsituuwwan sirna dimokiraasii keessatti bakka guddaa qaba. Walabummaa seeraa jechuun kana. “freedom of expression is the right of every individual to hold opinions without interference and to seek, receive and impart information and ideas through any media and regardless of frontiers” (Universal Declaration of Human Rights 1948.) Hiiknisaa kana. Namni kamuu yaada ofii qabaata; akkanati, akkasitti yaadi kan jedhuun hin jiru. Miidiyaan kamuu odeeffannoo barbaaduu, argachuufi tamsaasuuf mirga qaba. Kanaaf lafti isa daangessu hinjiru.
Hiikni tumaa addunyaa kun heera amma hojiirra jiru keeyyata 28-29 irratti maqaaf taa’eera. Dhugaan lafa jiru garuu kan biraati. Faallaa tumaa kanaan namni waan yaadeef, waan dubbateef ajjeefamaa, kolaafamaa, tumamaa, hidhamaa tureera. Gaaazexeessitoonni hedduun umuriisaanii hedduu mana hidhaatti akka dabarsan ta’eera.
Gama kanaan jidduu ‘girri-girrii’ kana wanti fooyya’aan jira; kun hinhaalamu. Mootummaan Doktar Abiyyis galata itti qaba. Amma namni yaadasaa bilisaan ibsachaa jira. Miidiyaaleen hedduun hojii keessa jiru, kuun hundeeffamaa jira. Hojiisaaniis gulaallii (sensorship) tokko malee hojjechaa jiru. Ittigaafatamni isaan qaban ittigaafatama seeraafi ummataa qofaadha. Jalqabbiin kun jajjabaachuu qaba. Akka amala biyya kanaa yeroo ce’umsaa mul’atee bubbulee kan karri itti cufamu ta’uu hinqabu.
Agarsiistuu dimokraasii keessaa mirgi walitti qabamuu, mirgi gurmaa’uu, hiriira bahuu kanneen eeramaniidha. Mirgoonni kunniin baroota dheeraaf ugguramanii turaniiru. Amma garuu karri jalaa saaqamaa jira. Waggoota lamaan taran hiriirri daangaa dhabee hanga yaadama mirgichaa keessaa hanga bahutti deemeera, kan torbee kana agarres kanuma.
Yaadamni hiriirri itti waamameefi dhaadannoon qabatamee bahe wal-hinsimu. ‘Fokkori’ ture mallattoo sirna dimokraasii natti hinfakkaatu. Akka ejjannoo kootti shamarran ugguraman jedhaman yoo dhuguma ta’e gocha kana hindeeggaru. Yoo bu’aa siyaasaatiif jedhamee raawwatames sirrii miti. Hiriira bahanii maqaa sabaa balleessuunis sirrii miti. Kanaafi, dimokraasiin olaantummaa seeraa kabajuu qaba kan jedhamuufi.
Yaada koo yaada hayyuu siyaasaa tokkotti hirkadhee haa golobu. Laarii Diyaamandi, hayyuu siyaasaa beekamaa Ameerikaa, dimokraasiin waan afuriin akka lafa qabatu barsiisa. Kan jalqabaa, filannoo bilisaafi madaalawaa (free and fair election)dha.
Kanneen ittaanaan, hirmaannaa ummataa si’oomina qabu, eegumsa mirgoota dhala namaatiif taasisamuufi olaantummaa seerati. Qabxiiwwan kunniin adda baastuu mootummaa firaafi farra dimokiraasiiti
Torban nagayaan isiniif hawwa.
Dachaasaa Rorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
10 Comments to “Gochoota firaafi farra dimokraasii”