Gaaffii ummataa dafee deebii barbaadu

Faranjoonni wanti tokko gaafatamee deebiinsaa yoo ture; ”Justice delayed is justice denied” jedhu. Haqni bubbulte haqa didamte jechuudha. Kuni gaaffii ummata Oromootiif kan hojjatuudha. Ummanni kun gaaffii hedduu qaba. Tokkoffaan gaaffii daangaati. Daangaan Oromiyaan sabaafi sablammii wajjin qabu karaa seenaa, qubannaa ummataa, aadaafi afaan jiddugala godhateen deebii akka aragtu yeroo dheeraaf gaafatamaa ture. Walloon naannoo Amaaraa keessatti zoonii tokko ta’ee foxxoqee hafuun sirrii akka hin taanee gaafatama. Haalli ummanni kun ummata dhalootaasaatti makamu falli akka dhahamu iyyanni dhihaata.    

Oromoon magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaarratti gaaffii addaa qaba. Gaaffiin kun gaaffii faayidaa miti; gaaffii abbaa biyyummaati. Gama kanaan dhugaan hin haalamne ni jira. Dhugaadha, magaalonni lamaanuu mana sabaafi sablammiiti. Garuu abbummaansaanii kan Oromooti; seenaanis ta’ee seeraan; kun haqa. Garuu Wayyaaneen maqaa “Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Dirree Dawwaa” jedhu itti moggaastee chaartaraan akka bulan murteessiteetti. Kun tooftaa magaalota lamaan Oromiyaarraa qooduuf qophaa’eedha.  

Gaaffiin sadaffaa gaaffii Afaan Oromoo wajjin walqabateedha. Ummanni Oromoo Afaan Oromoo akka afaan hojii mootummaa federaalaa ta’u gaafachuu kan jalqabe har’aa miti; bubbuleera. Mootummaan garuu gaaffii kanaafis hanga ammaa deebii hinlaanne. Gaaffiin ummataa kun rurruuqamaa jira; miliqfamee bira taruuf ni yaalama. Kunimmoo nama hin  baasu. Gaaffiin kun yeroo ammaa ajandaa fillannoo ta’ee sagalee nama dhabsiisuu ykn argachiisuu ni mala.   

Yeeroofan kana kaase malee Oromoon gaaffilee hedduu qaba. Kaan yeroo biraan itti debi’a. Har’aaf kanan irratti xiyyeeffadhu dhimma Afaan Oromooti.

Itti fayyadama afaanii wajjin walqabatee wantoonni ijoo ta’an lamatu jira. Imaammata afaaniifi karoora faanii (language policy and language planning) kan  jedhaman. Imaammanni afaanii haala itti fayyadama afaanii wajjin kan walqabatuudha. Mootummaan afaanii itti fayyadamu kan toora itti qabsiisuudha. Biyyoota afaan hedduu qaban keessatti gaaffiin  fayyadama afaanii imaammata kanaan deebi’a. Karoorri afaaniimmoo yaadama imaammata afaanii wajjin kan walqabatu ta’ee xiyyeeffannaasaa haala afaan itti guddatu, babal’atu, qubeeffamu, baratamu,  waalta’uufi kkf irratti.

Imaammata afaanii wajjin walqabatee yaadamniafaan biyyoolessaa (national language) fi afaan hojii (working language) jedhutu jira.  Mootummaan afaan biyyoolessaa hordofu afaan isa filatameen ala jiraniif beekamtii seeraa hinkennu. Motummaan kun falaasama afaan tokko, biyya tokko jedhu kan hordofu ta’ee  afaan filatame kun guddinaafi tokkummaa biyyaa fida jedhee yaada. Dhugaan lafarra jirummoo falaasamni kun dhugaa akka hintaane mirkaneessa. Afaan ykn afaanonni hojii kan mootummaan federaalaa ittiin hojjatu, kan ummata jidduutti wal-quunnamsiisu jechuudha. Afaan, afaan hojii ta’ee filatamu pirotokoolii addaa hinqabu. Afaan tokko ykn lamaafi isaa olirree ta’uu danda’a.

Bara 1983 eegalee imaammanni afaanii biyya kanaa hanga tokko fooyya’eera. Caartara mootummaa ce’umsaa keeyyata 2 jalatti sabniifi sablammiin biyyattii afaan filatanitti fayyadamuu akka danda’u tumeera. Heerri mootummaa bara 1987 ragga’es keeyyata 5 jalatti walqixxummaa afaaniif beekamtii kenneera. Kuni seenaa biyyattii keessatti waan haarawaadha. Heerri kun Afaan Amaaraa qofa Afaan hojii mootummaa akka ta’u tumeera. Hanqinni Heera kanaa inni guddaan isa kana. Biyya afaan guguddaan dubbattoota hedduu qaban jiranitti afaan kana qofa afaan federaalaa taasisuun sirrii hinturre. Yoo xiqqaate Afaan Oromoof xiyyeeffannaa kennuutu irra ture.

Maaliifi? Afaan Oromoo afaan Amaara caalaa dubbattoota afaan ittiin hiikkatan waan qabuufi. Kunimmoo qo’annoon baranaa osoo hin ta’in kan bara sanaatiin mirkaneessuudha. Hayyuun Wandawasan Taamiraat jedhamu   qo’annoo mata dure “Issues in Ethiopian Language Policy and Education 2010 (ALG)” jedhamuun dhugaa jiru ifa baaseera. Qo’annoon kun kan waabeffate ragaa  Biiroo Ummataa  Biyyoolessaa (National Office of Population) kan bara 1993 (ALG)tti. Bara Oromoon hedduun hindammaqin sana.  Akka ragaan kun ibsetti,  ummata biyyattii bara sanaa keessaa miliyoonn 15.48 ykn %29.1 Afaan Oromootiin afaan hiikkate. Kan Afaan Amaaraan afaan hiikkate  miliyoona  15.06 ykn %28.3 dha. Kan Afaan Tigree afaan dhalootaa ta’e miliyoon 5.16 ykn %9.7dha. 

Haala ragaa kanaan silaa afaan Amaaraa caala Afaan Oromoo afaan federaalaa ta’a ture. Dhugaa jiruun yeroo sana afaan amaaraa guddinaan Afaan Oromoo hedduu caala.  Garuu afaan federaalaa 2fa ta’uuf kan afaan kana dura filatamu hinturre. Dhiibbaa jaarraa tokkoo olii dandamatee Afaan Oromoo naannoo biyyattii hunda keessatti dubbatama ture. Osoo sammuu qajeelloon jiraatee Afriikaa bahaa keessatti  biyyoota akka Sumaalee, Keeniyaa, Jibuutiifi kan kan fakkaatan keessatti dubbatamuunsaas  akka xiyyeeffannaa argatu taasisa. Garuu mootummaan wayyaanee yeroo sanatti kana gochuu hinbarbaanne; akkuma akaakayyuunsaanii Atsee Yohaannis bara aangootti dhufan  Afaan Amaaraa filatan.  Yeroo sanatti Oromoo keessaayis qaamni ciminaan Afaan Oromoo akka Afaan federaalaa ta’u  falme waan ture natti hinfakkaatu. Silaa dubbiin amma mootummaa dhiibaa jiru kun bara sana  furmaata argata ture.

Wanti hubatamuu qabu yeroo sana bira tarame jedhamee amma “hin ta’u” jechuun akka hindanda’ameneedha. Kanaaf mootummaan gaaffi ummataa kanaaf fala barbaaduu qaba.  Sababiinsaas  ummanni Afaan guddaa kana qabu manneen hojii federaalaa keessattis Afaan Amaaraatiin dubbachuuf dirqamuu hinqabu. Turjumaanaan dhimmasaa akka raawwachiifatu irraa hin eegamu.  Hunda caala ijoolleen Oromoo sababa afaan hinbeekneef hojii mootummaa federaalaa keessaa dhiibbamuu hinqabani.  

Afaan hedduu afaan hojii gochuun muuxannoo addunyaarra jiruudha.   Fakeenyaaf; Siwiizarlandi afaan biyyaalessaa  sadii qabdi: Afaanota Jarman, Faransaay, Xaaliyaanii.  Hindi federeeshinii hunda keessatti Afaani Hindiifi Afaan Ingilizii akka afaan hojiitti itti fayyadamti.  Kaanadaan Afaan Ingiliziifi Afaan Farasaayii affaan  hojii godhattee ittiin hojjechaa jirti. Naayijeeryaatti  Ingiliffi afaan hojii ta’ullee Afaan Yoruubaa, Hawusaafi Igboo afaan paarlaamaa biyyattii ta’aniiru.  Ollaa keenya, Suudanitti Afaan Arabaafi Afaan Ingilizii afaanota beekamtii mootummaa argataniidha. Fiinlaandi keessatti Afaan FiinishiifiAfaan Siwidish afaan hojii mootummaati. Haala kanaan biyya Afaan gara 80tti tilmaaman jiran keessatti afaanota dubbattoota hedduu qaban afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuun rakkoo maalii qaba?   

Rakkoon jiru imaammata Afaanii biyyattiin hordofaa turterraa kan madduudha. Bara bittaa Atsee Teedroosirraa eegalee Abisiniiyaan Afaan Amaaraa Afaan mootummaa akka ta’u fudhachuushii seenaan ni ibsa; imaammata barreeffamaan taa’e ta’uu baatus.  Afaan Amaaraa Afaan Biyyaalessaa taasisee kan tuma mootii Haayila Sillaaseedha; heera mootummaa bara 1948 baherratti.  Innis gochaa Xaaliyaaniin jalqabde seeraan diiguuf kan tumameedha. 

 Xaaliyaaniin bara Xoobbiyaakeessa waggaa shaniif turte Imaamata afaanii gaarii baaftee turte.  Qo’annoo “The Ethiopian Language Policy: A Historical and Typological Overview’” jedhu  hayyuu Zalaaleem Liyewu  jedhamu akka barreessetti; bara sana Afaan Oromoo, Amaaraa, Tigree, Sumaalee, Kafichoofi Araba Xoobbiyyaa keessatti afaan hojiifi barnootaa ta’anii turan. Haala kanaan, Eertiraan Afaan Tigreefi Afaan Arabaa akka fayyadamtu ta’e. Amaaraan Afaanumasaa akka fayyadamu ta’e.  Finfinneen Afaan Oromoofi Amaaraan akka hojjattuufi barnoonni kennamu murtaa’e. Harargeef Afaan Oromoofi Afaan Harariitu kennameefi. Sidaamootti Afaan Oromoofi Afaan Kafichootti akka fayyadaman seerri tumame.

Mootummaan Hayilasillaasee silaa kana  imaammata kana itti fufsiisuu qaba ture. Garuu warri humnaan biyya dhuunfatee ture akkuma aangotti deebi’aniin imaammata kanarratti duulani.  Xaaliyaaniin sirriidha jedhanii fudhachuurra maqaa xureessan. “Biyya afaaniin addaan qooddee Xoobbiyaakoloneeffachuufi” jedhanii abaaran. Dafanii seericha diiganii afaan Amaaraa afaan biyyaalessaa jedhanii moggaafatani. Imaammanni dabaan biyyattii  amma raasaa jiru kan yeroo sanakan  jalqabeedha.   

Waggaa 30 booda  bara 1983 imaammanni Xaaliyaanii hanga tokko hojiitti deebieera; qabsoo ummataatiin.  Garuu gaaffiin Ummata Oromoo ammas guutuutti deebii hin arganne. Finfinneen bara sana Afaan Oromoofi Amaaraa walbira fayyadamaa turte keessatti bara qaroominaa kanallee Afaan Oromoo ofitti fudhachuu dadhabuunshii imaammanni dabaan duraa sun ammallee  hiddisaa kan hin buqqaane  ta’uu agarsiisa. 

Rakkoon biyya keenyaa  inni guddaan rakkoo yaadama olaantummaafi “anatu caalaa” irraa kan madduudha. Wayyanenis gaafa heera mootummaa kana tumtu afaan hojii mootummaa federaalaa baay’isuu ni dandeessi turte. Garuu Afaan Tigiree dubbattoota murasa qofa waan qabuuf dhimma kanatti bu’uu hin barbaanne. Afaan Oromoo akka guddatu fedhii hinqaban ture.; giddumaan harkasaanitii ba’e malee. Duubnisaanii Abisiinyaa ta’uunsaanillee dagatamuu hinqabu.   

Akka waliigalaatti gaaaffiin afaanii biyya keenyatti gaaffii siyaasati. Kanaaf deebii siyaasaa barbaada.  Paartiin Badhaadhinaa  Afaan shan jechuunis Aaan Oromoo, Amaaraa, Tigree, Sumaaleefi Afaar afaan hojii federaalaa akka taasisu sagantaa siyaasaasaa isaa keessatti ibseera. Dhaabbileen Oromoo kanneen biroos yoo filannoo moo’anne Afaan Oromoo Afaan mootummaa federaalaa taasisna jechaa jiru. Yaadamni gaarii ta’ee anaaf dhimmi afaanii dhimma paartii ta’uu hinqabu.  Paartiin tokko gaaffa aangoo argate kan hojiirra oolchu, kan biraa gaafa aangoo gadlakkisu kan hafu ta’uu hinqabu. Dhimmi kun heera mootummaa wajjin kan walqabatuufi paartiin kamiyyuu aangoo korus bu’us  kan hinjijjiramne ta’uu qaba. Dhimmi kun heera mootummaa fooyyessuu barbaachisa yoo ta’es dafee itti deemamuu qaba. Gaaffiin ummataa dafee yoo deebii dhabe rakkoo biraas fiduu akka danda’u mootummaan hubachuu qaba. 

Nagaa ta’aa.

Recommended For You

4 Comments to “Gaaffii ummataa dafee deebii barbaadu”

  1. Pingback: Eeveve

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *