Har’a mata dureen koo filannoodha. Filannoon waggaa shaniin marsee deebi’u akka heera biyya keenyaatti barana gaggeeffama. Boordiin filannoo hagam filannoo kana gaggeessuuf qophaa’e? Jaarmiyaaleen siyaasaa filannoo kanaaf qophiidhaa? Nuti hoo? Filattoonni jechuu kooti. Gaaffilee kanneeniif ani deebii hin qabu. Garuu akka heera mootummaarratti tumameen filannoon barana nigaggeeffama; dhuma ji’a Eblaa ykn ji’a Caamsaa keessa.
Dhimma filannoo baranaatti osoon hin ce’iin waan tokko tokkon isin yaadachiisa. Seenaan filannoo biyya keenyaa maal fakkaata? Barreeffama Boordiin Filannoo Xoobbiyyaa bara 2014ALG baase tokko dubbisaan ture.
Biyya Xoobbiyaatti filannoon jalqabaa, yoo filannoo ittiin jenne, kan adeemsisame bara 1911tti. Bara kana paarlaamaa lama kan aangoo adda addaa qabutu ture. Inni tookko Mana Maree Gadaanaa ( house of deputies) kan jedhamudha. Inni lammeessoon Mana Maree Olaanaa (house of senate) jedhamee kan moggaafamedha. Hanga bara 1948tti (bara Xaaliyaanii addaan citeera) miseensonni mana maree lamaanuu Mootichaan filatamu ykn muudamu ture. Yeroon hojii miseensotaas kan daanga’e miti.
Filannoon fooyya’aan kan adeemsifame bara 1948tti; fooyya’insa heera mootummaa bara 1945rratti hundaa’eedha. Bara kana manni maree gadaanaa kan teessoo 210 qabu filannoon akka guutamu ta’e; akka duraa muudama mootichaan ta’uu dhiise. Manni maree olaanaa garuu muudamaan itti fufe. Bara sana paartii dorgomaa wanti jedhu hin turre. Namni dhuunfaan dorgomaa ture. Naannoon filannoo (constituency) nama sagalee kennu (eligible voters) 200,000n kan qoodame ture.
Naannoon kun bakka bu’aa nama lama filata. Filannicharratti kan dorgomu nama qabeenyaa qabudha; maallaqa ykn qabeenya hin sochoonen kan shallagamee ammisaa beekameenidha. Kanarraa kan ka’e hiyyeessi haaluma kamiinuu filannoo kana dorgomuu kan hin dandeenye yoo ta’u akka fooyya’insaatti kan ka’u yoo jiraate miseensi paarlaamaa waggaa afur afuriin akka filatamu ta’uusaati.
Filannoon kun madaallii filannoo dimookiraatawaa akka hin guunne beekamaadha. Garuu hanga tokko sirna ture wajjin yoo ilaalame jalqabbii gaariidha.
Bara Dargiis filannoon tureera; filannoon sirna soshaalizimii wajjin deemu. Filannoon kun bara 1979 adeemsifameera. Filannicharratti akka bara mootichaa namni dhuunfaan hin dorgomne; paartii tokko bakka bu’anii dorgomaa turan. Paartiin kunis paartii hojjattoota Xoobbiyaa(PHO) kan jedhamudha.
Filannicha dargiin alatti kan filamus ta’e kan dorgomus hin turre . Kan dorgome paartii tokko; Kan moo’ates paartii tokko. Namoonni ilaalcha siyaasaa fi kaayyoo tokko tokko qaban filannoof dhihaatanii, kan paartiin jaalate ummanni akka filatu taasifamaa tureera. Filannoo kana filannoo fakkeessituu jedhanii bira taruu wayya.
Dhugaa dubbachuuf seenaa biyya kanaatti filannoon fooyyee qabu, miliqqeewwan qabaatullee, kan bara bittaa sirna ADWUI keessa adeemsifamanidha. Maaliif? Jechuu dandeessu ;Bara kana paartiileen sagantaa ofii qabaatan hedduun turaniiru; burjaajessitoonni akkasuma. Heerri mootummaa ijaarameera; heera kanarratti hundaa’uun labsiin Filannoo tumameera. Boordiin filannoo seeraan dhaabbateera. Haala kanaan filannoon shan bar 1987, 1992,1997, 2002, 2007 osoo walirraa hin citiin adeemsifameera.
Filannoo ADWUI keessaa kan bara 1997 adda. Filannoo biyya kanaattis ta’ee filannoo ADWUI gaggeesse keessatti filannoo fooyya’aa sirni dimokiraasii keessatti hanga tokko calaqqiseedha. Xumurrisaa garuu gaarii hin turre. Wayyaaneen waadaa gantee filannichi fashalaa’eera. Sababa kanaan lubbuu namoota hedduu galaafatameera; biyyattiinis balaa keessa buutee ture. Filannoo kanaan booda warri ADWUI faallaa sirna filannoo dimokiraatawaatti balbala cufaniiru.
Filannoon bara 2002fi 2007 adeemsifame gonkumaa faallaa sirna dimokiraasitiin goolabamanii ummatas abdii kutachiisan; qeerroo qabsoo biraatiif kakaasan. Filannoowwan biyya keenyaa, gabaabumatti, filannoo muuxannoo gadhee malee muuxannoo gaarii hin qabne jedhee goolabuun barbaada.
Baranas Filannoon gaggeeffamuufi. Akkuman sila kaase, yeroo xiqqootu nu hafa. Kanaaf muuxannoo gadhee turerraa maal barannee filannoo gaarii, dimokiraatawaa ta’e gaggeessina? gaaffii jedhu walgaafachuun barbaachisaadha. Sababiinsaas muuxannoo gaarii qofarraa osoo hin taane muuxannoo gadheerraayis wanti baratan waan jiruufi.
Haala amma jiruun filannoodhaaf qophiin adda addaa waan jiru fakkaata. Paartileen morkattootaa, paartiin biyya bulchaa jiru, maqaa jijjiirratee, sochii adda addaarratti argamu. Qilleensi filannoollee ho’aa jira.
Gama paartii biyya bulchaa jiruun, kan dura ADWUI jedhamu kan amma Paartii Badhaadhinaatti (PB) maqaasaa jijjirrateen, qophiin taasifamaa jiru wanta namatti muli’su qaba. Humna cimaafi sagantaa addaa qabatee filannootti kan deemu fakkaata. Paartichi Jaarmiyaa abbaa irree kan turte, ‘TPLF’ paarticharraa of hir’isteetti.
Gama biraatiin jaarmiyaalee naannolee xixiqqaa ofitti baqseera. Naannoo Afaar, Gaambeellaa, Somaalee, Beeniishaangul Gumuziifi Harariirraa jaarmiyaalee waggoottan 30 darbaniif naannoosaanii bulchaa turan Paartii badhaadhinaatti of baqsaniiru. Kanaaf, PB aguuggii lafaatinis ta’ee baay’ina jaarmiyaalee walitti baqaniin paartii guddaa filannicha moo’achuuf dorgommii guddaa taasisu ta’ee mul’ataa jira. Kun filannoo baranaaf waanta haarawaadha.
Gama biraatiin paartileen morkattootaas hanga humnaa carraaqaa jiru. Haala amma itti of ijaaraa jiraniin morkattoota cimaa ta’anii bahuu danda’u. Gama tokkoon paartileen sirna waalta’aa (unitary system) ijaaruuf ofqopheessaa jiran gama biraatiin jaarmiyaaleen sirna federaalaa leellisan haalli sochiisaanii miiraa filattootaa harkiseera. Kanaaf filannoon baranaa yoo akka yaadamaa jirutti adeemsifame dorgommii cimaa akka qabu beekuun ni dandahama.Seenaa filannoo biyya kanaa keessatti boqonnaa haarawaa uumuullee danda’a.
Asumaan sochii jaarmiyaalee Oromoo xuqee kan biraatti haa darbu. ODPn paartii Badhaadhinaan walitti baqeera. Jaarmiyaaleen Oromoo kuun qophiisaanii cimsaa jiru. Naannoo Oromiyaa keessattis ta’ee akka biyyaatti filannicharra aanuu akka barbaadan qophiinsaanii wanta eeru qaba. Fakeenyaaf; ABOn dhaabbilee isa fakkaataniifi kaayyoo mootummaa federaalaa deeggaran waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’eera. Akkuma PB jaarmiyaan kunis naannolee ollaarratti xiyyeeffachuunsaa wanti agarsiisu jira. Haaluma walfakkaatuun KFOn rogeessa beekamaafi xinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad miseensa godhachuunsaa hagam of cimsuuf akka qophaa’e mul’isa.
Dorgommii mooraa jaarmiyaalee Oromoo keessatti wanti nama sodaachisu tokko garuu ifaan ifatti mul’ata. ODPn duraanii (kan amma Badhaadhina damee Oromiyaa taate) ABOfi KFO jaarmiyaalee Oromoo humnaafi deeggartoota guddaa kan qabaniidha. Jaarmiyaaleen kunniin yoo gara tokkotti dhufuu baatan sagalee ummata Oromoo garmalee qoqqoodanii ummanni kun injifannoo ala akka hin taane sodaachisa.
Kunimmoo qabsoo ummatichaa haala gadheedhaan duubatti deebisa. Kanaaf asumaa achi dafanii itti yaaduun barbaachisaadha. ABOnifi KFOn yoo dhuguma ummataa kanaaf dhaabanne jedhan walitti baquu ykn qindoomina uumanii deemuu qabu. Haala kanaan dorgomaa cimaa ta’uu ni malu. Kanaan ala ummata kufaatii keessa akka hin galchine sodaan ni jira. Yoo danda’ame ODPnillee itti makamuu qabdi. Tokkummaan humnaafi injifannoo waan ta’eef.
Oduun jidduu kana midiyaa hawaasaarra marmaartu ABO, KFOfi PBO yeroo dhihootti akka walitti qindaa’an addeessaa jirti. Kun dorgommii mooraa jarmiyaalee Oromootiif misraachoo tokko. Tarii jaarmiyaalee kunis isaanitti makamuu danda’u. Maalumaafuu, akka yaada kootitti, jarmiyaaleen Oromoo yoo gara tokkotti qindaa’uu baatan gidiraan ummata kanarra gahu kan ittifufuu ta’a.
Yoo aangoo ofii dhiisanii ummata jiddugala godhatanii kan socho’an ta’e garuu carraa Oromoo dhiisaa kan ummata Xoobbiyaatuu isaan harka jirti. Kanaaf qindoomanii ummata gidiraa keessaa baasuu ykn gandoomanii ummata Oromoo waanjoo gabrummaa kan bara biraatiif saaxiluun itti gaafatama seenaa bara baraa fudhachuudha.
Gama biraatiin jaarmiyaaleen humna cimaa horachaa jiran jarmiyaalee farra federaalizimiiti. Gama kanaan Jaarmiyaan IZEMA jedhamu kan Biraanuu Naggaatiin hoogganamu humna cimaan of qindeessee bahuudhaaf kan tattaafatudha. Paartiin kun paartii buleeyyiifi muuxannoo siyaasaafi birokiraasii bara dheeraa qaban ja’aan kan ijaaramedha. Paartiin kun dorgomaa cimaa filannoo bara kanaa kan biraati.
Akkuma waliigalaatti, filannoon adeemsifamuunsaa Boordiin Filannoo sagantaasaa wajjin jala muree ummatatti himuu baatullee sosochiin dhaabbilee siyaasaa garmalee hoo’aa jira. Walitti baquu, walitti qindaa’uufi waliin hojjechuuf waliigalteen jaarmiyaalee siyaasaa jidduutti deemaa jiru kun tarii filannoon dimokiraatawaan yeroo jalqabaaf biyya kana keessatti adeemsifamee seenaan haaraa galmaa’uu danda’a abdii jedhu namatti horaa jira. Gama kanaan kakuuniifi waadaan muummichi ministeraa filannoo dimokraatawaa, haqa qabeessaafi bilisa ta’e biyyattii keessatti gaggeessuuf galan kan abdii namatti horudha.
Qophiin filannoo haala armaan olitti eereen gaggeeffamaa jiraatullee wanti nama yaaddessummoo maddiin ni jira. Filannoo bilisafi dimokraatawaa adeemsisuuf waan hunda dura nageenyi barbaachisaadha. Gama kanaan haala biyya keessa jiru yoo ilaalan wanta hedduutu nama sodaachisa. Abdiin akkuma jiru sodaanis haala walqixa ta’een ni jira.
Baruma kana keessa sababa nageenyaatiin balaawwan guguddaan mudachuusaanii kan dagatamu miti. Ummata sabaan adda qoodanii walitti buusuuf yaaliin qaama dhokataadhaan taasifamaa ture lubbuu namoota hedduu nyaateera. Lammii biyyattii amantaan adda qooduun akka walfixan shirri xaxamaa jirullee sodaa biraati. Masjiidaafi bataskaana gubanii ummanni akka amantaan walitti bu’u taasisuun nageenya biyyattii jeequufi.
Balaan yunivarsiitiiwwan keessatti uumamaa jirus rakkoo dabalataa yaaddoo ta’aa jirudha. Naannolee akka Oromiyaafi Amaaraa keessa hidhattoonni meeshaa qabatanii bosona keessa jiranillee nagaafi tasgabbii akkasumas adeemsa filannoorratti dhiibbaa guddaa uumu sodaaan jedhus jira. TPLF qophaatti of baasuunshiillee, shirri xaxaa jirtus filannoof danqaa guddaadha.
Kanaaf haalawwan kana keessatti gaaffiin tokkoffaan filannoon adeemsifamuu danda’aa?gaaffiin jedhu qaamolee hedduurraa ka’aa jira, jaarmiyaalee siyaasaa dabalatee. Gama biraatiin osuma filannoon adeemsifameyyuu haala kana keessatti filannoon adeemsifamu bilisaafi haqa qabeessa ta’aa? kan jedhus jira. Gama biraan Jarmiyaaleen filannoon adeemsifamuu baannan tarkaanfii birootti ceena jedhanii dhaadatanis jiru. Kana hunda walitti ida’uun filannoon bara kanaa gama tokkoon abdii gama biraan sodaa kan namatti horudha.
Maalumaafuu, akkuman seensarratti xuquuf yaale, ummanni filuufi filatamuuf mirga qabu martii kamiyyuu qophiin eeguu qaba. Gaafa filannoon gahe ofiif ofirratti filachuuf.
Torban gaarii
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
4 Comments to “Filannoofi qophii, sodaafi abdii”