Shira fashaleessuun tokkummaa ummataa jabeessuu gaafata

Ummanni Oromoo saba guddaadha. Guddinnisaa Xoobbiyaatti kan daangeffamee miti;  akka addunyaatti yoon jedhu ragaadhaani. Ummata Xoobbiyaa amma gara miliyoona 112 tti tilmaamamu (Tilmaama Baankii Addunyaati) keessaa %35-40 akka ta’u ragaaleen dhugaa bahu.

Kan hanga %50tti olfageesanillee ni jiru. Isuma xiqqaa %40 yoo fudhanne  lakkoofsa ummata kanaa gara miliyoona 45 oliidha. Ummanni kun teessuma lafaa walitti aanu bal’inaan qabateera.  Afaan tokko, afaan Oromoo dubbata; aadaafi seenaa tokko qooddata. Kanaafidha Oromiyaan biyya biyyattii keessa jirtu (country in a country) kan jedhamtuuf.

Addunyaan biyyoota 195 kan beekamtii qaban qabdi. Kana keessaa biyyoonni lakkoofsi ummatasaanii miliyoona 45 ol jiru biyyoota 30 qofaadha.  Kanaaf Oromiyaan osoo biyya taatee lakkoofsa ummataatiin addunyaarraa 31fa taati. Kunimmoo biyya guddaa ummata guddaa qabdu ta’uushii agarsiisa. Afrikaa keessaa biyyoota akka Ugaandaa, Aljeeriyaa, Suudaanfaa waliin walgitti. Laatiin Ameerikaarraa ammoo Arjantiinaan walitti dhihaatu. Kanaadaadhanis walitti dhihaatu.  

Ummanni kun akka carraa ta’ee biyya Xoobbiyaa keessa jiraata. Naannoon irra qubatee jiru Naannoo Oromiyaa jedhama. Mootummaan dhihootti bulchummoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhamee heera mootummaatiin beekamtiin kennameeraafi. Jarmiyaaleen siyaasaa maqaa ummata kanaatiin socho’an kanneen imaammata paartii  “hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoquutti” jedhu tarkaanfachiisan gama tokkoon, kan Xoobbiyaa keessa walqixxummaan jiraachuu jedhanii imaammata bocatanii socho’anis ni jiru.

Ani ijjannoon koo ifaadha. Yaaduma sirna dimokraasii ijaaranii walqixxummaan waliin buluu, jiraachuu kan jedhu sana deeggara. Kuni yaada kiyya, mirga kiyya. Keessanimmoo nan kabaja, akkuma isin kiyya kabajjan.

Haalli ijaarama biyya kanaa ka’umsarraa eegalee rakkoo bu’uuraa waan qabuuf jechi ‘walqixxummaan waliin jiraachuu’ akkasumas ‘sirna dimokiraasii ijaaruu’ jedhu kun murnootaafi beektota habashaaf gadi hinliqinfamu. Yeroo hunda sammuunsaanii olaantummaa yaada. Olaantummaan isaan dhaadhessan olaantummaa saba tokkooti, olaantummaa murna tokkooti. Kanaaf walqixxummaan waliin jiraachuu aniifi namoonni na fakkaatan faarsinu kana gatii dhabsiisa. Rakkoon bu’uuraa biyya kanaatis kanuma.      

Gama kanaan fakkeenya tokko kan namni hunduu beeku haa ilaallu. Waggoota murtaa’an dura Wayyaaneen ummata Oromoo shororkeessaa, “Dhiphoo” jettee farrajuudhaan yakka hanga duguuggaa sanyii gahu irratti raawwachaa turte. Murnoonni Xoobiyummaa faarsanimmoo  waan biraatiin himachaa turan, ‘foxxoqxoota’ jechuun.

Oromoon akka biyya diiguuf hojjatu, akka ittigaafatamni biyyaa itti hindhagahamneetti ololchaa bahan. Kana bira taranii “heera mootummaa keessatti keeyyanni 39 Oromoodhaaf kan Wayyaaneen haala ittiin mijeessiteen” jedhanii lallabaa akka turen yaadannoo dhihooti.  Eddii ummanni Oromoo qabsoo hadhaawaa lubbuu qeerroofi qarree kumaatamaan lakkaawaman itti wareegee biyyattii keessatti jijjirama fidee asimmoo seenaa biraatu seeneffamaa jira.

Oromoo hedduun akkuma koo waliin jiraachurraa abdii waan kute hinfakkaatu. Kanaaf jijjirama kana walqixxummaan qabannee biyya tokko ijaaree waliin jiraachuu ni dandeenya gara jedhutti deemuudhaan “ Xoobbiyaa keenya”  gara jechuutti dhufe. Kunis yaaddoo biraa uume; murnoota olaantummaa saba tokkoo faarsaa jiran biratti. Innis “Oromoon biyyattii kophaatti dhuunfachuuf” jechuudhaan maqaa “Siyaasa  keenyaa” (Kegna politics) jedhu moggaasanii duula bal’aa bananiiru. Dubbiin  ajaa’ibaadha.  Adda baananis jibban, walqixxumaan waliin jiraannas jennaan qomarraa gadi bu’uu dide. Jarri kun maal akka ta’u yaadaa jiru laata? Warraa ofii burjaaja’ee biyyattii burjaajessaa turan kanatu ammallee  biyyattii gara hintaanetti oofaa jira.

Fedhiin warra kaabaa  ifaafi ifaadha.  Aangoon biyya kanaa Amaaraafi Tigree harka ture.  Amma qaamni sadaffaan aangoo irraa qooddatu, Oromoon, itti dabalame. Qaamni kunimmoo kophaasaa osoo hintaane sabaafi sablammii qabatee itti dhufe. Yaadni kun  sabaafi sablammii kaan haammatuufi hawwatullee ta’uunsaa jara keenya garmalee naasiseera.  Naasisuu bira taree sodaa hamaa keessallee galcheera. Kanaaf tarsiimoofi taaktikii kamiinuu saba Oromoo jedhamu kana dadhabsiisuun barbaachisaadha jedhanii duula karaa adda addaa itti bananiiru. Mootummaa jijjiramaa Doktar Abiyyillee Oromoo keessaa bahe jedhanii  kuffisuuf tattaafachaa jiru. Anaaf mootummaan Dr. Abiyyi kun kan Oromoo qofa yaada jedhu hinqabu. Maalumaafuu garuu ummata Oromoorratti duulli maqaa balleessuufi xureessuu akkasumas tokkummaasaa diiguu itti banameera. 

Qabsoon qeerroofi qarree gaafa kokkee hudhu, wayyaaneen shira jalqabde. Ummata Oromoo ummata biraa wajjin walitti buusuun dadhabsiisuu. Kanaaf jalqabarratti kan filatte humnoota xixiqqaa ollaa Oromoo jiraataniidha. Somaalee, Beeniishangul Gumuziifi Gaambeellaa keessatti gidiraan jalqabamullee kan hanga tokko itti milkaa’an  kan naannoo Somaaleeti. Taktikiin wayyaanee kun gama tokkoon Oromoof carraa uumeera.   Oromoo tokkoomsee aangoorraa daarbatamuu wayyaanee haalaan galmaan gaheera. 

Erga wayyaaneen araati kiloodhaa hari’amteen as ummata Oromoo ummata Gumuz kan baroota dheeraa waliin ture wajjiniin walitti buusanii Oromoon hedduun akka naannoo Beeniishaangul Gumuzii buqqa’u godhameera. Naannoo sanatti nageenyi akka dhabamu taasisuun qe’ee Oromoo jeequuf yaalameera. Karaa kibbaanis ummata Geedi’oon akka waldhabu taasisameera.

 Fanjii isaan awwaalanii ummattoota walitti buusan kana oduu gama tokkoo arbeessanii odeessuun maqaa Oromoo cileessuuf kan aktiivistoota Amaaraafi Tigraayi durse hinturre. Jaarmiyaaleen siyaasaa Xoobiyaanotaafi finxaaleyyiis walitti bu’iinsa kana siyaasaaf fayyadamuuf ibsa ijjanoo baasuun, balaaleffachuun aktiivistoota duuba bu’an.   Midiyaan idilee kan mootummaallee dabalatee oduu qilleensarra facaasan. Rakkoo namaarra bu’aan siyaasni caale. Kun mootummaa Dr. Abiyyi diiguuf shira xaxame qofaa jedhanii yaaduun dogongora. Ummata Oromoo tooftaan gargarbaasuu, tokkummaa dhabsiisuufi jibisiisanii akka bulchiinsasaanii jalatti kufu gochuufi. 

Ummata Oromoo ummata Gaamoo wajjin walitti buusuuf yaaliiwwan taasisaman qaamuma shira kanaati. Fulbaana bara 2011 yeroo ABOn biyyatti galu naannawa Buraayyuutti  rakkoo uumame ni yaadanna. Dhihoo kanas gaafa aggaammiin Aktiivisti Jawaar irratti raawwate qeerroo magaala Sabbataafi dargaggoota Gaamoo magaalaa sabbataa keessa jiran walitti buusaniiru. Qumaara siyaasaa kana warri qindeessanimmoo warruma shira qindeessuun  beekamtii qabaniidha. 

Amman ani beekuutti sabootaafi sablammoota biyya kana keessaa jiran keessaa kan akka ummata Amaaraafi Oromoo walitti makame waan jiru natti hinfakkaatu. Haa ta’u malee ummata guggudaa kana lamaanis waliiti buusuudhaan biyyattii diiguudhaaf yaalin taasisamaa jiru yaachisaadha. Tarsiimoon kun ummata Oromoo sabaafi sablammiilee xixiqqoon walitti buusuuf yaaliin taasisaman milkaa’uu didnaan kan jalqabame fakkaata. Gama tokkoon daangaan akka walitti bu’an taasisama. Amantaan adda waraanaa biraa akka ta’u yaadama. Yuunivarsiitii keessattillee sababa xixiqqaan barattoota ummata lamaanii walitti buusuuf saaphanni diriiraa jiru bal’aadha.

Amaarriifi Oromoon ummattoota biyya kanaa keessaa  guguddoo waan ta’aniif,  yaaliin ummata kana walitti buusuuf godhamaa jiru milkoofnaan biyya tanaafillee balaa guddaa akka ta’e asumaan achi hubatamuu qaba. Kanaaf ummattootni lamaan kunniin rakkoosaanii mariin hiikuu qabu.  Shiraan xaxamanii waan hintaane keessa galuurraa of qusachuun irraa eegama. 

Shirri kun bifaafi amala jijjirrataa hojiirra oola. Oromoo sabaafi sablammiin walitti buusuuf yaaluu bira taramee dhiyeenya kanammoo Oromoofi Oromoo ammantaafi kutaadhan adda qooduufi walitti buusuuf summiin qophaa’aa jira. Jalqabaaf bakka muraasatti hojiirra oolchuun bu’aasaa xinxalaa jiru. Kanaaf dursanii summii  kana rakasiisuun mala dhahun dirqama ummata Oromooti.   

Duulli ummata Oromoorratti baname qaama adda addaatiin hogganama. Komaandipostiin tokko Maqalee jira. Jaaroleen Adda Bilisummaa Tigiraayi(ABUT) kan Maqalee daheeffatan jaalannus jibbinus sammuu (master mind) biyya kanaati. Ajajaan tasgabbii biyya kanaa kan ture Geetachoo Asaffaa Maqalee jira. Ajajaan waraanaa biyyattii Saamooraa badhaasan Maqaleetti ergame. Teknoolojii odeeffannoo biyya kanaa kan hogganaa ture Doktar Dabratsiyon Pirezidaantii naannoo Tgiraayi ta’ee achuma jira.

Jeneraalonni, kadiree ciccimoon, qorattoonni, Maqalee jiranis lakkoofsisaanii guddaadha. Hojiinsaanii ammoo biyyattii nagaa dhorkuu, motummaa Doktar Abiyyi tasgabbii dhabsiisuu, ummataafi ummata walitti buusuu, dinagdee  biyyattii dadhabsiisuu  kanaan aangootti deebi’uu ykn qaamni isaan deggaran akka aangoo qabatu taasisuudha.

Komaandpostiin biraa kan Oromoorratti ajaja dabarsu Finfinnee jira. Finxaaleyyiin saba Amaaraa keessaa bahan, leellistoonni wayyaanee, jaarmiyaaleen siyaasaa mootummaa waalta’insaa faarsan, aktivistoota farra Oromoo ta’an akkasumas namoonni dhuunfaa Oromoorraa jibba qaban Oromoo diiguufi humna dhabsiisuuf halkanii guyyaa hojjatu. Qaamni magaalota akka Dirre Dhawaa, Adaamaa, Baahir Daar jiranillee hin dhabaman.  

Akka yaada kootti hanga ummanni Oromoo nagaa hin argannetti biyyi tun nagaa hin argattu. Kanaaf mootummaan komaandpostii ummata Oromoorratti ajaja waraanaa dabarsan kana Oromoorraa dhaabuu qaba. Keessumattuu qaamni gurmaa’ee  Maqalee  jiru sun hanga hin sirroofnetti  ummata Oromoo qofa osoo hintaane biyyattiin nagaa hin argatu. Yoo inni sirraa’ee kun haala salphaa ta’een sirraa’uu danda’a.

Xumurarratti waan tokko haa kaasu. Duulli kun haala qindaa’een ummata Oromoorratti naannoo Oromootti maaliif haala walitti fufiinsa qabuun adeemsisama? Ummanni Oromoo kanaaf deebii qabaachuu qaba. Mootummaan federaalaas ta’e kan naannoo Oromiyaa hinbeeku jedhee hin yaadu

Kaayyoonsaa, ummanni Oromoo sabaafi sablammii biyya kana keessa jiraniin akka jibbamu taasisuu,  hawaasni addunyaa ummata Oromoorratti akka shakkii qabaatu taasisuu, keessattuu amantaan walqabatee, ummata Oromoo dadhabsiisuun akka mirgasaa hin kabachiisne taasisuu, aangoo biyya kanarraa dhiibuufi kkf kaasuun ni danda’ama.

Oromoon shira kana ofirraa qolachuuf  tokko ta’ee socho’uu qaba. Sabaafi sablammiin kamiyyuu Oromoof fira. Waan hedduun walitti hidhameera. Kanaaf walitti dhufeenyasaa cimsuudhaan kaayyoo kana fashaleessuu qaba. Amantaa kamiyyuu  madda jaalalaa malee madda hokkoraa akka hintaane of eeggannoon barbaachisaadha. Gurmaa’uun, dammaquun, naannoo ofii eeguun garuu dagatamuu hin qabu.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

2 Comments to “Shira fashaleessuun tokkummaa ummataa jabeessuu gaafata”

  1. Pingback: useful site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *