Akkamiif attamitti jirtu. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani miskiinni keessan naagaa kooti. Maalin ta’a jettaniiti. Isin naaf jirtuu, anaa ofii kootiif jiruu, hunda caalaammoo Waaqa anaaf isiniif jiruu maalan ta’a jettaniiti.
Ati silaa yeroo hundumaa waayeedhuma nyaataa kana malee barreessuu hin dandeessu naan jechuu dandeessu ta’a. Dhugaa qabdus hin qabdanis. Maaliif akka dhugaa qabaattan beektuu? Anatu irra deddeebi’ee waa’ee nyaataa barreessee isin nuffisiise. Maaliif immoo akka dhugaa hin qabne beektuu isintu guyyuma guyyaa nyaata nyaatu malee hin oolle. Kanaafuu lamaan keenyaa dhugaa qabna waan ta’eef walhubachaa walii obsaa waldubbisna.
Waa’ee nyaataa yeroon kaasu kamittuu kanin yaadadhuufi kophaa kooyyuu kanin kolfu haasaa hiriyaa kiyya tokkooni. Ganama ganama carraa argattanii ciree yoo ajajjan inni “ani garaa duwwaatti nyaata hin nyaadhu” jedha. Ahaa maal jechuu isaatii kuni garaa guuttatu malee ciree hin nyaatumoo maal jechuu isaatii?
Erga garaa duwwaatti hin nyaannee maaliif nufaana taa’aree jettanii gaafachuu dandeessu. Gaaffiin kuni hamma yeroo nyaanni ajajattan isiniif dhufee nyaachuu eegaltanitti sammu keessa ni naanna’a. Yeroo nyaanni isiniif dhufee nyaachuuf qophooftan kan dursee cabsatu isa waan ta’eef kolfaan duutu. Lamaan tokko erga cabsee cabsee afaan kaa’atee nyaaticha walakkaadhaan gahee booda harka walitti rukutee keessummeessituu waamee akka haaraatti nyaata lama ajaja.
Maaliif akkas goota yoo jedhaniin “amma garaa duwwaa hin jiru. Nyaatan barbaade ajajuun danda’a” jedhee nyaachuu isaa itti fufa. Yaa garraamummaa hiriyaa kiyyaa san. Yaa nama fayyaalessa. Nyaata lama kan ajaju bar waan namni nyatee quufu waan itti hin fakkaanneefi malee ofii isaatiif nyaata lama nyaata jechuufi miti. Gurbaan kun garraamummaafi harjummaa isaarraa kan ka’e maallaquma keessan isinirraa liqeeffatee deebisee isinumaan affera.
Nama garraamii akkanaa argitanii beektuu? Ani gama kootiin nama garraamii akkanaa argee hin beeku. Isinillee arguu dandeessu. Isallee kan ofii agabuu oolee namaa laatu baayyuma qabna. Anillee ilaalcha akkasii keessaa ergan bahee torbanoonni muraasni darbaniiru. Egaa amma kana hiriyaakoo kan bara dheeraa, kan namni yoo foon isaayyuu nyaatu homaa hin muufanne sanitu ganamaan dhufee afaan duwwaatti (innillee garaa duwwaa jedhaani) maakiyaatoo na affeeruuf dhufe.
Achi mana waan ta’e itti nyaannu na galchee “dafi haadholee maakiyaatoo lama nuuf fidi” jedhe. Ahaa maal jechuu keeti? “Akkamittiin garaa duwwaatti maakiyaatoo na obaasta?” jedheen akka muufachuu ta’ee isa gaafadhe. Innis muufachuun kiyya maalirraa akka ta’e waan hubateef “egaa ati maakiyaatoo hin feene taanaan waan biraa ajajadhu naan jedhee ofii isaatiif maakiyaaticha ajajatee dhugaa nyaatan ani ajajadhe immoo ija isaatiin ilaaluu jalqabe.
Ani kanin ajajadhe buddeenuma ta’ee ittoo gosa gosaa kan ofirraa qabu ture. Ittoon achirra jiru gara ittoo gosa torbaa ni ta’a ture. Nyaatichi yommuu ilaalamu akka itti namatti tolu. Ni gojomaa’e. Animmoo akka inni nan saamne haala fakkaatuunin dafee dafee guguddisee cabsadhee afaan kaa’adha ture.
Yoona kana harkasaa rukutee “Giiftii nyaata kana tokko nuuf dabali mee” jedhee kessummeessituu mana nyaatichaa gaafate. Isheenis garasaaniitti dhihaattee nyaanni isaan ajajan akka dhumeefi shiroo duwwaan akka jiru nutti himtee ofirra garagalte. Nutis akkuma xiqqoo haasofneen “Haa ta’u nuuf fidi” jennee ajajnee haasaa keenya ittifufne.
Baay’ellee hinturre shiroo bishaaniif midhaan ta’uusaa addaan hinbaasne tokko nuu fiddee nu fuuldura keessee ofirra deebite. Hiriyaan koo kun akkuman isiniin jedhe nama qoosaa jaalatu waan ta’eef harka rukutee waamee “Aadde mee nyaata kan ‘first hand’ isaa nuu fiduu hindandeessuu? Nuti ‘second hand’ hinajajnee bar” jedheen.
Isheen maal akka jedhee osoo hinhubatin callisteema seeqxe. Ani garuu mar’umaan koo hamma ciccituttin kolfe. “Maal dhaabattee nu laaltaa? Dafii kana deebisiitii orijinaala isaa nuuf fidii kottu” jedheenii ija isaa itti babaase. Intallis xiqqoo aartullee waanuma dubbii buddeena ishee ta’eef callisteema isa ilaaltee “Obboo nyaanni ammaaf qophaa’e isuma kana. Kan biraa hinjiru” jettee deebisteef.
Animmoo silaa nyaata ittoo akaakuu gara garaa saniin garaa kiyya quuffadheera waan ta’eef gaaffiin ammaaf waa’ee nyaata nyaachuufi waayeen shiroo sanii dhimma koo ta’uu dhiiseera waan ta’eef calliseetuman kolfa kiyya ittifufe. Garuummoo ergan nyaata kiyya nyaadhee booda wanti nabarbaachisu tokko jira.
Innis maakiyaatoo bareedaasaati. Achii “obboleettii mee maakiyaatoo tokko naa fidi” jedheen. Hiriyaan kiyya kun aariin isaa daran dabalaa waan deemeef “Waa’een nyaata ajajnee osoo furmaata hinargatin akkamitti waa’ee maakiyaatoo haasoftaa?” jedhee anattis dheekkamuu barbaade. Animmoo amalasaa waan ta’eef durumaa kaasee waanin isa beekuuf baay’ee itti hin mufadhu.
Waanuma walbeeknuuf waan baay’eedhaan wal muufachiisnee waanuma xiqqoorratti immoo waliin araaramna. Lolli keenya loluma daa’immaniiti. Lola daa’immanii jennaan waan akka lola daa’immanii kan ana gammachiisu argee hin beeku. Ijoollee koo lamaan keessaa xiqqittiin takka baay’ee xiiqoftuu wayiiti. Guddittiin immoo gara laafetti akkuma anaa duriiti.
Anaa durii gara laafummaa kiyyarraa kan ka’ee namni ana fudhatee deemeeyyuu akkuma hoolaatti gabaa baasee nan gurguratin hafuun isaayyuu namni durii Waaqa sodaachuu isaa argisiisa. Egaa ijoolleen kuni takka wallolanii yoosuma immoo quba xixiqqoosaanii walxuqsiisanii araaramu. Takka turaniimmoo wallolanii waliyyisiisanii walboochisanii osoo qaamni sadaffaan gidduu hin galin ofuma isaanitiin araaramu.
Aniifi hiriyaan kiyya kunis ammuma wallollee osoo qaamni sadaffaan gidduu keenya hin galin araaramnee namoota nutti dhihaatan ajaa’ibsiisnee addaan galla. Nama waljaalala keessa darbinee boolla tokko keessatti fincoofnuudha. Ammas kunoo walloluuf taana. Shiroon dhufee fuuldura keenya jiru ija buddeenichaa keessa lixee buddeenichatti maragamee jira. Nuti lamaanuu erga takkaa buddeenicha ilaallee deebisnee walilaalle.
Inni aarii keessa xiqqoo seeqe. Animmoo nan kofe. Durumaa sababan ittiin kolfu barbaadaan ture. Intalli nuti ajajaa turre suni ammas sesseeqaa gara keenya dhufte. “Har’a carraa keessan natti fakkaata maakiyaatichi dhumeera” jette. “Maakiyaatoon akkasitti mi’aawu sun dhume naan jechaa jirtaa?” jedhee hiriyaan kiyya sun sagalee ol kaasee dubbate.
Mataa sochoosteema callistee gara keenya ilaalte. “Kan biraa maaltu jira ree?” jedheen gaafadhe. “Buna gurraachaafi shaayii” jette. “Ega jettee buna naa fidi” jedheen hiriyaa kiyya aaree jiru kana tasgabbeessuuf yaadaafi qalbiidhaan garasaatti deebi’e. Buna gurraacha tokko fiddee dhufte. Yoona kana hadhaan bunichaa arraba narraa kute. Hiriyaan kiyya sun fuula kiyya ilaalee “Shiroo limmuxiin sunis akkasuma natti hadhaawe” naan jedhee natti kolfe.
Bunichi silaa osoo aannaniif shukkaara of keessaa qabaatee akkasitti natti hadhaawee fuula kiyya walitti hinbutu ture. Ganamumaan mana baasee akkan ani baru kan barbaade waa’ee walitti dabalamanii (ida’amanii) mi’aawuu ture. Animmoo natti fidee bakkan hin seenne hin qabu falaasamicha muummichaa keessan seenee….? Mee maalumaafuu waayee isaa ballinaa itti galuu kiyyaan dura kitaabichuma dubbisa. Nagaan naa turaa. Kanin torban isinii barreessa jedhe sanis waa’ee gaagura odola irraa sanii akkasumas dhiimma dhihaa kanin har’a jalqabe kanas qabadhee torbee ittin fufa.
Torban torban hosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naa barreessuu dandeessu.
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
4 Comments to “Maakiyaatoo”