Jaalatamaa Jibbuu!

Akkamiifi attamitti jirtu? Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani miskiinni keessan nagaa kooti. Maalin ta’a jettaniiti. Waa’een qaala’uu jireenyaa kan na balleessu isinitti fakkaatee? Lakki yaa lammiikoo akkumaaf akkattis ta’u jiraachaan jira. Inni kukkuudhaamee ana uume kukkudhaamee na jiraachisaa jira.

Maal rakkatee ana uumama akka fakkeenya isaatti uume kana beelessee dheebossee darbees daarsa? Ani sirumaayyuu erga qaala’iinsi jireenyaa kuni dabalee kiiloon koo baay’ee dabale. Bara kochee tokko qarshii soddomaan nyaachaa turerra baran kochuma walfakkaataa manuma walfakkaataadhaa qarshii dhibba sadiin nyaachuu jalqaben irra caalaa furdadhe.

Ani kan jedhu wanta nyaannumoo baay’ina maallaqa ittiin nyaannu sanaatu akkanatti nama furdisaa? Hinkolfinaa ani maalummaasaa wallaaleen akkas jechaa jira. Kan isin dhibummoo yeroo ammaa kana namni kamuu fufurdachaa jira. Maaliif jennaan deebiin hinjiru. Garuu namni inuma furdata. Gaaffiin biraa yeroo hunda sammuutti nadhufu immoo furdunnumti kuniyyuu furdina isa dhugaatii kan jedhu. Garuu bar furdina isa dhugaa fi isa sobaa akkamitti addaan baasnaa? Ani gruu waanin addaan baasuu danda’u natti fakkaata. Namni dhugumaan furdate qeensa miilaatii kaasee hamma rifeensa mataatti ni furdata… kan koo kuni raajuma erga yoomii qeensiifi rifeensi namaa furdatees huuqqatees beekaa?

Muddama keessa ta’een. Yaada kiyyas quba miilaatii kaasee hamma buqqee mataatti kan jedhutti naaf fudhadhaa. Namni dhuguma furdatu quba miilaatii kaasee hamma buqqee mataatti ‘proportionally’ ni gabbata. Gabbinnisaas hundee qabatee sababa ta’eef suuta suuta.

Yommuu gabbatus haala bareedaatini. Surraa qaba! Namni soba furdatu garuu haala kanaan kan furdatu natti hin fakkaatu. Maaliif jennaan yeroo furdatu hin argani tasuma kan wayyaan itti dhiphate argu. Furdinni isaayyuu furdinuma handaaqqooti. handaaqqoo yommuu qullaa ishee shiroo itti dibanii laboobbaa abiddaatin gugguban argitanii beektu jedheetuman abdadha.

Akka koo warra durii kanatu waan akkasii yaadata malee bara kanallee dubartoonni keenya dhibaa’ummaa isaanirraa kan ka’e handaaqqoo yommuu qalan gogaasaa baalleedhuma wajjin irraa quncisanii gatu. Warri durii sun mi’aa gogaa san waan beekaniif gogaa san qulqulleessanii akka qaama foonii tokkootti dhiheessu.

Nuti yeroo ijoollummaa keenya silas foon fooyyee qabu waan nuuf hinkennamneef isarratti wal fixna ture. Egaa furdinni nama si’anaa akkuma handaaqqoodhuma afuufamtee laboobbaa abiddaatiin baalleen irratti hafte irraa guggubatu sanaati. Kana kaa yeroo tokko tokko ‘Chicken style’ jennaani.

Argitaniirtu yoo ta’e handaaqqichi afuuffamee kuula wayiitiin yommuu hidhamee ilaallamu garaadhaa kaasee hamma mormaatti ni furdata. Miilli isaa baay’ee qalloodha. Gara duubaatiinis hu**uun isaas akkasuma qal’aadha.

Nama si’anaa tokko tokkos yommuu arginu akkasuma garaansaa fuulduratti jigee qaamnisaa gara biraa ni qal’ata. Keessattu miilli isaa gaafa ilaaltan nama san baachuu dadhabuurraa kan ka’e kan jalatti cabuuyyuu isinitti fakkaachuu danda’a.

Egaa namni si’anaa tasuma yoo furdina akkasii furdatu argitanii of taajjabdu. Tasuma gadi jedhee kophee isaa hidhachuu yommuu dadhabu argitu. Tasuma yommuu harganu argitu. Anillee argee hin beeku garuu tasuma niitii isaa irraa garagalee kan rafu natti fakkaata. Silasoo furdinni garaa isaa jara lamaan addaan fageessa. Jirri lamaan immoo walirraa fagaannaan dubbiin ni babbada.

Kanaaf falli maali jennaree. Nyaata naanyu xiyyeeffannoo itti kennaa naachuu. Arganne jennee foon sangaa ji’a sadi’itti kiniiniidhaan gabbatee kana naachuu dhiisuu. Wantoota biyya faranjiitti saamsamanii akka nyaannuuf nuuf ergaman kanniin nyaachuurraa of qusachuu.

Ganama ganama immoo hamma humni keenya danda’uun “dubb dub” jechuu. Yoo kan biiroo keessa hojjennu taanellee akkuma biiroodhaa baaneen taaksii kana eeguurra miilaan deemuuf yaaluu qabna. Warri fuunemmoo galgalarra egaa maal walitti himnaree?

Garuu mee maalumaafin waayee furdina kanaa kaasee hamma kana hunda yeroo koo ishee qaalii kana of jalaa qisaasee? Eeyyee dhimman itti kaseefan qaba. Siyaasa si’anaatu akka furdina si’anaa najalaa ta’aa jira. Siyaasa odde gammaddee wayii.

Siyaasa gaafa tokko yoo nama gammachiistu bariisaa isaa immoo nama muufachiistu. Siyaasa gaafa tokko fuula ifaa kan guyyaa biraa immoo fuula dukkanaa. Siyaasa burraa burree. Amma mee nuti Oromoonni irreecha keenya bifa akkasitti miidhageen kabajachuun keenya saba biraas akka keenya gammachiisuu osoo qabu maaliif nuuf hin gammanne jennee komannaa? Irreechi keenya nugammachiisee kan muufate muufatee kan nu wajjinis gammade gammade.

Bariisaa immoo hiriirri nama maalummaansaa hinbeekamneen waamame. Kanaaf jecha konkolaatonni hedduun gara biraatti ergamanii ennaa namoota hiriiricha irratti hirmaatan fe’atanii deebi’an qeerroo Salaaleetiiin ugguramanii jalaa fashalaa’ee asii gammachuu gamasii immoo gadda uume. Oodde gammaddeen isa akkasiitikaa kunoo.

Animee waanuma hin taane keessa galeen xebexxeba malii dubbiin ijoon irratti haasa’uu qabnu dhimma Noobeelii keenyaati. Ani kan jedhu ofii gammachuu Noobeelii keenyaa san akkamiin ‘celebrate’ gootan? Ani silaa akkuma nabeektan lafattin dhihaadha sababa ta’eef gaduma jedheen lafa kana dhungadhe. Lafa jennaanin waan ta’e yaadadhe.

Yeroo tokko fira kiya tokkotu baadiyyaadhaa dhufee waan isa gammachiisu tokko itti himnaan dafee utaalee soofaarraa bu’ee lafa dhungate. Yoona kana intalli koo isheen balaafamtuun sun maal gochaa akka jiru gaafannaan gammachuudhaan lafa dhungachaa akka jiru itti hime.

Ahaa! gammachuu akkanatti ibsattuu naan jettee kolfa ishee addaan hincinne tokko kolfite. Hamma isheen kolfa ishee fixattutti eegeen sana booda maaliif akka kolfite gaafannaan firakoo san harka qabdee gara foddaatti geessitee ala akka ilaalu goote.

Firri koo sunis gamoo irra waan jirruuf lafti fagoo jiraachuu isaa hubatee kolfee nu kolfsiise. Intalli koo balaafamtuun sun firakoo sanitti garagaltee “eechumoo gammachuu kee sirritti siif ibsuu akka danda’uuf lafatti bu’iitii lafa dhungadhu” jetteeni. Namni yommuu gammadu waanuma godhu dhaba jechumaafi. Egaa anis lafuman habbuuqee dhungadhe. Noobeeliidha kaa!

Noobeelii akka salphaatti hinargamne. Noobeelii namni addunyaatti beekamu kamuu badhaafamuuf hawwu. Noobeelii badhaasota addunyaa kana irratti argaman hunda isaanii irrayyuu adda ta’e. Kana argannee nuti gammannee gammachuu keenya ibsachuufis hiriira baane. Kanatu nu harkattis tuffatamee qaama biraa muufachiise. Garuu bar kan beekamuu qabu namni badhaasa Noobeelii kanatti gadde kuniyyuu Noobeelichi isaan dhufuu isaa wallaaluu isaatu nama gaddisiisa.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.

Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

4 Comments to “Jaalatamaa Jibbuu!”

  1. Pingback: Nextspin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *