Jidduu kana jecha “Roadmap” jedhu irra deddeebin dhagahaa jirra. Jechi kun kan dhagahamaa jiru barnootaan walqabateeti; roodmaappii barnootaa Ministeerri Barnootaa miidiyaan alana ibsa irratti kenne.
Jecha roodmaappii jedhu kana Afaan Oromootiin maal yoon jedheen wayya jedhee namoota gaafadhee jecha waalta’aa hinarganne. Kanaaf yeroof “daandii imalaa’ jedhee moggaafadheera. Yoon dogoggore akka aadaa keenyaatti na oofkalchaa.
Osoon gara yaada kootti hince’in waa lama adda baasuun barbaada. Tokko hiika daandii imalaa (‘roadmap’) jedhuudha. Lammaffaan barbaachisummaa daandii imalaati. Akka barreeffamoonni adda addaa yaadrimee kana ibsanitti, daandii imalaa jechuun” karoora tarsiimoo kan galma ykn bu’aa barbaadamu (‘desired outcome’) ibsuudha.
Ibsuu qofa osoo hinta’in daandii irra imalanii ykn sadarkaalee guguddoo irra tarkaanfatanii manii yaadame bira gahan kan agarsiisuudha. Daandiin imalaa kun hojii egeree kan agarsiisu yoo ta’u, maal akka yaadame, wanti yaadame sun maaliif akka yaadame, dhimmoonni ijoon jijjiiramni irratti raawwataman maal akka ta’an, akkamitti hojiitti akka hiikan kan mul’isuudha.
Daandiin imalaa hojiiwwan mootummaaf qofa osoo hintaane hojiiwwan dhaabbilee biizinasii guguddoofillee kan ooluudha. Addunyaan jechaafi gocha kanatti bal’inaan fayyadamti.
Akka mootummaatti daandiin imalaa waan hedduuf fayyada. Fakkeenyaaf pirojektii tokko ykn hojiin tokko akkamitti jalqabamee, daandii kamirra deemee bakka yaadameef akka gahu ittiin karoorfata.
Daandiin imala barnootaa jidduu kana Ministeerri Barnootaa Federaalawaa tibbaana miidiyaan ibses gama barnootaatiin waggoota dhufanitti maal akka yaadame, dhimmoonni xiyyeeffannoon hojjataman maal akka ta’an, daandiin imala barnootaa kun maaliif akka yaadame (tokko tokko ifa ta’uu baatus), yoomiifi akkamitti akka raawwatu kan ibseedha.
Daandii imalaa barnootaa qofa osoo hintaane kanneen hojimaatilee biroollee biyya keenyaaf akka barbaachisu kan nama shakkisiisuu miti. Haalli rakkoo barnoota biyya keenyaa keessattuu kan qulqullinaafi facaatii akkasumas waliingahiinsa wajjin walqabatan ilaalchisee karoora tarsiimoo yeroo dheeraa irratti baafatanii sirreessuuf yaaluun gaariidha.
Haala kanaan yaaduunis rakkoo kan qabuu miti. Rakkoo kan ta’u garuu karoora tarsiimoo kanatti qabatanii fedhii qaama tokkoo ittiin guutuufi, fedhii qaama biroo ittiin dukkaneessuuf yoo ta’eedha.
Karaa biraatiin mirga ykn olaantummaa qaama tokkoo ittiin kabachiisuufi mirga qaama biroo ittiin ukkaamsuuf yoo ta’eedha. Kunimmoo daandii guddinaa osoo hintaane daandii badii ta’a. Karoora qajeelloo osoo hintaane karoora danqaa ta’a.
Duubatti deebinee yoo qorannu tarsiimoowwaniifi immaammanni biyya keenya keessatti bahaa turan xiqqaa kan hinjedhamne rakkoo kan qabaniidha. Tarsiimmoowwan fedhii ummata biyyattii waalteffatan osoo hintaane, kan ajandaa dhoksaa of duubaatti qabataniidha.
Kanaaf ummanni yeroo mara shakkii irraa qaba. Shakkiin kun kan maddu taateewwan qabatamaan mul’atanirraayi. Tokko tokko safaramee fedhii tokko mikeessuuf dagaleef oolee qaama barbaadaniin hodhamu. Kana siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti ilaaluun ni danda’ama. Fakkeenyaaf imaammatni barnootaa Itoophiyaa keessatti afaan barnootaa (‘instruction media’) wajjin walqabatee waggoota hedduuf turan duubatti deebi’anii ilaaluun gahaadha.
Jidduu kana ajandaa marii ummattoota hedduu biyya kanaa (ummata guddicha kan ta’e ummata Oromoo dabalatee) kan ta’e Daandii Imala Barnootaa Ministeerri Barnootaa ifa taasise keessatti afaan barnootaa wajjin dhimmoota walqabataniidha. Yaadni kun ummata dallansiiseera.
Qaamoleen tokko tokko dhimma kana akka ajandaa guddaa hintaanetti gadi qabanii bira taruu ykn dhoksuu barbaadanillee ummanni tole jedhee akka salphaatti bira hindabarre haala adda addaatiin ifa taasiseera. Ajandaa kanaan caalatti kan hubamu ummanni Oromoo balaaleffachaa jira.
Hayyuuleefi aktiivistoonni Oromoo wanti yaadamaa jiru ykn karoorfamaa jiru kun ifatti akka bahuufi maaliif akka yaadame gaafachaa jiru. Gaaffiin kun gaaffii sirriidha. Imala barnootaa biyya tokkoo sanaayyuu kan biyya keenyaa kan sabaafi sablammiilee 70 ol xuqu callisanii dhoksaatti baasuun waan hindanda’amneefi.
Imaammata barnootaa keessattuu afaan barnoonni ittiin kennamu wajjin walqabatee sabaafi sablammiileen biyyattii keessa jiraatan jiila (sodaa) qabu. Waanuma tokko kaasuuf Amaarummaan biyya Oromiyaafi Itoophiyaa Kibbaatti tarsiimoowwan ittiin babal’ate keessaa tokko imaammata barnootaatiin akka ta’e seenaan ni dhugoomsa.
Afaan Amaaraa afaan biyyaalessaati (‘National Language’) jedhamee tumamuunsaa, kanuma wajjin walqabatee imaammanni barnootaa biyyattii Afaan Amaaraa akka afaan barnootaa ta’uun bocamuunsaa afaan sabaafi sablammiilee biroo akka hinguddanne ykn akka badan taasiseera.
Kunimmoo tarsiimoo “Ummata tokko, afaan tokko, aadaa tokko” Itoophiyaa keessatti uumuuf itti adeemamaa tureedha. Ammas Afaan Amaaraa sadarkaa barnootaa jalqabaarraa kaasee biyyattiitti akka kennamu daandiin imalaa kun qophaa’uunsaa yaadama durii sana deebisuuf yaalamaa jira nama jechisiisa. Shakkiis nama keessatti uuma. Tarii mala Itoophiyaa durii sana deebisanii ittiin ijaaruuf yaaluudha? Sirna federaalizimii kana ittiin dadhabsiisuufi? Waantota hedduutu sammuutti nama dhufa.
Afaan meeshaa dhalli namaa dhaamsa ittiin dabarfatuufi ittiin waliigaluudha. Kanaaf afaan hedduu beekuun faayidaansaa guddaa akka ta’e eenyuyyuu ni amana. Namni jibba Afaan Amaariffaarraa qabus jira jedhee hin yaadu. Mormiin kan jiru haala itti yaadame ykn sookoofi sorgoo daandii imalaa barnootaa kana keessa jiruudha.
Duraan dursee ummanni Oromoo Afaan Oromoo Afaan federaalaa akka ta’u gaaffiinsaa kan yeroo dheeraa osoo deebii hinargatin imaammani kun gadi bahuunsaa ergaa biraa akka dabarsu hubatamuu qaba.
Osoo ta’eeyyuummoo akkamitti daa’imti tokko umurii kichuu sanatti yeroo tokkotti afaanota sadii baratti? gaaffiin jedhus walmaddiitti ka’a. Fakkeenyaaf Oromiyaa haa fudhannu. Afaan Oromoo Afaan barnootaa naannoo waan ta’eef barachuufi ittiin barachuun dirqama.
Afaan Ingilizii addunyaa tokko taate keessatti barbaachisummaansaa guddaa waan ta’eef kan bira taramuu miti. Kana biratti afaan sadaffaa Amaariffaa itti dabaluun sammuu daa’ima sanaa miidhuu ykn laamshessuu ta’a. Mirga daa’imni afaan dhalootaatiin barachuus kan sarbuudha.
Akka waliigalaatti yoo ilaalamu daandii imala barnootaa kun ummata keessatti burjaaja’ina uumeera. Ministeerri Barnotaas gaaffiilee ummanni Oromoo kaaseen na’ee asii achi qabachuu malee maaliif akkanatti akka yaadame deebii quubsaa hinkennine.
Marii hirmaachisaan irratti gaggeeffamee sadarkaa kana gahe jedhullee naannoleen jecha kana hinfudhanne. Fakkeenyaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaaduma barnoota afaanii kana akka hinfudhanne ibseera. Murtiin kun aangoo mootummaa federaalaas akka hintaane ifa godheera.
Amma wantoonni ifa ta’uu qaban hedduudha. Ministeerri Barnootaa Federaalaa sanada kana eenyu waliin mari’atee qopheesse? Fedhii sabaafi sablammii jiddugala godhateeraa? Beektonniifi ummanni akkasumas qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan irratti mari’atanii itti amananiiruu?
Kana malees maaliif ajandaan kun yeroo kana gadi lakkifame? Qaanii (scandal) bu’aa qormaataa kutaa 12 keessaa osoo hinba’in ajandaa biraa qabatanii ummatatti bahuun maaliif barbaachise? Ajandaa miliqsuufi? Oduu tokkoon kan biraa dhoksuufi? Ummanni deebii barbaada.
Torban gaarii.
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011
5 Comments to “Gama barnootaatiin maaltu yaadamaa jira?”