Jaalalli yoo biyya ijaaru jibbi biyya diiga

Torbee darbe xiyyeeffannaan koo dhimma tokkummaa ture. Tokkummaa sabaa, tokkummaa sablammii, tokkummaa Oromoo. Tokkummaan akkuma biyya ijaaru gandummaan biyya diiga. Jaalalli akkuma waloo jabeessu jibbimmoo addaan nama fageessa.

Kanaaf biyyi kamiyyuu biyya humna qabdu ta’uuf tokkummaanshii cimuu qaba. Ummatashii jidduu waliigalteefi jaalalli jiraachuun barbaachisaadha. Kun biyya kamiifuu dhugaadha; biyya keenyaafis. Bakka kun hinjirretti biyya qabna jechuun rakkisaadha.

Barreeffamni koo kan har’aa akkuman mata dureerratti eeruuf yaale jibbaafi jaalala irratti qiyyeeffata. Mata duree kana sababii malee hin filanne. Haala  qabatamaa ammaan tana biyya keessa jiru  kan xiyyeeffannaa addaa barbaadu waan ta’eefi.

Asirratti  wanti hubatamuu qabu jira. Namoonni tokko tokko jibbaafi garaagarummaa yaadaa walitti guduunfuuf  yaadu. Kun sirrii miti. Jibbi waan biraa, garaa garummaan yaadaa waan addaati. Garaagarummaa yaadaatiin waliin jiraachuun ni danda’ama. Falli jibbaa garuu walhiikuudha. Muuxannoon addunyaa kanuma dhugoomsa.  

Haalli qabatamaan yeroo ammaa biyya keenya keessatti calaqisu gamaa gamana kan dhaabate fakkaata. Gareen tokko qarqara jibbaarra dhaabbatee olola jibbaa ofaa oola. murni biraammoo faallaa kanaan dhaabbatee akka tajaajilaa bataskaanaa jaalala lallabaa. Amantiinis ta’e uumamaan jaalalli hammeenya hinqabu. Akka biyyaattis yoo ilaalame biyya ijaara malee biyya hindiigu. Jibbi garuu hammeenya; asii achi waldhiiba; akka mataa maagineetii walfakkaatu.  

Biyya keenyatti jibba lamatu mul’ata. Tokko sanyii dhalootaa wajjin walqabata. Kan biraa jibba amantaa wajjin walqabatuudha. Jibbi akkanaa kun biyyattii garamitti geessa? Ummataafi ummata jidduutti maal fiduu danda’a? Gaaffiilee kanneen lammii cufti irratti mari’achuu qabu. Ani gaaffii kana muudannoo Ruwaandaafi Jarmanitti uumame wajjin walqabsiisee ilaaluun yaada.   

Ruwaandaa keessa saboota Huuttuufi Tuutisii jedhamantu jiru. Okkora  hammaataafi suukaneessaa saboota lamaan  jidduutti bara 1993 uumameen lubbuun nama hedduu akka galaafatame ni yaadatama. Balaan kun jaalalarraa osoo hintaane jibbarraa kan maddeedha.

Aanga’oonni Huuttuu ummata Tuutsiirratti olola jibbaa gaggeessaniin ummanni miira keessa galee kuusaa gadoo qabu ummata Tuutsiirratti bahuuf eeboo qarate, ablee qarate, gajaraa tumsiifate. Summii jibbaa ummata kakaasu facaasuu keessatti namoonni siyaasaafi beektonni Huuttuu qooda guddaa akka qaban seenaan ragaa baha.

Warri baranne, qaroomne jedhan kunniin olola jibbaa afaaniin qofa hinhoofne. Raadiyoo idilee Intarhaamoyye jedhamuun deeggaramanii sanyii jibbaa ummata keessa bal’inaan facaasaa turan. Olola jibbaa kana shiraan miidhagsanii ummatatti mul’isan.

Ummanni Huuttuus miira keessa galuun  guyyaa saafaan dhiiga obboleeyyansaanii, warra Tuutsii lolaasan. Lubbuun dhala namaa miliyoona tokkoo olii guyyoota muraasa keessatti bade. Duguuggaan sanyii Ruwaandaa kun bu’aa jibbaati. Firii  hadhaawaa olola faallaa jaalalaati. Osoo akka ammaa miidiyaan hawaasaa jiraatee maaltu dhalataayyu laata?

Muuxannoo addunyaa jibba wajjin walqabate kan lammeessoo haa dabalu. Kun galmee seenaa waggaa 80 irraa kan dubbifameedha. Hoogganaan Jarman, Adoolfi Hiitilariifi jaarmayaa siyaasaa Naazii Jarman seenaa jibbaa facaasuufi raawwachuun kan ittiin dorgomu hin jiru.

Namtichi balaafamaan kun Jarmanoonni sanyii Ariyaan jedhaman kan inni irraa dhalate addunyaa kanarratti olaantotaafi beektota sanyiin namaa kamuu ittiin hinmorkine jedhee amana. Olaantummaafi oftulummaan kan sammuunsaa duudeedha. Sababa kanaan kan ka’e Jiwuushota addunyaarra faca’anii jiran kan hojiifi waa kalaquudhaan dandeettii addaa qabanirratti inaaffaa hamaan waan qabameef dargaggummaasaatii eegalee yaada farra Jiwuushii ykn farra seemeetizimii gaggeessaa ture.

Hiitlar wayita Jarmanoota hoogganaa biyyattii ta’etti jibba sammuusaa keessa ture gochatti jijjiiree bara waraana addunyaa 2fa Jiwuushota miliyoona ja’atti tilmaamaman  lafarraa duguuge.  Yeroo Holookasti (Holocaust 1941-1945) kanatti  lubbuu Jiwuushota dhabamsiisuu bira taree addunyaan akka nagaa dhabdu taasisuun seenaa gurraacha galmeesseera. Sabonnummaan Jarman kan yeroo sana jibbarratti xiyyeeffate booda Hiitlar qofa osoo hintaane Jaarmanillee daaraa botoroo taasise. Biyyi tokko bakka lamatti qoodamtee Jarman bahaafi Jarman Lixaa jedhamanii Ameerikaafi Ruusiyaa harkatti akka kuftu taasise. Sabboonummaafi jibbi oftuultonni biyya keenyaa gaggeessaa jiranis yoo dafee fala hinargatin guduunfaansaa akka Jarman ta’uu danda’a.  

Haaluma walfakkaatuun sababa jibbaatiin addunyaa kanarratti rakkoon hammaataa hedduun quunnameera. Akkuman kanaan dura barreeffama koo tokkoratti dhiheesetti waraana addunyaa tokkoffaafi lammaffaa kan fide siyaasa jibbaati. Waraana kanarratti gochaawwan suukaneessaa ta’an kan dhala namaarratti niraawwatu jedhamee hin yaadamne raawwataniiru. Addunyaan kana irraa barachuu hindandeenye.

Ammas addunyaan olola jibbaatiin raafamaa jirti. Biyyi keenyas akkanuma. Keessattuu warri “nutu caala, nu qofatu  biyya ijaare” jechaa  sabaafi sablammii biraa tuffataniifi  jibban, jibbisaanii akka biyya hindiigne akkuma lammii kamuu sodaan qaba.   

Galaanni osoo kolfanuu nama nyaata jedhama. Ololli jibbaa biyya keenya keessatti oofamaa jiru kun osoo itti qoosnuufi ittiin kofalluu akka galaanaa akka nu hinfudhanne sodaachuu qabna. Mukukulli ibiddaa yoo ilaalan ni bareeda. Kan gubaasaa argan yoo qaama namaarra bu’eedha. Bishaan bircuqqoo keessaa nama gubeefi dhiisee kan argu kan quba itti kaa’e qofa.

Feesbuukiirra taa’anii olola jibbaa oofuun, tokko kan biraarratti duulchisuun, akka namni walitti dhihaatu osoo hintaane akka namni waljibbu taasisuun salphaadha. Gaarummaa nageenyaa, rakkoo waldiddaan fidu warra gabaa feesbuukiirra oolurra warra xuqee argetu beeka. Kanaaf dhimmi kun xiyyeeffannaa addaa barbaada.

Biyya kanatti qaamni gaafii mirgaa gaafatu ykn walqixxummaaf falmu ija hamaadhaan ilaalama. Ummanni sunillee ni jibbama. Kana yeroo darbes agarre ammas argaa jirra. Ummanni Oromoo jaalala lallabaa oola. Warri hammeenya yaadan jaalala ummanni Oromoo faarsu feesbuukiirratti jibba gurguraa oolu. Warri kuun yoo tokkumma faarsan  warri araada aangoo qaban garuu amma nuti aangoorra hinjirretti tokkummaan hinjiru jedhanii lammii burjaajessu.

Jecha Doktar  Mararaa Guddinaa tokko kaasee yaada koo haa golobu. “Yeroo hunda biyya kana keessatti warri kaardii Itoophiyummaa hiruuf yaalan yoo yaadama abjuu kana keessaa bahuu baatan biyya kanaaf sodaadha’’ jechaa turan. Ammas jarreen akkanatti yaadan kunniin yoo  sarara hinqabanne gara biyya ijaaruutti osoo hintaane gara biyya diiguutti akka deeman hubatamee dogoggoroota sirreessuun barbaachisaadha.

Tarii biyyoonni humnaan ijaaraman addunyaarratti heddumminaan jiraachuu danda’u. Garuu amma beekumsaafi hubannoo kootti biyyi jibbaan ijaaramte jirti jedhee hin yaadu. Kanaaf dhaamsa lamaanan yaada koo golaba. 

Warra jaalalaan biyya ofii ijaaruuf olii gadi dhama’aa oolaniin jabaadhaa jedhanii jajjabeessuun barbaachisaadha. Warra jibbaan biyya diiguuf dhagaa fonqolchaa oolaniinimmoo yoomiyyuu hinmilkooftan jechuuniin abdii kutachiisuun sirrii ta’a. Torban gaarii!   

       Dachaasaa Roorrootiin

   Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011       

Recommended For You

5 Comments to “Jaalalli yoo biyya ijaaru jibbi biyya diiga”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: The Deb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *