Kutaa 2fa
Dubbistootaa, torban darbe kutaa tokkoffaa mataduree kana isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan ammoo kutaa ittaanuufi isa xumuraa isin dubbisiisna.
Dhufaatiin amantaalee kanneenii duudhaa, seenaafi aadaa ganamaa ummatichi qabu awwaaluudhaan isa haaraa moggaasa amantaatiin dhufeen ummati tokko ummata wal hinbeekne lama akka ta’u irratti hojjetame. Eenyummaasaa gatee kan abbootii amantii haaraa kanneeniin isaaf laatamu akka fudhatu irratti hojjetame. Oromoon lixaafi bahaa amantiiwwan gara garaa fudhatee ufumaa akka walwallaalu, darbees akka walitti diinomu taasifame. Har’a isa kana fayyisuuf mankaraarra.
Akkuma hunduu yaadatu seenaa gita bittaa sirna Fiwudaalaa salamoonawaa waggoota 700 oliif biyya kana bite keessatti gaheen mana amantii Ortodoksii qooda leencaati. Aangoo biyya kanaa keessaa harki lama sadaffaan kan isiiti. Bu’uura dinagdee biyyattii kan ta’e lafa ammoo harka lama shanaffaas manuma amantii kanatu bulcha.
Mootonni dhufanii darban aangoo ofii cimsachuuf bataskaanaafi qeesiitti koola galu. Kan isaanitti finciles gamanuma saniin abaarsisu. Yakkisiisu. Yookaanis amanticha fudhatee akka araara barbaadu kallattiilee adda addaatiin irratti hojjetu. Olaantummaa garee tokkoo aangoo siyaasaafi gonfa mootummaa qofarratti osoo hintaane hoggansa mana amantichaa keessattis mirkaneessu.
Amanticha akkataa hordoftoota galuun otoo hintaane akka ofii barbaadanitti barsiisu. Qeesii ykn sheekii ta’uuf gosasaanii keessaa dhalachuu qabda. Kan sanaan ala jiru qulqulluu miti. Gama siyaasaatiin dinagdee, sabummaa, eenyummaafi aadaa kee gaafa si gachisiisan maqaa hiikasaa hinbeekne sii moggaasu. Afaan kan kee hintaaneen sitti lallabu. Hunduu akkasitti gabaa nutti ta’aa kan as geenye. Isaaniif garuu tooftaa qabsooti; tooftaa gita bittaa.
Amantaan akka naaf galutti walqunnamtii iccitii uumamni Waaqasaa faana qabaatuudha. Kan shira namummaa irraa bilisa ta’e, kaayyoo qulqulluuf qofa kan itti seenamu ta’uu qaba ture. Biyya keenyatti garuu mootummaan namaas mootummaan Waaqaas waluma qixa godhamee ilaalamaa ture.
Warri jalqaba amanticha uumanii nuu fidan haa galatooman. Erga gaafasiitii kan keenya godhanneerra. Ni kunuunfanna, ni guddifanna, dhala keenya ni barsiifanna. Kunniin hunduu kan ta’uu qabu ammoo afaanuma keenyaani. Amantii hinbeekne afaan ormaatiin barachuun ba’aa lama nutti ta’a. Keenyaan yoo gaggeeffanne, yoo baranne, yoo waaqeffanne daran gabbisuufi ormas ittiin barsiisuu ni dnadeenya.
Nuti, ummati Oromoo Kiristaanaas; Islaamaas garuu dursa Oromoodha. Ani Musliima ta’uu kootiin dura Oromoodha. Tarii boru amantii koo geeddaradhee Kiristaana ta’uu nan danda’a. Oromummaa garuu gonkumaa geeddaruu hin danda’u. Inni eenyummaa koo ganamaati.
Gidduu kana manni amantii Ortodoksii akka naannoo Oromiyaatti bifa haaraatiin ni gurmaa’a oduu jedhu miidiyaa hawaasaarratti nan dhagaha. Namni baay’een gammachuu qaba, Oromoon amantii biraa hordofu otoo hinhafin.
Sababiinsaas sabummaa walittu nu hidhu sanatu haada furdaadha. Gaafa kana Oromummaan ni dagaaga. Oromoon amantii biraa hordofus akkuma sana amantiisaa afaansaatiin gaggeeffata. Kun qoqqoodamiinsi maqaa amantiitiin akkasumas sabummaatiin xaxamu hafee tokkummaan akka cimu bu’uura kaa’a.
Kan wacaa jiru warra kaleessa amanticha bobaa keewwatee asiin nu abaaraa asiin ammoo gabroonfataa nurratti labsuutu ammumaan fashalsuuf wixxirfataa jira. Oromoon hundi asirratti walbira dhaabbatee manni amantii Kiristaanaa kan Oromtichaa akka cimu tumsuu qaba.
Oromoon Luba Balaay Makonnin hinbeekne hinjiru. Isaan Sinoodoosii Itoophiyaatti sadarkaa guddaarra gahanii tajaajilaas turan. Garuu harki seexanaa bataskaanas galee Oromoon akkam waajira phaaphaasii gala, inni hawaasa lagaafi tulluu waaqeffatu irraa dhufe amantiiyyuu hin qabaatu jedhaniitu warri olaantummaa siyaasaa isa kaleessaa amantiidhaan haguuganii ummata keenya gabroomsan shira xaxuudhaan akka ari’ataman taasisan.
Ammas taanaan Oromoon uumaa duriitti deebi’ee eenyummaasaa, aadaa, afaan, seenaasaa gabbifachuun hundaa ol ammoo tokkummaasaa cimsee eeggachuun dirqama.
Gandan itti dhaladhe jaarsi tokko jiru Abbaa Shuumii jennaan. Maqaansaanii Obbo Nagaashuu Badhaadhaati. Amantii Ortodoksii hordofu. Ni hordofu malee waa’ee amantichaa wanti beekan tokkollee hinjiru. Kanarraanuu ammoo afaan Oromoo malee otoo gurrisaanii murameellee afaan biroo gonkumaa hinbeekan. Garuu yeroo hundaa ni waaqeeffatu. Bataskaanas ni dhaqu. Mammiree Kabbaraafaa qeesota kan biroos ni kabaju ni jaalatu.
Garuu maal godha afaan hinbeekne duudaa nama godha. Isaan waaqa isaanii biratti nama guddaa akka ta’an namni ganda keenyaa hundumtuu afaan tokkoon raga bahaaf. Rakkataa ni gargaaru. Waliin jireenyi biyyaan waliin qaban kan akka fakkeenyaatti ilaallamuudha. Nama namummaasaa qofaan kabaju.
Egaa maanguddichi kun dulluma keessa barsiifata amantiisaanii kana afaansaaniitiin barachuuf carraa hinarganne. Barumsa ammayyaatuu afaan keenyaan argachuun keenya reefu. Egaa sanbata gaafa tokkoo akka tasaa otuma bobbaanuu karaan walitti nu fidee isaanis sanbateesaanii gahanii deebi’uuf akka imalaa jiran naaf kaasanii otuma haasofnuu bira geenye. Abbaan shuumii gara dallaa bataskaana gabri’eeliitti galagalanii, dugda dullumi laaffiseen gadi cabanii, gonfoo mataarraa of fuudhanii ulfina Waaqasaaniitiif qaban keesoodhaa mul’isuun sagadan. Seera sagadaa guutuuf tarii akka qeesii warra kaanii waan hunda ibsanii waaqeffatuu irratti booda gaafan tilmaamu gama tokkoon hubannoo dhabuudhaan karaa kan biraa ammoo Afaan Oromoo malee afaan hojii mana amantichaa beekuu dhabuudhaan baay’ee dhiphataniiru.
Waaqni kan garaa malee kan arrabaa hinilaalu waan jedhu fakkaatu. Takkatuu sagalee ciratanii “akkam oolte yaa Maaramii, haadha hiyyeessaa, haadha Waaqaa. Ani akka ormaa ‘minnoo mindinnoo’ hinbeeku…nagana na oolchii nagaan na galchi, ijoollee koo naa tiksi” jedhanii sagadasaanii raawwatan. Eeyyee! amantiin jecha bareechuu osoo hintaane onnee qulqulluudhaan Waaqaaf bitamuu akka ta’e kitaabbileen amantii hundi afaan tokkoon dubbatu.
Qabsoo siyaasaa biyya keenyatti gaggeeffame keessaa cunqursaa gitaas kan sabaas hambisuun isa ijoodha. Qabsoo gitaa keessaa mirgi amantii isa hangaffa. Namni kamuu amantii fedhe hordofuu, waan barbaade waaqeffachuuf mirga guutuu akka qabu seeraan daangaan laatameefii jira. Kanaan ala anatu sii beekaan qe’ee Waaqaatti mitii qe’eedhuma siyaasaattuu iddoo hinqabu.
Warri anatu sii beeka, anatu abbaa amantii keeti, afaan ani jedhuun qofa Waaqeffadhu jedhu adabadhu jedhamuun dirqama. Kanarra darbee humnoota amantii dawoo godhachuun kaayyoo dhuunfaasaanii tarkaanfachiisaniifi biyyattii jeequmsa hincaamnetti oofuudhaan nageenya ummataa booressanirratti mootummaan dirqama tarkaanfii seera kabachiisuuf qabu fudhachuun waan boruuf hinjedhamneedha.
Ayyaanni Maaramii biyya keenya haa tiksu. Dhimma kanarratti bal’inaan yeroo ittaanu waan biroo isin biraan nan gaha.
Ulfaadhaa, Horaa Bulaa!
Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011
9 Comments to “Akkam Oolte Yaa Maaramii”