Tokkummaa yaa ilmaan Oromoo…

Mataduree kana weelluu artistii Oromoo beekamaa, Nuuhoo Goobanaarraa fudhadhe. Nuhoon artiistii goddaadha. Garuu hanga guddinasaa olka’ee hindubbatamneef. Seenaan bara baraa ni dubbataaf jedheen yaada. Sirboonnisaa walaloon, yadaloon akkasumas dhaamsa dabarsaniin mudaan tokkollee hinba’uuf.

Keessattuu sabboonummaa Oromoo cimsuudhaan sirba jaalatamaan akka “tokkummaa!; tokkummaa! yaa ilmaan Oromoo tokkummaa” jedhee sagaleesaa adda ta’een kuulu sun sammuu namaa dhagahe keessaa hinbadu. Oromoonni hedduun sirba kana ni yaadatu.

Faaruu kana yeroo hedduu harka walqabannee faarfannee jirra. Yeroo hedduu imimmaan dhangalaasaa waadaa ittiin waliigalleerra. Yeroo hedduu ittiin walii kakanneerra. Garuu, hagam waadaa keenya kabajne? Hagam kakuu keenya eegne?  Gaaffiilee kanneen bakka jirrutti xiqqaafi guddaan, beekaafi wallaalaan wal haa gaafannu.

Keessaattuummoo jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa ummata Oromootiin socho’aa jirtan gaaffiin tokkummeessuu Oromoo kun isin ilaallata. Kan keessaafi ala jirtan, kan gandaafi amantiin walqoodanii ummata guddaa kana burjaajessaa jirtan akkasumas jarri meeshaa qabatanii haxxee keessa lootan  hagam waadaa tokkummaaf galtan eegdan? Hundi keessanuu of gaafadhaa. Yeroo meeqa tokkummaa faarsitanii tokko ta’uu dadhabdanii ummata keenya jeeqxan?

Dhimmi tokkummaa jaarmiyaalee Oromoo kun yeroo hunda ummata yaaddessa. Qabsaa’onni kaleessa qabsoo “A” jedhanii jalqaban waan hojjataniif galata guddaa seenaan hindaganne qabaatanillee ofii tokko ta’anii ummata tokkoomsanii fuulduratti deemurratti hanqina guddaa qabu.

Har’as yeroo Oromoon dhiiga Qeerroofi Qarreetiin injifannoo cululuqaa argate kana tokkummaan jaarmiyaalee keenya hangam cime jennee gaafachuun dirqama. Mooraan qabsoo Oromoo mariidhaan gara tokkotti ykn gara murna murtaa’eetti dhufuu qaba. Garuu kun hin taane. 

Akka ummanniifi abbootiin Gadaa jedhanitti dhufuu waan danda’e hinfakkaatu. Baay’inni dhaabbilee siyaasaa keenya lakkoofsaan gara 15ti. Kun guddina osoo hintaane gadi-deemina. Kan baay’inasaani qofaa miti kan nama ajaa’ibsiisu. Holqa gosaa ykn gandaa keessa galanii ummata tokkummaasaa cimsaa jiru lagaafi amantiidhaan gargar qooduuf yaaluusaaniiti.

Ololli isaan walirratti oofan kan tokkummaa ummataa ijaaru osoo hintaane kan laaffisuudha. Ummata yeroo qabsoo fincila gabrummaa haala addunyaa ajaa’ibsiiseen jarraa 16fa as tokko ta’e sanallee fedhiisaa hubachuu dadhabanii asiifi akka dorgommii funyoo itti ejjatanii asii achi harkisu. Ummanni garuu tokkummaansaa akka funyoo dorgommii sana. Ciminaan waan walitti fooyameef addaan hincitu. Warri asiifi achi harkisan garuu  booda ni kufu. 

Rakkoon gubbanatti eerre kan tokkumma Oromootiif sodaadha jedhee yaade rakkoo keessooti. Sodaa kan biraa alaa kan madduudha. Hubattanii jirtu yoo ta’e duulli  Oromoorratti karaa adda addaa gaggeeffamaa jiru tooftaafi bifa jijjiiratee deemaa jira. Warri durii kaasee tokkummaa Oromoo sodaatan ni jiru.

Ilmaansaaniis akkuma abbootiisaanii sodaan itti nam’ee jira. Kanaaf akka tokko ta’u osoo hintaane akka diigamu, akka jabaatu osoo hintaane akka utubaansaa jigu, akka hidhaan dagaleensaa hiikkatu hojjatu. Asiin amantiin addaan qooduuf duula cimaa lafa jalaafi gubbaan gaggeessu.

Gamasiin Oromoota ummata ollaan walitti naqanii akka jibbamuufi itti duulamu shira xaxaa oolu. Gamanaanimmoo Oromoo bitamtoota Oromoorratti duulchisu, murna siyaasa Oromoo tokko tokko ofitti qabuun  kan biraatiin wal-lolchiisu. Maqaa balleessaa adda addaa irratti oofu. Kun kaayyoonsaa kallattiin tokkummaa Oromoo laamshechuuf hojii hojjatamuudha.

Rakkoo keessootimoo kan alaatu tokkummaa Oromoorratti dhiibbaa guddaa qaba gaaffiin jedhu kan nama walmormisiisuudha. Rakkoon lamaanuu kan waldorgomaniidha. Garuu kan sodaatamuu qabu rakkoo keessoo keenyaati.

Yoo Oromoon tokko ta’e diinni kamuu isa hincabsu jedheen amana. Ana qofa osoo hintaane hayyuuleen siyaasaas kanumatti amanu. Kanaaf fakkeenya kan ta’u  jarraa 16fa irratti tokko taanee maal akka ta’e hunduu ni yaadata. Kan fagoo dhiisnee qabsoo qeerroofi qarreetiin hoogganamerratti Oromoon tokko ta’ee warra baankiifi taankii qabu maal akka godhe jarruu beeku. Kanaaf kan  irratti xiyyeeffatamuu qabu rakkoo keenyaa kan keessoo hiikurratti. Gama biraatiin tokkummaa keenya jabeessuu barbaachisa jechuudha.

Tokkummaa dhabuun nu, Oromoo maal dhabsiise? Gara fuulduraa midhaa maala qaba? Tokkummaa dhabuun ummanni keenya rakkoo humnaa olii akka baatu taasiseera. Lafasaarratti abbummaa dhabee akka olaantota gabbaraa jiraatan taasiseera. Afaansaatti akka hinfayyadamne mirga dhalootaa qabu irraa mulqeera. Afaan biraa akka baratu dirqisiiseera.

Aadaa ofii gatee aadaa oftuultotaa akka baatu dirqisiisseera. Seenaasaa dagatee seenaa alagaa akka kiyya jedhee fudhatu godheera. Of tuffatee alagaa akka kabaju taasiseera. Ofii walshakkee qaama biraa akka amanu dhiibbaa taasiseera. Beekaafi gootasaa akka wallaalu, akka kiyya jedhee hinkabajne taasiseera. Kan biroos, kan biroos.

Tokkummaan Oromoof bu’aa maal qaba? Deebiinsaa garagalcha miidhaa tokkummaa dhabuuti. Kana kaasuudhumaaf malee namni wallaalee miti. Yoo xiqqaate tokkummaan bu’aa maal akka qabu injifannoowwan waggoota darban mul’atan agarsiistuu gaariidha. Oromoon tokkoomuusaatiin weerara lafaa naannawa Finfinneerratti raawwatamuuf karoorfame ofirraa qolanneerra. Yoo diinni Oromoo buqqisu tokko taanee rakkoo keessaa walbaasneerra. Oromoon Shawaa  qaama koo tokkotu rakkate jedhee waan qabu walitti qabee birmate. Oromoon Wallagga jiru akka durii sana ana hinilaallatu jedhee calisee hindhiisne. Obbolaa kootu buqqa’e jedhee galaa guduunfeefii dhaqee jajjabeesse. Oromoon Gujiifi Booranaa ana maaltu nagalche jedhee callisuu dhiiseeti waan qabu waliiti funaanee ummata buqqa’e gaafatee.

Kan nama ajaa’ibsiisu Oromoon dur Oromummaansaa sarbamee akka saba addaatti lakkaawamu Raayyaadhaa ka’ee  Harargee gahee obbolaasaa bira dhaabbate. Kun bu’aa tokkummaa keenyaa gaafa rakkoo akka waliin dhaabbannee walgaragaarru nu taasiseera. Tokkummaan akkanaa kun jaarraa hedduun booda kan mul’ate tauunsaa dhaloota har’aatiif qofa osoo hintaane dhaloota boriifillee kan galaa ta’uudha.

Akka waliigalaatti dhaamsa koo irra deebi’ee haa dabarsu. Walummaan Oromoo  cimina Oromooti. Meeshaan farra Oromoo ittiin ofirraa dhaabsisuun keessaa inni guddaan tokkummaa ummata kanaati. “ Yaa walee yaa walee yaa warra waliigale” jennee sirbinee boo’icha keessaa ba’uuf tokkummaan keenya murteessaadha.

Qeerroofi qarreen tokkummaa Oromoo uumu keessatti gahee guddaa taphatan kunniin cimanii yoo tokko ta’anii deeman  ajaa’iba uumuu danda’a.  Biyya kana keessatti  Oromoon utubaa sabaafi sablammiin ittiin dhaabbatan ta’uu danda’a.  Biyyoota Gaanfa Afrikaallee walitti fiduuf gahee mataasaa taphata.

Tokkummaan jalqabame kun jabaatee yoo itti fufuu baate garuu balaan ummata Oromoorra gahuu danda’u maal ta’uu akka danda’u raaguuf qaalluu ta’uun hinbarbaachisu. Kanarraa Waqayyo guddaan nu haa baraaru. Yeroo hunda “Tokkummaa Yaa Ilmaan Oromoo” faarsaa hojiinimmoo haa mul’isnu. Falli qabnu tokkichi tokkummaa ummata kanaaf fedhii keenya dabarsinee kennuu qabna. Xiyyeeffannaa keenya wal-ijaaruu jiddugala taasisuu qaba. Dhuunfaanis, murnaanis of xiqqeessinee ummata kana guddisuu qabna. Waaqayyo qalbii tokkummaa nuuf haa kennu.  Torban dhufu fuulli ifaa wal nu haa argu. Nagaatti.

Dachaasaa Rorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

4 Comments to “Tokkummaa yaa ilmaan Oromoo…”

  1. Pingback: cat888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *