Jamaa! Akkam Nagumaa? Ganni kun akkam isinitti jira adaraa? Anoo dadhabeera isa dhugaa. Jiruun magaalaas nicima. Akka qe’ee warra keenyaa, kan baadiyyaa sana womti ilkaan jala buufatanii qabbana Hagayyaa kana jalaa itti baqatamus rakkisaadha.
Keessattuu nama akka koo Baale, biyya garbuutii baheef Boolee jiraachuun ni ulfaata. Maal godhama kaa jiruufi soddaatii hintuffatanii Galatasaa jenneema caccarraaqaa jirra. Kan garaadhaa boochaa qoraanumti ibidda itti qaqqaamatanuu eessaa dhufa hinjettanii? Akkanas jennee baadiyyaatti hafuu qabna jedhaa hinjiruu akka hintaanetti nan hubatinaa malee.
Silaa gidiraan keenya himamee hindhumuu, kan Oromoo kun baddaadhumaa boorayee laata jedheen of gaaffadha takka takka. Akka awusaa gabaabduu mataatti ol butan miilatu qullaa nama hafaa, miillatti gadi butan mataa ankaakaa. Akkas ta’e jiruun keenya. Waaqumti dhimma keenya kana maaf kallattiidhumaan nuuf raawwachuu dhabee karaa namaatiin maaf nuuf qajeelcha ykn “paraf” godha jedheen of mugguta yeroo baay’ee.
Waggaa shan dura kitaaba tokkon dubbisa ture kan Obbo Dirribii Damisee, Dura Taa’aa Waldaa Maccaafi Tuullamaatiin barraa’e, kan mataduree “Waaqeffannaafi Dhugeeffannoo Oromoo” jedhu. Kitaaba kana bara kana gabaarraa barbaadeen dhabe. Dhugaa dubbachuuf kitaaba Oromoon hunduu dubbisuu qabuudha jedheetan amana akka yaada kootti.
Kitaaba otoo ta’ee Oromoon akkuma warri kiristaanaa “Macaafa Qulqulluu” qaban, akkuma warri Islaamaas “Qur’aana” qaban Oromoonis qabachuu qabuudha jedheen amana ture. Gama tokkoon ammoo nama faallaa amanatii koo isa ammaa dhaabbate na godhaa laata akkana yaaduun jedheen ofiin morma.
Amantiin ganamaa Oromtichaa akka warra kaanii karaa ergamaa ykn Nabiyyiitiin kitaaba Waaqa biraa bu’e jedhamee amanamuun osoo hintaane uumaadhumaan kan bitamuufi safuudhaan hoogganamu akka ta’e kitaabicharraa hubachuun ni danda’ama.
Akka kitaaba Obbo Dirribiitti Oromoon seera uumaatiin bula, uumaan Waaqaa waan hundasaati. Aadaa Waaqeffannaafi Dhugeeffannoo (‘mythology’) Ummata Oromoorratti yaadota guguddoo hedduu duraa duubaan tarreessaniiru hayyuun kun.
Amantiiwwan guguddoo addunyaa keessumaa kanneen biyya keenyatti iddoo olaanaa qaban lameen wajjin walbira qabanii madaaluus yaalaniiru. Akka isaan jedhanitti, akka dhugeeffannoon qor-qalbii saba kanaa mirkaneessuttis Waaqayyo gaafa uumaa ganamaa kana lafa kaa’u jalqaba oloo (waaqa ykn samii)fi gadoo (dachii) uume.
Dachiirrattis dhala namaa uume. Kana wajjin safuu gadi buuse. Safuun seera waaqaafi lafaati. dhalli namaa ammoo amantiisaa tolfate. Malee amantiin Waaqa biraa hinbuune, kitaabni ergames hinjiru jedhan. Otoo amantaan Waaqayyo bira bu’eera ta’ee silaa biyya lafaa kanarra amantuma tokko qofatu jiraata ture. Waldhabdeen ykn qoqqoodamiinsi amantaalee adda addaa gidduu qofa mitii kanumti mana amantii tokko keessatti arginuyyuu maddi amantiiwwannii mana waaqaa otoo hintaane sammuu dhala namaati yaada jedhu jala sararaniiru barreessaan kitaabichaa.
Walbira qabaadhaanis tokkummaafi garaagarummaa aadaan Waaqeffannaa Oromtichaa amantii Kiristaanaafi Islaamaa faana qabu madaalaniiru. Inni jalqabaa sadanuu jiraachuu Waaqaatti amanu, ni barsiisus. Akka warri mortuun jibba keenyaan jaaman sun jedhan Oromoon amantii dhabeessa (‘atheist’) osoo hintaane Waaqa tokkichatti amana (‘One God Believer’).
Warri Islaamaa isa kanaan “towhiida” jedhaniitu waamu. Seeronni Oromoon uumamumaan safeeffate warra lameen biratti bifa kitaabaatiin maxxanfamanii hordoftoonni akka ittiin bitaman taasifaman Oromoo biratti tumaa ganamaa jedhamaniit beekamu.
Sobni, hanni, sagaagalummaan, dharaan walirratti raguun, lubbuu namaa baasuun, nama walitti buusuun…kanneen aqiidaa warra Musliimaa biratti haraama jedhaman akkasumas ajajawwan 10n (‘10 commandments’) jedhaman Oromoo biratti amantii duwwaa osoo hintaane bu’uura uumamaati.
Babal’ina amanataawwan lameeniifuu haalli mijataan durumaa lafa ture isa kana ta’uunsaa mamii hinqabu. Akkuma hundi keenya beeknu amantiileen lameenuu gara biyya keenyaa keessumummaa dhufan. Akkasuma gara guutuu Afrikaatti. Lammannuu Baha Giddugaleessaarraa ka’aniitu kan isaan guutuutti addunyaatti babal’atan.
Adeemsi babal’inaa kun ofiisaanii gidduutti walfakkii haa qabaatu malee kallattiiwwan itti imale gargar baatee hedduutu jira. Isa tokko waraanaan, isa kaanitti daldalaan, kaanimmoo tuuristiidhaan, kaanis gaa’elaan.
Ardiiwwan torban keessaa Afrikaa wanti adda godhu jira. Akka isaan jedhan gara ummata amantii dhabeessaa otoo hintaane warra seera uumaatiin buluufi kan amantii mataasaa qabuudha, ummati ardii Afrikaa. Yeroon jaarraa giddugaleessaa amantiiwwan lameen kunneen biyya keenyarrattis ta’e ardii keenya Afrikaarratti irree cimsatan ammoo bara Impaayeroota guguddoo addunyaa bitan lameen, Impaayera Roomaafi Impaayera Otomaanotaati.
Inni tokko kiristaanummaatti inni kaan ammoo amantii Islaamaatti dayeeffatee yeroo irree jabeeffatutti harka laanne nus. Dhufaatiin amantii lameeniituu umrii waggaa 2000 kan caalu miti. Oromoon ammoo sanan dura jaarraa hedduuf biyya amma irra jiraatu kanatti ummata jiraachaa tureedha.
Ummati kun ummata uumamaan qaroomee, aadaa gabbataa horatee jireenya badhaadhinaa gaggeeffatuufi sirna Waaqeffannaa uumaa ittiin tikfatu qabuudha. Akka “luboonni” gama lameenuu jedhan ummata amantii hinqabnee miti. Waaqasaatti amana, seera Waaqaa ni kabaja. Beekumsi uumamaan Waaqeffannaa irratti qabu otoo jiraachuu baatee gabrummaa siyaasaa caalaa kan amantii kana ceekuu ittiin fudhatee baadhatu hinqabaatu ture. Amantaawwan kanneen abaaruuf miti kaayyoon Obbo Dirribiis ta’e kan koo. Anis yaadasaanii faana kan walii na galchu ajandaa furdaatu jira.
Oromoon dhugeeffannoofi aadaa Waaqeffannaa qabu irraa ka’ee amantii namaas hinsarbu, hinxiqqeessu. Waaqa jalatti dayeeffatee ykn maqaaa amantiitiin waan gadhee namarraan hingahu. Nama miti raammoo ijaan hinmul’anneyyuu seera malee miidhuuf Waaqasaa sodaata. Ni safeeffata. Waaqas hinliqeeffatu, waaqni warra abaluu, kitaaba warra kaanii, amantii abbaa abaluu wanti jedhu hinjiru Oromoo bira.
Egaa adeemsa jireenyasaa bara duriitii kaasee hanga ammaa jiru keessatti akkuma muuxannoo siyaasaa, aadaafi dinagdee dabarse keessatti hariiroon gama amantaatiin qabus barruu dha. Inumaa seenaa cunqursaa keessumaa jaarraa 14ffaa irraa eegalee booda ammoo kufaatii mootummaa oromoo walloo booda yakki gama Kanaan akka sabaatti irratti raawwatame amantaadhaan daboollameeti.
Ittifufa…
Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
5 Comments to “Akkam Oolte Yaa Maaramii”