“Irreechi irree keenya jedhu Qeerroofi Qarreen;” abbaa Gadaafi haadha Siiqqeerraa dhaalanii olqabanii mul’isan. Barana garuu irree keenya qofa osoo hintaane hiree keenya ta’a. Sababiinsaas Mallattoo ilmaan Oromoo gosa malee, gandaafi amantii malee walitti guduunfu waan ta’eef.
Oromoon birraa barii Irreecharratti walitti dhufee “Baga bacaqii gannaa baanee ifa birraa agarre” waliin jedhee nagaa walgaafatee, waliin gammadee eebbaan gargar gala. Guyyaa horatti ba’ee waaqasaa itti galateeffatuudha.
Irreecha bara baraan irreeffachaa turreerra. Kan baranaa garuu adda kan jedhu gurra nu bu’aa jira. Maaltu adda taasisa? jechuu dandeessu. Gabaabumatti waggaa 150 booda hora Finfinneetti walarguuf karoora qabachaa jirra. Kana caala maaltu jira. Qeerroofi qareewwan keenya galata guddaa qabdu. Dhiiga keessaniin aadaa badde deebifanne. Lubbuu keessaniin kabaja arganne. Dhaloonni kunillee dhaloota carraa qabuudha. Dhaloota afuriifi shan booda carraa kana argachuu caala kan nama gammachiisu hinjiru. Jabaannee walhaajabeessinu. Tokkummaa keenyaaf utubaa Sirna Gadaa godhannee, aadaa fi seenaawwan keenyaan dagalee cimaa ijaarree fuulduratti deemuu qabna.
Qarreefi qeerroon yeroo hunda waan tokko hindagatina. Innis waa’ee siyaasaa yoo kaasnu dinagdeen utubamuu akka qabuufi injifannoo kamuu dinagdeen walitti hidhuudha. Anis mataduree kana kanumarratti hundaa’een filadhe.
Xiqqoo duubattan isin deebisa. Ireeeecha Hora Arsadii baruma jalqabaarraa kaaseen beeka. Warri yeroo sana jirtan yaadattu yoo ta’e jiraattonni Magaalaa Bishooftuu hedduun gammachuun hinfudhanne ture. “Warri sheexanatti amanan dhufan” jedhanii karrasaanii cufatanii qaawwaan nulaalaa turan. Nyaataafi bishaanillee kan nu dhorgatan hindagannu. Har’a garuu osoo Irrechi kabajamuun hafe jedhanii kan dursanii morman isaanuma. Akkasumas osoo “Irreechi torban torbaniin haa kabajamu jedhame” kan dura deeggaru isaani. Sababni maali? yoo jettan deebiin gabaabaadha. Dhimmi dhimma dinagdeeti; dhimma galiiti.
Kanaaf akkamitti Irreechaafi gabaa walitti hiina? Akkamitti qeerroofi qarree irraa fayyadamaa taasisna? Akkamitti galiin ayyaana kanarraa argamu ummata keenya fayyada? Keessattuu Hora Finfinnee kanaaf qophii maal gochuu qabna?. Ani yaada koon kaasa. Isinimmoo itti yaadaa. Silaayyuu wanti bizinasii kun dafee nuuf hingaluu.
Waanuma xiqqoo tokkon isin yaadachiisa. Biqiltuu bal’inaan dhaabaa turre. Ammas dhaabuutti jirra. Karoora kanaaf akka biyyaatti biqiltuu biliyoona afur barbaachisa. Kana keessaa Oomiyaan harka guddaa qaba. Finfinneefi naannolee ollaatiif dhiheessuu ni danda’u. Osoo duraan itti yaadnee qeerroofi qarree hojii kanarratti bobbaasnee galii argachuu danda’an tilmaamaa.
Akkan taajjabetti osoo nuti qarqara ejjannuu warri beekan itti fayyadaman. Nutimmoo maallaqa keenyas kan mootummaas baasnee gatii guddaan irraa binnee dhaabne. Osoo tarsiimoon itti bahee dura irratti hojjatamee maallaqa guddaa bittaa biqiltuutiif bahe keessaa hojidhabaan keenya qooda guddaa fudhachuu mala. “Machees maal godhanii…”jedhee mitiiree namtichi ofitti aaree. “Kan darbe hinhaaman” jedha qonnaan bulaan keenya. Kan Irreechaa kana garuu mootummaan caasaa-caasaan jiru, qeerroofi qarreen, daldaltoonnis itti yaaduu qabu. Kan dhufu akka haamnuuf.
Ammas guyyoota 45 booda ayyaanni Irreechaa ni kabajama. ‘Aaddis Ababaan’ akkatti simattu tilmaamuun rakkisaadha. Akka ‘Dabrazayit’ jalqabaa karrashee nicufti jedhee hin yaadu. Jibbiifi balaaleffachuunis hinjiru jechuun xiinxala sirrii hinta’u. Wanti fedhe ta’u garuu Oromoon miliyoona hedduun Finfinneerra garagaluunsaa hinoolu. Kun ammoo gabaa guddaadha.
Osoo namni miliyoona afur ni argama jedhamee (muxannoo Bishooftuu) namni tokko jiddugalaan qarshii 300 ni baasa jedhamee qarshiin guyyaa san Finfinnee keessatti dhangala’u gara biliyoona tokkoo olitti tilmaamama. Kun ‘Shaqqaayii’ Finfinnee qofaaf osoo hintaane mootummaaf madda galii guddaadha. Kun waan gaariidha. Garuu gaaffii guddaan nuti maal irraa qooddannaadha. Dhimmi kun kallattii adda addaatiin ilaalamuu qaba jedheen yaada.
Mootummaa: Abbaan ayyana kanaa akka waliigalaatti ummata Oromoo ta’ullee bakka ummata kanaa ta’ee kan sirna kana gaggeessu mootummaadha. Mootummaa bakka bu’uunimmoo Biiroo Aadaafi Turiizimiiti. Biiroon kun biirolee biroo kanneen akka Misooma Intarpiraayiziifi Industirii wajjin ta’uudhaan akkamitti carraa kanarraa dargaggeessi Oromoo galii argachuu danda’a jedhanii dafanii itti yaaduu qabu.
Ayyaana kana kabajnee maallaqa keenya kan nujaalatuufis kan nujibbuufis kennuu qofa osoo hintaane qooda keenya irraa qooddachuu qabna. Kanaaf wantoota gabaan guyyaa sanaa feetu kan akka uffata aadaa, keeppiiwwan, alaabaa, kennaawwan adda addaa, nyaata yeroo (‘fast food’), bishaaniifi lallaafaa, meeshaawwan aadaa, nyaata aadaa, postariiwwaniifi kaardii baga ittiin isin gaheefi kkf qopheessanii itti gurguratan dafee haalli mijaa’uu qaba. Kanaaf bakka hojii yeroo daandii qarqararratti haalli itti mijaa’uuf jiraachuu akka qabu natti mul’ata. Mootummaa dageessee!?
Qeerroofi Qarreef: Dargaggoon Oromoo akkuma qabsooofi barnootarratti cimaa ta’e bizinasiirrattis cimuun dirqama akka ta’e hubachuu qabu. Qabsoon dinagdeedhaan hinutubamne fagoo deemmuu hindanda’u. Garaafi kiisiin duwwaa yoo ta’e qabsaa’uun rakkisaa ta’a. Kanaaf injifannoo gama siyaasatiin argate kana dafee dinagdeedhaan utubuuf hojjachuu qaba. Akka kootti hojiin tuffatamu hinjiru. Gaarreffatanii cinaa dhaabbachuurra dafanii itti seenanii waliin bukeessanii waliin tolchuu qabu. “Yoo manni abbaa kee saamamu waliin saami” jedha miti mammaaksi keenya.
Yeroon kooti kan jedhamu kan har’a nama harka jirtuudha. Guyyaa boru abbaanshii hinbeekamu. Kanaaf carraa kanatti fayyadamuuf qeerroofi qarreen osoo oltanii hinbuliin sochii jalqabuu qabdu. Maalan hojjadha? Gabaan gaafasii maal barbaaddi? Gabaan fuulduree ayyaanaa maal feeti? jedhanii yaaduufi omisha jalqabuun gabaa kana saammachuun qooda keessani. Osoo isin dhaabbattanii ilaaltanuu cululleen Markaatoo aadaafi meeshaa keessaniin badhaadha. Kan naaf hubachuu qabdan isaan maaliif gurguruu miti. Nutis akkusaaniitti hojjannee cimuu qabna miiraa jedhuuni malee. Dhaamsa kana Qeerroofi Qarree sirriitti naa hubadhaa.
Daldaltoota Oromoo: Daldaltoonni Oromoo Finfinnee keessaafi naannawashii jirtan gabaa kana saammachuuf ammumaa eegalee socho’uu qabdu yaada jedhun qaba. Wanti kun kan fagoo jiraniifillee carraadha. Geejibsiisanii Finfinneetti gabaa uummachuu wanti nama dhorgu waan jiru natti hinfakkaatu. Fakeenyaaf Micciirraa Booranaa sana osoo baay’isanii omishanii Finfinnee fidanii akkatti gurguramuu danda’u tilmaamaa. Kuunis akkanuma.
Yerooo kana Oromoon ofiin boona. Oromoon aadaasaa bita. Oromoon afaansaa bita. Oromoon nyaatasaa filata. Kanaaf xinsammuu ummata kanaa hubatanii itti qophaa’uun ammuma kaa. Osoo nuti teenyuu yoona Alabaa Abbaa Gadaa Chaayinaan markaatoon geeseetti ta’a. Daldalaan silaa Bariisaa dubbisuuf ‘yeroo hinqabuu’ (dandeettii Afaan Oromoo dubbisuu hinjenne) biraan naa gahaa.
Akkan yaadutti Afaan Oromoo gaafa sana Aaddis Ababaa sodaan ilaalaa jirturra garagala. ‘Naggaadeen’ Oromoo ykn Oromoo deeggaru balbalasaarratti Afaan Oromootiin Qubeedhaan barreesee Oromoo kallattii hundaan dhufu simachuu qaba. Barreessuu qofa osoo hintaane alabaa abbaa Gadaatiin magaalattii faayessuun qooda irraa eegamu bahuun gaafa sana. Kunis Oromoota beeksisa (‘promotion’) hojjataniif gabaadha. Akkuma “Dubbii lafaa maaltu walirraa hafa” jedhame dhimmi Finfinnee kun dhimma aadaa qofa osoo hintaane abbaa lafummaa wajjinis waan walqabatuuf walargaan gaafas ta’a.
Akkuma waliigalaatti Oromoon yoo mammaaku “Gabaa dabarte hindaldalan“ jedha. Nuti baroota darban qabsoo falmii abbaa biyyummaarra turre. Warri humnaan biyya dhuunfatanii biyya namaatti abbaa biyyaa of taasisanimmoo Oromoo lootee bizinasii keessa galte adamsanii Qilinxoofi Qaallittiitti naqaa turan. Kanaaf ajjeechaa namaa qofa osoo hintaane ajjeechaa bizinasii Oromoorratti taasisaa turan sana akkuma qabsoo hadhaawaadhaan ijoollee keenya Qilinxoodhaa baasne bizinasii keenyas hojiidhaan du’aa kaasuun qooda dhaloota kanaati. Oromiyaa badhaatuu ijoolleenshii itti hinrakkanne uumuuf haa tattaafannu. Birraa barii walargaan Hora Finfinneeti. Bishooftuti, Malkaa Ateeteeti…. Gadaan quufaa gabbina. Torban dansaa!
Dachaasaa Roorrotiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
6 Comments to “Irreechaafi gabaa walitti firoomsuu”