Kutaa 2fa
Kutaan jalqabaa barreeffama kanaa torban dabre dhiyaachuun ni yaadatama. Barreeffama torbanii barreessichi haala kamiin yaada mataduree kanaan barreessuu akkamitti akka argateefi dhimmoota biroo waldubbisiisuu eegallee irraa kan bulfanne. Kunootii. dubbisa gaarii!
Karoorri biqiltuu biliyoona afurii muummichi mul’ateeffate raawwatamuu danda’uusaa yoon shakkuu baadhellee isa miliyoona 200 guyyaa tokkotti dhaabuu kana garuu sodaan qaba ture; ani dhuunfaa kootiin. Haala qabatamaa siyaasaa biyya keessa jiru wajjin gaafan wal bira qabee ilaalu ammoo sodaan koo daranuu natti ifaa dhufe.
Duraanuu akkanaan odeessu waan hinfakkaanne nuun jechuuf warri arraba qaratee nu eegu silas ruuqa hunda keessaa akka munyuuqan beekamaadha. Kan Abbichuu otoo na dinquu daangaa malee ol hiixachuun Oromiyaa ammoo afaan na qabsiisaa ture. Biqiltuu miliyoona 250 akkam godhee dhaabuufi, Shimallis jedheen of gaafadhe. Ufumaan of shakka. Moosaajiin (software) diinni bara dheeraaf nutti fe’e akkas akka yaannu nu taasisa. Dhihuun hinooluu garuu wanti ta’e akkuma dhiirti raagde ta’e. Itoophiyaan rikardii haaraa galmeessifte. Oromiyaan Abbichuus qeequu diinaa jalaa baaftee Itoophiyaattis maqaa goote.
Oromoon wabii biyya kana qofaa mitii kan addunyaa guutuu ta’uusaa warqeedhaan barreesse. Oromiyaan rikardii biqiltuu dhaabuu kan biyya Hindiitiin qabamee ture dachee itti haree caccabse. Naannoon biyya Itoophiyaa jedhamtu jalatti bulu sanarra darbee addunyaadhaan dorgomee mo’ate. Ilmasaa kan biyya gaggeessaa jiru ammoo goonfa warqii itti goonfachise.
Ani jala bultiii gaafasii hiriyoota kootiin waliin mari’annee barii barraaqaan akka walgeenyu, diinaafis firaafis xiiqiidhaan akka hirmaachuu qabnu walii kakannee addaan baane. Finfinneetti. Iddoon dhuunfaa dhuunfaa keenyaan qopheeffanne haa jiraatu malee kaayyoo rikardii sana milkeessuuf sagantaa gabaasaa ashaarichaa jala waan hinjirreef iddoodhuma mootummaan qopheessetti wal argina jennee murteeffanne.
Takkatuu rafnee yeroo dammaqnu bokkaan haalaan roobaa ture. Kana keessa akkamitti deemna jedheen ofiin haasa’aa hiriyaa koo isa tokko biratti yennaan billbilu hinkaasu. Kan biraa biras yaalee na dide. Maal Waaqni hoo maaf nuun morma maal qaba otoo caamee malee kaayyoon keenya fashalaa’uusaati jedheen ofitti haasase. Sa’aatii 11:00 yeroon kuni.
Xinnoo turee Waaqayyo edaanuu karooruma Oromtichaatiin jira turee qanxal godhee nurraa ol qabate; bokkaasaa. Bokkaafi sareen magaalaa jaallatti akka jedhan ta’eetu caama hawwe malee iddoo biraa biqiltuu dhaabuufuu akka roobu hawwama ture. Achitti ammoo akkuma yaadasaanii roobee jiidha kanaaf tolu gumaache. Yaa Waaqa siif Galata!
Bakka muraasa ammoo bokkaan tasuma dhabamee cirracha gogaarra warri biqiltuu suuqee biraa gales jira. Isayyuu afaansaanii hammeenya facaasaa harkaan biqiltuu dhaabu. Arrabnisaaniituu akka biqiltuun cooligu taasisa. Nama garaansaa dhibee qabu Waaqayyo yoom wallaale hamma isaan garaa qulqulluutti deebi’anitti inuma isaan adaba.
Keenyatti ennaan deebi’u oggaa sa’aatiin 12:00 jedhu bilbilli koo iyyite, dafeen kaase. Rafiitii keessa jiraatinnaa laata jedheen akka maatiis jalaa hinjeeqne sagalee gadi qabadhee “kaatee” jedheen gaafadhe. “Maal anoo Saarbeetii gaheera” naan jedhe. Namni kun nama yeroo biroo ganama sa’aatii 4:00tti itti bilbilan “maaf subiidhaan natti bilbiltan” jedhee dallanuudha.
Har’a guyyaa xiiqiiti kaa maaltu rafa? Akkasiin anis “nan bade wayyoo duubatti hafee mitii” jedheen wayaa koo uffadhee kophee guddaa kanaaf qopheeffadhe kaawwadhee qottoo koo butadhee konkolaataa koo kaafadhee gara dirree qabsootti qajeele. Jamaa biyyi na dursee baheera.
Inni bokkaan wayyaa irratti tortorse of quba hinqabu…ni sirbama, ni dhaabama, ni fiigama, ni kufamaa, ni ka’ama. Gahee koo afurtamman narraa eegamu hoggasuman xaph ishii godhe. Ittan dabale…boolla 57 biqiltuudhaan walfuusisee ol ka’e. Qe’eedhaas kan hammana ta’utu na eeggata. Isayyuu dhaabbii ijoolleefi haati warraa koo kan hawwiidhaan eegaa turan irratti hirmaachuuf qalbiin na sardamte. Mana gahee gaafan jedhu cireen haati warraa koo naa dhiheessite inni har’aa adda.
Maali gaa dhangaan har’aa maal sababeeffachuuni kan akkana mi’aayee naa qophaa’e jedheen gaafadhe. Giiftiin koos “maali gaa maasii biyyaarraa dhufaa jirtu” naan jette seeqqachaa. “Kana malees biqiltuu afurtama qe’eetti dhaabuu qabnuuf haa jajjabaattu jedheetani, hundaa ol ammoo guyyaa dhaloota keetii isa baatii darbee sanas kanuma faana sii kabajuufi” naan jette. Waggaa 40 seeneera. Biqiltuu 40 waggaa 40fa kootti. Amma isa dhuunfaadhaan dhaabne kan akkanumatti korojoo Abbichuutti idaana gaaffiin jedhu kan hunda keenyaa ture.
Sa’aatii12:30 gaafa jedhu azaanni ykn lallabni masgiidaa dhagahame. Yemmuun televizhiinii banu kunoo ilmi abbaa Gadaa inni tokko ibsa laataa jira. Milkoofneerra jedha ibsisaanii. Obbo Umar Huseentu fooddaa TV keessaa mul’ata, ministira Qonnaa biyyattii. Biqiltuu miiliyoona 350 ol hamma sa’aatii kanaatti dhaabuudhaan mul’anni muummichaa mataduree “Ashaaraa Magariisa” jedhu laatameef guutummaan milkaa’uusaa labsan.
Kana keessaa biqiltuun miiliyoona 212 ykn harki 60 ol Oromiyaa irraa kan argameedha. Naannoo kophaasaa biyya ta’e jechuun akkana. Oromoon ilmasaa gonfa biyyaa of harkaa qabu akkasittiin kabaje. Waamicha kana sabni biyyattii hunduu irratti hirmaateera. Keessummoonni biyyattii maqaa dippiloomaasiitiin jireenyasaanii Itoophiyaa taasifatanis irratti hirmaataniiru. Bara addunyaan faalama qilleensaatiin raafamaa jirtu kanatti afaan siyaasaafi dippiloomaasii keessatti biyyoonni yemmuu faallaa walii dhaabbatan kanatti yaada ministira muummee keenya kaasanii ittiin milkaa’an kana faarsuudhaan nu faana kan hiriiran ta’uusaanii qabatamaadhaan mul’isan.
Hunda caalaa kan na dinqe waliigaltee biyyoonni addunyaa waa’ee faalama qilleensaarratti taasisan kan “Paris Agreement” jedhamee beekamu kana biyyi dhiittee baate Ameerikaanillee otoo hinhafin yaada Abbichuu fudhattee hawaasni embaasii biyyattii kan Finfinneetti argamu biqiltuu habaqaalaa oolanii nu faana.
Yaada mo’ataa jechuun akkana. Hamma gaazii kaarboonii warshaaleen isaanii omishan gad xiqqeessuu qofaan osoo hintaane akka Itoophiyaa kanatti magariisummaa mirkaneessuudhaan rakkoo faalama qilleensaa qolachuun ni danda’ama jedhanii ragaa nuu bahuurratti argamu.
Ammallee galanni kan Waaqayyooti. Miidiyaalee guguddoon akka Aljazeeraa, ‘CNN, BBC, CGTN, The Washington Post, The Guardian, Associated Press’fi kanneen biroo Oromoof dibbee rukutaa oolan. Kun carraa seenaa biyya keenyaa kan duraan rakkoo, beelaafi walwaraansa qofaan beekamu kan ittiin jijjiirru akka ta’e ibsa muummichi keenya xumura sagantichaarratti kennanirraa hubachuun ni danda’ama.
Guyyaan kun hundaa ol guyyaa tokkummaan ilmaan Oromoo daran itti gabbatee sadarkaa waltajjii addunyyaatti mul’ateedha. Guyyaa ilmaan abbaa Gaddaa afaan tokkoon “JIRTUU” jennee walgaafannee “JIRRA” jennee waliif deebifnuudha. Guyyaa jiraachuu keenya sagalee ol kaafnee addunyaatti labsinuudha. Al tokko rikardii cabsuu eegallaan araada namatti ta’a jedhe Hayilee Gabrasillaasee abbaan rikardii 27.
Amma qabneerra hamma riikardii biraa ashaaraa haaraan walitti deebinutti rafuu hinqabnuun dhaamsa kooti. Dhumarratti saree tokko kan kaleessa nu faana biqiltuu dhaabe tokko bifa addaatiin galateeffachuun barbaada. Inni nutu saree jedheen malee nama. Hammasuma ammoo jiru saroonni tokko tokko yoo ilaalan kan nama fakkaatan. Waaqayyo isaan haa abaaru! Torbaniin nu haa gahu; ayyaanni Oromtichaa!
JIRAADHAA, HORAA BULAA, DEEBANAA!
Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
7 Comments to “Ashaaraa haaraa”