Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Ani nagaadha. Ani amma amma baalaadaraa kana nuffuurraa kan ka’e waanan godhu dhabaan jira. Yeruma hunda maayikii dhaabanii ‘maglacaa’ baasuudha. Isaan hamma maayikii dhaabanii sobaan saba tokkorratti jibba raabsan maal qabamee osoo biqiltuu dhaabanii dhalootaaf oksijiinii raabsanii? Muu yaa haadhatoo jette haati Dammaa.
Sanuu bar warri isaan walitti qabanii ‘maglacaa’ kanaan mirqaansan warra gaafa Bunniifi Goorgisiin taphatan dhagaadhaan walxilleechani. Warra kunoo arrabsoodhaan gogaa walirraa quuncisan sani. Akkuma ‘maglacaa’ sanii bahaniin akkuma lammii kamuu bahanii biqiltuu dhaabuu laata jennee yommuu eegnu isaan akkuma gadi bahaniin quba lamaan isaaniitiin tamboo afaanitti dhaabu. Muu yaa Baaldiraas.
Ani gamakootin xalayaa ibsa ijjannookoo ibsu tokko yeroo dhihoo keessatti qaama mootummaatiifis ta’e baaldiraasii kanaaf erguufin jedha. Xalayaa jennaanin xalayaa bara durii tokkoon yaadadhe. Namni xalayaa invalooppii saantima 0.15n bitee firaafi aantee isaatiif barreessee iddoo adda addaatti hinergine jiraa laata.
Garuu invalooppiin sun maalumaaf baddee? Ishuma 0.15n bitatanii yaada isaanii irraatii barreeffatanii biyya keessatti iddoo barbaadanitti ergatu. Ani kanin yaadadhu bara ijoollummaakoo wasiilakoo tokkotu dirree waraanaarraa invalooppii saniin xalayaa barreessee nuu erge.
Egaa bara san baadiyyaa jiraannullee warra baratan argachuuf daran hinrakkannu ture. Akkuma xalayichi dhufeen ollaafi firri walitti lallabee walwaamee taa’ee hidhiisaa xuuxaa xalayaa dubbifamuuf dhaggeeffata. Egaa bara san xalayichi kan Afaan Oromootiin barreeffamaa waan hinturreef namoonni baay’een maaltu akka barreeffame hubachuuf nama Afaan Oromootti nuu hiiku eeguun dirqama ture.
“Haaga’u nagaankoo galaana daakee… dirree qaxxaamuree…laga cehee…tulluurra utaalee… jedhee… akka midhaaniitti kanin isin beela’u akka bishaaniitti kanin isin dheebodhu, akka bunaatti kanin isin araadu… jechuun itti fufee sana booda haadhaafi abbaasaa irraa eegalee hamma namoota beeku hunda tarreessee nagaa gaafata.
Namni maqaansaa waamamu gammachuudhaan waan godhu wallaala. Namoonni tokko tokko niboo’u. hundumtuu garuu hidhiisaanii xuuxu. Kan maqaansaa osoo hinwaamamin hafe yoojiraate yaa komiisaa. Torban tokkoof maatiisaatiin ooda. Sana boodayyuu dhiifama meeqaan araarri bu’a.
Kunumtuu bar hammeenyaaf mitii; akkamitti ana irraanfataadha malee. Aantummaasaa kan ittiin agarsiisuudha. Kan nama ajaa’ibummoo xalayaan kun kan dhufu yeroo dheeraa booda waan ta’eef hundi keenya xalayichi dhufnaan gammachuudhaan waan goonu wallaalla.
Egaa niyaadattu yoo ta’e invalooppichi dadachaa baay’ee qaba. Walakkaasaa kan fixu garuu maqaa namootaa waamuu ture. Maqaa namootaa hamma yaadatu hunda barreessee ka’ee akkuma isa xumureen gara beelladoota manaa galee tokko tokkoon waamee nagaasaanii gaafata.
Yoonakaa “Sa’a koo daalee aannanshee elmamee hindhumne, sa’a keenya, milkii kanin mataakoo arraabsifadhu…” yommuu jedhu akkoon koo imimmaan ishee ijasheerraa haxooftee “Ayee kunoo milkiin erga duutee torban lama darbe jedhii ittimi” jetteen nama xalayicha dubbisee Afaan Oromootti hiikee nutti himaa jiruun.
Waanuma battala sanitti itti himamu itti fakkaata akkoo kootti. Osoo jennuu akkoonkoo kutattuudha. Kutattuu ta’uusheetiin yeroo baay’ee nan dinqisiifadha. Wantootan ishee ittiin dinqisiifadhu keessaa tokko ilma ishee tokkotu hojii qonnaa dhiisee barumsa hammayyaa barachuu jalqabe.
Baruumsasaatti akka cimuuf waanti isaan hingargaarreen hinjiru. Qananiidhaan barsiisanii gaafa barumsasaa xumuree gara hojiitti galu mindaan inni hojiirraa argatuufi kan dur maatiinsaa isaaf ergaa turan waan walhinginneef jireenyasaa kan bara barataa sana hawwuu jalqabe.
Garuummoo akkuma Oromoon, “Ganna darbeef mana hinijaaran kan dhufuuf itti yaadan” jedhe qananii baroota darbanii yaadaa rakkooleefi ittigaafatama dhufuuf jiru akka hinsodaanneef akkawoonkoo sun itti siqxee gorsite… “Yaa ilmakoo qonna abaabileefi akaakileenkee akkasuma akaakayyuufi abaabayyuunkee ittiin of jiraachisanii dhalootaaf dabarsan yoo tuffatte, mindaan mootummaan naaf kennu natti xiqqaata yoo jette… maaloomee biyyuma abbaafi haatikee hinbeekne deemii hojii nagammachiisa jettee yaaddu hojjedhuu of jiraachisi” jettee wasiilakoo kana onnachiistee akka biyyaa bahu taasite. Kutannoo akkookoo kana hinirraanfadhu.
Egaa, xalayaan ani baaldiraasiif ergus kan akkana jedhuudha. “Si haaga’u nagaan koo biyya jirtutti…yaa namichoo baaldiraasii… erga qaamaan wal arginee kunoo baroonni hedduun darbanillee gochaawwankee hunda waanin hordofaa jiruuf si hinirraanfanne. Baaldiraasii keenya ati eenyuu? Eenyu bakka buutaa? Eenyutu bakka sibuufatee? Guraaraa Lammiimoo Tufaa Munaati? Abeebee Tufaa moo? Eenyumamee kan bakka sibuufatee “Sabakoo Finfinnee jiraatuuf falmi” kan siin jedhe? Maaloo dafiitii deebiikee nuu deebisi.
Nuti torbanii hamma torbaniitti si arguufi yaadakeetiin bashannanuuf ‘YouTube’ bannee maallaqa keenya fixaa jirra. Osoo dhaloonni waan gaarii sirraa baruu danda’u tokko dubbatteellee hamma kana waan gaddinuuf hinqabnu. Ati garuu xebexxebumakee saniif faddaalotaafi wayyaalotakee walitti guurtee gurra nuduuchita.
Isallee ati homaa hinballeessine, kan balleesse nuyi kan maallaqa keenyaan gurra keenya duuchaa ija keenya jaamsaa intarneetiirratti si hordofnee maallaqa keenya fixnee si afarsaa oollee yaadakee sii gurguraa oollu.
Yaa Baaldiraasii ‘keenya’… shirakee alanaa kanammoo hamma xiqqoollee ta’u sirratti beekneerra… adabadhu jennee kabajaan sigaafanna. Yoo diddes waan sigoonu hinqabnu. Nuti warra humna guddaa qaban wajjin malee warra humna hinqabne wajjin qabsoo keessa hingallu. Nuti yoo jawween nuhiddu malee yoo bookeen nuhidditu hinwatwaatnu. Maalumaafuu Finfinneen abbaa qabdi. Kan abbaa itti ta’us keessummaa dhufnaan itillee afanii irra raffisan miti. Abbaan handhuuraa waafuu callisa.” Mee mee ‘TV’n maal haasa’a? Isa dhaggeeffadheen isinitti deebi’a. Torban torban hosee nuuf haata’u!
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
6 Comments to “Xalayaa…”