Mataduree “Seermaleeyyii Bataskaana Da’eeffatan” jedhukana ta’e jedheen filadhe. Wanti dubbistoonni naa hubachuu qabdan ani amantii kamirraayyuu rakkoo kan hinqabneefi namni kamuu amantii fedhe yoo hordofe fedhiisaa kanin kabaju ta’uu kooti. Jecha “amantiin kan dhuunfaa, biyyi kan waloo” jedhusanitti namoota cimsanii amanan keessaa ani tokko. Tajaajiltoonni bataskaanaa guutummaatti rakkoo ni qabu ijjennoon jedhu hinjiru. Baay’eensaanii sagalee Waaqayyoo garaa qulqulluun kan lallabaa jirataniidha. Isaanumatti makamanii kanneen mirga namaa dhiiban ammoo ni jiru. Xiyyeeffannoon koos kanneen lammaffaarratti.
Dugdaduubee: Baroota dheeraadhaaf mootummaafi bataskaanni Ortodoksii walta’anii biyya keenya bulchaa akka turan seenaan nutti hima. Bataskaanittiin murtii siyaasaafi bulchiinsaarratti harka ciqilee gadi itti naqattee dhiibbaa taasisaa akka turtes ni beekama. Mootiin bataskaanni hinmuudne mootii ta’ee hinfudhatamu. Kun hanga bara mootummaa gonfoo Hayilasillaaseetti ittifufee, kan Darguurratti dhaabbateedha.
Muuxannoofi mudannoon akkanaa biyya keenya qofa osoo hintaane biyyoota Awurooppaattis bataskaanni Kaatoolikii kanuma gochaa turte. Muuduu qofa mitii mulqoofis aangoo guddaa akka qaban seenaan ni mirkaneessa. Garaagarummaan jiru bataskaanni Kaatolikii siyaasa keessaa yeroon kan baate yoo ta’u kan keenya ammallee harka lafa jalaatiin waan jiru fakkaata, heerri amantiifi siyaasni gara garaa jedhee tumamullee.
Ka’umsaaf kana jedhe gara mataduree kootiitti haa deebi’u. Gochawwan seermalee bataskaanotaan da’eeffatamanii naannoo keenyaafi biyyattii keessatti raawwataman maal fakkaatu? Gochawwan seermalee kanneen duuba eenyutu jira? Akkamitti ittisuun danda’ama? Gaaffiilee deebii barbaadaniidha.
Aadaafi Afaan Oromoorratti Duuluu: Sirni Naafxanyaa “ogeessota” bataskaana da’eeffatanii aadaafi seenaa Oromoorratti duulan filatee Oromiyaattti erguunsaa hinhaalamu. Tarsiimoon Oromoo Amaaressuun ittiin gaggeeffame keessaa tokko. Ammas duulli kun seermaleeyyii bataskaana da’eeffataniin akka gaggeessan mallattoowwan agarsiisan ni jiru. Kana fakkeenya tokko tokko kaasuudhaan haa ilaallu.
Gareewwann bataskaana da’eeffatanii siyaasa olaantummaa saba tokkoo oofan kun gama tokkoon aadaa, seenaafi Afaan Oromoorratti duulu. Milkaa’uullee baatan Afaan Oromoo afaan hojiifi barnootaa akka hintaane yaaliin godhan salphaa hinturre. Qoosaas ta’u dhugaa taabonni tokko “Ani qubee jibbe, hanga qubee balaaleffattanitti hinsocho’u” jedhee gaafa Ayyaana Cuuphaa bakka jiruu socho’uu diduusaa maal akka mul’isu nama beekuuf ni gala.
Ammallee warren godinaalee tokko tokko keessatti lallaba fakkeessanii afaaniifi aadaa Oromoo dhiibaa jiran amantiiraa adda baafamanii ilaalamuu qabu. Warri, abbootii amantiifi hooggantoonnisaanii jarreen lo’anii isaan keessa galanii seenaa saba tokkoo xureessanii kan saba biraa guddisuuf wixxirfatan, afaan saba tokkoo faarsaa kan saba biraa akka badu dhaadhessan akkasumas ummataafi ummata walitti buusuuf yaalan to’ataniif asumaanan dhaamsa dabarsaaf.
Seermaleeyyiin bataskaana maandheeffatan faallaa aadaafi seenaa Oromoo waan dhaabbataniif Afaan Oromoo bataskaana sana keesatti akka lallabamu eeyyamuuf fedhii hinqaban. Kanneen amantii wajjin walqabatanirratti rakkoon jiraachuu baatullee, suuraawwaniifi fakkiiwwan bataskaana keessatti kaafaman olaantummaa aadaafi aartii saba tokkoo waan mil’isaniif kun xiinsammuu Oromoorratti dhiibbaa waan qabuuf gochi akkanaa dhaabbachuu qaba.
Lafa Oromoo saamuu: Seermaleeyyonni bataskaana keessa jiran kunniin tarsiimoon lafa Oromoo ittiin saaman keessaa tokko taabotatti fayyadamuudha. Fakkeenyaaf, “taabonni asitti bu’e” ykn “Abjuudhaan Waaqayyo natti agarsiise” jedhanii lafa qonnaan bulaa gowwoomsanii maqaa taabotaatiin irraa fudhachuun Oromiyaa keessatti aadeffamaa jira. Kun fagoo osoo hindeemin dhiyeenya kana Finfinnee, naannawa Koyyee Facceetti mul’ateera.
Kun Finfinnee maddii waan ta’eef dafee fashalaa’e malee bakka biraatti osoo hinjaalatin lafa kennanii deemuun ala filannoon biraa waan jiru hinfakkaatu. Kun tooftaa ammaan tana Tuulama keessatti bal’inaan raawwatamaa jiruufi lafti Oromoo itti saamamuudha. Gama kanaan salphaadhumatti lafa maqaa bataskaanaatiin Finfinneefi magaalota naannawa Finfinnee keessatti qabatamee jirtu ilaaluun gahaadha.
Tooftaan lafti ittiin saamamaa jiru kan biraa xabala. Burqaawwan keenya kanneen ummanni waggoota dheeraaf bishaan irraa dhugaa ture xabalatti ‘jijjiiranii’ ummata ittiin saamuufi lafa irraa fudhachuuf itti gargaaramaa jiru. Qeesii fakkaatanii baadiyyaa deemanii burqaa namni dhugu ‘xabala’ jedhanii maqaa itti moggaasanii itti dalleeffatu.
Kana qaamni mootummaas osoo arguu faayidaan ykn amantiin qabamee bira darbama. Sababa kanaan namni keenya bakka bishaan irraa dhugu akka dhabu taasisuu maddiitti lafa naannawa sana jiru akka gadi lakkisan taasisu. Achumaan bataskaana irratti ijaaru. Ittaansee qeesii aadaafi Afaan Oromoo hinbeekne irra qubsiisanii Oromoorratti duulu.
Booda lafa sana lafa qubannaa taasisanii sanyii lakkaa’anii ijaarsa seeran alaa irratti jalqabuun seermaleeyyii diriirsu. Kan tajaajilaa fakkaatee achitti galu gochaansaa waan biraati. Kanaaf mootummaan naannoo kanatti xiyyeeffannaa kennnee hojjechuu qaba. Laftis karaa seeraa qofaa akka kennamuuf taasisuun irraa eegama.
Ijaarsa seeraan alaa seera qabsiisuuf yaaluu: Taajjabdanii yoo jiraattan bakka ijaarsi seeran alaa jiruu bataskaanni Ortodoksii hindhabamtu. Ani masjiida argee hinbeeku. Seermaleeyyin lafa naannawa Finfinnee weeraran gochaansaanii kan duraa maallaqa walitti buusanii bataskaana ijaaruudha. Gama kanaan namoonni amantii kana hinhordofnellee buusii kana keessatti akka hirmaatan ni odeeffama.
Buusiin walitti bu’ee lafa qonnaan bulaarraa bitamee bataskaanni irratti ijaarama. Mootummaan dhaabbilee amantiitti waan hinbuuneef, lafti seeraan alaan irra qubatan akka jalaa hinxuqamnetti yaadama. Kanaaf, gandoota Oromiyaa naannawa Finfinnee jiran ilaaluun gahaadha. Yoo mootummaan tasa namoota seeraan ala qubatan kaase hoolqisaanii bataskaana ta’ee achii falmiin biraa gaggeeffama. Kan Laga Xaafootti mul’ates kanuma. Gaara Hococaa naannawa Alambaankittis dhugaa kanatu mul’ata. Bakkeewwan kaanittis. Kanaaf dhimmi kunis xiyyeeffannaa mootummaa kan barbaaduufi seera qabachuu maluudha.
Nageenya jeequu: Seermaleeyyii kanneen wajjin walqabteenaannoo Oromiyaa keessatti gochawwan nageenya jeequu mul’achaa akka jiran ni shakkama. Bara 1985 seermaleeyyiin kunniin Oromoota Arsiirratti midhaa guddaan akka dhaqabsiisan ni beekama. Ammas oduuwwan jidduu kana bahan meeshaaleen waraanaa bataskaana keessatti qabamaa akka jiraniidha. Kunimmoo namoonni achi keessa jiran amantii dahoo godhatanii ajandaa siyaasaa oofaa akka jiran muli’sa.
Kana malees alaabaan isaan bataskaanatti maran hiikasaa ilaaluun maal akka yaadaa jiran nama hubachiisa. Madda walitti bu’iinsaas ta’uu danda’a. Kanaafuu, warra mana amantii dahoo godhatanii nageenya keenya jeeqaa jiranirratti mootummaan tarkaanfii sirreessaa fudhchuu qaba.
Akka waliigalaatti tooftaan Oromoo Amaaressuu ykn qabeenyaasaa saamuuf gargaaraa turan lama cabaniiru. Amma loltuun nafxanyaa hinjirtu. Barumsis eddii Afaan Oromootti jijjiramee gadaawwan sadii ol ta’eera. Amma kan hafe tokko. Innis bataskaana Ortodoksiiti.
Rakkoowwan gubbanatti eerre kanneen maqsuuf bataskaanni tun daftee Naannoo Oromiyaatti Afaan Oromootiin tajaajiluu qabdi. Yoo kana ta’e rakkoowwan seermaleeyyii kun hanga tokko ni caba. Kan biraa ummanni keenya wantoota amantii da’eeffatanii itti dhufan xiinxalee adda baasuun kanneen mirgasaa xuqaniin falmuu qaba. Mootummaan gamasaatiin seermaleeyyi kanneen seera qabsiisuun irraa eegama; osoo amantiitti hinbu’in.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrotiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
4 Comments to “Seermaleeyyii bataskaana da’eeffatan”